Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 21

Dhugumatti daandii Islaamaa keessa gara fuunduraa keessa osoo deemanu gufuwwan baay’een nama qunnamu. Gufuu tokko yommuu darbe jennu gufuun biraatti gufanna. Takkaa olkaane adeemsa keenya itti fufna, takkaa immoo achuma turree duubatti mucucaanna. Gufuu daandii keessatti nu qunnaman keessaa muraasa haa ilaallu:

32-Zannii Baduu

Dhimmoota dargaggoota biratti duubatti deebi’uu uuman keessaa tokko zannii baduudha. Dargaggoonni sadarkaa 1ffaa, sadarka 2ffaa fi jalqabbii yuniversitii irratti ta’an miira qaraa fi sensetif ta’e qabu. Dhimmoota wanta namni yaaden alatti hiiku. Bu’aan hiika kanaa balaa badaadha.

Dargaggeessa gaarii tokko nan yaadadha. Namni isa too’atu isa jaallata, ofitti dhiyeessaa ture. Islaama qabachuu isaa erga tolchee fi amanti isaa eeggachuu irratti danda’aa erga ta’ee booda ustaazni isa dhiisee nama biroo hordofuu jalqabe. Dargaggeessi kunis akka waan ustaazni kuni isa jibbeetti isatti dhagayamee. Zanniis isatti bade. Garuu dargaggeesi kuni qaruute waan ta’eef gara ustaaza deemuun ifaan ifatti sababa kanaa gaafate. Ustaaznis sababa isatti beeksise. Dargaggeessis akkana isaan jedhe: Rabbiin kakadhe! Dhugumatti zanni sitti badee jira. Yaanni badaan narra naanna’e. shakkiin naannawa kee marse. Yoo kuni kaayyoo fi niyyaa kee ta’e, kana booda gonkumaa sitti hin dallanu.”

Gaafiin ka’u: osoo dargaggeessi kuni aaqila ta’uu baatee fi rakkoo akkamitti akka furuu osoo beeku baate, silaa bu’aan isaa badaa hin ta’uu?

Dargaggeessa haalli armaan olii muudate nan beeka. Dargaggoota ni dhiise, haqa ustaaza keessatti ni dogongore. Isaan waliin haasawu ni dide. Yeroon muraasni erga darbe booda dargaggeessi kuni iccitii isaa ifatti baase. Sababni duubatti deebi’insa isaa; warra gaggaaritti zanni baduu fi ‘isaan warra faayda barbaadan’ jedhe yaadudha.

Seenaa kana kan fakkaatu seenaan biraa, dargaggeessi tokko obboleeyyan gaggaarii waliin hariiroo uume. Konkolaataa ni qabaa ture. Doy’ummaa tokko malee konkolaataa tanarratti isaan fe’a. Guyyoota keessaa guyyaa tokko konkolaataan isaa tuni hojiin ala taate (ni tabalaashofte). Ustaazni isatti goruu ni dagate. Dargaggeesi kunis dallanee dargaggoota kanniin irraa addaan bahe. Yommuu isa dubbisan akkana jedhe: “isaan konkolaataa tiyyaaf malee na hin fedhan. (Duraanu konkolaataa tiyyaaf jedhanii natti goru. Yommuu konkolaataan tabalaashoftu na dhiisan).” Isa amansiisuuf ni yaalan. Hanga ustaazni barattoota keessaa eenyullee konkolaataa dargageessa kanaa akka hin yaabbanne kakachuun dhoowwutti malee isa amansiisuu hin dandeenye. Yeroon muraasni erga darbee booda jaalalli isaanii konkolaataa isaatiif osoo hin ta’in Fuula Rabbiitiif akka ta’e ni beeke.

Zannii fi shakkii irratti hundaa’uun namoota biroo irratti murteessun xumura gaddisisaatti nama geessa. Hasaasni fi zannii baduun yeroo baay’ee maddi isaa sheyxaana. Qur’aana kabajamaa keessatti:

“Yaa warra amantan faasiqni oduu yoo isinitti fide, addaan baafadhaa.” Suuratu Al-Hujuraat 49:6

Yaa warra amantan zannii baay’isuu irraa fagaadhaa. Dhugumatti zanniin (seehaan) gariin cubbuudha.” Suuratu Al-Hujuraat 49:12

Wanti Muslima irra jiru obboleessa isaatiif uzrii barbaadu qaba. Akkuma salafoota garii irraa dhufeetti, obboleessa keetiif uzrii torbaatama barbaadi. Yoo hin argatin, tarii uzrii ani hin beekne qaba jedhi. Kuni dirqama Muslimni obboleessa isaatii fi nafsee ofitiif qabuudha. Ergasii hasaasa wayii hasaasun akkana jedha: Yeroo hundaa Islaama qabachuun maaliif miidhamaa ta’aa? Rabbiif moo namaaf jennee Islaama qabannaa? Namni dargaggeessa saalihoota waliin waggoota dheeraaf taa’ee ergasii isaan irraa addaan cituu qofaaf ykn zannii isaanitti baduu irraa kan ka’e dhimmi wayii uumamu qofaaf Islaama hordofuu dhiisu ni ajaa’ibsiifata. Rabbiin ofirratti eeguun eessa jiraa? Ganda Aakhiraatiif hojjachuun eessa jiraa? Namoonni duniyaa gurguranii Aakhirah bitatan eessa jiruu?

(Addunyaa irraa wanta tokko waan dhabdeef Islaama hordofuu ni dhiistaa? Nama jaallattu waan dhabdeef ykn namni duraan si jaallatu waan si jibbeef Islaama hordofuu ni dhiistaa? Rabbiif moo namaaf jennee Islaama hordofnaa? Namaaf jenne ykn faayda addunyaatiif jenne Islaamaa yoo hordofne, yeroo nama ykn faaydaa san dhabnu, Islaama hordofuu ni dhiisna. Garuu yoo Rabbiif jenne Islaama hordofne, wanti fedhe osoo dhufeelle Islaama hin dhiisnu. Fakkeenyaaf, dhiirri dubartii takka jaallate ergasii ishii fuudhuuf jedhe Islaama yoo hordofe, san booda intala tana yoo dhabe, tarii Islaama hordofuu dhiisu danda’a. Yoo Rabbiif jedhe hordofe immoo, ishii dhabee dhiise, gonkumaa Islaama hordofuu hin dhiisu.)

33-Wanta baratan hojii irra oolchu dhiisu

Yaa dubbisaa kabajamaa! Mata duree kana akka addaatti hin ilaalin. Rifannaan kanarraa si hin tuqin. Tarii akkana jechuun gaafi dhiyeessu dandeessa: sababa kanaa fi duubatti deebi’uu jidduu hariiroon jiru maalidhaa? Anis akkana jedha: namni keesso fi iccitii dhimmootaa qoratee fi beeke, sababni kuni duubatti deebi’u baay’eef gahee ol’aanaa akka qabu jala muree beeka.

Dhugumatti, beekumsi gara gochaatti yoo hin jijjiramin, abbicha irratti sharrii fi ragaa ta’a. Guyyaa ilmaan namaa kaafaman ni qoratama. Kanaafi, Rasuulli (SAW) beekkumsa akkana irraa Rabbiin akka isaan eegu kadhatan: Yaa Rabbii! Beekumsa nama hin fayyanne irraa Siin eeggama…

Kunoo asitti nama of barsiisuu dagatee namoota biroo barsiisuuf carraaqutu jira. Yookiin immoo mataa ofiiti wanta barate hojii irra hin oolchu garuu namoonni biroo hojii irra akka oolchan dirqisiisa.

Yaa namticha namoota biroo barsiisuu
Sila nafseen tee barnootatti hin hajamtuu?
Nama dhukkubsatee fi laamshayeef dawaa ni ibsitaa
Ati dhukkubsataa taatee osoo jirtuu inni akkamitti fayyaa
Nafsee keetirraa jalqabii, jallinna ishiitirraa dhoowwi
Yoo isarraa dhoowwamtee, ati ogeessaa
Wanta ati jettu kan sirraa fuudhatu fi sitti hidhatu jiraa
Wanta mataa keeti hojjattu namoota hin dhoowwinii
Yoo ofii hojjattee sirratti salphinna guddaadhaa

Dhugumatti, namni wanta jedhu hojii irra yoo hin oolchin, beekumsi isaa fudhatama hin argatu. Kunoo asitti garee namootaa umrii isaanii guutuu beekumsa barbaadantu jira, garuu hojii irra oolchuuf ykn namoota biroo barsiisuuf itti hin yaadan. Musiibaan guddaan, nama namoota barsiisuuf gara fuunduraatti bahee hunda ni qeequ. Isaan namoota hin barsiisan, nama namoota barsiisuus hin jaallatan.

Gareen tuni hiriira Islaama keessatti hulaan (banaan) akka uumamuuf sababa taate. Namoota ni hifatan, namoonnis isaan hifate.

Yaa namana! Beekumsa keetiin hojjadhu bu’aa buufattaatii
Beekumsi nama hin fayyadu yoo hojiin hin bareedinii

Ummanni namoota iyyanii duubatti nama harkisan osoo hin ta’in beektoota wanta beekan hojii irra oolchanitti hajamu. Dhugumatti, beekumsaa fi hojii wal qabsiisuun iimaana jabeessa, hayyama Rabbiitiin sheyxaaana irraa eeggumsa namaaf ta’a.

Barataan beekumsaa beekumsa isaa irraa yoo hin fayyadamin hifannaan ykn laafinni isa qunnama. Shakkii hin qabu, yeroo baay’ee laafinni (ceem’uun) marsaa badaa gara duubatti deebi’uutti nama geessudha.

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 22.1
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 20

Leave a Reply