Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 14.2
Kutaa darbe keessatti sababa 15ffaa namni da’awaa erga jalqabee booda duubatti itti deebi’u ykn hojii gaggaarii hojjachuu erga jalqabee booda gara badiitti itti mucucaatu ilaalle jirra. Sababni kunis, ‘Al-Ghuruur (Of-dinqisiifachuu)’ dha. Ammas itti fufuun wanta achirraa hafe ni ilaalla.
Ibn Al-Qayyim akkana jedha:
Of tuuluu fi fedhii nafsee irraa eeggumsa gaafadhuu
Sharrii hundaa kan of keessatti walitti qabanii
Karaa kheeyri hunda irraa dargaggeesa kan dhoowwanii
Qalbii isaa keessatti waan lixaniifii
Yeroo garii fedhiin isaa kan isa dhoowwu ta`ee argitaa
Yeroo biraa immoo of tuuludhaa ergasii waliin ta`uu
Rabbiin kakadhee ibidda keessa hin jiru
Warra kanniin lamaan hordofan malee
Ibidda keessa kan jiraatu gaafadhuu
Rabbiin kakadhee osoo isaan lamaan irraa of qulqulleessitee
Silaa gareen namootaa si gammachiisuuf sitti dhufuu
Seenaa Shekh Muhammad Mukhtaar Shanqiixi muhadaraa isaa mata-duree ‘Dhibee Of Dinqisiifachuu’ jedhu keessatti dubbate kaasun mata duree kana cufa.
Imaamu Maawurdii akkana jedhe: Ani gaafa tokko masjiida ni seene. Beekumsa Rabbiin naaf kenne yaadadhee akkana ofiin jedhe: Fiqhi keessatti gaafin ani hin beekne ni jiraa?’ Ergasii osoo of-dinqisiifannaan wayii na keessa jiruu gara masjiidaa seene. Yommuu barattoota kiyya fuundura taa`u dubratiin dulloomtun takka intala ishii waliin achi jirti. As garagalte akkana jette: `Yaa Sheykh dubartii tana heydin (laguun) itti dhufee jira. Dhimmi ishii akkana akkanaa, Rabbiin rahmata siif haa godhuu fatwa nuuf kenni.` Maawurdi ni jedha: Gaafin ishiin gaafatte gaafi heeydi hundarra salphaa ta`eedha. Garuu ani deebii quubsaa ishiif kennu hin dandeenye. Dadhabbinnaa fi dhiphinna na muudate irraa kan ka`e barattoonni ni dhama`an, deebii ishiif deebisuu hin dandeenye. Dubartiittiinis deebii narraa osoo eegdu turte, anis deebii ishiif deebisuu hin dandeenye. Masjiida keessaa bahuuf deemaa osoo jirtuu barataa barnoota bu`uuraa jalqabe tokkoon wal qunnamte akkana jetteen: Rabbiin rahmata siif haa godhuu, dubartii takka heydin (laguun) itti dhufee jira. Dhimmi ishii akkana akkanaa.` Barataan kunis fatwa ishiif kenne. Deebii sirrii ishiif deebise. Dubartiinis ni jette: `Ati nama taa`e kana caalta.`
Al-Maawurdi ni jedha: `Ergasii yommuu ani nafsee tiyya irratti hirkadhu Rabbiin gargaarsa malee akka na dhiisee beekee jira.`
Seenaan kanatti dhiyoo ta`ee tokkos wanta dargaggeessi gaariin tokko dubbateedha: Gaafa tokko qormaata seene. Wanta qoramu qomatti qabadhee fi sirritti tartiiba qabsiisee ture. Of dinqisiifachuun na haguuge. Waraqaan gaafilee ofirraa qabu natti dhufuun dura akkana ofiin jedhe: Sila gaafin ani deebisuu hin dandeenye ni jiraa?` Garuu yommuu waraqaan gaafi fuundura kiyya kaa`amu Rabbiin kakadhe ani homaayyu hin beeku. Sodaa fi naasu irraa kan ka`e dafqa gadi dhangalaasu jalqabe. Sa`aati ruubiif ykn san caaluuf haala kanarratti fufe. Of-dinqisiifachuun akka narraa fudhatee fi humna kiyyarratti akka hirkadhe nan yaadadhe. Ergasii Rabbiin araarama kadhee badii kanarraa gara Isaatti tawbadhe (deebi`e). Osoo homaa hin turin yoosu Rabbiin deebii naaf bane. (Gaafilee kanniin nan deebise).
Guduunfaa
☛Edaa milkaa’inna dhabuun kufaatiif kan saaxilamnuuf waan of-dinqisiifannuufi!!!
☛Of-dinqisifachuun qananii Rabbiin namarratti oole akka dagatanii fi humna ofii irratti akka hirkatan nama taasisa. Namni qananii Rabbii dagate, galata Isaaf hin galchu. Galata galchuu yoo didee immoo ofii fi namoota irratti daangaa darba.
☛Humna ofii irratti hirkachuun immoo kufaatiif wanta nama geessudha. Yoo Rabbiin balbala milkaa’inna namaaf hin baniin eenyullee banuu hin danda’u. Akkuma seenaa armaan oli kana irraa hubannutti. Kanaafu, akkamitti balbala milkaa’inna humna ofiitiin banuu danda’aa? Ammas Qur’aana keessatti gaafa Huneyn wanta ta’e ni dubbata:
“Dhugumatti, Rabbiin bakka baay’eetti injifannoo isiniif kennee jira, Guyyaa Huneynis, yommuu baay’inni keessan isin dinqiisise, garuu homaa isin hin fayyanne. Dachiin bal’inna ishii waliin isin irratti dhiphatte, ergasii garagaltanii dheessitan.” Suuratu At-Tawbah 9:25
Kana jechuun yommuu isin sababa bakkaan geessanii fi Rabbiin irratti hirkattan iddoo baay’eetti Rabbiin injifannoo isiniif kennee jira. Guyyaa duula Huneyn akkana jettan: har’a garmalee baay’ee waan taaneef hin moo’atamnu. Baay’inni isin gowwoomse, homaa isin hin fayyanne. Diinni isin irratti bahe. Dachii bal’oo keessatti iddoo baqaa hin arganne. Duubatti deebi’uun dheessitan. (Tafsiir Muyassar)
Kanaafu, asirraa of-dinqisiifachuun balbala injifannoo fi milkaa’inna akka namatti cufu ni baranna.
✒Of dinqisiifachuun wantoota gurguddo sadii irraa madda:
1-Qabeenya fi baay’inna
2-Beekkamti fi sadarkaa ol’aanaa qabaachu
3-Beekkumsa
✒Nama of-dinqisiifatu irraa mallattooleen armaan gadi ni mul’atu
-Nafsee ofi ilaalchisee baay’isee dubbachuu fi faarsuu
-Namoota biroo tuffachuu, keessumayyu hiyyeeyyi fi dadhabdoota
-Yaada kiyya qofatu ta’a jechuu
-Falmii fi mormii baay’isuu
-Ani nama hundaa caala jedhe yaadu
✒Miidhaa of-dinqisiifachuu keessaa muraasni:
-Dogongora ofii arguu dadhabu ykn fudhachuu dhiisu. Namni ani guutudha jedhee yaadu akkamitti dogongora ofii argaa? Namoota biroo waan tuffatuuf dogongora isarratti argan yommuu itti himan hin fudhatu. Kanaafu, dogongora ofii amanee yoo of hin sirreessin qilee badiittii mucucaata. Inni akka nama ballaa gara qilee gadi fagoo deemuti.
-Akkuma jalqaba irratti jedhame kufaatiif nama saaxila. Osoo hojii gaarii hojjateen of-dinqisifatu tasa mucucaate kufa. Fakkeenyi isaas, akka namoota diina irratti injifannoo argatanii osoo shubbisanuu diinni gara biraatin dhufee isaan rukuteeti.
-Tarii hojiin gaariin sababa of-dinqisiifachuutin Rabbiin biratti qeebalama dhabuu danda’a.
✒Dawaa Of-Dinqisiifachuu keessaa muraasni:
-Dawaan (qorichi) of-dinqisiifachu ittiin fayyisan inni guddaan beekumsa shari’aa barbaadu fi hojii irra oolchudha. Yeroo tokko Numan Ali Khan akkana jedhe: Mukni firaafire buusu akkuma firiin isaa baay’atu fi bilchaatun gadi jedhu jalqaba. Firaafireen waan isarratti ulfaatuf dameen isaa gadi jechuu jalqaba. Namnis akkuma beekkumsi isaa dabalun of gadi qabuu jalqaba.”
-Maalummaa nafsee ofii beeku,
-Laa hawla walaa quwwata illa billah jechuu fi itti amanuu (Hikni kanaa: Rabbiin malee tooftaa fi humni tokkollee hin jiru. Tooftaa fi humna Isarraa ta’een malee ani homaa hojjachuu hin danda’u jedhanii amanuu.)
اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ
Yaa waraa kitabaa kanaa baresitanii raabbiin guudanii jzzaa kesaanii jannatul firdowwsiin isnii haa kafaluu✌☝halumaa kanaa itii nuuf fuufaa……
wa aleykum salaam warahmatullahi wabarakaatuh