Sababa fi Furmaata Waliin Oduu Warra duubatti deebi’anii-kutaa 12.1

Kutaa darbe keessatti sababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan ilaalle jirra. Ammas ittii aansun kutaa itti aanu ni ilaalla:

13-Godaanu dhiisu
Hijraa (godaansa) jechuun qormaataa fi fitnaa irraa gara bakka Muslimni nafsee fi amanti isaatiin nagaha itti ta’uutti baqachuudha.

Hijraa dhiisuu fi iddoo fitnaan itti jiru keessa turuun sababoota gurguddoo Islaama irraa duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa tokkoodha. Muslima meeqatu sababa kaafirota waliin jiraachuutiin amanti isaa gadi fure. Dhugumatti, Muslimni amanti isaa eegu fi hordofuu itti fufuun isarraa eeggama. Osoo qabeenyaa fi ijoollee wareegun ta’eyyu kuni amanti Rabbiin ilmaan namaatiif jaallateen yommuu wal bira qabamuu baay’ee miti.

Dhugumatti, keeyyattoonni Qur’aanaa gara hijraatti nama waamu. Inumaa namni hin godaanne zaalima akka ta’e jala muree dubbata. Mata-duree kana ilaalchisee aayata Qur’aanaa fi hadiisota dhiyyeessuun dura, dubbisaan hijraa Rasuulaatii fi sahaabota isaa, barnoota fi gorsoota irraa fudhatamu beeku qaba.

Rabbiin olta’aan akkana jedha:

29:56

“Yaa gabroota Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti, dachiin Tiyya bal’oodha. Kanaafu, Anuma gabbaraa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:56

Imaamu ibn Jariir Xabarii akkana jedha: bal’inna dachii irraa wanti barbaadamee, dachiin Muslimoota irratti dhiphattee bakka isaaniif hin hayyamamne keessa turuu miti. Garuu bakka ma’asiyaan (badiin) itti hojjatamu keessa ta’anii yoo jijjiruu dadhaban, bakka sanii dheessun isaan irra jira.

Sa’iid ibn Jubeyr ni jedha: Ma’asiyaan yoo ishii (dachii) keessatti hojjatamee bakka san keessaa bahaa.

Ibn Jariir ni jedha: Aayah tana ilaalchisee dubbiin hundarra gaariin: dachiin Tiyya bal’oodha. Ajaja Kiyyaan hojjachuu irraa nama isin dhoowwe jalaa dheessaa. Kana “Anuma gabbaraa” kan jedhu ni agarsiisa.

Ibn Abbaas irraa akka dhufeetti, yommu Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) namoonni akka godaanan ajaju, isaan keessaa nama ijoollee fi haati manaa isaa isatti rarra’antu jira. Akkana isaan jedhu: “nu hin dhiisin.” Innis isaaniif garaa laafun isaan waliin tura, godaanu (hijraa) ni dhiisa. Ergasii Rabbiin olta’aan aayah tana buuse:

9:24

“Jedhi, ‘Abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu isaa sodaattanii fi manneen isin jaallatan Rabbiin, Ergamaa Isaatii fi karaa Isaa keessatti qabsaa’u caalaa isin biratti jaallatamoo yoo ta’an, hanga Rabbiin ajaja Isaa fiduutti eegaa.’ Rabbiin namoota finciltoota hin qajeelchu.” Suuratu At-Tawbah 9:24

Xabariin akkana jedha: Rabbiin Nabiyyi Isaatiin akkana jedha: warroota gara biyya Islaamaa godaanuu irraa duubatti hafuun biyya shirkii keessa jiraataniin akkana jedhi: ganda shirkii irraa gara Rabbii fi Ergamaa Isaatti godaanuu, karaa Isaa keessatti qabsaa’u, kana jechuun amantii Inni jaallate caalaa abbooti, ijoollee, obboleeyyan, niitiwwanii fi firoota keessan waliin turuun, qabeenyi isin argattan, daldallii isin hir’achuu isaa sodaattanii fi manneen jireenyaa itti gammaddan isin biratti jaallatamoo yoo ta’an, hanga Rabbiin Makkaan bananuun ajaja Isaa fiduutti eegaa. Rabbiin namoota ajaja Isaa keessaa bahan hin qajeelchu.”

Rabbiin rahmata siif haa godhuuti, ijoollee fi qabeenya isaa irratti sodaachuun nama hijraa dhiisee akkamitti akka waqqasee mee ilaali. Wantoonni kunniin hundi Islaamaf wareegamu qabu. Inumaa karaan isaanii fi Islaama ittiin wal bira qaban hin jiru.

Jabeenya fi ol’aantummaa Islaamaa fuunduratti wantoonni armaan olii homaanu wal hin qixxaa’an. Dhimmi kuni beekkamu qaba. Yommuu amantiin kee balaa irra ta’u, shirkii, kufrii, fisqii fi jallinatti kufuun dura of baraari.

Godaanu (hijraa) dhiisu isaaniitiif namoota Rabbiin zulmiidhaan isaan ibse keessaa ta’uu irraa of eeggadhu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

4:97

“Dhugumatti warri osoo of miidhanu lubbuu isaanii malaykoonni fudhatan, [malaykoonni] “Maal keessa turtanii?” jedhuun. Isaaniis, “Dachii keessatti hacuuccamaa turre.” jedhu. Isaaniis, “Akka ishii keessatti godaantaniif dachiin Rabbii bal’oo mitii?” jedhuun. Isaan sun iddoon jireenya isaanii Jahannami. Gahuumsi waa fokkate.” Suuratu An-Nisaa 4:97

Ibn Kasiir Axaa’a irraa akka odeessetti: Yeroo gara Rabbiin faallessuutti waamamtan, dheessaa. Ergasii jecha Rabbii olta’aa qara’e: “Akka ishii keessatti godaantaniif dachiin Rabbii bal’oo mitii?”

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula 105-107

Print Friendly, PDF & Email
SABABA FI FURMAATA WALIIN ODUU WARRA DUUBATTI DEEBI'ANII-KUTAA 12.2
Sababa fi Furmaata waliin Oduu warraa Duubatti Deebi'anii-kutaa 11

Leave a Reply