Salaata Halkanii (Qiyaamu Layl)

Kutaa darbe irraa itti fufuun waa’ee salaata halkanii ilaalla. Salaanni halkani salaata Ishaa’in booda salaatamuudha. Keessumayyu erga rafanii booda halkan qixxee ykn gara dhuma halkanii (sa’aati 9tti) ka’uun salaatama. Salaanni halkanii sadarkaa fi faayda guddaa akka qabu barruulee “Gabroota Ar-Rahmaan” jedhu jalatti ilaalle jirra. Har’as itti fufuun wanta xiqqoo itti daballa.

Salafa fi Qiyaamu Leyl (Dhaloota darbanii fi Halkan salaataaf dhaabbachuu)

Saalim akkana jedha: Abdullah ibn Umar halkan xiqqoo malee hin rafu. Abdurahmaan ibn Yaziid akkana jedha: Duula waraana tokko irra turre. Axaa`a Al-Khurasaaniyy halkan salaataa bula. Halkan irraa yommuu walakkaan ykn tokko sadaffaan darbu, nuti osoo dukkaana keenya keessa jirru gara keenyaatti qajeele akkana jechuun lallaba: Dhaabbadhaa wudu`a godhadhaa, salaata. Soomni guyyaa kanaati fi dhaabbannaan halkan kanaa muraa hadiidaa fi malaa dhuguu caalaa laafadha. Gara hojii gaarii, gara hojii gaarii fiigaa, nagaha bahaa, nagaha bahaa!” Ergasii gara salaata isaati deebi`a.

Silah Ibn Ashiim hanga gara firaasha isaatti daaddee deemuun dhufuutti halkan irraa ni salaataa ture.

Ibn Mas`uud akkana jedha: Nama Qur`aana baadhateef (haffazeef) yommuu namoonni rafan halkan dhaabbachuun, yommuu namoonni guyyaa nyaatan inni soomun, yommuu namoonni sobatti lixan inni cal`isuun, yommuu namoonni kolfan booyicha isaatiin beekkamutu isaaf mala.”

Halkan salaatutti kakaasuuf bo`oo walaloo Ibraahim ibn Ad`ham:
Yaa namana halkan dhaabbadhu tarii ni qajeelfamtaa
Hanga yoomi halkan raftaa umriin dhumataa jiraa
Ee badii keetii halkan guutuu rafaa bultaa
Namni biraa gola isaa keessatti salaataa bulaa
Yaa nama goowwomee ni rafataa osoo ibiddi boba`aa jiruu?
Hoo`insi isaa hin dhaamu barbadaan isaas hin dibamuu
Dhagayii! Ibiddi suni Lazzaa tan jedhamtuudhaa
Yeroo garii dukkanooftee yeroo biraa bobbeettii
Yaa nama badii hojjatuu ee badii kee dhiisii
Kan dheebottu taatee kaafamtaa fuulli kee gurraacha`ee
Ceem`ayaan mindaa ibaadaa osoo beekee silaa hin rafuu,
Ni sooma, halkan ni dhaabbataa namoonni osoo rafanuu
Gooftaa isaa tokkicha gabbaruuf addatti bahaa.

Halkan dhaabbachuutti kakaasu

Abdullah ibn Salaam akkana jechuun isaa gabaafame: Yommuu Nabiyyiin (SAW) Madiina seenu namoonni fuundura isaatti asi achi fiigan. Yommuu Nabiyyiin (SAW) dhufu ani namoota keessaan dhufuun fuula isaa arge. Fuulli fuula nama kijibaa akka hin taane nan beeke. Wanti jalqaba ani isarraa dhagayee: “Yaa namoota nageenya babal`isaa, nyaata nyaachisaa, namoonni osoo rafanu isin salaataa, Jannata nagayaan seentuti.” (Ibn Maajah Kitaaba nyaataa boqonnaa nyaata nyaachisuu 1334 (3251) keessatti gabaase)

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Salaanni hundara Rabbiin biratti jaallatamaa salaata Daawudi: walakkaa halkanii ni rafa, tokko sadaffa immoo salaataaf dhaabbata, tokko jahaffaa immoo ni rafa.” (Sahiih Al-Bukhaari- 2/63, 4/196)

Ammas Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Yaa Abdullah! Akka nama halkan salaataaf dhaabbataa turee ergasii halkan dhaabbachu (qiyamu leyl) dhiisee hin ta`in.”  (Sahiih Al-Bukhaari 2/68, Sahiih Muslim 1159)

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Osoo Abdullah halkan kan salaatu ta`ee nama akkam gaarii ture!” Saalim ni jedha: Abdullah halkan irraa xiqqoo malee hin rafuu ture.” (Sahiih Al-Bukhaari- Fatihu Al-Baari 7/113)

Gufuuwwan Halkan Dhaabbachuu

Wantoonni halkan salaataaf akka hin kaanee fi hin dhaabbanne gufuu namatti ta’an keessaa muraasni isaanii:

  • Baay’isanii nyaachu, keessumaayyu irbaata
  • Osoo janaaban namarra jiruu rafuu
  • Gurzaa buluu fi tapha baay’isuu
  • Zanbii fi ma’asiyaa (badii hojjachuu)
  • Hojii addunyaa kan akka qaxaramanii dalaguu, barnoota. Haa beekkamu ulfaatinna namoonni amma baadhatan caalaa dhaloonni durii (salafoonni) jireenya isaanii keessatti baadhatanii jiru. (Yeroo durii geejjibni akka xiyyaaraa, konkolaataa fi kkf hin jiranii turan. Kanaafu, namoota ammaa caalaa jireenya isaanii keessatti rakkoo fi ulfaatinna baay’ee argu. Isaan kana waliinu halkan salaataaf ni dhaabbatu.)   

B-Karaalee nafsee ittiin leenjisanii fi qulqulleessan keessaa sooma sunnah soomudha.

Soomni wanta gara Rabbiin ittiin dhiyaatan keessaa isa guddaa ta`eedha. Salafoonni sooma irratti kakka’uumsa cimaa qabu turan. Kunoo gabaasota garii isaan irraa dhufan: Mu’aaz yommuu du’u dheebuu guyyaa walakkaa (sooma) irraa wanta isa jala darbeef ni seena’e. Abu Bakr ganna soomaa ture, bona immoo ni hiika.

Karaalee biroo nafsee itti leenjisanii fi qulqulleessan

C-Qur’aana haffazuu, itti xinxalluu, qara’uu fi zikrii baay’isuu
D- Haadha abbaatti tola oolu
E-Hariiroo firummaa sufuu
F-Karaa Rabbii keessatti qabsaa’u
G-Salaataaf dursa argamuu
H-Salaata Jum’aatiif ganamaan argamuu
I-Masjiida keessa turu, keessumaayyu salaata fajrii, Asrii fi Magriiba booda
K-Dubbii faaydi hin qabne, hamii, jette jettee fi wantoota dhoowwaman biroo irraa fagaachuu
L-Qomni qulqulluu ta’uu (waanyu, jibba fi kkf irraa qulqullaa’u)
M-Mindaa abdachu fi obsuu
N-Beekumsa shari’aa barbaadu
O- Namoota gaggaarii waliin taa’u

Karaaleen nafsee ittiin qulqulleessan garmalee baay’eedha. Wantoota armaan olitti kaase irratti gabaabbadha.

Guduunfaa
Nafsee ofii leenjisuu fi qulqulleessun furtuu milkaa’innaati. Namni nafsee ofii qulqulleesse ni milkaa’aa, namni badii fi cubbuun xureesse immoo ni hoonga’a (kasaara). Kunoo Qur’aana keessatti:

Namni ishii(nafsee ofii badii irraa) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Kan ishii (nafsee ofii badiin) xureesse dhugumatti hoonga’e.” Suura Ash-Shams 91:9-10

Karaalee nafsee ofii ittiin qulqulleessan keessaaa gurguddoon: salaata halkanii salaatu, soomu, beekumsa shari’aa barbaadu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Salaanni halkanii nafseen akka tasgabbooftu, shakkii fi fedhii lubbuu irraa akka qulqullooftu taasisa. Soomnis fedhii lubbuu akka ibiddaatti nama keessatti boba’u qabbaneessa. Beekumsi dhimmoota gaarii fi badaa akka addaan baafatanii fi xumura wantootaa akka beekan waan nama taasisuuf nafsee ofii badii fi wanta fokkuu irraa eegan. Hojiin gaggaariin akka saamuna uffata xuraa’e dhiqee qulqulleessuti. Hojiin gaariin xurii hojii badaa oofun nafsee qulqulleessa. Qur’aana keessatti: “Dhugumatti, hojiwwan gaggaariin hojiiwwan babbadoo ni deemsisu (ni haaqu).” Suuratu Huud 11: 114

Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 16
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi'anii-Kutaa 15

Leave a Reply