Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 1

Kabajamtoota hordoftoota sammubani.com ammas baga nagahaan tafsiira Qur’aana haala gabaaba fi ifa ta’een walitti deebine. Har’as gargaarsa Rabbii guddaa olta’aatin ibsa (tafsiira) suuratu Luqmaan ni ilaalla. Dhugumatti suurahn (boqonnaan) tuni hariiroon abbaa fi ilma jidduu jiru fi gorsi dursaa abbaan ilmaaf kennu maal ta’uu akka qabu ibsiti. Dhugumatti, gorsi jalqabaa abbaan ilmaaf kennu tawhiidatti ajajuu fi shirkii irraa dhoowwudha. San booda amaloota gaggaarii biroo gorsuu itti fufa. Suurah tana gara jidduutti haqa haadhaa jabeessa.

Gabaabumatti suuratu Luqmaan tawhiida, amaloota gaggaariitti ajaju, amaloota badaa irraa dhoowwu fi haqa haadha abbaa eegu irra naannofti. Kabajamtoota hordoftoota keenya! Akkuma tafsiira darban irraa beekumsa mi’aawa qalbii namaa jiisu fi sammuu boqonnaan guutuu argachaa turtan ammas akka argattan abdiin guddaan qaba. Kanaafu, hanga dhumaatti waliin haa turru.

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

“Aliif Laam Miim. Kuni keeyyattoota Kitaaba ogummaan guuttameeti. Toltuu hojjattootaaf qajeelfamaa fi rahmata. Isaan warra salaata sirnaan salaatan, zakaa kennanii fi Aakhiratti dhugaan amananiidha. Isaan sun qajeelfama Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiru, isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.” Suuratu Luqmaan 31:1-5

“Kuni keeyyattoota Kitaaba ogummaan guuttameeti.” Ogummaa (hikmaa) Ingiliffaan Wisdom jedhama. Akkuma beeknu ogummaan (wisdom) wanta hunda caalaa sirrii kan ta’ee fi hunda caalaa faayda qabuudha.

Aayaanni (keeyyattoonni) Qur’aanaa Rabbii Hakiim (Ogeessa) ta’e irraa waan bu’aniif dubbii ykn yaada ykn murtii hunda caalaa sirrii kan ta’anii fi faayda guddaa qabaniidha. Dubbiin Qur’aanaa, amantin Qur’aanni itti ajajuu fi murtiin isaa dubbii, amantii fi murtii hunda caala sirrii kan ta’ee fi ilma namaaf faayda guddaa kan fiduudha.

Toltuu hojjattootaaf qajeelfamaa fi rahmata.” Qur’aanni namoota isa qabataniif qajeelfamaa fi rahmata. Karaa qajeelaatti isaan qajeelcha, karaalee ibiddaa irraa isaan akeekachiisa. Ammas isaaniif rahmata. Kana jechuun sababa Qur’aanatiin gammachuu addunyaa fi Aakhiraa, kheeyri baay’ee, mindaa guddaa argatu, jallinnaa fi dararaan isaan irraa ittifama.[1]

Kanarratti hundaa’e nama beekumsaa barbaadun Qur’aana qabadhu jenna. Sababi isaas, Qur’aanni qajeelfama. Nama rahmata barbaade hundaafis Qur’aana qabadhu jenna. Qur’aanni rahmata waan ta’eef. Qur’aanni warra toltuu hojjataniif qajeelfamaa fi rahmata.[2]

Toltuu hojjattoota (muhsiniin)” warra ibaadaa bareechisanii fi namootatti tola oolaniidha. Kanaafi itti aanse akkana jechuun isaan ibse: “Isaan warra salaata sirnaan salaatan, zakaa kennanii fi Aakhiratti dhugaan amananiidha.”

Salaata sharxii fi arkaana isaa eeganii sirnaan salaatun ibaadaa bareechisuu keessaa tokkoodha. Zakaa kennuun immoo namootatti tola ooludha. Kunniin lamaan kan nama fayyadan yoo Aakhiratti amananiidha. Kanaafu, warri toltuu hojjatan kunniin Aakhiratti shakkii tokko malee amanu.

Isaan mindaa (ajrii) ganda Aakhiratti argatan jala muranii waan mirkaneefataniif mindaa hojii isaanii Rabbii olta’aa qofarraa kajeelan. Mindaa hojii isaanii namoota irraa hin barbaadan, isaanirraa galata hin eegan. Na argaafis hin hojjatan.

“Isaan sun qajeelfama Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiru, isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.” Kana jechuun toltuu hojjattoonni (muhsinuun) karaa haqaa fi ifa Gooftaa isaanii irraa dhufe irra deemu. Ammas isaan warra jaalala Gooftaa isaanii, mindaa addunyaa fi Aakhira argatanii fi dallansuu fi adabbii Isaa jalaa nagaha bahaniidha. Kunis sababa isaan karaa nagaha ittiin bahanii fi milkaa’innaa irra waan deemaniifi.

Rabbiin subhaanahu wa taa’aalaa warra Qur’aanan qajeelanii fi isatti garagalan erga dubbatee booda nama Qur’aana irraa garagale dubbate.[3] In sha Allah kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla.

Qur’aanni karaa qajeelaa jaalala Rabbiitti fi Jannatatti nama geessutti nama qajeelcha. Karaa dallansuu Isaatii fi Jahannamitti nama geessu irraa nama akeekachiisa. Kanaafu, Qur’aanni warra isa qabateef qajeelfama.

Namoonni Qur’aana qabatan gammachuu fi tasgabbii qalbii argatu, addunyaa fi Aakhiratti kheeyri baay’ee argatu. Kanaafu, Qur’aanni isaaniif rahmata.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Sa’dii-759
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, fuula-16
[3] Tafsiir Sa’dii-759, Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iq tadabbur-11/689

Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 2
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Xumura

Leave a Reply