Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 3
Ji’a lamaaf sababa kitaaba “Yaadaa fi Milkaa’ina” jedhu waliin ko’oomaa turreef addaan baane turre. In sha Allah kitaabni kuni yeroo maxxanfametti harka keessan gahee akka irraa fayyadamtan abdiin qaba. Amma, seenaa mi’aawaa waliin bakka dhaabbanne irraa kaanee itti haa fufnu.
Seenaa Yuusufi fi Obboleeyyan isaa keessa mallattoolee fi barnootatu jira
“Dhugumatti, warra gaafataniif Yuusufii fi obboleeyyan isaa keessa mallattooleetu jira.” Suuratu Yuusuf 12:7
Rabbiin olta’aan akkana jedha: dhugumatti seenaa Yuusufii fi obboleeyyan isaa keessa warra seenaa isaanii gaafatanii fi beekuuf fedhaniif mallattoolee fi barnootatu jira. Seenaa Yuusufi fi obbolleeyyan isaa keessa mallattoolee fi barnoota baay’eetu jira. Isaan keessaa muraasni:
✏Obsaa fi taqwaa qabaachuun xumura gaarii fi injifannootti nama geessa. Nabii Yuusuf ijoollummaa irraa jalqabe hanga ministeera biyyatti ta’utti obsaa fi taqwaan kan of hidhe ture. Sababa kanaan yommuu injifannoo argatuu fi sadarkaa ol’aana irra gahuu:
“[Obboleeyyan isaa] ni jedhan: dhugumatti ati Yuusufi? Innis, “Ani Yuusufi, kuni obboleessa kiyya. Dhugumatti Rabbiin tola nurratti oolee jira. Dhugumatti, namni obsee fi Rabbiin sodaate, Rabbiin mindaa warra toltuu hojjatanii hin balleessu.” Suuratu Yuusuf 12:90
✏Waanyuu fi namoota miidhuun kufaatii fi jibbiinsaaf nama saaxila. Obboleeyyan Yuusuf waanyu irraa kan ka’e, “Yoo Yuusufin balleessine jaalalli abbaa keenyaa nuuf ta’a” jechuun yaadan. Ergasii miidhaa isarraan gahuuf ka’an. Kufaati fi abbaa isaanii irraa jibba malee wanti isaan argatan jiraa? Haaluma kanaan namni waanyu fi miidhaa namarraan gahuuf tattaafatu, kufaati malee homaa hin argatu.
✏Seenaan kuni Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) dhugaa ta’uu fi Qur’aanni Rabbi irraa bu’uu agarsiisa. Sababni isaas, osoo Rabbiin Qur’aana kana buuse itti beeksisuu baate, silaa Nabiyyiin seenaa kana beekuu fi namootatti himu hin danda’an. Aayan armaan gadi tuni tuqaa kana sirritti ibsiti:
“Kunniin oduuwwan gheeybi irraa gara keetti kan buufnudha. Kana dura atis ummanni keetis kan beektan hin turre. Obsi, xumurri gaariin warra Rabbi sodaataniifi.” Suuratu Huud 11:49
Kana jechuun Yaa Rasuula seenaaleen sitti himnu kunniin oduu fagoo ijaan hin mul’anne kan gara keetti buufnudha. Seenaalee kanniin sirratti buusnee siif ibsuun dura, ati fi ummanni kee seenaalee kanniin quba hin qabdan[1]…
Miidhaa Waanyu (Hinaaffi)
“Yeroo [obboleeyyan Yuusuf akkana waliin] jedhan [yaadadhu]: ‘Dhugumatti, osoo nuti garee taanee jirru, dhugumatti Yuusufii fi obboleessi isaa nu caalaa abbaa keenya biratti jaallatamoodha. Dhugumatti abbaan keenya dogongora ifa bahaa keessa jira.” Suuratu Yuusuf 12:8
Kana jechuun yeroo obboleeyyan Yuusuf akkana waliin jedhan yaadadhu: osoo nuti garee taane jirru, abbaan keenya nu caalaa Yuusufii fi obboleessa isaa Biniyaamiin jaallata.
“Osoo nuti garee taane jirru” yommuu jedhan, Yuusufii fi obboleessa isaa caalaa nuti baay’innaa fi humna waan qabnuuf nutu faayda isaaf buusa. Isaan xiqqoolee waan ta’aniif homaa isaa hin fayyadan. Kanaafu, akkamitti nu caalaa isaan jaallataa? jechuun ajaa’ibsifatan. Kanaaf itti aansanii ni jedhan: “Dhugumatti abbaan keenya dogongora ifa bahaa keessa jira.” Kana jechuun yommuu isaan lamaan nu caalaa jaallatu, abbaan keenya dogongora ifa bahaa dogongoree jira.
Dhugumatti, obboleeyyan Yuusuf waa’ee abbaa isaanii ilaalchisee yaada badaa yaadanii jiru. Dhibeen naqarsaa waanyuu isaan keessa seenee jira. Waanyun addunyaa keessatti rakkoo badaa fi Aakhiratti kasaaradha. Kanaafi, haala ifa ta’een waanyu irraa ni dhoowwame: “Wal hin waanyinaa” Inumaa Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Qalbii gabrichaa keessatti iimaanaa fi waanyun bakka tokkotti hin ta’an.”[2]
Hadiisa biraa keessatti: dhibeen ummata isin duraa isin keessa seene, dhibeen kunis waanyu fi wal-jibbuudha. Isaan kunniin haaddudha. Rifeensa haaddi hin jedhu. Garuu amanti haaddi. Kan nafseen tiyya harka Isaa jirtuun kakadhe, hanga amantanitti Jannata hin seentan, hanga wal jaallattanitti hin amantan, wanta kana isiniif mirkaneessu isinitti beeksisuu? Nageenya jidduu keessanitti babal’isaa.”[3]
Namni tokko ijoollee isaa keessaa tokko daran waan jaallateef diliin (cubbuun) isarra hin jiru, yoo jaalalli kuni zulmiitti (isaan miidhutti) hin geessin. Akka shari’aatti qabeenya, kennaa fi kkf nin ijoollee wal-qixxeessun dirqama. Garuu jaalalli murtii Rabbii waan ta’eef, namni too’anna isarratti hin qabu. Kanaafu, jaalala keessatti ijoollee ykn niitolii isaa akka wal qixxeessu isarraa hin eeggamu. Kanaafi, Hadiisa keessatti: Nabiyyiin (SAW) haadholi manaa isaa jidduutti yeroo qoodaa fi wal-qixxeessa ture. Ergasi akkana jedha: Yaa Rabbii kuni wanta too’achuu danda’u keessatti qooda kiyya, wanta Ati too’achu dandeessu garuu ani hin dandeenye keessatti na hin qabin.”[4] Kana jechuun jaalalaa fi qalbiin itti rarra’uu. Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) niitiwwan isaa biroo caalaa qalbii isaa keessatti jaallatamtu turte.
Yuusufii fi Biniyaamin obboleeyyan garaa tokkoo (haadha takkarraa dhalatan). Yuusufii fi obboleeyyan hafan kurnan immoo abbaan tokko haa ta’anii malee haadhan garagara. Biniyaamin daa’ima, Yuusuf immoo ijoolleedha. Obboleeyyan isaa kurnan isa caalaa gurguddoodha.
Waanyun haqa arguu irraa ija obboleeyyan Yuusuf ni jaamse. Haqni kunis, jaalalli wanta namni too’annaa irratti hin qabneedha. Ijoollee xixxiqoolee ijoolle gurguddoo caalaa jaallachuun wanta nama hundaa keessa kaa’ameedha. Eenyullee kana hin kaadu. Kanaafu, wanta too’anna irratti hin qabneef, “Akkamitti ijoollee gurguddoo caalaa ijoollee xiqqoolee jaallattaa?” namaan ni jedhamaa?
Akkasumas, abbaan ijoollee isaa keessaa ilma gaarii fi haadha abbaaf ajajamu daran jaallata. Yuusuf ijoollee biroo caalaa gaarii waan ta’eef jaalalli abbaan isaaf qabu, ijoollee biroo caalaa cimaa ture.
Tuqaaleen ijoon asirraa barannu:
☛Jaalalli wanta too’annaa irratti hin qabne waan ta’eef namni ijoollee keessaa ilma tokko daran waan jaallateef hin gaafatamu. Garuu jaalalli kuni ijoollee jidduutti wal-jibbiinsaa fi waanyu akka hin uumnef abbaa fi haati of eeggannoo gochuu qabu. Of eeggannoo kanniin keessaa:
1-Hanga barbaadamu caalaa jaalala kana ifatti baasu dhiisu.
2-Wanta ilma kana akka jaallatu isa taasise namummaa isaa osoo hin ta’in amala gaarii inni qabu akka ta’e ijoollee isaa hafanitti beeksiisuu. Kuni ijoolleen isaa amala gaarii kana qabaachuuf akka wal-dorgoman taasisa. Amalli gaariin kuni kan akka haadha abbaa ajajamu, barnoota irratti cimaa ta’uu fi kkf.
3-Ijoollee hafan salphisuu dhiisu.
☛ Waanyuun badii (cubbuu) guddaa kan akka ajjeechaatti nama geessu danda’a. Kunoo waanyu (hasada) irraa kan ka’e obboleeyyan Yuusuf akkana waliin jedhan: “Yuusufiin ajjeesaa yookiin lafa [fagootti] isa gataa; ergasii fuulli abbaa keessanii isiniif qofa ta’a. San booda namoota gaggaarii taatu.’” Suuratu Yuusuf 12:9
Maddoota:
[1] Tafsiiru Muyassar-235, Tahriir wa tanwiir-12/218, Lessons from Surah Yusuf-fuula 30, Yaasir Qaadi
[2] Nasaa’i -3109, Ibn Hibbaan 4606
[3] Imaam Ahmad Musnada isaa 1/164 (1412), 1/167 (1430) keessatti gabaase, Tirmizi 4/664 (2510)
[4] Sunan Abu Daawud 2134 (Tadabbur Suuratu Yuusuf (aleyh salaam), tahziibu aayaatu lisaa’iliin-Dr Naasir Suleymaan)
masha Allah tabarakallah