Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi’anii-kutaa 10

Offline dubbisuf

Assalamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuh hordoftoota sammubani.com Guyyaa baay’eef addaan fagaanne turre. Sababa adda addaa irraa kan ka’e akka duraanii guyyaa guyyaan wal arguu hin dandeenye. Kutaa darbe irraa itti fufuun erga fooyya’anii booda sababoota duubatti akka deebi’an nama taasisan ni ilaalla:

11-Injifannoo ariifachisuu fi yeroo gabaaba keessatti firii muruuf eegu
Kunoo asitti nama karaa kana deemee akkana jedhutu jira: karaan kuni karaa Rabbiin gabroota Isaatiif jaallate erga ta’e, injifannoon kan isa waliin gamtoome ta’uu qaba. Garuu dubbiin kuni bu’aa ariifachisuu irraa akka ta’etti ilaallama. Wal’aansoon haqaa fi baaxilaa dheerachuu akka danda’u inni hin beekne. Garuu dhumti akkana jetti: Injifannoon warra haqaatiif. Rabbiin olta’aan akkana jedha:

2:214

 “Sila fakkaatan warra isinin dura darbanii osoo isinitti hin dhufin Jannata seenuu yaadduu? Hiyyummaa fi rakkinni isaan tuqxe; hanga Ergamaa fi warri isa waliin amanan “Sila gargaarsi Rabbii yoomi?” jedhan gahanitti ni sochoofaman. Eeyyen! Dhugumatti, gargaarsi Rabbii dhiyoodha.” (Suuratu al-Baqarah 2:214)

(Yaa warra amantan! Qormaanni (rakkoon) warra amanan isiniin duraatti dhufe osoo isinittis hin dhufin Jannata seenu ni yaadduu? Dhugumatti, hiyyummaan, dhibee fi rakkinni adda addaa isaan tuqee jira. Hanga Ergamaa fi warri amanan, “Gargaarsi Rabbii yoom dhufa?” jedhan gahanitti sodaa adda addaatin hurgufamanii jiru. Eeyyen, gargaarsi Rabbii warra amananitti dhiyoodha.)

Dhugumatti, Rasuula (SAW) fi sahaabonni isaa azaa (rakkoo) irratti waggaa kudha sadii ni obsan. Ergasii isaaniif mootummaa dhaabe. Hanga ijaarsi isaanii dhaabbatutti waggaa kudhan itti fufan.

Nama karaa da’awaa keessa deemuuf Obsuu fi ariifachisuu dhiisuun dhimmoota garmalee barbaachisoo ta’aniidha. Rabbiin Nabiyyii isaa obsatti ajaje. Akkana jedhe: “Akkuma Ergamtoota irraa warri ijjannoo cimaa qaban obsan atis obsi.” Suuratu Al-Ahqaaf 47:35

Kunoo Nabii Nuuh (AS) waggaa 950 ummata isaa halkanii guyyaa, dhoksaa ifatti osoo waamu obse. Kana hunda waliin isaan irraa qoosaa fi of tuuluu argate. Inni kanatti xiyyeefannoo hin kennine. Kana irra, ni obse, ni qabsaa’e. ba’aa waamicha kanaa hunda isaatu ni baadhate.

“[Nuuh] ni jedhe, Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani ummata kiyya halkanii guyyaa waame. Waamichi kiyya dheessa malee homaa isaaniif hin daballe. Akka isaaniif araaramtuuf akkuma isaan waamuun, qubbiin isaanii gurra isaanii keessa godhan, uffata isaanii maratan, [badii isaanii] itti fufan, of-tuulinsa [guddaas] of tuulan. Ergasii ani ifatti isaan waame. Ergasii isaaniif labse, dhoksaanis isaanitti dubbadhe.” Suuratu Nuuh 71:5-9

(Kana jechuun Nuuh akkana jedhe: Gooftaa kiyya! Dhugumatti ani ummata kiyya halkanii guyyaa gara Sitti amanuu fi Siif ajajamuutti waame. Gara iimaanaatti (amanuutti) isaan waamuun kiyya baqachuu fi garagaluu malee homaa isaaniif hin daballe. Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaatuma gara Sitti amanuutti (iimaanaatti) isaan waamuun, akka waamicha hin dhageefanneef qubbiin isaanii gurra isaanii keessatti cuqqaalan, akka na hin ilaalleef uffata isaanii ni maratan (ni haguuggatan), kufrii isaanii itti fufan. Iimaana fudhachuu irraa of-tuulinsa badaa of tuulan. Ergasii osoo hin dhoksin ifatti baase gara iimaanaatti isaan waame. Ergasii sagalee olkaase waamicha isaaniif labse. Haala biraa keessatti immoo sagalee gadi qabuun dhoksaan [gara iimaanatti] isaan waame.[1])

Xumurri gaariin warra Rabbiin sodaataniifi. Adeemsa dhumaa irratti bakka mijeessuun warra iimaanaa fi amantiitifi. Kanaafu, wareegamni wanta hafuu hin qabneedha. Carraaqqi fi hojii malee warri Islaamaa bu’aa kana hunda arguu hin danda’an.

Rakkoon ulfaachuun mallattoo boqonnaa akka ta’e beekkamu qaba.

Rabbiin rakkoo keessaa kan nama baasu rakkoon garmalee erga ulfaate booda.

12:110

“Yeroo Ergamtoonni abdii kutanii fi akka kijibsiifamanitti yaadan, gargaarsi Keenya isaaniif dhufe. Namni feene ni baraarame, adabbiin Keenya yakkamtoota irraa hin deebifamu.” Suuratu Yuusuf 12:110

Namni yommuu gargaarsi turuu, nafsee ofii ajiifachuu qaba. Nama biraa komachuu hin qabu. Dirqamni Muslima irra jiru yommuu gargaarsi turu Islaama qabachuu dhiisu osoo hin ta’in, gara Rabbiitti dheessudha.

27:62

Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate, jalaa awwaatee hamtuu irraa saaqu fi bakka bu’oota dachii isin taasisu [moo waan isin Rabbitti dabaltantu caalaa?] Sila Rabbiin waliin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha. Suuratu An-Naml 27:62

Bu’aa da’awaa isaatii fi firii facaasaa isaa ilaaluun sharxii daa’iti miti.

Namoota qajeelchuun dhimma garmalee jaallatamaa ta’eedha. garuu harka daa’iwwaniiti miti. “Qajeelchi isaanii sirratti [dirqamaa] miti.” (Suuratu Al-Baqarah 2:272)

Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiin nama fedhe qajeelcha. Inni hunda caalaa warroota qajeelan beeka.” Suuratu Al-Qasas 28:56

Gargaarsi duubatti akka harkifatetti ilaalun sababa jalqabaa daa’iwaan baay’een fi kanneen biroo akka duubatti deebi’an taasiseedha. Ergamaan Rabbii (SAW) gargaarsa ariifachiisuu isaaniitiif sahaabota isaanii ni waqqasan. Akkuma hadiisa keessatti dhufe: Yommuu cunqursaan mushrikootaa Muslimoota dadhaboo ta’an irratti jabaatu, gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun ni jenne, “Nuuf gargaarsa hin kadhattu? Rabbiin nuuf hin kadhattu?” Ergamaan Rabbiis fuulli isaanii kan diimate ta’ee ni jedhan: “Isin dura namticha dachii keessatti isaaf qotamee achi keessa godhamutu ture. Ergasi magaazin fidamee mataa isaa irra kaa’amuun bakka lamatti addaan murama. Kuni amanti isaa irraa duubatti isa hin deebisne. Filaa sibilaa lafee fi narvii isaa irraa foon kaasun (duguuguun) qaamni isaa ni filama. Kuni hundi amanti isaa irraa duubatti isa hin deebisne. Rabbiin kakadhee! Hanga namni geejjiba yaabbatu Rabbiin malee eenyulle kan hin sodaanne ta’ee ykn hoolota isaa irratti jeedala kan sodaatu yoo ta’e malee, Sana’aa irraa ka’ee Hadramawt deemutti Rabbiin dhimma kana ni guuta (kana jechuun Islaama ol’aanaa taasisa.) Garuu isin ni ariifattu.” (Sahiih Al-Bukhaari 3612)

Dirqamni daa’i irra jiru, hanga sanyiin biqiltuu, mukni guddatu, oomishni tolu fi firii muruu obsuudha. Ikhlaasa kan qabu yoo ta’ee ajriin (mindaan) isaa Rabbiin biratti kan eeggamuudha. Firiin hojii biqiluun ykn guddachuun ykn haamuun dura inni du’uu danda’a. Hidhaa jireenyaa irra osoo jiruu ijjifannoon hundi ta’uun maal isaa godhaa. Kuni Nabiyyi keenya Muhammadiifu (SAW) hin taane. Du’a isaatiin booda malee Islaamni Peershiyaa fi Roomota irratti injifannoo hin arganne. Dhugumatti, yeroon injifannoo garmalee dhiyoodha. Gammadaa, abdadhaa.

Guduunfaa
✒Namoonni gariin sababa Islaama qabataniif yommuu rakkifaman, gargaarsi fi injifannoon akka isaaniif dhufuu garmalee ariifatu. “Maaliif Rabbiin nu hin gargaarre? Zaalimota kanniin maaliif hin fixnee? Maaliif hidhaa fi rakkinna kana hunda keessaa nu hin baasne?” jechuun iyyannoo dhiyeessu. Kuni ariifachuu fi hikmaa (ogummaa) Rabbii wallaaludha. Inumaa namoonni gariin yommuu gargaarsi Rabbii turu Islaama irraa duubatti deebi’uu. Haala akkana keessatti wanti namarraa eeggamu:
✒Hanga gargaarsi Rabbii dhufuu obsuu. Sababa Islaama qabateef yommuu rakkifamu, rakkoo kana karaa lamaan ilaalu danda’a:
1ffaa-Qormaata-rakkoon isatti bu’e kuni iimaana fi obsa isaa qoruuf (mokkoruuf) ta’uu danda’a. Hangam Rabbiitti fi wanta Inni beeksisetti akka amane ifatti baasuuf rakkooleen adda addaa isatti bu’a. Sababa kanaan, namni dhugaan amanee fi namni sobaan amane ifatti baha. Kanaafu, namni “Kuni hangam Islaama qabachuu kiyya keessatti dhugaa akka ta’e ifatti baasuuf naaf qormaata ta’uu danda’a. Kanaafu obsuun narra jira.” ofiin jechuu qaba.
2ffaa-Adabbii ta’uu danda’a– “sababa badii hojjadheef rakkoon kuni anaaf adabbii ta’uu waan danda’uuf of sirreessuun, tawbachuu fi istighfaara baay’isuun narra jira.” jechuun yaadu.


[1] Tafsiir Muyassar-570

Print Friendly, PDF & Email
Sababa fi Furmaata waliin Oduu warraa Duubatti Deebi'anii-kutaa 11
Seenaa Warra Boollaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply