Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 17
Yeroo ammaati fi durii wantoota Islaama irraa duubatti akka deebi’an ykn Islaama keessa taa’uun wanta isa faallessu akka hojjatan nama taasisu keessaa tokkoo qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachudha. Gufuun guddaan yeroo ammaa Muslimoota Itiyoophiyaa muudataa jiru keessaa tokko dhaabbata jabaa ‘Majliisa gaarii’ dhabuudha. Majliisni jabaa akka hin taane namoonni gufachiisan warra qabeenya jaallatuu fi hiyyummaa sodaatudha. Kanarraa kan ka’e, qabeenya ummata ni saamu, inumaa wanti kana caalu amanti (aqiida) ummataa booressuuf ahbashiin alaa fidatu. Kuni hundi qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachudha. Mee sababa 18ffaa Islaama akka hin qabanne nama taasisu haa ilaallu.
18-Qabeenya Jaallachuu fi Hiyyummaa Sodaachuu
Qabeenyi qormaata ciccimoo nama qunnamu keessaa tokkoodha. Nama meeqatu qabeenya ganaa tokkootiin amantii ofii gurguree. Nama meeqatu iddoo hojii fi rizqii isaa irratti sodaachuun amantii isaa wareege.
Ustaaz Fatih Yakun akkana jedha: Sababa kanaan namoonni karaa da’awaa irraa kukkufan baay’eedha. Garuu namoonni kana amananii hubatan muraasa. Qur’aana keessatti:
سَيَقُولُ لَكَ ٱلۡمُخَلَّفُونَ مِنَ ٱلۡأَعۡرَابِ شَغَلَتۡنَآ أَمۡوَٰلُنَا وَأَهۡلُونَا فَٱسۡتَغۡفِرۡ لَنَاۚ يَقُولُونَ بِأَلۡسِنَتِهِم مَّا لَيۡسَ فِي قُلُوبِهِمۡۚ
“A’araaba (Jiraattota baadiyaa) irraa warri duubatti hafan ni jedhu, ‘Qabeenyi fi maatiin keenya nu koo’omsan. Kanaafu, araarama nuuf kadhu.’ Wanta qalbii isaanii keessa hin jirre arraba isaanitiin jedhu.” Suuratu Al-Fatih 48:11
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akkana jedha:
“Isaan keessaa nama yoo Rabbiin tola Isaa irraa nuuf kenne, sadaqa kennina, warra gaggaarii irraayis taana jechuun Rabbiif waadaa galutu jira.Yommuu Inni tola Isaa irraa isaaniif kenne, ittiin doy’ooman, kan garagalan ta’anii ofirra deebi`an. Sababa isaan wanta Rabbiif waadaa galan diiganii fi waan sobaa turaniif hanga Guyyaa Isaan wal-qunnamaniitti nifaaqa qalbii isaanii keessa gochuun isaan adabe” Suuratu At-Tawbah 9:75-77
Mu’minni qabeenyi, qacarrii fi sadarkaan akka badanii fi Aakhiraan turtu akka taate beeku qaba. Addunyaa jaallachuu fi Aakhira caalaa addunyaa filachuun isaa shakki tokko malee akka gaabbu isaa taasisa.
“Guyyaa warroonni kafaran ibidda irratti fidaman, ‘Waan gaarii keessan jireenya addunyaa keessan keessatti fixattanii fi itti gammaddannii jirtu. Kanaafu, dachii keessatti haqa malee waan of tuulaa turtanii fi waan fincilaa turtaniif har’a adabbii salphisaa mindeefamtu.’ [isaaniin jedhama].” Suuratu Al-Ahqaaf 46:20
Walaleessaan ni jedhe:
Amanti kiyya qabeenya kiyyaan eegaa hin xureessu
Amanti booda qabeenya keessa Rabbiin barakaa hin godhinii
Qabeenyi kheeyrin keessa hin jiru gatiin isa ittiin argatan amantii yoo ta`e. Yaa obboleessa koo homaa sirra hin jiran, rizqiin harka Rabbiiti.
وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ
“Rizqiin keessanii fi wanti waadaa galamtan samii keessa jira.” Suuratu Az-Zaariyat 22
Namni qaxarame bulchaan na ari`aa sodaachuun salaata dhiisa.
Namtichi tokko haraamaan hojjata, mindaa kajeeluun haraamatti lixa. Namni kamiyyuu haalota keessaa haala kamiinu Aakhiraa caalaa addunyaa filate hoonga’aadha (kan kasaareedha). Sababa kanaan namoonnii duubatti deebi’an baay’eedha. Garuu sababa faaya qabeenyaatiin duubatti deebi’uun Qaaruun nama hunda caalaa beekkama ta’ee itti fufa.
Aaqilli nama amantii gurguree addunyaa bitatee ni ajaa’ibsiifata.
وَلَا تَشۡتَرُواْ بَِٔايَٰتِي ثَمَنٗا قَلِيلٗا وَإِيَّٰيَ فَٱتَّقُونِ
“Aayata tiyya gatii xiqqoon hin gurguratinaa, Ana qofa sodaadhaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:41
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَشۡتَرُونَ بِعَهۡدِ ٱللَّهِ وَأَيۡمَٰنِهِمۡ ثَمَنٗا قَلِيلًا أُوْلَٰٓئِكَ لَا خَلَٰقَ لَهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ وَلَا يُكَلِّمُهُمُ ٱللَّهُ وَلَا يَنظُرُ إِلَيۡهِمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَلَا يُزَكِّيهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ ٧٧
“Dhugumatti, isaan waadaa Rabbii fi kakuu isaanii gatii xiqqaan jijjirratan, warri suni Aakhiratti qoodni homaatu isaaniif hin jiru. Rabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu, gara isaaniis hin ilaalu; isaan hin qulqulleessu. Adabni laalessaanis isaaniif jira” (Suuratu Aali-Imraan 3:77) (Sobaan kakachuun qabeenya namaa nyaatu. Kuni qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachu irraa madda. Abdullah ibn Mas’uud akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Namni qabeenya nama Muslimaa yookiin obboleessaa isaa harkatti galfachuuf kakuu sobaa kakatee, Rabbiin isarratti kan dallanu ta’e Isa qunnama.” Rabbiin ergasii hadiisa armaan olii kan dhugoomsu Aayah [armaan oli] tana buuse” Sahiih Al-Bukhaari 6659)
ٱشۡتَرَوۡاْ بَِٔايَٰتِ ٱللَّهِ ثَمَنٗا قَلِيلٗا فَصَدُّواْ عَن سَبِيلِهِۦٓۚ إِنَّهُمۡ سَآءَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٩
“Aayaata Rabbii gatii xiqqoon gurguratanii karaa Isaa irraa dhoowwan. Wanti isaan hojjataa turan waa fokkate.” Suuratu At-Tawbah 9:9 (Kana jechuun aayaata Rabbiitiin meeshaa addunyaa yartuu (xiqqoo) taateen jijjiratan. Aayata Rabbiitti amanuu fi hordofuu irra faaydaa addunyaa xiqqoo taate filatan…)
Guduunfaa
Namoota qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachun Islaama qabachuu dhiisan ykn maqaa Islaamaatin wanta isaan irraa hin eeggamne raawwatan bakka sadiitti qoodu dandeenya:
1ffaa-Warra Islaama keessa hin seenne-Namoonni kunniin Islaama keessa yoo seenne, qabeenya ni dhabna jechuun Islaama keessa seenu irraa duubatti deebi’u. Qur’aanni namoonni gariin Rasuulan akkana akka jedhan ni hima:
وَقَالُوٓاْ إِن نَّتَّبِعِ ٱلۡهُدَىٰ مَعَكَ نُتَخَطَّفۡ مِنۡ أَرۡضِنَآۚ
“Ni jedhan: Yoo si waliin karaa qajeelaa hordofne, dachii keenya irraa butamna.” Suuratu Al-Qasas 28:57 (Kana jechuun Kuffaarri makkaa akkana jedhan: haqaa ati nutti fidde yoo hordofne fi wantoota waaqefannu yoo dhiifne, ajjeechaan, hidhaa fi qabeenyi keenya saamamuun lafa keenya irraa ari’amna.)
2ffaa-Warra Islaama keessaa bahuun amanti biraa keessa seene-kuni warra yaanni fi kaayyoon isaanii guddaan qabeenya argachu ta’eedha. Kanaafu, bakka qabeenyi jirtu waan barbaadaniif Islaama keessaa bahuun amanti qabeenya isaanitti dhangalaasu keessa seenu. Fkn, Islaama dhiisun peenxe ta’u. Amantiin peenxe dhugaadha jedhanii kan itti amanan osoo hin ta’in qabeenya argachuuf qofa keessa seenu. Warra kana ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Qalbiin isaa iimaanan tasgabbooftee osoo jirtuu nama dirqisiifame malee, amanuu isaa booda namni Rabbitti kafaree fi kufriif qoma isaa bal’ise, Rabbiin irraa dallansuutu isaan irra jira, isaaniif azaaba (adabbii) guddaatu jira.” Suuratu AnNahl 16:106
Sababni erga amananii booda akka kafaran isaan taasise, “Aakhirah caalaa jireenya addunyaa waan jaallataniifi” Suuratu An-Nahl 16:107
3ffaa-Warra bullukkoo Islaamaa uffachuun Muslimoota waliin deeman-kunniin warra Islaamatti fayyadamuun faaydaa addunyaa qofa argachuuf carraaqan ykn qabeenya argachuuf ajaja Islaamaa hin hordofneedha. Warri kuni takkaa warra iimaanni isaanii dadhabaa ta’e takkaa immoo munaafiqota. Qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachu irraa kan ka’e amantiif haajaa hin qabu. Yaanni fi kaayyoon isaa guddaan jaalala Rabbii fi ganda Aakhirah osoo hin ta’in qabeenya argachuudha. Daaw’as yoo godhe, namoota rakkattootaas yoo gargaare kaayyoon isaa guddaan qabeenya argachuu qofa. Yommuu qormaanni ciccimaan dhufu haalli isaa ifatti baha. Wanta barbaadu kana yoo dhabe da’awaa gochuu ni dhiisa ykn inumaa Islaama hordofu dhiisa. Gama biraatiin munaafiqonni immoo qabeenya argachuuf faallaa Islaamaa fi Muslimoota hojjatu. Kaafirota irraa qabeenya baay’ee argachuuf ergamtuu isaanii ta’u. Eeggumsa isaanii argatanii Muslimoota saamuuf wanti isaan hin goone hin jiru.
Gabaabumatti, namni qabeenya jaallachuu fi hiyyummaa sodaachuun amanti ofii gurgurachuu hin qabu. Yoo akkana godhe, addunyaa fi Aakhiratti miidhaa guddaaf of saaxila. Rizqiin isaa harka Rabbii akka jirtu beeku qaba.