Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 4

Kutaa darbe irraa itti fufuun tafsiira (ibsa) Suuratu Yuusuf ilaalu itti fufna.

Boodarra nan tawbadha’ jettee badii hin hojjatin

12:9

Yuusufiin ajjeesaa yookiin lafa [fagootti] isa gataa; ergasii fuulli abbaa keessanii isiniif qofa ta’aati. San booda namoota gaggaarii taatu.’” Suuratu Yuusuf 12:9

Hanga “Yuusufiin ajjeessaa” waliin jedhan gahanitti waanyun keessarraa isaan nyaataa ture. Waanyun (hinaaffin) isaanii yaada isaanii jaamse maraatutti isaan oofe. Haa ta’uu malee, isaan amala gaarii ol’aanaa tokko waanyaa akka jiran arguu hin dandeenye.

Ni jedhan, “…lafa [fagootti] isa gataa…” kana jechuun lafa fagoo isa arguun hin danda’amnetti gataa.

Dhimmoota lamaan kanniin (ajjeesu ykn lafa fagootti gatuu) keessaa tokko yoo hojjattan, fuulli abbaa keessanii isin qofaaf ta’a. Abbaan keessan mararfannaa fi jaalalaan gara keessanitti qajeela. Dhugumatti, qalbiin isaa haala isiniif bakka hin kennineen Yuusufin waliin koo’omte (biizi taate).” waliin jedhan.

Isaan gowwummaadhaan wanta abbaan isaanii jaallatu fuula isaa duraa yoo dhabamsiisan, jaalala isaa hunda isaan irratti akka gadi lakkisuutti yaadan. Wanti isaan hin hubanne, jaalalli qalbii keessa jiraata, jaallatamaan nama fuunduraa dhabamuun qalbiin garmalee akka isatti rarraatu taasisa.

“San booda namoota gaggaarii taatu.” Asitti obboleeyyan hima ajaa’ibaa tokko fayyadaman. Akkana jechaa turan, “Hojii sukanneessaa haa hojjannu. Ergasii san booda tawbannee namoota gaggaarii ta’uu dandeenya.” Ifaan ifatti yaanni kuni sheyxaana irraayyi. Sheyxaanni shira isaanii badaa haqa akka ta’etti akkana jechuun isaanitti agarsise: hin dhiphatinaa, boodarraatti tawbattanii ni fooyyeessitu.” Yeroo jalqabaatiif sheyxaanni haala kanaan namoota gowwoomsa. Obboleeyyan takkaa yakka hojjannaan, yakka kana haguuguuf kijibuu fi san irratti kakachuu akka qaban hin hubanne. Gochi badaan tokko xumura oduu ta’uu hin danda’u. Seenaa Yuusuf keessatti Rabbiin tooftaa sheyxaanaa irraa nu akeekachiisa.

Namni badii hojjadhee ergasii nan tawbadha jedhu, dhugumatti dogongoree jira. Hanga tawbatutti jiraachu ykn jiraachu dhabuu isaa, maaltu isa beeksisee? Tarii badii irra osoo jiruu lubbuun isaa qabamuu (du’u) dandeessi. Rabbiin sababa tawbaa fi fudhatama argachuu akka laaffisuuf ykn hin laaffisneef maaltu isa beeksisee?

Tuqaan ijoon biraa keeyyanni tuni agarsiistu, obboleeyyan Yuusuf niyyaan isaanii hojii badaa erga hojjatanii akka Rabbiin isaaniif araaramu hojii gaarii hojjachuu ture. Kaayyoon isaanii yoo Yuusufin dhabamsiisan xiyyeeffannoon abbaa isaanii isaaniif ta’a. Isaan kaayyoo lamaanu ni dhaban. Kaayyoon tokkoffaan dogongora tokko hojjatanii ergasii san booda namoota gaggaarii ta’uudha. Garuu badiin takkattiin suni badiiwwan biroo baay’etti isaan geessite. Kaayyoon lammataa immoo xiyyeeffannoo abbaa argachuudha. Garuu abbaan isaa gaddaan isaan irraa garagalee. Osoo Yuusuf achi jiraate, silaa abbaan isaanii ijoollee biroo hanga ta’e ni jaallataa ture. Yuusufin abbaa isaanii duraa waan dhabamsiisaniif, qalbii isaa cabsan, achumaan hamma jaalalaa inni isaaniif qabu ni hir’isan. Kanaafu, isaan kaayyoo addunyaas galmaan hin geenye; hanga guutumatti tawbatanii fi badii isaanii amananitti kaayyoo namoota gaggaarii ta’uus galmaan hin geenye. Rabbiin faallessuun barakaa qaamaa fi hafuuraa hin fidu!

Barnoota baay’ee barbaachisaan seenaa obboleeyyan Yuusuf irraa baasu dandeenya: kaayyoo gaarii (ol’aanaa) galmaan gahuuf karaa badaa fi salphinnaatti fayyadamuu hin qabnu. Obboleeyyan wanta halaala tokko argachuu barbaadan; innis jaalala abbaa. Garuu karaan isaan itti fayyadaman haraama. Obboleeyyan abbaan isaanii Yuusufin garmalee jaallachu akka dhiisu barbaadan, garuu gochi isaanii bu’aa faallaa uume: jaalalli fi yaanni abbaan Yuusufiif qabu inumaa ni dabale.

Yuusufin Hin Ajjeessinaa

12:10

“Isaan keessaa dubbataan tokko ni jedhe: Yuusufin hin ajjeessinaa. Kan hojjattan yoo taatan, hundee eelaatti isa gataa; imaltoonni gariin isa fudhatuuti.” Suuratu Yuusuf 12:10

Kana jechuun obboleeyyan Yuusuf keessaa namni tokko akkana jedhe: Yuusufin hin ajjeessinaa. Isa ajjeesuun yakka guddaa fi fokkuudha, kaayyoon keessan osoo hin ajjeesin, abbaa isaa irraa isa fageessun galma ni gaha. Kanaafu, akka warri karaa deeman isa fudhataniif hundee eelaa (biiritti) darbaa. Kaayyoo keessan galmaan gahuuf isa ajjeesun hin barbaachisu.

 “…Yuusufin hin ajjeessinaa. Kan hojjattan yoo taatan…” Obboleessi yaada ajjeecha irratti wali hin gallee kuni guutumatti isaan hin faallessine. Garuu miidhaa hir’isuuf carraaqe. Yuusufin ajjeesu ykn gammoojitti isa gatu barbaadan. Haa ta’uu malee obboleessi kuni akka namoonni gariin biirii keessaa baasanii fudhataniif biiritti akka darban yaada dhiyeessef. Inni haala kanaan yaada kennuun isaa, Yuusuf tarii garbicha ta’a ykn xiqqaate xiqqaatu lubbuun ni jiraata. Badiwwan lamaan keessaa badii irra xiqqaa filachuun qajeelfama bu’uuraa beekkamaa ta’eedha. Bu’uura fiqhi keessatti seerri akkana jedhu ni jira: namni tokko wantoota haraama lama filachuun yoo isarratti dirqii ta’e, haraama xiqqaa ta’e haa filatu.  

Asitti obboleeyyan Yuusuf hojii babbadaa baay’ee walitti qaban: hariiroo firummaa addaan kutaa jiru. Abbaa fi ilma xiqqaa zanbii hin qabne addaan baasuun hariiroo ilmaa fi abbaa jidduu jiru muraa jiru. Akkasumas, haqa abbaa isaanii sarbaa jiru. Kuni hundi badii waanyu (hinaaffi) irraa dhalatuudha.[1]

Guduunfaa:
✏”Ani amma ijoolleedha, fedhii kiyya haa guuttadhu, boodarra tawbadhe nama gaarii ta’a” jedhanii yaaduudhaan badii hojjachuun qilee gadi fagootti nama darba, badii irratti badii biraa akka dabalan nama taasisa. Mee ilaalaa obboleeyyan Yuusuf: jalqaba Yuusufin erga ajjeesne booda ni tawbanna jedhan. Sababa obboleessi isaanii guddaan ajjeecha irraa isaan dhoowwef haa ajjeesu baataniyyu malee, badii baay’ee hojjatanii jiru: Kijibanii abbaa fi ilma addaan baasan. Mucaa badii homaatu hin qabne eela (boolla gadi fagoo bishaan of keessaa qabutti) darban. Eelatti erga darbanii booda jeedalatu nyaate jedhanii soban. Ammas, kijiba isaanii kana dhugaa fakkeessuuf uffata dhiiga itti dibanii fidan. Kijiba irratti kijiba, badii irratti badii hojjatan. Kunoo akka kanatti, boodarra nan tawbadha jedhanii badiitti seenun badii baay’ee akka hojjatan nama taasisa.


[1] Tafsiiru Muyassar-235, Tafsiir Sa’adii-454, Lessons from Surah Yusuf-fuula 35, Yaasir Qaadi

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 3

Leave a Reply