Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti Deebi’anii-Kutaa 16

Ajaa’iba namni gariin saalfachuun milkaa’inna irraa duubatti deebi’a. Islaama waan hordofuuf nama keessa isaatti qaaniin itti dhagahamutu jira. Inumaa, wanti kanarra badaan namoota saalfachuun Islaama qabachuu dhiisudha. Islaama qabachuu kootiif maaliif namoota saalfadhaa? Isaan eenyu ta’aniitin isaan saalfadhaa? Saalfannaan wanta badaa irraayyi malee karaa milkaa’innaa keessa deemu saalfachuun wanta hin jirreedha. Shamarri hijaaba uffattu saalfachu hin qabdu, dargaggeessi areeda dheeressuu fi surree gabaabsu saalfachu hin qabu. Kana irra, hijaabni kabajaa ishii akka ta’ee sirritti beeku qabdi. Sababoota Islaama akka hin qabanne nama taasisan keessaa tokko namoota saalfachuudha.

17-Namoota Saalfachuu

Haala garii irratti hundaa’un nama dhiibbaan isarratti uumamutu jira. Kanaafu, sababa kanaan Islaama qabachu dhiisa. Yommuu isaan falman akkana jedha: Ani gara karaa kanaatti deebi’u barbaada, garuu namoonni ‘kuni nama dhaaba (ijjannoo) hin qabne’ nan jedhu sodaadha, ijjannoo kiyya murteessu irratti dandeetti hin qabu.

Ilaalcha namootaa sodaachuun gufuu guddaa irra darbuu hin danda’amnee ta’ee jira. Sodaan kuni namoota duubatti deebi’an gara Islaama qabachuutti deebi’uu irraa dhoowwa. Inumaa yeroo garii Islaama erga qabatanii akka duubatti deebi’an sababa ta’a.

Dargaggeessa amantii kanaaf fedhii guddaa qabuu fi beekumsa barachuuf nashaaxa qabu tokkotu ture. Dheerinna yeroo inni Islaama itti qabatee beekuuf waa’ee isaa ollaa isaa gaafadhe. Namni umriin guddaa ta’e tokko dargaggeesi kuni yeroo salaata fajrii masjiida keessatti mu’azzina akka dursuu natti hime. Garuu hiriyyoota babbadoo karaa kanaa fi isa jidduu seenaniin wal barate. Yommuu jijjirama isarratti arguu, isa daawwadhee isa waliin falme. Innis ni jedhe: Ani gara jama’aa qulqulluu kanatti deebi’uu barbaada. Garuu maatii fi hiriyyoota kiyya kan ani ma’asiyaa fi wantoota babbadoo irraa isaan dhoowwaa ture ergasii ofii kiyyaa itti deebi’uun isaan waliin hojjadhu maal godhaa? Akkamitti haala haarawaan itti deebi’ee isaan dhoowwaa? Fuula kamiin isaan qunnamaa? Karaa rakkoo kana hundaaf na saaxilutti hin deebi’u. Islaama qabachuun naaf hin danda’amu. Wanta gaariitti hin ajaju, wanta badaa irraayyis hin dhoowwu. Haala amma keessa jiru kana keessatti osoo na dhiiste bareeda.”

Anis nan jedhe: jecha namoota sodaachuun karaa kanarraa of ni dhoowwitaa? Yommuu Islaama qabachuu dhiistu namoonni `Haala kiyya kanarratti na dhiisan` jettee ni yaaddaa? Yommuu Islaama qabachuu dhiiste, nama dhaaba hin qabne jechuun si ibsanii jiru. Namni Islaama qabatee fi namni Islaama qabachuu dhiise jecha namootaa irraa nagaha hin ta’u. Inni dhimmota lama keessaa hin bahu:

A-Yommuu Islaama qabachuu dhiistu, warri kheeyrii fi hiriyyoonni kee duraanii ‘nama dhaaba hin qabne’ jechuun si ibsu. Dubbiin isaanii kuni adabbii hatamtamaa ta’u malee wanta biraa ni ta’a jedhee hin yaadu. Adabbii boodarra dhufu Rabbiitu beeka.

B-Yommuu gara haqa irraa dheessiteetti deebitu, warri badii maqaa si balleessu, `Nama dhaaba hin qabne` jechuun si ibsu. Kuni siif qormaata waan ta’eef jecha isaanii kana irratti obsi.

Garuu saahiba keenya kana saalfachuun gara haqaatti deebi’uu irraa isa dhoowwe. Nuu fi isaaf Rabbiin qajeelcha kadhanna.

Kanaan mata duree kana ni guduunfina. Gufuun kuni gufuu yaadati (imagination). Eenyutu dubbii namoota irraa nagaha ta’aa? Akka gabaafametti Nabii Muusaan (aleyh salaam) akkana jedhe: Yaa Rabbii! Eenyullee akka na hin rakkifnee fi hin arrabsinee Si kadha.” Rabbiinis akkana isaan jedhe: “Yaa Muusaa suni wanta Ani Ofifu hin goonedha.”

Khaaliqni namootaa azaa fi arrabsoo isaanii irraa nagaha hin taane. (Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti, Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ni jedhan: Rabbiin ni jedha: Ilmi Aadam Na arrabsee jira, Na arrabsuun isaaf hin malu. Na kijibsiisee jira, [Na kijibsiisuun] isaaf hin malu. Arrabsoon isaa Ani ilma akka qabu dubbachuu isaati. Kijibsiisuun isaa immoo akkuma jalqaba na uume deebisee na hin uumu jechuu isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 3193)

Yaa gabricha dadhabaa ati hoo akkam taataa? Sababa kanaan Islaama qabachuu ni dhiistaa? Yoo akkana goote ati dogongoraadha, shakkii hin qabu. Suni dogongora keeti. Jallinna kee itti hin fufin. Soba itti fufuu caalaa dogongora ofii amanutu gaariidha.

Yaa obboleessa kiyya! Gooftaa kee irraa saalfachuu dhugaa saalfachuun sirra jira. Namoota saalfachuu sababa duubatti deebi’iinsaa fi karaa Islaama qabachuu itti dhiistu gochuun sirra hin jiru. Rabbiin hunda caalaa saalfatamu akka qabu beeki.


Print Friendly, PDF & Email
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 17
Salaata Halkanii (Qiyaamu Layl)

Leave a Reply