Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 5

Shira Dubbii Mi’aawan Haguuggame
Dhugumatti, yommuu namni tokko miidhaa namarraan gahuu barbaadu, tooftaalee adda addaatti fayyadama. Tooftaalee sanniin keessaa tokko dubbii isaa mi’eessudha. Yuusufin irra miidhaa dhaqqabsiisuuf tooftaalee obboleeyyan isaa itti fayyadaman beekuun, dhara nama miidhaa nurraan gahuuf deemu jalaa akka baraaramnuuf nu gargaara. Mee tooftaalee kana haa ilaallu:

Ni jedhan, ‘Yaa abbaa keenya! Maaliif Yuusufin irratti nu hin amannee? Dhugumatti nuti warra tola isaaf yaadudha. Boru nu waliin ergi, haa bashannanu, haa taphatu. Dhugumatti nuti isa eegna.’” Suuratu Yuusuf 12:11-12

Obboleeyyan erga Yuusuf biiritti gatuu irratti wali galanii booda isa fudhatuuf karaa abbaa isaanii ittiin amansiisan soqan (barbaadan):

1ffaa-Waqqasuu-Tarii Ya’quub (aleyh salaam) dhara isaanii irraa ykn namoota biroo irraa rakkoon isa qunnama jedhee waan sodaatuuf hoolota tiiksuuf ykn dorgommiif Yuusuf obboleeyyan isaa waliin akka bahu hin hayyamne. Yuusufin ilaalchisee akka obboleeyyan isaa hin amanne ifa hin godhu. Garuu haalli isaa akka haala nama isaan hin amanneeti. Kanaaf, obboleeyyan Yuusuf Ya’quubin waqqasuuf Yuusufin ilaalchisee maaliif nu hin amannee? Jechuun gaafatan.

2ffaaShakkii oofu fi tasgabbeessu– Yuusufin irra wanti badaan karaa lamaan irra gahu danda’a:
A-obboleeyyan isaa irraa, B-Jeedala irraa. Ya’quub (aleyh salaam) shakkii fi sodaa isaa kana akkana jechuun ibsee:

“Ni jedhe: Isa fuutanii deemuun na gaddisiisa, isin quba kan hin qabne taatanii osoo jirtanuu jeedalli (yeeyyin) isa nyaatti jedhee sodaadha.” Suuratu Yuusuf 12:13

Ya’quub karaa lamaan kanaan Yuusufin irra wanti badaan gahuu danda’a jedhee waan shakkeef, obboleeyyan Yuusuf shakkii fi sodaa Ya’quub oofuuf carraaqan. Shakkii karaa jalqabaa akkana jechuun oofan: “Dhugumatti nuti warra tola isaaf yaadudha.” Kana jechuun nuti waan badaa isatti hin yaannu, garuu waan gaarii isaaf yaanna. Kuni obboleeyyan isaa irraa miidhaa Yuusufin irra gahu akka hin shakkine tasgabbeessa.

Shakkii karaa lammataa oofuuf immoo: “Dhugumatti nuti isa eegna.” jedhan. Kana jechuun wanta ati sodaattuuf hundarraa nuti isa ni eegna. Akkasumas, jeedalli akka hin nyaanne akkana jechuun jabeessan:

Ni jedhan, “Nuti garee ciccimoo taanee osoo jirru jeedalli yoo isa nyaatte, dhugumatti nuti yoosan kasaartota taana.” Suuratu Yuusuf 12:14 (Namoota kheeyrin homaatu keessa hin jirre taana.)

3ffaaFaayda Yuusuf argatuu itti himuu-Obboleeyyan isaa shira isaanii haguugun, wanti Yuusufin of waliin akka deemaniin isaan taasisee, faayda inni argatu akka ta’e abbaatti himuu barbaadan. Akkana jedhan: “Boru nu waliin ergi, haa bashannanu, haa taphatu.” Kana jechuun boru yommuu hoolota tiiksuuf deemnu akka taphatuu fi gammaduuf nu waliin ergi.

Dubbiin isaanii gubbarraa dhugaa haa fakkaatu malee, keessan kijibdoota ta’uun shira isaanii galmaan gahuuf tooftaa kanatti fayyadaman. Namni kijibaan miidhaa namarraan gahuuf deemus tooftatama akkanaatti fayyadama. Akkasi miti ree? Jalqaba “Osoo ani akkana ta’ee jiru maaliif na hin amanne. Dhugumatti, ani nama akkanaati…” namaan jedha. Ergasii itti aanse, sodaa fi shakkii namarraa oofun nama tasgabbeessuuf carraaqa. Dhumarratti faayda namni argatu namatti odeessa. 

Ya’quub garmalee haa shakkuu fi sodaatu malee, karaa sadan kanaan amansiifamuun Yuusufin isaan waliin ni erge. Isaaniis shira isaanii galmaan gahuuf karaatti bahan:

12:15

Yommuu isa fuudhanii deemanii fi hundee eelaa keessa isa gochuuf irratti wali-galan, [wanta irratti wali-galan hojii irra oolchan]. ‘Osoo isaan hin beekin dhugumatti hojii isaanii kana isaanitti ni himta.’ jechuun isatti beeksifne.” Suuratu Yuusuf 12:15

Kana jechuun yommuu abbaan isaanii isaaniif hayyamee Yuusufin fuudhanii deemanii fi hundee eelaa keessatti isa gatuuf marxifatan (jala muranii murteessan), wanta jedhan hojii irra oolchan (eelatti isa darban). Ergasii Rabbiin Yuusufiif mararfachuun haala rakkisaa kana keessatti akkana jechuun isatti beeksise: ‘Osoo isaan hin beekin dhugumatti hojii isaanii kana isaanitti ni himta.’ Kana jechuun osoo isaan ati obboleessa isaanii ta’uu hin beekin wanta isaan sitti dalagan kana gara fuunduraatti isaanitti himta.[1]

Kuni wanta dhugaan argameedha. Yuusuf biyya Misra keessatti erga ministeera ta’ee booda obboleeyyan isaa qamadii safarachuuf achi dhaqan. Ministeerri biyyatti obboleessa isaanii akka ta’e hin beekan. Ministeera biyyatti erga ta’ee booda Yuusuf wanta isaan isatti hojjatan kaasun obboleessa isaanii akka ta’e haala kanaan isaanitti hime:

[Yuusuf] ni jedhe: Wallaaltoota taatanii osoo jirtanuu wanta Yuusufii fi obboleessa isaatti hojjattan beektanii? “[Obboleeyyan isaa] ni jedhan: dhugumatti ati Yuusufi? Innis, “Ani Yuusufi, kuni obboleessa kiyya. Dhugumatti Rabbiin tola nurratti oolee jira. Dhugumatti, namni obsee fi Rabbiin sodaate, Rabbiin mindaa warra toltuu hojjatanii hin balleessu.” Suuratu Yuusuf 12:89-90

Yuusuf eela dukkanaa’aa keessatti adda haa ta’uyyu malee beeksisni kuni isatti godhamuun tasgabbiin isa marse. Akkasumas, eela kana keessatti akka hin hafne, gara fuunduraatti maatii isaa waliin akka wal qunnamuu fi sadarkaa ol’aanaa irra akka gahuu ni gammachiifame.

Aayan tuni yeroo garmalee ulfaataa ta’e keessatti Nabii Muhammadif (SAW) ergaa abdachiisaa qabdi. Seenaa Yuusuf kaasuun ummanni isaa isa haa gataniyyu malee, dhumarratti akka isaan irratti injifannoo argatu isa yaadachiisa. Suuraa Yuusuf keessatti Rabbiin “ulfatinna booda laafinni akka dhufu” nu yaadachisa.

Dhimmoonni xumura akkami akka qaban beekuun tasgabbii guddaa nuuf kenna. Rabbiin azza wa jalla addunyaa tana keessatti xumura jireenya isaa Yuusufin dursee itti hime. Beekumsa kana nabiyyoota qofaaf kenna. Akka Muslimaatti, seera Rabbii guddaa “Warri taqwaa qaban Jannata dhaalu” jedhutti ni amanna. Wanti fedhe addunyaa keessatti haa adeemsifamu ykn ulfaatinni ykn rakkoon fedhe nu haa qunnamu, yeroo hundaa mindaan ol’aanaan Jannata akka ta’e of yaadachiisu qabna. Kuni rakkoo keessa akka dabarruuf nu gargaara.[2]

Guduunfaa
Miidhaa namarraan gahuuf tooftaalee namoonni dharaa itti fayyadaman:
1-Nama waqqasu-“Ani akkana ta’ee osoo jiru maaliif na hin amannee?” namaan jedhu
2-Shakkii fi sodaa namarraa oofu
3-Faayda namni argatuu namatti odeessu.

(Fakkeenyaaf namoonni nama hatan tooftaa kanatti fayyadamu. Ani nama akkanaati, fira keeti. Kanaafu na hin amantuu? Wanti sodaattu tokkollee hin jiru. Eeggumsi siif godhama. Yoo kana as kennite wanta akkanaa argatta namaan jedhu… Kanaafu, namoota akkanaa irraa of eeggannoo guddaa barbaachisa.)


Kitaabota Wabii
[1] Tafsiir Sa’dii-455, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-12/234
[2] Lessons from Surah Yusuf-fuula 44-45, Yaasir Qaadi

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 4

2 comments

Leave a Reply