Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 20

Sababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan ilaalu osoo itti fufnu jidduun dhaabne. Amma bakka dhaabbanne irraa itti fufuun sababoota hafan haa ilaallu.

30-Tawbachuuf carraaqu dhiisu

Balaan kuni tarii Islaama keessaa bahuuf  sababa ta’uu danda’a. Ilmaan Muslimootaa baay’een kanneen ma’asiyaa fi cubbuun qoraman, cubbuu irraa buqqa’uu fi hidda jalaa buqqisuuf  hin ariifatan. Kana irra, badii kana hojjachuu fi itti gammaduu itti fufu. Isaan keessaa nama tokko yommuu gorsituu fi yaa eebalu Rabbiin sodaadhu, badii keetirraa buqqa’i jettuun, deebii garagara isaan irraa argatta. Isaan keessaa nama akkana jedhutu jira: ani ijoolledha.’ Ammas nama akkana jedhutu jira: “du’aayi naaf godhi…”  Kuni shakkii hin qabu jecha gaariidha. Garuu akka Rabbiin anaa fi siif deebii deebisuuf  wanti ati hojjattee fi tarkaanfin ati hordofte maalidhaa? Wanta Rabbiin sirraa jaallatu hojjattee agarsiistee? Wanta keessa jirtuu irraa buqqa’uuf carraaqqi gootee? Yookiin immoo daa’i cal’isisuuf osoo sababoota tawbaa hin hojjatin, jecha kana gadi furtaa?

Tawbaan hawwii qofa osoo hin ta’in carraaqqi fi hojiitti hajamti. Kunoo asitti dargaggeessa yommuu gorsitu akkana jedhutu jira: “dhugumatti Rabbiin gafuuru rahiim (Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha).” Garuu Rabbiin adabbiin Isaa cimaa akka ta’e ni dagata. Qur’aana keessatti: “Dhugumatti Ani akkaan araaramaa, rahmataa godhaadha. Adabbiin Kiyyas adabbi laaleessadha (garmalee nama dhukkubsuudha)” jechuun gabroota Kiyyatti beeksisi.” Suuratu al-Hijr 15:49-50

Ija takkaan ilaalani ija biraatiin dunuunfachuun haqaan murteessu ni ta’aa?

Gariin namaa immoo Rabbiin ilaalchisee waan gaarii akka yaadutti ragaa dhiyeeffata. Ergasii tooftaa kanaan badii sheyxaanni isaaf miidhagsu hojjata. Asumaan dargaggeessa tokko kaasu barbaada. Ma’asiyaan inni hin hojjanne hin jiru, balbala haraamaa hunda dhadhayee. Akkuma ani waa’ee Rabbii isa yaadachisuun akkana naan jedha: “Ati naaf kan gaddituu fi haala kiyyaaf kan seenuftuudhaa?” Anis ‘Eeyyen, osoo qajeelinni gurguramee silaa gatii wuddiin siif bitaa ture.’ jedheen. Innis akkana naan jedhe: tasgabbaa’i, Rabbiin anarraa kan jaallatu yoo ta’e malee akka na hin ajjeesne kadhadhee jira. Ani waa’ee Rabbii ilaalchisee zanni (yaada) akka tolchu si gammachiisa. Rabbiin kan na qajeelchu ta’ee malee akka na hin ajjeefne abdii guddaan qaba.’ Anis ni jedheen: “akka keetitti sheyxaana kan gammachiisu ni jira jedhee hin yaadu. Haala kee kana keessatti wanta jette kana ni qabatta jedhee hin amanu. Kuni qajeelfama bu’uuraa kee erga ta’ee, waa’ee Rabbii ilaalchisee zanni tolchuun dirqama, keessumaayyu yeroo du’aa. Garuu cubbuu hojjachuu itti fufuu fi waa’ee Rabbii ilaalchisee zanni tolchuun bakka tokkotti walitti hin dhufan.” Ergasii akkana jedheen, “Dhugumatti sheyxaanni karaa waswasaatiin balbala guddaa tokko siif bana. Akkuma ati Islaama qabachuuf yaaddun, sheyxaanni sitti wasawasee (hasaase) akkana siin jedha: dhugumatti, ati Gooftaa kee ilaalchise zanni tolchite. Sirraa kan jaallatu ta’ee malee ruuhi kee hin fudhatu.’

Yaada kana qabachuun kee ajalli kee dhiyaachu fi imalli kee kalayuu malee wanta biraa ni ta’a jedhee hin yaadu. Ergasii uumamni namaa addunyaa jaallachuu fi du’a jibbu waan ta’eef kanarraa dheessitee tawbaa arifachiista. Sababni isaas, tawbaa du’aan walitti hiite. Yoo Rabbiin rahmata Isaatiin si hin dhaqqabin akka kanatti itti fufta.” Garuu inni haala isaa itti fufe. Nafsee tiyyaa fi isaaf Rabbiin irraa qajeelcha kadhanna. 

Wanti garmalee gaddisiisaan Muslimoota irraa warra ma’asiyaa hojjatan gariin yommuu waa’ee Rabbii isaan yaadachiistu, akkana jedhu: ani haala kiyyatti kan gammadeedha. Kanaafu gorsaa fi waazi keetin qulqullinna jireenya kiyyaa hin booressin.’

Muslimni galmee jechootaa isaa irraa, “Haalli kiyya baay’ee gaariidha.” jedhu haaqee gara tawbaatti ariiifachu fi guyyaa gaabbin nama hin fayyanne dhufuun dura gara Rabbii deebi’uu qaba:

16:111

“Guyyaa nafseen hundi ofirraa falmaa dhuftuu fi wanta hojjatteef nafseen hundi mindaa guutuu itti argattu [yaadadhu], isaan homaayyu hin miidhaman.” Suuratu An-Nahl 16:111

31-Wanta Sadarkaa namaatiin wal-simatu filachuu dhiisu

Hiikni kuni dhoksaa wayii namatti haguugu danda’a, keessumaayyu guddinnaa fi barsiisuu keessatti nama muxannoo xiqqaa qabuuf. Dubbisaaf ifa gochuuf akkana jedha: dargaggeessi tokko tooftaa daa’in itti fayyadamuun keessi isaa tuqamuu danda’a. Dargaggeessi kunis beekumsa daa’i kanaa argachuu fi qajeelcha isaatiin qajeeluuf daa’i kana waliin akka hiriyyoomu gaafata. Wanti kanatti isa dhiibu fedhii guddaa ta’uu danda’a. Ergasii dargaggeessi kuni haala kana barachuu waan dadhabeef hifannaa keessa kan seene ta’ee of arga. Ergasii duubatti deebi’a. osoo nama qalbii qabu ta’ee silaa namoota yaadan isaan wal gitan qunnamaa ture. Ergasii barachuu keessatti isaan waliin sadarkaa sadarkaan deema. Isaan waliin rakkinna hin argu. Fakkeenyaaf, barataan barnoota sadarkaa 1ffaa baratu tokko barattoota yuniversitiitti makama. Ergasii barnoonni fi sagantaleen sadarkaa isaatii ol ta’a. Sababa kanaan barattoota kanniin irraa addaan baha. Faallaan kanaas dhugaadha. Fakkeenyaaf, barataan yuniversitii tokko barattoota sadarkaa lammafaatti ni dabalama. Barnooni fi sagantaaleen isaanii isaan kan wal hin simanne waan ta’aniif hifannaa isa keessatti uumu. Ergasii marsaa biraatti darbuu isaa labsuun barattoota kanniin ni dhiisa.

Akkuma kana, dargaggoota keessaa dargaggeessa kitaabban sadarkaa isaatii ol ta’an dubbisutu jira. Sababa kanaan, hifannaan isa tuqa ykn guutumatti dubbisee fixuu fi hubachuu dadhaba. Kanarraa kan ka’e shakkiin wayii isa keessatti uumama. Dhumti isaas, karaa kana dhiisu ta’a.

Dargaggeessi tokko kitaabban beekumsa ajaa’ibaa fi wantoota addaa sammuun dadhabaan fudhachuu hin dandeenye of keessaa qabu ni dubbisa. Bu’aan kanaa sharrii fi balaa isatti ta’e. Asumaan seenaa obboleessi Sudaan tokko natti hime nan kaasa: abbeeraa dubbisatti lixe tokko qaba. Garuu rakkoon isaa kitaabban sadarkaa isaati ol ta’an dubbisa. Yommuu gorfamu hin dhagayu. Yommuu nama mari’achiisi jedhamu deebii hin deebisu. Innis haala isaa kana itti fufe. Kitaabban bebbeekamoo keessaa kitaaba tokko ni dubbise. Osoo jiildii tokkoffayyu hin fixin Islaama irraa duubatti deebi’u isaa labse. Sababni isaas, jildiin tokkoffaan inni dubbisu kuni wanta ajaa’ibaa fi addaa sammuu isaa dhamaasen kan guuttameedha.

Dirqamni dargaggeessa irra jiru: namni waliin deemu eenyu ta’uu akka qabu fi kitaaba akkami dubbisuu akka qabu mari’achiisudha.  Yoo Rabbiin fedhe duubatti deebi’u irraa nagaha ta’uuf wanta hunda keessatti mari’achiisuuf tattaafachu qaba.

Guduunfaa
☛Sababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan keessaa tokko: yeroma badii hojjatanitti dafanii tawbachuu dhiisudha. “Tiruun bulte lafee taati” jedhaa miti ree mammaaksi Oromoo? Akkuma kana, cubbuun dafanii irraa hin tawbatin, qalbii keessatti hidda qabachuun Islaama hordofuu akka dhiisan nama taasisti. Namni Islaama ni qabata. Ergasii fedhiin lubbuu isaa itti jabaachun badii (dilii) hojjata. Yoo dafee irraa hin buqqa’inii fi hin tawbatin, achumaan duubatti deebi’ee hafa.

☛Namni osoo ammaa amma cubbuu hojjateyyu tawbachuu fi istighfaara baay’isuu qaba. Kuni duubatti deebi’uu irraa isa baraara: Al-Hasan al-Basrin gaafa tokko akkana jedhamuun gaafatame,”Sila Rabbiin fuunduratti qaana’u hin qabnu yommuu cubbuu akka araaramuuf Isa kadhannu? Ammalle itti deebinee hojjanna, ergasiis cubbuu akka araaramuuf Isa kadhanna. Ammas ni hojjanna.” Al-Hasan akkana jechuun deebise,”Sheyxaanni sirratti injifannoo argachuu barbaada. Kanaafu, Rabbiin araarama kadhachuu hin hifatin.”

☛Namni wanta sadarkaa isaatiin wal simatu dubbisuu fi barachuu qaba. Takkamaan wanta hundaa beeku qaba jechuun gara sadarkaa ol’aanaa yoo darbe, mucucaate duubatti deebi’uu danda’a. Dhawaata dhawaataa fi sadarkaa sadarkaan deemun isarra haa jiraatu.

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 21
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 19

Leave a Reply