Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 19

21-Dhiibbaa Naannoo

Shakkii hin qabu naannoon jiraattota irratti dhiibbaa qaba. Saniifi, mu’iminni amanti isaa keessatti akka hin qoramneef Nabiyyiin (SAW) mushrikoota waliin gurmaa’u, isaan waliin taa’u fi isaan waliin jiraachu irraa dhoowwe.  Iccitiin dhoowwa kana keessa jiru, naannoo badaa qajeelfamoonni bu’uuraa, akhlaaqni fi amantin itti bade keessatti akkasumas, hawaasni akka horii kaayyoon isaanii ol’aanan fedhii ofii guuttachuu ta’ee keessatti dhiibbaan mu’minarra gahuu danda’a.  “Isaan akka horii malee homaayyu miti. Inumaa san caalaa karaa irraa kan jallataniidha.” (Suuratu Al-Furqaan 25:44)

Kanaafi, Muslimaaf biyyoota akkana deemuun isaaf hin hayyamamu wanta dirqama ta’eef malee. Kan akka qorichaa, barnoota, daldalaa. Wantoonni dirqamaa kunniin qajeelfama shari’aa qabu. Qajeelfamoota kanniin asitti kaasuuf qorannoo keenyaa miti. Ani amma asitti dhiibbaa hawaasni badaan kuni nama achi keessa jiraatu irratti fidu dubbadha: namticha Islaama qabate, amanti isaa eegu, amaana Rabbiin irra kaa’e tiiksuu fi namootaaf fakkeenya ta’e tokko nan beeka. Dhimmoota jireenya isaa keessatti ol’aantummaa qaba. Namtichi kuni yeroo gabaabaa keessatti mana isaa meeshaa taphaa fi badii irraa qulqulluu ta’etti jijjiruu danda’eera. Maatii isaa hijaabatti ni ajaje, dhiira alagaatiin walitti makamuu irraa ni dhoowwe. Kitaabbanii fi kaasetti faayda guddaa qaban isaaniif fide.

Akkuma kana hojii isaa keessatti collummaa (ciminna) guddaa agarsiise. Ciminni kuni biyyoota kufrii keessaa biyya takka keessatti gahee hojii isaatiin akka kaadhimamu taasise. (Biyya kufrii tana keessatti akka gahee hojii tokko hojjatuuf ni affeerame). Innis diddaa tokko malee wali galee. Fitnaa fi fasaada (badii) biyya tana keessa jiru osoo hin madaalin achi deemu irratti wali gale. Ergasii innis gara biyya kufrii tanaa ni deeme. Hawaasa kaafiraa kanaan ni gowwoome. Isaanii fi qabeenya isaanii balaqessa’e baduu ni dinqisiifate. Gaheen hojii isaa ni xumuramee. Qalbiin isaa suuraa jallinnaa garagaratiin tan guuttamtu taatee gara maatii isaatti deebi’e. Mana gaarii gara jama’aa jaahilaatti jijjire. Qajeelfama bu’uuraa Islaama qabachuutti ni qoose. Gatii amantii gadi buuse. Manni isaa fakkeenya badiitii fi waxxee fasaadaa ta’e. Shakkii hin qabu, kuni dhiibbaa naannoo irraa kan dhufuu fi dhimmoota haala salphaan gubbaa isaanii qofa ilaaluti.

Ustaaz Fatih Yakun akkana jechuun dubbata: namtichi tokko gara Ameerikaa deeme. Biyya isaa keessatti Muslimaaf fakkeenya gaarii ture. Obboleeyyan isaa jidduutti hidhannaa gaarii itti hidhatan ture. Garuu biyya kaafira tana keessa waggoota muraasaaf turuun isaa gara nama biraatti isa jijjire. Haala duraa irraa ni jijjiramee. Naannoon badaan isarratti dhiibbaa guddaa uumee jira. Deemsa isaatiin dura ifa isarraa ifu akka dhabu taasise.

Namtichi biraas gara naannoma kanaa imale. Waggaa tokko caalaa gadi dhaabbachuu hin dandeenye. San booda ma’asiyaa keessatti lixe. Ergasii oduun isaa ni dhokate, faanni isaa ni bade. Hanga ammaatu xalayaa waggaa jalqabaa irratti naaf erge nan yaadadha. Xalayaan kuni warra da’awaa irratti hojjatan qeequu fi faallessun kan guuttameedha. Ergasii xumurri isaa karaa qajeelaa irra jallachuu ta’e. Gargaarsa Rabbuma irraa barbaadan.” –xumurame

Gaafatan akkana jechuun of gaafachu danda’a: gochi moo’atamuu fi duubatti deebi’u kanatti geessu maalidhaa? Anis akkana jechuun deebisa:

  • Ulfaatinna karaa fi ba’aatti xiyyeefachu dhiisu-Asitti nama yommuu hawaasa isaa keessa jiraatu balaa haalaa, ulfaatinna karaatii fi  ulfaatinna ba’aatti xiyyeefannoo hin kennineetu jira. (Islaama qabachu keessatti ulfaatinnaa fi rakkoolee nama qunnamanitti hin xiyyeefatu). Yommuu gara hawaasa biraa deemu dhimmichaaf siinqi barbaachisu hin qopheefanne. (Beekumsa gahaa fi iimaana cimaa hin hidhanne.) Kanaafu, qormaata jalqabaa irratti kan kufu ta’e argita. Dhugumatti, karaan Islaama qabachuu qoreen kan guuttameedha. Namni kana baadhachuu hin dandeenye dhumti isaa kasaaraa fi badiidha.
  • Shakkii fi jallinni gariin nama keessa jiraachu-Kunoo asitti nama Islaama qabachuun isaa hundee sirrii irratti hin hundoofnetu jira. Tarii shakkiin, jallinni amalaa fi adeemsaa muraasni isa bira jiraachu danda’a. Hundeen amanti cimaa ta’e kan fedhii lubbuu isaatirraa isa deebisuu isa keessa waan hin jirreef yeroma jalqabaa qoramuun ni kufa.
  • Islaama hordofuu aadaa godhachuu fi hawaasa akkeessu-Asitti nama Islaama qabachuun isaa aadaa fi hawaasa keessa jiraatu akkeessu kan ta’etu jira. Naannoo kanarraa gara naannoo biraatti darbuu isaatiin kufaati ariifataa kan kufu ta’e argita. Sababni isaas, Islaama qabachuun isaa akkeessaa irratti kan hundaa’edha. Sababni yoo bade bu’aan isaas ni bada.
  • Namoonni inni waliin ta’u jijjiramu-Sababni jallinna kanaa naannoo lammataa keessatti warroonni inni waliin taa’u jijjiramu danda’u. Naannoo lammataa kana keessatti warra beekumsaa fi da’awaa, warra alkooli dhuganii fi sirbaniin bakka buusa. Kufaatiin asirraa jalqaba. Wanta dubbatamu keessaa tokko: Hasan Al Banna yommuu obboleewwan isaa keessaa tokko biyyaa addaati fi barnoota itti baratan ykn hojjatan kaa’u, wantoota lama irraa isa akeekachiisa: dubartii jalqabaa fi dhugaati nama macheessu jalqabaa.
  • Fitnaa irraa sodaachuu fi of eeggachuu dhiisu. Sababni isaas, jallinna biyya san keessa jiru herreega homaatu herreegu dhiisun kufaati kan labsuudha, yoo Rabbiin fedhe malee.

Ilmaan Muslimoota aasxaa kheeyri fi fooyya’insaa ta’anitti hasaasun mata duree kana xumura. Akkana isaaniin jedha; isin keessaa nama biyya isaa keessatti Islaama qabatutu jira. Yommuu gara biyya kufrii yookin inumaa biyyoota Muslima keessaa biyya biraatti jijjiramu gara nama biraatti kan jijjiramu ta’ee argita. Ijoollee Muslimootaa keessaa nama saalaa faallan walitti makamuu diduu fi irra of qusatutu jira. Maatii isaa of haguugu fi qaanii irratti dirqisiisutu jira. Rabbiif galanni haa galu kuni dhimma gaariidha. Garuu obboleessa kana yommuu biyya isaa keessaa gara biyya biraatti deemu bakka dhiiraa fi dubartiin walitti makaman keessa seenuu irraa of hin qusatu. Tarii akkuma kana maatii isaas qabee waliin seenu danda’a.

Kanaaf fakkeenya siif dhiyeessa: jiraattota Riyaad keessaa hanga nutti mul’atuun dargaggeessa gaarii, taqwaa qabu fi da’awaa gochuuf fedhii guddaa qabuu tokkotu jira. Fakkeenyaaf yommuu gara Jiddaa deemu, safuu fi qajeelfamoota bu’uuraa irraa duwwaa ta’a. Mataa ofiiti chaanalii babbadaa kan ilaaluu ta’e argita. Maatii isaa waliin moggaa galaanaa dhiiraa fi dubartiin walitti makaman irra taa’u irraa of hin qusatu.

Maaliif dargaggeesi kuni yommuu biyya isaa keessa jiru dubartiin walitti makamu dida, ergasii yommuu biyya biraa deemu dubartiin walitti makamutti gammadaa? Yeroo duraanii gadi qabachuun nama shari’aa waan ta’eef aadaa fi akkeessan didee? Dhugumatti, kuni gaafi nama isa deebisuu barbaaduudha?

Gariin isaanii kuni ragaalee ittiin morman qabu. Isaan keessaa, “kuni yeroo gabaabaa murtaa’aa ta’eedha. Dawa’annaa fi boqonnaa nafsee irra hin darbu.” jedhu. Kuni uzrii fokkataadha.

Akkana isaaniin jedha: sila Muslimni wanta Rabbiin dhoowween ni bashannanaa? Filmii sagaagalummaa fi wanta fokkuu agarsiisuu ilaaluun nafsee bashannansiisuun ni ta’aa? Kuni haraama ta’uu erga beektee maaliif isatti qajeeltaa?
Yoo hin beekin suni musiibaadhaa
Yoo beektee musiibaan guddaadhaa

 Namoonni Islaama qabatan yommuu biyya isaanii keessaa gara biyya biraatti deeman maaliif yuniformii faasiqtotaa uffatuu? Kuni sababoota ijoo gara duubatti deebi’uutti nama geessan keessaa tokkoodha.

Dirqamni Muslima haqaa irra jiru ulfaatinna karaa beekuu fi dhoksaa ifatti Rabbiin ofirratti eegu (na arga jedhee sodaachu) dha. Fedhii nafsee isaatiif gadi jechuu hin qabu. Gabaabumatti, fedhii dachaa bakka murtaa’aa keessatti gahee murtaa’atti isa geessu qabaachu hin qabu. Yeroo biyya ofii keessa jiraatu nama taqwaa qabu, gaarii, fooyyessaa, yeroo biyya biraa keessa jiraatu immoo faasiqa, nama badii hojjatu, nama fedhii lubbuu fi salphinna hordofuu ta’uu hin qabu.

Yeroo baay’ee xumurri namoota kanniinii xumura gaddisiisaa ta’a. Innis duubatti deebi’uu fi addunyaa Aakhiratti salphachuudha. Sababni isaas, warri fedhii lama qaban yeroo dheeraaf itti hin fufan. Kufaatin isaanii dhimma murteefamaa shakkii hin qabneedha.

Furmaanni haala akkanaa ijjannoo fi jabeenya fedhii barbaada. Keessumaayyu gara alaa deemuf murtoo irra gahuu keessatti hubannoo fi qarummaa barbaaachisa.

Sertifikeetti Muslima amanti isaa irraa akka jallatu taasisu keessa Rabbiin barakaa hin godhin. Qabeenya Aakhiratti nama kasaarsu addunyaa keessatti kan nama fayyadu hin godhin.

Irra deebi’uun akkana jedhe: namoota birootiin yommuu wal-bira qabaman isaan kunniin muraasa. Rabbiif galanni haa galu. Garuu haala isaanii sirriitti barachuutu isaan irra jira.

Guduunfaa
✒Namni yommuu gara biyya alaa keessumaayyu gara biyya kufrii fi badiin itti baay’atu deemu, kasaaraa fi bu’aa wal madaalchisu qaba. Bu’aa addunyaa buufachuuf jedhe amanti isaa kan dhabu yoo ta’e, kuni dhugumatti bu’aa buufachu osoo hin ta’in kasaaraa guddaa kasaarudha. Kanaafu, iddoo amanti ofii itti dhabutti deemu hin qabu.

Madda: Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji

Print Friendly, PDF & Email
Sababa Duubatti Deebi'Iinsaa-Kutaa 18.2

Leave a Reply