Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti Qur’aanni namoota isa qabataniif qajeelfamaa fi rahmata akka ta’e ilaalle jirra. Uumamaanu namni jecha gaarii irraa yoo gore jecha gadi bu’aa fi faaydi hin qabne filata. Qur’aanni jecha hundarra gaarii ta’eedha. Kanaafu, namni Qur’aana irraa garagale jecha fafee fi faaydi hin qabne filata. Aayah armaan gadi keessatti dhugaa kana ni arganna:

“Namoota keessaa nama beekumsa malee karaa Rabbii irraa jallisuu fi qoosa godhachuuf dubbii taphaa bitatu jira. Isaan sun adabbii salphisaatu isaaniif jira. Yommuu keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifaman, akka waan hin dhageenyetti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu of tuulaa ta’ee garagala. Adabbii laalessaan isa gammachiisi.” Suuratu Luqmaan 6-7

“Namoota keessaa nama beekumsa malee karaa Rabbii irraa jallisuu fi qoosa godhachuuf dubbii taphaa bitatu jira.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa as keessatti haala warra Qur’aana irraa garagalanii dubbata. Namoonni kunniin wanta faayda qabu irraa dubbii nama jaataneessu (koo’omsu) ittiin bashannanuuf filatu, qabeenya ofii baasu.

Lahw: wanta gatii hin qabne kan nama ko’oomsuudha (biizi nama godhuudha).[1]

Dubbii taphaa keessa wantoonni kunniin ni seenu: muuziqaan, sirbii, afoola dubbisuun, moovin, fiilmii fi diraamaan faayda hin qabne, inumaa gara badiitti nama harkisan hundi dubbii fi gochoota taphaa faaydi homaatu hin qabneedha. Dubbiin taphaa faaydan keessa hin jirree baay’eedha. Gabaabumatti, dubbiin taphaa dubbii gatii hin qabne wanta faayda qabu irraa nama ko’oomsudha. Abdullah Ibn Mas’uud dubbiin taphaa maal akka ta’e yommuu gaafatamu, Rabbii haqaan gabbaramaan Isa malee hin jirreen kakadhe, dubbiin taphaa sirba jedhe.[2]

Dhuguma jedhe sirbi ykn muuziqaan dubbii taphaa faaydi hin qabne keessaa tokkoodha.

“beekumsa malee karaa Rabbii irraa jallisuuf” Kana jechuun xumurri tapha faaydi hin qabnee irratti yeroo gubuu karaa Rabbii qajeelaa irraa mataa ofiitii jallachuu fi namoota biroo jallisuu akka ta’uufi. Jallachuu fi jallisuun kuni osoo isaan dhuma badaa hin beekin argamuu danda’a.

Xumurri Qur’aana irraa garagaluun dubbii taphaa faaydi hin qabne filachuu: ofii fi namoota biroo jallisuudha.

Sheeyxanoonni jinnii fi namaa dhiibbaa wanti kuni namoota keessatti qabu hubatanii jiru. Kanaafu, karaa Rabbii qajeelaa irraa namoota jallisuu fi karaa kanarraa fageessun qilee badiitti kuffisuuf tapha daangaa hin qabnee ni uuman. Namoonni yeroo isaanii wanta faaydi hin qabne irratti akka gubanii fi karaa Rabbii irraa jallataniif wantoota taphaa faaydi hin qabne gama Televizhinii, interneeti, gaazexaa fi kkf raabsuuf qabeenya baay’ee gadi dhangalaasu. Filmii hanga kutaa 100 caalu hojjachuun raabsu. Kuni hundi dubbii taphaa karaa Rabbii irraa namoota jallisuuf hojjataniidha.

Mufassiroonni gariin akka jedhanitti asitti bitachuu jechuun filachuu fi jaallachuudha. Hiikni kunis sirriidha. Sababni isaas, namoonni gariin osoo maallaqaan hin bitin dubbii taphaa faaydaa hin qabne kan akka sirbaa filatanii fi jaallatantu jira. Qur’aana dhageefachuu dhiisanii muuziqa dhageefachu jaallatu.

Bitachuun maallaqaanis kan ta’uudha. Filmii fi muuziqa hojjachuuf ykn bituuf maallaqa meeqatu dhangala’aa.  

 “qoosa godhachuuf” kana jechuun karaa Rabbii gammachuu abadiitti nama geessu qishnaa godhata.  

Akkuma uumama namaa irraa beekkamu, namoonni yommuu faayda addunyaa irraa wanta isaan bashanansiisutti yoo rarra’an, wanta kanarraa isaan garagalchu hunda xiyyeefannoo itti kennu akka hin qabnetti ilaalu. Yommuu wanta kanatti waamaman, itti qoosu, qishnaa godhatu. Nama isaan waamus akka gowwaatti ilaalu.

Akka fakkeenyaatti, namoota tapha isaanii keessatti lixan biratti yommuu salaanni gahuu fi namni tokko salaata akka salaatan isaan waame, waamicha isaa ni jibbu. Salaatatti ni qoosu.[3]

Karaan Rabbii Islaama. Gabaabumatti, namoonni dubbii taphaa faaydi hin qabne bitatan kunniin, nafseen isaanii wanta faaydi hin qabnetti waan rarraatef, Islaamatti ni qoosu. Salaata, Qur’aana, hadiisota Nabiyyii fi murtiiwwan Islaamaatti ni qoosu. Namoonni akkana kunniin “adabbii salphisaatu isaaniif jira.” Kana jechuun adabbii isaan salphisutu isaaniif jira. Yommuu isaan of tuulanii fi guddaa akka ta’anitti of ilaalanii aayaata Rabbiitti qoosan, wantuma yakka isaanii fakkaatun adabaman. Yeroo hundaa addunyaa fi Aakhiratti jazaan gosa hojiitini.

Namtichi aayaata Rabbii qoosa godhatu kuni kaayyoon isaa namoota keessatti sadarkaa aayaata kanniini gadi buusufi. Kanaafu jazaan isaa Rabbiin adabbii isa salphisuun jazaa isaaf kafaluudha.[4]

“Yommuu keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifaman, akka waan hin dhageenyetti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu of tuulaa ta’ee garagala. Adabbii laalessaan isa gammachiisi.”

Keeyyanni tuni waa’ee nama Aakhiratti hin amannee dubbatti. Aakhiratti amanuu dhiisun isaa kuni karaa Rabbii qajeelaa keessa akka deemuf wanta isa waamu akka dhimma faaydi hin qabneetti akka ilaalu isa taasise. Akkasumas, wanta karaa Rabbii isaaf ibsu dhageefachuuf umrii isaa irraa yeroo isaa gubaa akka jiruutti akka yaadu isa taasise. Kanaafi, yommuu keeyyattoonni Qur’aanaa isa irratti dubbifaman, nama isaan dubbisuutti dugda isaa naanneessee jibbuu fi of tuuluun irraa fagaata.

Garagalee deemuun isaa jibbiinsa inni keeyyattota Qur’aanaatiif qabu agarsiisa. Of tuulinsa isaa immoo jechi Rabbii: “Mustakbiran (of tuulaa ta’ee)” jedhu ni agarsiisa.Kana jechuun keeyyattoota Qur’aanaa dhimmoota ol’aana xiyyeefannoo itti kennu qabanii gadi akka ta’anitti ilaala.

Kitaaba Rabbii keessatti aayaata Isaa irraa waa dubbisuun sammuu isaa hin qaxxaamuru. Sababni isaas, inni Qur’aanatti hin amanu. Garuu Muslimni dhugaan amanee aayaata Qur’aanaa isarratti dubbisuu danda’a. namni of tuulaan kunis yommuu aayata Qur’aana kana dhagayu, nafseen isaa ni sunturti, dhageefachu irraa ni dheessa. Sababni isaas, aayaanni kunniin wantoota inni itti hin amannee dubbatu.[5]

Yommuu aayanni isarratti dubbafaman akka waan hin dhageenye irraa garagala, inumaa gurra isaa keessa duudummaan akka waan jiruutti irraa dheessa. Nama akkanaa qajeelchuuf tooftaan hin jiru. “Adabbii laalessaan isa gammachiisi.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa adabbii qalbii fi qaama isaa dhukkubsu isatti beeksisi.[6]

Namni Aakhiratti hin amanne Qur’aana hubannaan dubbisuus hin barbaadu, yeroo isarratti dubbifamuus irraa garagala. Qur’aanatti xiyyeeffannoo guddaa hin kennu. Inumaa irratti of tuula. Namni kuni gocha akkanaa irraa yoo hin deebi’in, adabbii laalessaatu isaaf jira.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/691
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-6/108
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/690-693
[4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 33
[5] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/694
[6] Tafsiir Sa’dii-760

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 3
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply