Balaa Guddaa Of-Dinqisiifachuu

Balaan Of-Dinqisiifachuu inni guddaa ta’e abbichi Islaama irraa duubatti deebi’uu fi kufrii irratti du’uudha. Kanaaf, seenaan armaan ragaa ta’a. Seenaa kana dubbisnee balaa of-dinqisiifachu sirritti haa hubannu.

Abdullah Al-Qasiimii

Tarii zamana kana keessa namoota duubatti deebi’an beekkamo keessaa tokko Abdullah Al-Qasiimii dha. Namni kuni beekumsa baay’ee argate. Keessumaayyu, beekumsa aqiidah. Namoonni zamana isaa isa faarsan. Qalamni isaa warra ahli sunnah wal jam’aa fi warra Imaam Muhammad Ibn Abdulwahhaab faalleessan irratti deebii deebisuuf ni katabe. Kitaaba isaa Al-Baariq Najdiyyah jedhu keessatti Dajawi irratti deebii ni deebisee. Kitaaba isaa “Al-Faslul Haasim Bayn Wahaabiyyiin wa mukhaalifihim” jedhu ni barreesse. Akkasumas, kitaaba waa’ee wasaniyyah (xaa’ota gabbaru) ilaalchise dubbatus ni qaba. Gama kanaan kitaabni kuni kitaaba baay’ee dinqisiisaa jedhame jira.

Warri zamana isaa ni jedhu: namni kuni kitaaba bobaa isaa jala kaa’ate kan deemu yoo ta’e malee isa hin arginu. Sahiih Bukhaari dubbisuun kan xamadame ture. Akkuma beekkamu, aabidni duubatti deebi’uun wanta akka addaatti ilaallamu miti. Garuu wanti ajaa’ibaa duubatti deebi’insa beektota Rabbiin namoota hunda caala Rabbiin sodaatan jedhe ibseeti. Rabbiin olta’aan akkana jedha:

إِنَّمَا يَخۡشَى ٱللَّهَ مِنۡ عِبَادِهِ ٱلۡعُلَمَٰٓؤُاْۗ

Gabroota Isaa keessa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa.” Suuratu Faaxir 35:28

Garuu namtichi kuni badii wayii isa qoqortu qabaa ture. Badii tana fayyisuuf hin ariifanne. Hanga murtii dhumaa keessa deebin hin jirre isa irratti murteessitutti, geengoo iimaanaa keessaa bahuttii fi Islaama irraa duubatti deebi’u gahuutti hiddarraa buqqisuuf hin tattafaanne. Badii tana tuqaalee armaan gadiitiin guduunfa:
A-Namoota biroo tuffachuu
B-Nafsee ofii jajuu fi qulqulleessuu
C-Beektota isa dura darbanii fi hiriyyoota isaa waanyu (hinaafu). “Sila isaantu rahmata Gooftaa keeti hiraa.
Of-dinqisiifachuun tuqaalee kanniin hunda walitti qaba. (Namtichi kuni sababa of-dinqisiifachuutiin Islaama keessaa bahee kaafira ta’e). Of dinqisiifachu kana walaloowwan isaa ragaa bahu. Walaloowwan kanniin keessaa inni tokko:

Osoo haqummaan hojjatanii silaa dhimma keessatti nan dursaa
Taatee hin beekkamne keessatti anaan ala nama biraa hin barbaadanii
Yommuu qajeelcha fedhanii gara ana malee hin kajeelanii
Yommuu collummaan yaadatamu ana malee hin yaadatanii
Yommuu jiiyni guutuu seenu ana malee hin arganii
Burji ishiitiin ala ani aduu qofaadhaa
Gadi fageenya galaanaa keessatti ani faaya bareedadhaa

…..

Rabbiin si haa eegu, namni dararamaan kuni Islaama isaatiin booda akkamitti akka duubatti deebi’e mee ilaali. Akkamitti hiriyyoonni inni waliin taa’u hiriyyoota kufrii, sirbaa fi alkooli akka ta’an mee ilaali. Inumaa kitaaba tawhiidaa fi warra tawhiida qabatanitti qoosu ni barreesse. Warri beekumsaa gariin fuunduratti achi bahuun deebii isarratti deebisan, jallinna isaa ifatti baasan. Rabbiif galanni haa galu.

Of eeggano, of eeggannoo badii inni itti kufe kanatti kufuu irraa. Badiin kuni “Of dinqisiifachuu” akka ta’e nan amana.

(Translator’s Note (Yaadannoo Hiikaa): Haawwan kootirraa seena akkana baay’ee nan dhagaya. Mee hamma yaadadhuun seenaa tokko nan kaasa: dargaggeessi tokko Islaama kan qabate ture. Siinqe muudaa namoota harkaa fuudhun ni caccabsaa ture. Dubartiin umriin ol deemte takka ni jette: Mucaa kana arga. Haala kanaan itti hin fufu. Of duuba deebi’a.” Yeroo muraasan booda dargaggeessi kuni Islaama qabachuu ni dhiise. Tarii rakkoon isaa akkuma nama armaan oli kana ta’a. Rakkoon kunis: Of-dinqisiifachuu fi namoota tufachuudha. Kanaafu, hojii gaarii yommuu hojjannu of-dinqisifachuu fi namoota tufachuu irraa of eegu qabna.)

Madda: Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 230-233

Guduunfaa:

  • Abdullah Al-Qasiimii kuni nama ijoollummaa irraa jalqabe bakka adda addaatti barnoota barachaa tureedha. Waa’ee Islaama keessumayyu aqiidaa ilaalchisee kitaaba baay’ee gaggaarii ta’an ni barreesse. Ni barate ni barreesse. Garuu dhumarratti sababa of-dinqisiifachuutiin haalli isaa ni jijjirame. Kafaruun khaatima (xumura) badaa irratti du’e. Ilaali seenaa isa asirraa: https://en.wikipedia.org/wiki/Abdullah_al-Qasemi
  • Al-amalu bil-khawaatim (Hojiin xumuraan madaallama) kana jedhu asirraa ni baranna. Tarii namtichi jireenya isaa guutuu waan gaarii hojjachaa ture. Inni kan dhalate Sa’uudi Arabiyaadha. Sooriyaa, Hind, Iraaqi fi Ijibtiin barnoota barachuuf ni deeme. Inumaa yuniversiti Islaama Al-Azhar seenun barnoota shari’a ni barate. Garuu dhumarratti ni kafare. Hojiin isaa suni hundi bade moo hin banne? Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha:

وَمَن يَرۡتَدِدۡ مِنكُمۡ عَن دِينِهِۦ فَيَمُتۡ وَهُوَ كَافِرٞ فَأُوْلَٰٓئِكَ حَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ

“Isin keessaa namni amanti isaa irraa duubatti deebi’ee ergasii kaafira ta’ee du’e, isaan suni addunyaa fi Aakhiratti hojiiwwan isaanii jalaa badan. Isaan sun warra ibiddaati, isaan achi keessatti hafoodha.” Suuratu Al-Baqarah 2:217
Kanaafu, hojii inni jireenya isaa jalqabaa irratti hojjataa turetu madaallama moo hojii inni jireenya isaa dhumarratti hojjatetu madaallamaa? Dhugumatti, hojii inni jireenya dhumaa irratti hojjatetu madaallama. Hanga nafseen isa keessaa baatu hojiin inni jireenya dhumaa irratti hojjate, takkaa hojii inni duraan hojjataa ture jalaa balleessa takka immoo ni tolcha. Wanti inni dhumaratti hojjate kufrii yoo ta’ee fi achumaan osoo hin tawbatin yoo du’e, hojiin isaa duraani hundi ni bada. Yoo iimaana irratti du’e immoo hojiin isaa duraani ni tola. Kanaafu, akka Rabbiin khaatima keenya tolchu kadhachuun nurra jira.

Dhugumattu seenan armaan oli seena nama sodaachisuudha. Sababni isaas, waan kheeyri jireenya guutuu erga hojjatanii booda dhumarratti kafaruun hojii guutuu nama jalaa balleessee ibiddatti nama geessa. Akkasumas, nama beekumsa kana hunda baratee fi barreessedha. Yeroo jalqabaatiif seenaa namticha kanaa yommuu dubbisu nan rifadhe. “Dhugumatti wanti nama baasu Rabbiin irratti hirkachuu fi khaatima gaarii irratti akka nama ajjeessu kadhachu qofaadha.” ofiin jedhe. Beekumsa baay’ee argachuu fi hojii gaggaarii baay’ee hojjachuun qofti gahaa miti. Beekumsa barbaadu fi hojii gaggaari hojjachuu waliin Rabbiin irratti hirkachuu fi du’aayi baay’isuun wanta hafuu hin qabneedha. Du’aayi tana haa baay’isnu:

رَبَّنَا فَٱغۡفِرۡ لَنَا ذُنُوبَنَا وَكَفِّرۡ عَنَّا سَيِّ‍َٔاتِنَا وَتَوَفَّنَا مَعَ ٱلۡأَبۡرَارِ

Rabbanaa faghfirlanaa zunuubanaa wakaffir annaa sayyi’aatinaa watawaffanaa ma’al-abraar
Gooftaa keenya! Badiiwwan keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra abraar wajjiinis nu ajjeesi.” Suuratu Aali-Imraan 3:193 (Abraar jechuun warra iimaana fi taqwaa qabanii fi toltu baay’isanii hojjataniidha.)

Print Friendly, PDF & Email
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 15
Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 14.2

2 comments

Leave a Reply