Sababa Duubatti Deebi’Iinsaa-Kutaa 18.2

Kutaa darbe keessatti Islaama qabachuu keessatti dhiibbaa maatiin namarraan gahu ilaalle jirra. Amma seenaa warra dhiibbaa maatii danda’anii ilaalla. Tarii kanaaf fakkeenyi ifaa seenaa Nabiyyi Rabbii Ibraahimi. Ibraahim (aleyh salaam) yommuu da`awaa babal’isuu fi qabachuu irraa isa dhoowwuuf dhiibbaan abbaa fi ummata isaa irraa ni qunname. Garuu inni dhiibbaa kanaaf gadi jechuu ni dide. Amantii isaatiif jedhee nafsee fi qabeenya isaatiin wareega kafalun karaa isaa itti fufe. Kanaafi, Rabbiin akkana jechuun isa faarse:

 “Dhugumatti, Ibraahimii fi warra isa waliin turan keessa itti hidhannaa gaariin isiniif ta’eera. Yeroo isaan ummata isaaniitiin, “Dhugumatti, nuti isinii fi wanta isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha, isin morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanitti nuu fi isin jidduutti diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira.” jedhan, [itti hidhannaa gaariitu isiniif jira.] Jecha Ibraahim abbaa isaatiin: ‘Araarama siif kadha, [adabbii] Rabbii irraa homaa siif gochuu hin danda’u.’ jedhe malee. Gooftaa keenya sirratti hirkanne, gara Keettis deebine, deebiin garuma keeti. ” Suuratu Al-Mumtahinah 60:4

Yaa warra amantan! Yommuu Ibraahimii fi namoonni amanan isa waliin jiran ummataa kaafiraatiin akkana jedhan fakkeenya gaarii isiniif ta’u: Dhugumatti nuti isinii fi wanta Rabbii gaditti gabbartan irraa qulqulluudha. Isin dinnee fi amanti keessan morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanii fi Isa qofa gabbartanitti nuu fi isin jidduutti diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira. Garuu jechi Ibraahim abbaa isaatiin ‘Rabbiin irraa araarama siif kadha’ jedhu hidhanna kana keessa hin seenu. Kuni kan ta’e abbaan isaa Rabbiif diina ta’uu isaaf ifa ta’uun dura. Yommuu abbaan isaa Rabbiif diina ta’u isaaf ifa ta’u, Ibraahim isarraa qulqullaa’e.[1] Kanaafu, Muslimni tokko osoo abbaan isaa kaafira ta’e, Rabbiin irraa araarama isaaf kadhachuun hin ta’u. (ilaali suuratu At-Tawbah 9:113)

Abbaan Ibraahimii fi ummanni isaa karaa kanarraa isa dhoowwu keessatti hin milkoofne. Kana irra, Ibraahim gara tawhiidaa fi Rabbiin gabbaruutti isaan waamuuf qabsoo guddaa adeemsise. Rabbiin olta’aan akkana jedha:

“Kitaaba keessatti Ibraahimin dubbadhu, dhugumatti inni nama dhugaa fi nabiyyii ture. Yommuu abbaa isaatiin [akkana] jedhe: Yaa abbaa koo! Maaliif wanta hin dhageenyee, hin arginee fi homaa si hin fayyanne gabbartaa? Yaa abbaa koo! Dhugumatti, beekumsa irraa wanti sitti hin dhufne natti dhufee jira. Kanaafu, ana hordofi karaa qajeelaa si qajeelchati. Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin, dhugumatti sheyxaanni Rahmaanif didaa ta’e jira. Yaa abbaa koo! Rahmaan irraa adabbiin si tuqee [ibidda Jahannam keessatti] sheyxaanaaf hiriyyaa taata [jedhee] sodaadha. [Abbaanis] ni jedhe: Yaa Ibraahim! Sila ati gabbaramtoota koo dhiistee irraa garagaltaa? Yoo hin dhiisin dhagaan si buruqsa (cafaqa). Yeroo dheeraaf narraa fagaadhu. [Ibraahimis] ni jedhe: Nageenyi sirra haa jiraatu. Gooftaa kiyya irraa araarama siif kadha. Dhugumatti, Inni anaaf rahmata godhaadha. Isinii fi wanta isin Rabbii gaditti gabbartan irraa adda baha, Gooftaa kiyyan kadha. ‘Gooftaa kiyya kadhachuun hoonga’aa hin ta’u’ jedheen abdadha.” Suuratu Mariyam 19:41-48

Yaa Ibraahim! Sila ati gabbaramtoota koo dhiistee irraa garagaltaa? Yoo hin dhiisin dhagaan si buruqsa (cafaqa).` Kana jechuun yaa Ibraahim wantoota ani waaqefadhu waaqefachu dhiistee irraa garagaltaa? Gabbaramtoota kanniin arrabsuu yoo hin dhiisin dhagaan buruqsee si ajjeesa. Narraa deemi, na hin qunnamin. Yeroo dheeraaf na hin dubbisin.[2]

Naannoon badaan amanti isaa akka qabatu fi itti fufu carraa hin kennineef. Abbaan isaa isa ari’uun sodaachisuu waliin Ibraahim da’awaa itti godha.

6:74

Yommuu Ibraahim abbaa isaa Aazaraan,‘Sila sanamoota gabbaramtoota godhattaa? Dhugumatti ani, si fi ummata kee jallinna ifa bahaa keessa jiraachun arga.’ Jedhe [yaadadhu].” Suuratu Al-An’aam 6:83

Yaa obboleessa jaallatamaa! Yeroo ulfaatinnaa humni Ibraahim dadhabee jiraa? Iimaanni isaa laafee jiraa? Lakki, amanti kanaaf jedhee adeemsa walitti hidhee itti fufee, waa baay’ee danda’e. Inumaa wanta ummanni isaa gabbaru ni qeeqe:

Yommuu abbaa isaatii fi ummata isaatiin akkana jedhe: maal gabbartuu? Sila kijibaan Rabbiin alatti gabbaramtoota barbaaddu?’” Suuratu As-Saffaat 36:85-86

Kana jechuun sila Rabbiin gabbaruu dhiistanii gabbaramtoota sobaa gabbaruu barbaaddu?[3]

Kana beekuun waan hafuu hin qabneedha: Rabbiin faallessu keessatti abbaaf ajajamuu hin qabu. Khaaliqa dallansiisee makhluuqa dallansiisuu hin qabu. Jaalalli Rabbii wanta namni aaqilaa hundi barbaadudha.

Tarii dubbisan dhaabbatee akkana jechuu danda’a: nabiyyoota waliin wal bira nu qabdaa? Ani nan jedha: lakki. Garuu isaan irraa barnootaa fi gorsa fudhanna. Rabbiin Ibraahimaa fi warroota isa waliin jiran fakkeenya gaarii (role model) muslimni hundi itti hidhatu godhee jira. Kana ilaalchisee seenaa sahaabota garii nan dubbadha. Galmee seenaa keessatti Zahabiin waa’ee Sa’d ibn Abi Waqqaas ilaalchisee wanta armaan gadi dubbatee jira:

Sa’d akkana jedha: Aayan tuni ana ilaalchistee buute:

وَإِن جَٰهَدَاكَ عَلَىٰٓ أَن تُشۡرِكَ بِي مَا لَيۡسَ لَكَ بِهِۦ عِلۡمٞ فَلَا تُطِعۡهُمَاۖ وَصَاحِبۡهُمَا فِي ٱلدُّنۡيَا مَعۡرُوفٗاۖ

“Yoo isaan lamaan waan beekumsa itti hin qabne irratti akka Natti qindeessituuf sitti qabsaa’an, tole isaaniif hin jedhin. Garuu duniyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu.” (Suuratu Luqmaan 31:15)

Haadha tiyyatti tola kan oolu ture. Yommuu ani sallamu (Islaama keessa seenu) ishiin akkana jette: Yaa Sa`ad amantiin ati haarawa fidde kuni maalidhaa? Takkaa amanti kana ni dhiista yookiin immoo hanga du’utti hin nyaadhu hin dhugu. Ergasii ni qeeqamta. `Yaa nama haadha isaa ajjeesa` jedhama. Anis ni jedhe: Yaa haadha koo akkas hin godhin. Ani homaafiyyuu jedhee amanti kiyya kana hin dhiisu. Guyyaa tokko fi halkan tokko osoo homaa hin nyaatin turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Garmalee tan dadhabdu taate bariisifatte. Yommuu kana argu ani ni jedhe: Yaa haadha koo! Ni beekta, Rabbiin kakadhe! Osoo ati nafsee dhibba (100) qabaatte, nafseen hundi takka takkaan si keessaa baate, amanti kiyya kana homaafiyyuu jedhee hin dhiisu. Yoo feete nyaadhu, yoo feete immoo hin nyaatin. Ergasii ishiinis ni nyaatte.”

Haati tuni ilma ishii Islaama irraa deebisuuf mararfannaa isaatti fayyadamte. Mararfannaa inni ishiif qabu sochoosuf tooftaa dharaa fayyadamte. Garuu mararafannaan kuni ykn wanti biraa imaana dhugaatti gufuu hin ta’u. 

Mee amma gara sahaabaa biraa seenaa seena kanatti dhiyoo ta’e qabuutti haa dabarru. Sunis seenaa Mus’ab ibn Umeyr. Inni dargaggeessa qanani’a uffata gaarii uffatu, kophee gaarii godhatuu fi shittoo gaarii ofitti dibuudha. Haati isaa garmalee isa jaallachuu irraa kan ka’e, yommuu hirribaa ka’u akka nyaatuuf teemira, eeybi fi dhadhaa walitti makte kubbaayyaa keessa gochuun mataa isaa bira keetti.

Mus’ab Ergamaan Rabbii (SAW) namoota gara Islaamatti waamu yommuu dhagahuu, jireenyi isaa jijjiramuu jalqabe. Mus’abis Daarul Arqamatti gara Nabiyyii (SAW) deemun ni Islaamawe, ni dhugoomse. Achii erga bahee haadha fi namoota isaa irraa sodaachun Islaama ofii ni dhokse. Gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) dhoksaan ni deddebi’aa ture. Garuu dhoksaan kuni homaa hin turre. Gaafa tokko osoo Mus’ab salaatu Usmaan bin Xalah isa arguun haadha fi namoota isaatti beeksise. Isaanis isa qabanii hidhan.

Haati isaa Islaama irraa isa dhoowwuuf sharrii fi tooftaa adda addaa xaxuu jalqabde. Yeroo garii dhaalaa fi qabeenya isa dhoowwachuun sodaachisti.  Yeroo biraa immoo jaalala inni ishiif qabu waan beektuuf nafsee ofii rakkisuun sodaachisti. Ergasii marsa isa rakkisuutti dabarte. Garuu inni ni obse, mindaa Rabbiin irraa abdate. Dhugumatti, nama iimaanni qalbii isaa keessa seeneef yaaliwwan kunniin hin milkaa’an.

Iccitiin obsa warra kanaa keessa jiru; isaan hamma musiibaa fi ifaajee amanti kanaan wal qabatu ni beeku. Inni karaa qoreen, musiibaan, rakkoo fi ifaajeen guuttameedha. Kanaafi, wareegamuu fi obsuun karaa tokkicha amanti kana ittiin qabatan akka ta’e ni argan. Saniif karaa ulfaata kana deeman, milkaa’innaanis darban. “Mu’mintoota irraa dhiirota waan Rabbiif waadaa galan dhugoomsantu jiru.” Suuratu Al-Ahzaab 33:23

Yaa obboleessa jaallatamaa isaanitti hidhachuun ulfaataa akka ta’etti hin yaadin. Kana irra, nama Rabbiin waliin dhugaa ta’ee fi mindaa kajeelef salphaadha.


[1] Tafsiiru Muyassar-549, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/245[2] Tafsiiru Muyassar-308 [3] Madda olii

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 19
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 18.1

Leave a Reply