Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 18.1

19-Dhiibbaa Haadha Manaa

Dubbistoonni gariin sababa kana akka addaatti ilaalu danda’u. Garuu sababa fuudhaatiin dargaggoonni baay’een gara Rabbii waamu dhiisanii fi Islaama qabachuu irraa duubatti deebi’anii jiru.Ustaaz Fatih Yakun kitaaba isaa keessatti seenaa kana ni kaasa: Obboleessa fuudhuu isaatiin dura gootaa fi bu’a-qabeessa ture tokko nan beeka. Ergasii dubartii baddu takka fuudhee du’aa fi hiyyummaa ija isaa lamaan jidduu keette. Akkuma mucaa tokko deessen haqa daa’imni kuni isarraa qabu isa yaadachiisti. Isaaf jedhee carraaqqi isaa dachaa akka godhuu isa gaafatti. Yommuu ijoolleen isaa baay’atanii fi niitin isaa haala kana irra jirtuu, inni ni kufe. Addunyaa kan jaallatu ta’e. “Gabrichi diinaaraa, dirhamaa, Qaxiifaa fi Khamiisaa haa badu. Yoo isaaf kenname ni gammada, yoo isaaf hin kennamiin hin gammadu, [ni dallana].

Hasan akkana jechuun isaa gabaafame: namtichi wanta niitiin hawwitu hunda keessatti ishiif ajajamu yoo itti fufe, Rabbiin ibidda keessatti isa gonbisa.`

Namtichi kuni beekumsa barbaadu fi barnoota irratti argamu keessatti fedhii guddaa kan qabu turee, yommuu fuudhuu iddoo beekumsa barachuuf wal gahan keessatti lamu isa hin argine. Ergasii yommuu isa iyyaafatan namni tokko akkana jedhe: haadha manaa isaa osoo hammatu du`e. Rabbiin rahmata isaaf haa godhu.

Daa`iwwan baay’een istiqaamaa (gadi dhaabbachuu) caalaa haadha manaa isaanii jaallachuu fi ishiif ajajamuu filatanii jiru. Sababa ishiitiif dhimmoota shari’aa baay’ee irraa gadi bu’u. Kan akka shufeera ishiif qopheessu, ishiitti dhiyaachuuf mana keessa haraama seensisuu. Mana isaa Tv irraa qullaa ta’ee erga turee booda chaanali hundaan mana isaa guute. Ishiif jedhee haadha abbaa isaa miidha. Akkuma odeessu miidhaginnaan ishii fuunduratti mul’achuuf areeda haadata. Ishii waliin taa’uuf warra gaggaarii fi isaan waliin taa’u irraa fagaata. Qur’aana haffazu ni dhiisa. Bakka dhiiraa fi dubartiin walitti makaman seena. Ishii gammachiisuuf sadaqa, zakaa, haqaa fi dirqamoota isarra jiran ni dhiisa…

Wanti armaan olitti dubbatame haqa ifaa seenaa fi wanti jiru raga bahuudha. Garuu dhiironni karaa da`awaa isaanii irraa homtu isaan hin deebisnee eessa jiruu? Warroonni yommuu niiti akkanaatiin qoraman gara ishiitti fiigun akka tawbattu ykn addaan bahiinsi akka dhufu taasisan eessa jiruu?

Muslimni yommuu fuudhuu barbaadu osoo sirritti itti hin yaadin itti fiiguu fi miidhaginna qofa ilaale duuba fiigu hin qabu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Tan amanti qabdu qabadhu, [ta’uu baannan] ni kasaartaa.”  Sahiih Al-Bukhaari 5090

Muslimni dubartii salaata halkanii fi fajriitiif isa kaastu barbaadu eessa jiraa? Dubartii Aakhiraa isaa jalaa ooftu fi addunyaa isaa jalaa balleessituu osoo hin ta’in dhimmoota amantii fi addunyaa isaa irratti isa gargaartu qoratu eessa jiraa?

Dubbisaan dubartoota irratti fe’uumsa fe’a akka jiru hin yaadin. Sababni isaas, isaan keessa dubartoota gaggaarii daa’i ta’anii fi haala abbaa manaa isaanii jijjirantu jira. Dubartoonni kunniin Rabbii gadiitti abbaan manaa isaanii gara kheeyrii, gaarummaa fi Rabbiitti waamuutti akka qajeeluuf sababa ta’an. Kanarraa gosa namootaa baay’ee beekna. Garuu gosoonni jalqabaa kan aaqilli hin morminee baay’innaan jiru.

20-Dhiibbaa maatii baadhachuu dhiisu

Sababni kuni sababoota ijoo dargaggoota gara duubatti deebi`uutti geessan keessaa tokko ta`uu danda’a. Sababni isaas, mararfannaan abbooti fi haadholee irraa argamu ijoollee isaanii Islaama qabachuu irraa akka dhoowwan taasisa. Namni da’awaa irratti hojjatu yeroo baay’ee karaa haqaa irraa isa deebisuuf dhiibbaa maatii irraa nagaha hin ta’u. Keessumayyu jalqaba Islaama qabachuu irratti. Sababoonni dhiibbaa kanaa baay’eedha. Isaan keessaa:
1-Ijoolle irratti sodaachu– yeroo baay’ee sodaan kuni sodaa sammuu keessatti kaafame dhugaa kan hin taanedha. Yommuu abbaa isaa `Wanti ati ilma kee irratti sodaattu maalidha?` jettee gaafattu, deebii deebisuu keessatti kan dhama’u ta’e argita. Tarii maddi sodaa kanaa wanta daa’iwwanirra gahu kan akka qormaataa fi rakkoo ta’uu danda’a. Warri, ijoollee isaanii irra dhimmoonni akkanaa akka gahan hin barbaadan. (fakkeenyaf warri yommuu daa’in hidhamu fi tumamu argan, “Kuni sababa inni Islaama qabateef” jedhanii waan yaadaniif ijoollee isaanii Islaama sirritti qabachu irraa dhoowwu. Kuni dogongora guddaadha. Kana ilaalchise wanta Imaamu ibn Al-Qayyim barreessse ilaalun ni danda’ama: namni fitnaa fi qormaata Ergamtootaa fi hordoftoota isaanii irra gahu sodaachun Rabbitti amanuu fi Ergamtoota Isaa hordofu didee, Islaama irraa garagaluun fitnaa fi qormaata jalaa nagaha waan bahu isatti fakkaata. Dhugumatti, isa fuundura wanta irraa dheesse caalaa fitnaa, qormaataa fi azaaba (adabbii) guddaa fi ulfaataa ta’etu jira. (Waan amanuu fi Islaama hordofuu dideef azaaba Jahannamtu isaaf jira.))

2-Tarii abbaan ykn firri nama ma’asiyaa (badii) hojjatuu fi fedhii qullaa hordofuu ta’uu danda’a. Yommuu ilmi Islaama qabatu abbaa fi wanta inni fedhu jiddu seena. Sababa kanaaf, ilma irratti dhiibbaa uuma.

3-Abbaan barnoota mucaa isaa irratti sodaachu. Da’awaan mucaa fi barnoota isaa jidduu ni seena jedhe waan yaaduf da`awan barnoota isaa irratti dhiibba fida jedhe mucaa dhoowwuuf tattaafata. Taqwaan sababa rizqii fi sadarka ol`aana irra gahuu akka ta`e abbaan kuni hin beekne.

29:69

Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- dhugumatti karaalee Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69

Dhugaan kana ragaa baha. Mana barnootaa keessatti warri sadarka ol`aana qabatan irra caalaan isaanii warra Islaama qabatanii fi warra gaggaarii ta’uu argita. Rabbiif galanni haa galu.

4-Waanyu (Hinaaffi)– tarii dubbisaan mata-duree kana akka addaatti ilaalu danda`a. Akkana isaan jedha: hin dinqisiifatin, dhugumatti waanyun sharrii dhuma badaa qabuudha. Firoonni waanyun wanta beekkamaadha. Kana sammuutti kaleessuuf akkana jedha: namni yommuu dhimmoota addunyaa irraa kan akka qabeenyaa, beekkamtii, sadarka ol`aana fi kkf isaaf kennaman waanyoof saaxilama. Keessumayyuu hiriyyoonni fi firoonni dhiyoon isa waanyu. Kuni dhimma falmiin keessa hin jirreedha.

Wanta armaan olii irratti erga walii gallee, qajeelinni, Islaama qabachuun, beekumsi fi hubannoon dhimmoota faarfamoo fi abbichi kan qubbiniin itti akeekkamudha. Saniif, namni wantoota kanniin qabu namoota biroo caalaa waanyoof  saaxilama. Kanaafu, dhimma amanti keessatti firri fira isaa waanyu maaliif akka addaatti ilaallaa? Garuu dhimma addunyaa keessatti firri fira waanyu akka addaatti hin ilaallu. Dhugumatti, ilmi Aadam yommuu obboleessa waanye, dhimma addunyaatiif isa hin waanyine. Kana irra, yommuu Rabbiin obboleessa isarraa qeebale isarra immoo qeebalu dhiise dhimma amantitiif isa waanye. Qeeballi kanarratti waanye isa ajjeese.

Waanyun kuni yeroo baay’ee obboleeyyanii fi firoota irraa argama. Garuu abbootaa fi haawwan irraa ni argama jedhee hin yaadu. Wanti Nabii Yuusuf fi obboleeyyan isaa jidduutti ta’e ragaa ifaati.

Maddi waanyu kanaa: firri kee beekaa (aalima), walgahii keessatti gara fuunduraatti bahuu ni sodaata. Kanaaf, si fi gara fuunduraatti baatee beekkama ta’uu jidduu seenuuf tattaafata. Seenaan oduu warra amanti isaanii qabachuf jecha dhiibbaa kana baadhatanii fi irratti obsaniin kan guuttameedha. Kutaa itti aanu keessatti seena kana irraa muraasa isaa ni ilaalla. In sha Allah.

Print Friendly, PDF & Email
Sababa Duubatti Deebi'Iinsaa-Kutaa 18.2
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 17

Leave a Reply