Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 15

Kutaa darbe irraa itti fufuun sababoota duubatti deebi’iinsaa ni ilaalla:

16-Ruuhi leenjisuu fi qulqulleessu irratti kakka`uumsa dhabuu
Nafseen ilma namaa ruuhi fi qaama irraa ijaarramte. Qaamni haqa qaba, ruuhinis haqa qabdi. Abbaa haqaa hundaaf haqa isaa kennuun dirqama.

Haajaan namni ruuhi isaa soorutti qabu haajaa inni qaama isaa sooru caalaa barbaachisaadha. Sababni isaas, ruuhi soorun faaydan isaa addunyaa fi Aakhiratti yommuu ta`u faaydan qaama sooru immoo addunyaa qofarratti gabaabbata.

Mallattoo fi amantii ahli sunnah wal jama`a keessaa tokko: iimaanni ni dabalas ni hir`atas. Rabbiif ajajamuun ni dabala, Isaaf ajajamu diduun immoo ni hir`ata. Rabbiin olta`aan ni jedha: “Iimaana isaanii waliin iimaana akka dabalataniif” (Suuratu Al-Fatih 48:4)

Xabaraani fi Haakim akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaasanii jiru: “Akkuma uffanni moofu iimaanni qoma tokkoo keessanii keessatti ni moofa. Kanaafu, akka iimaana qalbii keessan keessatti haaromsuuf Rabbiin kadhaa.” 

Dhugumatti, iimaanni dabaluun wantoota bu`uuraa ruuhi ittiin leenjisanii fi qulqulleessan keessaa tokkoodha. Namoonni baay`een marsaa ruuhi leenjisuu fi qulqulleessu akka darbanitti yaadu. Kuni wanta barsiistoonni gariin marsaa kana akka darbaniitti fi kufuu irraa sodaa akka hin qabne raga godhachuun dhiisaniidha. Kanarraa kan ka`e sheyxaanni karaa seensaa saalihota irratti argata. Tarii gara jallinnaatti isaan geessu danda`a.

Dirqamni nama irra jiru qalbiin qubbiin Rahmaan keessaa qubbiin lama jidduu akka jirtuu fi akka fedhetti akka jijjiruu beekudha. Karaalee ruuhi ittiin leenjisanii fi qulqulleessan dubbachuun dura namoonni bakka shanitti akka qoodaman ibsuu barbaada:
1-Nafsee ofii keessatti gaarii kan ta`e namoota biros kan fooyyessu (Ofiis tolchee namoota biroos kan tolchu (fooyyessu)). Kuni sadarkaalee keessaa sadarkaa ol`aanadha. Sadarkaan kunis sadarkaa nabiyyoota, sahaabotaa fi beektotaa fooyyessitoota ta`aniiti.
2-Nafsee ofii keessatti gaarii kan ta`e garuu namoota biroo kan hin foyyeessine (Of tolche namoota biroo kan hin tolchine). Kuni amala warra gara Rabbii namoota waamuu dhiisanii ibaada qofa hojjataniiti.
3-Namoota biroo fooyyesse garuu nafsee ofii kan hin fooyyessinee (Namoota biroo tolche kan of hin tolchine). Tarii warri kuni munaafiqoota irraa ta`uu danda`u. Tarii daa`iwwanii fi barattoota beekkumsa barbaadan kan sheyxaanni isaan gowwoomse ta`uu danda`u. Isaan keessaa nama tokko ni argita haala namoota fooyyeessuuf wanta qabu hunda kafaluuf qophii ta`a. Garuu ma`asiyaa (badii) Rabbiin malee eenyullee hin beekne isarratti argita. Tarii namoonni kunniin namoota Ergamaan Rabbii (SAW) haala isaanii ibsee keessaa ta`uu danda`u: “Namoonni gariin Guyyaa Qiyaamaa hojii gaarii hanga gaaraa gahuun dhufu. Ergasii Rabbiin akka daaraa bittinaa`e taasisa. Namoonni kunniin wanta Rabbiin dhoowwe waliin yommuu addatti bahan, ni hojjatu.
4-Nafsee ofii keessatti badaa kan ta`e garuu namoota biroo kan hin balleessine. Kan akka nama filmii ilaalu fi wantoota dhoowwamo biro hojjachuuf addatti bahu.
5-Nafsee ofii kan balleessu namoota biroos kan balleessu- kan akka hiriyyoota babbadoo.

Karaalee ruuhi ofii ittiin leenjisanii fi qulqulleessan

A-Halkan salaataaf dhaabbachuu (Qiyaamu Leyl)

Salafu Saalih (dhaloonni gaggaariin darban) halkan salaataaf dhaabbachuu irratti kakka`uumsa cimaa qabu. Hanga Ibn Siiriin akkana jedhu gahuutti: Osoo hamma hoola elman gaheyyuu halkan salaatun waan hafuu hin qabneedha.” Ragaaleen halkan salaatu agarsiisan garmalee baay`eedha. Rabbiin olta`aan akkana jedha:

17:79

Siif [ibaadaa] dabalataa akka ta`uuf halkan irraa isaan (Qur`aanaan) salaati. Gooftaan kee iddoo faarfamaa si dhaabuun ni abdatama.” Suuratu Al-Israa 17:79

76:26

Halkan irraa Isaaf sujuudi, halkan dheeraas Isa qulqulleessi.”  Al-Insaan 76:26

Aayaata Keenyatti kan amanu warra yommuu isaaniin yaadachiifaman sujuuda bu’anii fi faaruu Gooftaa isaanitiin [Isa] qulqulleessan qofaadha. Isaan of hin tuulan. Cinaachi isaanii ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi kajeellaan Gooftaa isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine irraas ni baasu.” Suuratu As-Sajdah 32:15-16

Dhugumatti, ka’uumsi halkanii [arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Suuratu Al-Muzzammil 73:6
Dhugumatti, ka’uumsi halkanii” kana jechuun hirriba booda yeroo halkanii salaatun, “[arrabaa fi qalbii] wal simachiisutti irra jabaa fi dubbiifis irra qajeelaadha.” Kana jechuun Qur’aana qara’uu fi hiika isaa hubachuuf guyyaa caalaa halkan yaanni fi niyyaan walitti sassaabamu. Sababni isaas, guyyaan waqtii namoonni faffaca’an, sagaleen itti baay’atuu fi yeroo galii jireenyaa itti barbaadataniidha. Guyyaa caalaa yeroo halkanii arrabaa fi qalbiin walitti galuu (wal simatu). Kana jechuun wanta arrabaan jedhan qalbiidhaan ni hubatu, itti xinxallu. Qalbiin yeroo halkanii na argaa, fedhii lubbuu, jeequmsa fi kkf irraa duwwaa ykn bilisa waan taatuf wanta arrabaan jedhan sirritti hubatan.

“Dhugumatti, isaan san dura toltu hojjattoota turan. (17)-Halkan irraa xiqqoo qofa kan rafan turan. (18)-Isaan obboroo araarama kadhatu.” Suuratu Az-Zaariyaat 51:16-18

“[Isaan] Gooftaa isaaniitiif sujuudaa fi dhaabbataa kanneen bulaniidha.” Suuratu Al-Furqaan 25:64

Abdullah ibn Qays ni jedha: salaata fardii erga salaanne homaayyu itti hin daballu jechuun namoota odeessan ilaalchisee yommuu Aa`ishah biratti dubbatamu akkana jette: Rabbiin wanta isaan irratti dirqama godhee irraa malee isaan hin gaafatu. Garuu isaan ummata guyyaa dogongora hojjataa oolaniidha. Nabiyyiin keessan isin irraa ta`ee osoo jiru isin isa irraa eessa jirtuu? Nabiyyi (SAW) halkan salaataaf dhaabbachuu isaa dhiisu hin argine yoo dhukkubsate malee. Yommuu dhukkubsates taa`ee salaata.` Ergasii aayah halkan salaataaf dhaabbachuu dubbattu gadi fuutee tarreessite.

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula130-133

Print Friendly, PDF & Email
Salaata Halkanii (Qiyaamu Layl)
Balaa Guddaa Of-Dinqisiifachuu

Leave a Reply