Sababa fi Furmaata waliin Oduu warraa Duubatti Deebi’anii-kutaa 11

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti sababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan ilaalle jirra. Har’as itti fufuun kutaa itti aanu ni ilaalla.

12-Wareegama kafaluu dhiisu
Namni Rabbiif jedhee wanta tokko dhiisee wanta san caalu bakka buusaaf. Kunoo asitti nama Islaama qabatee ergasii kanaaf gatii kafaluu ykn amanti isaa tiikfachuu fi Islaama isaa gargaaruuf wanta barbaadu garii wareegu hin barbaannetu jira.

Dhugumatti Islaamaa qabachuuf jedhanii wareegamni wanta baay’ee barbaachisaa ta’ee fi hafuu hin qabneedha. Dirqamni nama Islaama qabate irra jiruu, hanga fedhe qaali haa ta’u Islaama qabachuu isaatiif gatii kafaluu kamiittu dhimmamu hin qabu. Kunoo Suheyb (radiyallahu anhu) Ergamaa Rabbii (SAW) qunnamuuf akka karaa isaaf bal’isan Qureeshotaaf qabeenya isaa kenna. Jazaan (mindaan) isaa Rabbiin yaadannoo isaa addunyaa keessatti olkaasu fi Qur’aana hanga Guyyaa Qiyaamaatti qara’amu buusudha:

2:207

“Namoota keessa jaalala Rabbii barbaaduun nama nafsee isaa gurgurutu jira. Rabbiin gabrootaaf mararfataadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:207
Muslimni meeshaan Rabbii garmalee wuddii akka taate beeku qaba. “Dhagayaa! Dhugumatti, meeshaan Rabbii qaalidha, dhagayaa meeshaan Rabbii Jannata.”

Asitti gaafataan akkana jechuun gaafata: “Islaama qabachuu kootiif gatiin ani kafaluu maalidhaa?” Anis akkana jedha: “Hiriyyoota babbadoo irraa fagaachudha.”
Kunoo asitti nama hirriyyoota waliin taa’utti booharutu jira. Garuu hiriyyaan inni waliin taa’u kuni kheyri irratti isa hin gargaaru, itti hin kakaasus. Kanaafu, isa waliin taa’u irraa faaydan abdatamu hin jiru.
Kunoo wareegamni nama akkanaa dhiisuuf dhufa. Isa dhiisuuf hin gaddin. Sababni isaas, hiriyyaa badaa kanarraa addaan bahuu caalaa amanti dhiisuun garmalee hamaadha. Hiriyyoonni babbadoon kee sii fi amantii keetitti ni qoosu, si jallisu. Wanta namni Rabbiin haala armaan gadiin dubbate itti kufetti atis itti hin kufin:

Guyyaa zaalimni “Yaa hawwii koo! Osoo Ergamaa wajjiin karaa sirrii qabadhee maal qabaa” jedhee [gaabbidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa]. Yaa badii kiyya! Odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira; sheyxaannis yeroo rakkoo gargaarsa malee kan nama dhiisu ta’eera.” Suurat al-Furqaan (25):27-29

Tafsiira isaa ‘Zaadul Masiir’ jedhu keessatti Ibn Jawziin sababoota aayatonni kunniin itti bu’an ni dubbata. Isaan keessaa:
Uqbah ibn Abi Mu’iix hiriyyaa Umayyah ibn Khalaf ture. Uqbaan ni sallame (Islaama keessa seene). Ergasii Umayyan ni jedhe: Yoo Muhammadin hordofte fuulli kiyya fuula keetirraa haraama. Uqbaanis Umayyah gammachiisuuf Nabiyyi hordofuu irraa of qusatee Islaama irraa duubatti deebi’e. Ergasii aayan armaan olii buute.

Dhimmi aayan tuni itti buute kamillee haa ta’uu, nama jaalala Rabbii caalaa hiriyyaa isaa filatee hundaaf taati. Mu’minni haqaa fedhii nafsee isaatii fi namoota jaallatu caalaa jaalala Rabbiitiif dursa kenna. Hiriyyoonni babbadoon miidhaa guddaa namarraan gahu. Guyyaa Qiyaamaa hiriyyoota isaanii irraa qulqullaa’un wanta beekkamu fi ragaa bahamuudha. Inumaa Rabbiin isaan jidduutti diinummaa godha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

43:67

“Guyyaa san warra Rabbiin sodaatan malee jaalalewwan waliif diina.” Suuratu Az-Zukhruuf 43:67

Dirqamni nama qaruute irra jiru, hiriyyoota babbadoo kanniin irraa fagaachu fi Islaama qabachuuf hiriyyummaa addaan kutuu, Guyyaa Qiyaamaa gahuumsa isaaniitii fi gaabbii isaaniitti dhagahamu beekudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti waa’ee nama hiriyyaan isaa isa jallisuuf dhiyaate nuuf hima:

“Isaan keessaa dubbataan tokko ni jedha: ‘Dhugumatti, ani [addunyaa keessatti] hiriyyaa qabaa ture.’ Akkana nan jechaa ture: ‘Dhugumatti, ati namoota dhugoomsan irraayyi? Erga duunee biyyee fi lafee taanee booda kaafamnee ni mindeefamnaa?’ Innis [hiriyyoota isaa Jannata keessa jiraniin] ni jedha: ‘Gadi ilaalu dandeessu.’ Innis gadi ilaalee walakkaa Jahannami keessatti isa arge. Ni jedhes, ‘Rabbiin kakadhe! Na balleessitee oolte. Osoo tolli Gooftaa kiyyaa jiraachu baatee silaa anillee warra [Jahannam] keessa seenan irraa ta’aan ture.’” Suuratu As-Saffaat 37:51-57

Hiriyyaan kuni dhiibbaa hiriyyaa isaa jalatti kufee oole. Osoo rahmanni Rabbii jiraachu baate, isa balleesse oole. Hiriyyaan badaan akkuma isaa akka jallattu sirraa barbaada. Eenyullee akka isa caalu hin barbaadu. Ati karaa qajeelaa keessa deemuun isa gaddisiisa. Inni garuu karaa kana keessa hin deemu. Kanaafu, inni si waanya, karaa kanarraa si jallisuu fi dhoowwuuf ni carraaqa.

Dargaggoota keessaa tokko akkana naan jedhe: firri kiyya tokko hiriyyoota isaa biratti garmalee jibbamaa ture. Isatti qoosu, haala badaan isa waamu. Teessuma isaanii ni balleessa, qulqullinna jireenya isaanii ni booressa. Ofirraa isa ari’uuf waadaa isaaf ni seenu, garuu ni diigu. Walgeetti isaanii irraa fageessuuf wanta humni isaanii danda’e hunda ni hojjatu. Yommuu isaaniin wal qunnamu dhiifama isa gaafatu. Ergasii namni tokko gara isaatti dhufuun gara karaa qajeelaatti isa waame. Inni carraa kanatti fayyadamuun Islaama ni qabate.

Hiriyyoonni isaa akkuma Islaama hordofuu isaa beekaniin, hariiroon isaan isa waliin qaban ni jijjirame. Isa zayyaruuf (daawachuuf) gara isaatti deeman. Yoosu isa waamuu fi isaan waliin imala (diida) akka deemu ni affeeran. Inumaa isaan keessaa tokko taa’umsi isaanii isa malee akka hin mi’oofne sobaan ni kakate. Inumaa isaan keessaa tokko akkana jedhe: yoo ebalu hin argamin ani hin argamu.” Sammuu isaa irratti dhiibbaa uuman. Innis jaalala sobaa kanatti ni boohare. Dhumarratti isaan waliin ni jallate. Yommuu jallachuun isaa dhugaa ta’uu mirkaneefatan, isa ofirraa ari’uutti deebi’an. Wanta duraan isatti hojjatan ni hojjatan.

Ani of gaafadha, yommuu inni Islaama qabatu hariiroon isa waliin qaban maaliif jijjirame? Deebiin kanaa: Inni isaan caaluu fi gara kheeyri kanatti isaan dursuu waan arganiif ni jibban. Seenaan akkanaa baay’eedha. Dargaggeessi tokko akka natti himetti, hiriyyaan isaa tokko hiriyyoota qaba ture. Hiriyyoonni kunniin waan isa hin jaallanneef gara dorgommi isaan waliin akka deemu hin fedhan. Garuu yommuu inni Islaama hordofuu jalqabu, waa’ee dorgommii isa yaadachiisan. Inumaa isaan keessaa tokko konkolaataa adda taateen isaan deemee deebi’uuf olka’e.

Hiriyyoonni hirriyyoota isaanii dhabuu hin barbaadan. Hiriyyoonni isaanii Islaama yoo hordofan, hiriyyoota kanniin akka dhaban ni beeku. Kanaafi, karaa Rabbii irraa isaan dhoowwuuf wanta danda’an hunda godhu. Gariin isaanii tooftaa miira hiriyyaa isaanii isaan irra fagaate ittiin too’atanitti fayyadamu. Akkana jedhu: Kuffaara taane sila? Sila nuti faasiqtootaa?” fi tooftaalee dargaggeessa ittiin dhamaasan birootti fayyadamu. Dhugumatti, hiriyyoota babbadoo waliin deemuun bu’aalee badaa fida. Isaan keessaa:
✶Abbicha warra kheeyri waliin akka hin teenye taasisu
✶ Beekumsa barbaaduu fi kitaaba Rabbii haffazuu irraa nama dhoowwu
✶Iimaanni akka hin daballe taasisu
✶Salaata irraa duubatti hafuu, tarii guutumatti salaata dhiisu
✶ Kufaatiif nama saaxilu, kan akka sigaaraa xuuxuu, wanta araada nama qabsiisan hojjachu, hatuu fi kkf.
✶ Barnoota irraa duubatti hafuu
✶Mi’aa ibaadaa dhabuu
✶ Qalbiin goguu fi iimaanni baduu
✶ Rizqii dhabuu
✶ Haadha abbaatti tola oolu dhiisu fi isaan miidhu
✶ Oollaa rakkisuu
✶ Wanta nama hin fayyanne keessatti yeroo fi qabeenya qisaasessu
✶ Daandii keessa raata’uu
✶ Uumamni fi amalli baduu
✶ Muslimoota rakkisuu…fi kanneen biroo kan warra aqlii qaban beekan.

Print Friendly, PDF & Email
Sababa fi Furmaata Waliin Oduu Warra duubatti deebi'anii-kutaa 12.1
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi'anii-kutaa 10
Offline dubbisuf

Leave a Reply