Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Badhaasa warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatanii

“Dhugumatti, warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, isaaniif Jannatoota qananiitu jira. Isaan achi keessa yeroo hunda turu. [Kuni] waadaa Rabbii haqa ta’eedha. Inni Injifataa, Ogeessaa.” Suuratu Luqmaan 31:8-9

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbii warra Aakhiratti hin amannee fi aaya Isaatti qoosan erga dubbate booda, badhaasa warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatanii dubbate. Iimaanni bakki isaa qalbiidha. “warri amananii…” Kana jechuun wanta itti amanuun dirqama ta’etti amanan. Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan wanti dirqama ta’e kuni: arkaana jahanii. Isaanis: Rabbiitti, malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti amanuudha. “hojii gaggaarii hojjatan”… hojiin gaariin wanta ulaagaalee lama hammate hundadha. Ulaagaaleen kunis: Rabbiif hojii qulqulleessu (Ikhlaasa) fi Rasuula (SAW) hordofuudha.

“isaaniif Jannattoota qananiitu jira.” “Jannattoota” heddumminna Jannataati. Gosootaa fi sadarkaa baay’ee waan qabduuf Jannattoota jedhamuun maqaa heddumminaatin waamamte. Akka lugaatti Jannata jechuun ashaakilti mukkeen baay’ee of keessaa qabduudha. Jannata jedhamuun kan waamamteef nama ishii keessa jiru waan haguugdufi.

Jannanii muttaqoonni (warri Rabbiin sodaatan) waadaa galaman immoo ganda Rabbiin warra Isatti amananii fi sodaataniif qopheessedha. Jannata keessa wanta ijji hin argine, gurri hin dhageenyee fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurretu jira. Tuni Jannata Rabbiin muttaqootaaf qopheessedha.

Jannattoota qananiitu…” Qananiin jecha wali galaa gammachuu qalbii fi mijaa’inna qaamaa hammattuudha. Namni Jannata keessatti keessaa alaan ni qananifama. Garuu addunyaa keessatti dhimmoonni lamaan bakka tokkotti walitti hin dhufan. Yeroo baay’ee namni qaamni isaa qananii’e qalbiin isaa gaddaa fi adabbiin dhiphatti. Rabbiin nu haa tiiksuti, namoota keessaa nama qaamni fi qalbiin isaa dararamutu jira. Garuu warri Jannataa Rabbiin gammachuu qalbii fi mijaa’inna qaamaa bakka tokkotti isaaniif godhe.

“Isaan achi keessa yeroo hunda turu.”  Kana jechuun Jannata keessa zalaalami jiraatu. “[Kuni] waadaa Rabbii haqa ta’eedha.” kana jechuun Rabbiin waadaa haqaa shakkii fi diiggaan keessa hin jirre isaaniif seene.[1] Guyyaa Murtii Jannata akka isaan seensisuu Rabbiin waadaa haqaa isaaniif seene jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhugummaa fi dandeettin Isaa guutuu waan ta’aniif waadaa Isaa hin diigu. Waadaa diigun karaa lamaan dhufa:
1ffaa-Takkaa namni waadaa seene kijibaa ta’uu. Inni dhugaa hin dubbatu.
2ffaa-Takkaa immoo inni dhugaa dubbata garuu wanta waadaa galee guutuu irraa ni dadhaba.

Dhimmoonni lamaan kunniin Rabbii olta’aa irraa kan dhabamaniidha. Inni kijiba irraa qulqulluudha. Dadhabinna irraayyis qulqulluudha. Kijibaa fi dadhabbinna irraa qulqulluu erga ta’ee, dhugummaa fi dandeettin Isaa guutuu ta’uu qabaa jechuudha. Kanaafu, wanti Inni waadaa gale ni mirkanaa’a.[2]

“Inni Injifataa, Ogeessaa.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayaata tanniin maqaalee Isaa keessaa maqaalee lama gurguddaa waadaa Isaatiin walitti galaniin goloobe.

Injifataa: kana jechuun Abbaa Humnaa Injifataa hin moo’atamne, hanga fedhe haa guddatu wanta fedhe bakkaan gahuu irraa homtu kan Isa hin dadhabsiifnedha. Kanaafu, waadaa Isaa hojii irra oolchu irraa homtu Isa hin dhoowwu.

“Ogeessaa”- kana jechuun wanta hundaa haala sirrii ta’een bakka isaaf malu Kan kaa’udha.[3]

Wantoota Dandeetti Rabbii ol’aanaa Agarsiisan Keessaa:

31:10

[Rabbiin] samiiwwan utubaalee argitaniin malee uume. Akka isiniin hin sochoonef gaarreen gadi dhaabbatoo dachii keessa kaa’e. Lubbu-qabeenyi hunda irraa ishii (dachii) keessa facaase. Bishaanis samii irraa buufnee biqiltoota gosoota gaggaarii hunda irraa ishii keessatti magarsine.” Suuratu Luqmaan 31:10

Aayah tana keessatti guddinna dandeetti Rabbii olta’aa wantoota agarsiisan garii dubbata. “[Rabbiin] samiiwwan utubaalee argitaniin malee uume.”  Kana jechuun samii torban garmalee gurguddatan kanniin utubaalee malee uume. Samiin utubaa ittiin dhaabbattu hin qabdu. Osoo utubaa qabaatte, silaa ni mul’ataa ture. Garuu samiin dandeetti Rabbiitiin bakka ofiitti qabamtee tasgabboofte.  

“Akka dachii irratti hin kufne samii ni qaba, hayyama Isaatiin yoo ta’e malee.” Suuratu Al-Hajj 22:65

Akka isiniin hin sochoonef gaarreen gadi dhaabbatoo dachii keessa kaa’e.” Kana jechuun akka dachiin isiniin hin kirkirre gaarreen gurguddoo gadi dhaabbatoo ta’an dachii keessatti gadi dhaabe. Osoo gaarreen gurguddoon kunniin jiraachu baatanii silaa dachiin hin tasgabbooftu turte. Sababni isaas, dachiin gara hundaan bishaaniin tan marfamteedha. Wanti tokko bishaan keessa yommuu kaa’amu ni socha’a, ni kirkira. Kuni shakkii hin qabu. Kuni erga akkana ta’e wanti madaala isaa eegu jiraachu qaba. Wanti kunis gaarreeni. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akka namootaan hin sochoone dachii keessa gaarreen kaa’e.[4]

Lubbu-qabeenyi hunda irraa ishii (dachii) keessa facaase.” Kana jechuun gosoota lubbu-qabeenyi hunda dachii keessa bittineesse. Lubbu-qabeenyi kanniin dachii keessa erga facaase booda sooranni ittiin jiraatan isaaniif ni barbaachisa. Kanaafu, samii irraa bishaan barakaa qabuu buuse. “biqiltoota gosoota gaggaarii hunda irraa ishii keessatti magarsine.” Kana jechuun gosoota biqiltoota hunda irraa ijaan yommuu ilaalan kan bareedanii fi faayda qaban biqilchine.[5]

31:11

“Kuni uumama Rabbiiti. Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Dhugumatti, zaalimoonni jallinna ifa galaa keessa jiru.” Suuratu Luqmaan 31:11

“Kuni uumama Rabbiiti.” Kana jechuun samiiwwan utubaa malee umuun, gaarreen dachii keessatti dhaabun, lubbuu qabeenyi facaasun, bishaan samii irraa buusu fi bishaan kanaan biqiltoota biqilchuun wantoota Rabbiin qofti uumedha. Hanga mushrikootaan gahuutti kana namni hundu ni amana. “Kanneen Isaa gadi jiran wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa.” Kana jechuun wanta warri isin Rabbiin waliin gabbartan uuman mee natti agarsiisaa. Sanamoonni isin Rabbii gaditti gabbartan wanta uuman qabuu? Waliyyin ykn uumamni biraa isin waaqefattanii fi faarsitan wanta uuman qabuu? Kanarratti hundaa’e akkuma Rabbiin uumee isaaniis uumu qabu, akkuma Inni rizqii kennu isaaniis rizqii kennu qabu. Ibaada haqa godhachu ilaalchise wanti isin odeessitan sirrii akka ta’uuf kana irraa yoo waa qabaatan mee natti agarsiisaa?

Akkuma beekkamu, Rabbiin ala Khaaliqni jiraachu hin danda’u. Kanaafu, Isa waliin wanti biraa gabbaramuun hin ta’u. Sababni isaas, Khaaliqni Rabbiin malee akka hin jirre erga mirkaneessitanii, Rabbiin malee gabbaramaan akka hin jirre mirkaneessuun isin irraa eeggama. Akkuma Gooftummaa mirkaneessitan, uluuhiyyah mirkaneessunis dirqama.

Dubbiin erga akkana ta’ee, Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) beekumsa maleedha. Inumaa wallaalummaa fi jallinna irraa kan maddeedha. Kanaafi akkana jedha: “Dhugumatti, zaalimoonni jallinna ifa galaa keessa jiru.” Kana jechuun mushrikoonni yommuu Khaaliqa soorata namaaf kennu fi dhimmoota hunda too’atu gabbaruu dhiisanii wanta nama hin miine, hin fayyanne, hin ajjeesnee fi hin kaasne gabbaran jallina ifa bahaa keessa jiru.[6]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Xabarii-18/542
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 45-48
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/698
[4] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 56, Tafsiir Sa’dii-760
[5] Tafsiir Sa’dii-760 [6] Maddoota olii

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 4
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply