Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Hikmaa Luqmaan
Luqmaan nama ogeessaa fi gamna ta’eedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gamnummaa ni kenneef. Qananii kana akkana jechuun dubbata:

31:12

“Luqmaaniif hikmaa kennine: Rabbiif galata galchi. Namni galateefate kan inni galateefatu lubbuma isaa qofaafi. Namni kafare, dhugumatti Rabbiin Dureessa, Faarfamaadha.” Suuratu Luqmaan 31:12

Kana jechuun gabroota Keenya keessaa gabricha gaarii kan ta’e Luqmaaniif hikmaa kennine. Asitti Hikmaa jechuun hubannoo amanti qabaachu, gamnummaa, dubbii fi hojiin sirrii ta’uudha. Kanaafu hikmaan wantoota gurguddaa lama of keessatti qabata:
1ffaa- beekumsa sirrii fi gadi fagoo qabaachu
2ffaa-Hojii fi dubbiin sirrii ta’uudha.

Tarii namni beekaa ta’ee, garuu hikmaa kan hin qabne ta’uu danda’a.[1] Kunis, beekumsa sirrii qabu san bakka sirrii ta’etti yoo itti hin fayyadamin, inni hikmaa hin qabu jechuudha. Jecha biraatin, inni gamnaa miti. Sababni isaas, beekumsa sirrii qabu kana bakka sirrii ta’etti hojii irra hin oolchine. Akkuma beekumsi isaa sirrii ta’e hojiin isaas haala beekumsaan walitti galuun sirrii ta’uu qaba.

Hikmaan ingliffaan “wisdom” jedhama. Namni hakiim (gamna) ta’e nama beekumsaa fi amanti sirrii qabu, hojii sirrii hojjatu fi dubbii sirrii dubbatuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Luqmaanif hikmaa kennuun “Rabbiif galata galchi.” Jechuun ajaje. Rabbiif galata galchuun mataan isaatu hikmaadha. Sababni isaas, namni Rabbiif galata galchu qananii isaaf kenname beekun wanta isarraa eeggamu fi sirrii ta’e hojjata. Akkuma irranatti jenne hikmaan beekumsa sirrii qabaachu fi hojii fi dubbii sirrii hojjachuudha.

Shukrii (Galata galchuu) jechuun qalbiin amanuun Kan nama qananiiseef ajajamuu, arrabaan Isa faarsu fi qaaman wanta itti ajaje hojjachuudha. Kanaafu shukriin wantoota sadiin wal qabata: arraba, qalbii fi qaama.

“Namni galateefate kan inni galateefatu lubbuma isaa qofaafi.” Kana jechuun namni Rabbii isaa galateefate, faaydan kanaa isumarratti deebi’a. mindaan (sawaabni) shukrii isaa isumatu argata. Galata galchuun isaa Rabbiin hin fayyadu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii gaggaarii namoonni hojjatanitti hin fayyadamu. Akkasumas, badii isaan hojjataniin hin miidhamu.[2]

 “Namni kafare, dhugumatti Rabbiin Dureessa, Faarfamaadha.” Kana jechuun namni Rabbiif galata galchu didee fi qananii Isaa waakkate, Rabbiin galata isaa irraa dureessa, itti hin hajamu. Haala hunda irratti Inni Faarfamaadha.[3]

Namni Rabbiif galata galche, nafsema ofii fayyada. Sababni isaas, qananii isaaf dabalamti, ajrii galata galchuu Guyyaa murtii ni argata. Namni Rabbiif galata galchuu didee immoo, kana jechuun Isaaf ajajamuu dide, ofuma miidha. Sababni isaas, namni kuni adabbii Rabbii cimaa ta’eef of saaxila. Ni jedha:

14:7

Yeroo Gooftaan keessan [akkana jechuun] labse [yaadadhaa], “Yoo galateefattan [qananii Kiyya irraa] isiniifin dabala. Yoo kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7
Kana jechuun Gooftaan keessan akkana jechuun beeksise: qananii Ani isiniif kenneef yoo Na galateefattan, qananii tana irraa isiniif dabala. [Galata galchuu dhiisun] yoo qananii Kiyya waakkattan, adabbiin Kiyya garmalee cimaadha. Kunis qananii kana irra fudhachuu fi isaan adabuun ta’a.[4]


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-11/708-709, Tafsiir Sa’dii-760, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 72, Tafsiir Muyassar-412
[2] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Luqmaan, Ibn Useymiin- fuula 74-75
[3] Tafsiir Muyassar-412
[4] Tafsiir Ibn Kasiir-4/597-598

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply