Seenaa Warra Boollaa

Suuratu Al-Buruuj yommuu qaraanu seenaa tokko dhagayuun keenya hin oolu. Seenaa kana keessatti waa baay’ee hubanna. Isaan keessaa: 1)-Moottonni abbaa irraa akka gooftaatti of ilaalun namoonni akka isaan gabbaran (waaqefatan) barbaadu. Nama isaan hin gabbarre adabbii hamaa gara-jabeenyaan guuttame adabu. 2)-Shoora mucaan xiqqaan taphate. Mucaan xiqqaan kuni mootii kana gabbaruu diduun aango isaa ni sochoose. 3)- Rakkoon garmalee isaanitti haa baay’atuyyu malee mu’mintoonni iimaana isaanii irratti gadi dhaabbata. Magaazidhaan yommuu baqaqfaman, ibiddatti yommuu darbaman Islaama irraa duubatti hin deebine. Kuni hundi Islaama irratti gadi dhaabbachuuf fakkeenya guddaa namaaf ta’a. Mee seenaa warra boollaa haa ilaallu:

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Namoota isinin duraa keessaa mootii tokkotu ture. Mootiin kuni saahira (nama sihrii (digimti) hojjatu) qabaa ture. Namtichi kuni yommuu dulloomu mootiidhaan akkana jedhe: ani dulloome jira. Kanaafu mucaa sihrii akka barsiisuuf natti ergi.” Mootichis mucaa itti erge. Yommuu karaa isaa keessa darbu raahiba (nama Rabbiin addatti bahe gabbaru) tokkotu ture. Mucaan kunis raahiba kana bira taa’e dubbii isaa dhageefate. Dubbiin isaas isa ajaa’ibsiise. Mucaan yommuu gara saahiraa deemu raahiba biraan darba. Isa biras taa’a. Yommuu gara saahira dhufu, saahirri isa tuma (reeba). Yommuu saahira biraa deebi’u, raahiba bira taa’uun dubbii isaa dhageefata. Yommuu warra isa bira deemu isa reebu. Innis kana raahibatti himate. Raahibnis ni jedhe: yoo saahiratti dhufte, warra kiyyatu na tursiisee.jedhi. Yommuu gara warra keetii deebite immoo saahiratu na tursiisee jedhiin. Osoo inni haala kanarraa jiruu, bineensa guddaa namoota karaa darbuu dhoowwetu dhufe. Mucaanis ni jedhe: Har’i raahiba moo saahiratu irra akka caalu guyyaa itti beekudha.” Ergasii dhagaa fuudhee akkana jedhe: Yaa Rabbii dhimmi raahibaa dhimma saahiraa caalaa Si biratti jaallatamaa yoo ta’e, akka namoonni darbaniif bineensa kana ajjeesi.” Innis dhagaa itti darbee ajjeese. Namoonnis ni darban. Innis raahibatti dhufee oduu kana itti beeksise. Raahibnis isaan ni jedhe: Yaa ilma koo! Ati har’a na caalte. Dhimmi kee wanta ani ilaalu gahe. Dhugumatti ni qoramta. Kanaafu, yoo qoramte obsi. Gara kiyya hin akeekin.”
Mucaan nama jaamaa fi qomaataa ni fayyisaa ture. Dhibeewwan biroo irraas namoota ni fayyisa. Namtichi mootii waliin taa’u waa’ee isaa ni dhagaye. Namtichi kuni ballaa ta’ee jira. Ija isaa akka fayyisuuf kennaa baay’ee fiduun mucaa fuundura kaa’e. “Yoo na fayyiste kuni keeti.” Jedheen. Mucaanis ni jedhe: Ani eenyullee hin fayyisu, garuu Rabbiitu nama fayyisa. Yoo ati Rabbiitti amante, Rabbiin siif kadha, kanaafu Inni si fayyisa.” Namtichis Rabbiitti ni amane, Rabbiinis isa fayyise. Innis gara mootii dhufee akkuma duraan bira taa’u isa bira taa’e. Mootichis akkana isaan jedhe: Ija kee eenyutu siif deebisee?” Innis ni jedhe: Gooftaa olta’aa kiyya.” Mootichis ni jedhe, “Anaan ala gooftaa biraa ni qabdaa?” Innis, “Gooftaan kiyyaa fi Gooftaan kee Rabbii.” jedhe. Mootichis namtichi kana qabee azzabe (adabe) hanga gara mucaatti akeekutti.
Ergasi mucaan ni fidame. Mootichis isaan ni jedhe: Yaa ilma kiyya! Sihrii keetiin nama jaamaa fi qomaataa ittii fayyistu, kana fi san ittiin hojjattu na gahee jira.” Mucaanis ni jedhe: Ani eenyullee hin fayyisu. Garuu Rabbiitu fayyisa.” Mootichis isa qabee reebee hanga gara raahibaa akeekutti. Raahibnis ni fidame. Akkana isaan jedhame: Amanti keetirraa deebi’i.” Innis deebi’u ni dide. Mootichis magaazin akka fidamu ni ajaje. Innis walakkaa mataa raahibaa irra magaazi kaa’uun hanga kutaan tokko kufuutti isa gadi baqaqse. Ergasii namtichi mootii bira taa’aa turee ni fidame. “Amanti keetirraa deebi’i.” isaan jedhame. Innis ni dide. Ergasii magaazi walakkaa mataa isaa irra kaa’un gadi baqaqse hanga kutaan qaama isaa kufuutti.
Ergasii mucaan ni fidame. Akkana isaan jedhame: amanti keetirraa deebi’i. Innis ni dide. Ergasii mootichi hiriyyoota isaatti kennee akkana jedheen: gaara akkana akkanaatti deemaan. Ergasii isa ol baasa. Yommuu fiixee gaaraa irra geessan, amanti isaa irraa yoo deebi’e deebi’e. Ta’uu baannan achirraa isa darbaa.” Isaanis isaan ni deeman. Gara gaarattis ol bahaniin. Mucaanis ni jedhe: Yaa Rabbii wanta feeten isaan jalaa na baasi.” Gaarris isaaniin ni kirkire. Isaan ni kufan. Mucaan immoo deemaa mootichatti dhufe. Mootichis akkana isaan jedhe: “Hiriyyoonni kee maal hojjatan?” Innis, “Rabbiin isaan jalaa na baase.” jedhe. Ergasii mootichis garee hiriyyoota isaatti mucaa kana kennee akkana jedhe: isa fuudhaatii markabaan gara galaanaa deeman. Yoo amantii isaa irraa deebi’e deebi’e. Ta’uu baannan, galaanatti isa gataa (darbaa).” Isaaniis isaan ni deeman. Mucaanis ni jedhe: Yaa Rabbii! Wanta feeten isaan jalaa na baraari.” Ergasii dooniin isaaniin ni garagalte. Isaanis bishaaniin ni nyaataman. Mucaanis deemaa mootichatti dhufe. Mootichis ni jedheen: “Hiriyyoonni kee maal ta’an?” Innis, “Rabbiin isaan jalaa na baase.” Jedhe.
Ergasii mootichaan akkana jedhe: Hanga wanta ani itti si ajaju hojjattutti malee ati na ajjeesu hin dandeessu.” Mootichis ni jedhe, “Suni maalidhaa?” Mucaanis ni jedhe: Namoota dirree tokko irratti walitti qabda. Ergasii jirma mukaa irratti na fannista. San booda xiyya boorsaa kiyya keessaa fuudhi qaawsi (kan xiyya ittiin darbatan) irra godhii akkana jedhi: “Maqaa Rabbii Gooftaa mucaa ta’een.” Jedhi. Ergasii xiyya natti darbi. Yoo akkana hojjatte na ajjeesta.” Ergasii mootichis dirree tokko irratti namoota walitti qabee mucaa jirma mukaa irratti rarraase. Ergasii xiyya boorsaa isaa keessaa fuudhuun qaawsi keessa gochuun akkana jedhe: Maqaa Rabbii Gooftaa mucaa ta’een.” Ergasii ni darbate. Xiyyis qucee isaa haleele. Mucaanis bakka xiyyi waraane qucee isaa irra harka isaa godhe. Ergasii ni du’e. Namoonnis ni jedhan: “Gooftaa mucaatti amanne. Gooftaa mucaatti amanne. Gooftaa mucaatti amanne.” Mootichis dhufee akkana isaan jedhame: Rabbiin kakanne wanti ati sodaachaa turte kunoo sitti bu’e. Namoonni amananii jiru.” Ergasii mootichis boolloon guddaan akka qotamu ajaje.” Boollonis ni qotame. Ibiddis keessatti bobeefame. Ergasii ni jedhe: namni amanti isaa irraa hin deebi’in, boolloo ibiddaan guuttamte tanatti darbaa. Yookiin “itti utaali” jedhaan.” Namoonnis kana ni hojjatan (ibiddatti ni utaalan) hanga dubartiin daa’ima of waliin qabdu takka dhuftuutti, ishiin ibidda keessatti kufuu irraa duubatti harkifatte. Mucaan ishiis ni jedheen: Yaa haadha koo obsi, dhugumatti ati haqa irra jirta.” Sahiih Muslim 3005
Akkuma Qur’aana keessatti dhufe taaten kuni taatee fokkataa namni kana hojjate adabbii, dallansuu fi abaarsi Rabbii isaaf maluudha. Daangaa darbitoonni fi cunqursitoonni kunniin mu’mintootaa dhiiraa fi dubartii qabaa hamaa qabanii jiru. Rakkisu badaa isaan rakkisan. Rakkoon kuni hanga dachii baqaqsanii booyi (boolloo guddaa) qotuun qoraan itti tuuluun ibidda keessatti bobbeessanii ergasii mu’mintoota keessatti darban gahanitti. Mararfannaan kanarraa isaan hin qabne. Afaan boollo irra taa’uun fitnaa fi gubaa ibiddaa mu’mintoonni ittiin rakkatan ilaaluun gammadu. Kana waliinu mu’mintoonni ni obsan. Amanti kufrii fi jallinnaatti deebi’uu irra adabbii addunyaatti ni gammadan. Qur’aana keessatti haala isaanii
Warri boollaa abaarraman. [Boolla] ibidda boba’aan guuttame. Yommuu ishii (afaan boollaa) irra taa’an. Isaan wanta mu’mintootatti hojjatan ragaa bahaa (argaa) turan. Rabbii Injifataa, Faarfamaa ta’etti amanuu malee homaa isaan irraa hin jibbine. Kan mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaa ta’e. Rabbiin waan hundaa irratti ragaa bahaadha. Dhugumatti warri mu’mintootaa dhiiraatii fi dubartootaa rakkisanii ergasii hin tawbanne, isaaniif adabbii Jahannamtu jira, isaaniif adabbii gubaatu jira. Dhugumatti, warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannata jala ishii laggeen yaa’antu isaaniif jira. Suni milkaa’innaa guddaadha.” Suuratu Al-Buruuj 85:4-11
Yaa dargaggoota Islaamaa! Amanti keessan sirritti qabadhaa. Yommuu rakkoon isin qunnamu kufuu irraa of eeggadhaa. Amanti keessanitti rarra’aa, a’oon cininaa qabadhaa. Wanta dhaloonni jalqabaa baadhatan baadhadhaa. Qormaata baay’ee yeroo ammaa nama muudatan keessatti obsa hin dhabina. Qormaata sanniin keessaa: hidhaa, azzabuu, maqaa xureessu, yakkuu, qeequ, kabaja irraa gadi buusu, sodaachisuu fi itti zaatu, hojii irraa addaan baasu fi rizqii kutuuf yaalu.
Yaa obboleessa kiyya wantoonni armaan oliiti fi kanneen biroo karaa Rabbii keessatti, Isa gammachiisuu fi Jannata Isaa barbaadu keessatti akka salphaatti lakkaawamu. Wanti dargaggeessa irra jiru gara seenaa ummata Islaamaa ilaaludha. Sababa kanaan hayyama Rabbiitiin ijjannoon isaa olka’a. Wantoonni armaan gadi isarratti haa jiraatan:
1-Hanga danda’uun fitnaa irraa fagaachuu
2-Wanti isa qunname akka isa hin dabarre, wanti isa darbe immoo akka isa hin qunnamne beeku.
3-Adabbii addunyaa sodaachuun osoo amanti isaa wareegee (kafaree), isa duuba adabbii Aakhiraa akka jiru beeku: “Dhugumatti adabbiin Aakhirah garmalee cimaa fi turaadha.” (Suuratu Xaahaa 20:127
4-Tarii qormaanni kuni sababa badii inni hojjateetiin ta’uu akka danda’u beeku. Kanaafu, bu’aa isarraa dhalatu baadhachu qaba.
5-Gara Rabbii dheessu fi Isarratti hirkachuu
6-Namoota du’an fakkeenya godhachuu fi Gooftaa isaa yaadachuun nafsee isaa jajjabeessu.
7-Obsuu fi mindaa abdachuu

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi'anii-kutaa 10
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-kutaa 9.2

6 comments

Leave a Reply