Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 22.1

34-Wanta Darbeetti Of-Gahuu

Dargaggeessi jalqaba Islaama qabachuu isaatii fi  boba’iinsa dargaggummaa isaa keessatti nashaaxaa irraa kan ka’e da’awa keessatti akka laboobaa ibiddaa ta’a. Maatii, hiriyyootaa fi olla irratti dhiibbaa uuma. Kanaa fi saniis da’awaa itti godha. Kanaaf kaassetti kenna, saniif kitaaba kenna. Konkolaataan isaa kitaaba fi kaassettiin kan guuttameedha. Wanta Rabbiin bira jiru kajeeluun bakka hundatti raabsa. Sagantalee fi gochoota adda addaa keessatti ni hirmaata. Wanta kheeyri ta’e hunda keessatti harka yoo keessaa qabate malee hin hafu. Hanga hawaasaa fi hiriyyoota isaa biratti nama beekkamaa ta’uutti haala kanaan itti fufa.

Garuu yommuu yuniversitii keessaa eebbifamee bahuu fi marsaa hojii jalqabu, ni dhaama, hojii isaa Islaamumma irratti hojjataa ture ni dhiisa. Sababa kanaa yommuu gaafatamu akkana jedha: hojiwwan kanniin dargaggootaaf dhiisna. Carraa isaaniif kennina!” Gariin jecha kanarra balaa qabu dubbatu: “nu bira hojii gaarii gahaa ta’etu jira.” Subhaanallahi! Kuni gootummaa akkami? Hojiin kee fudhatama argachuu mirkaneefattee? Kan hin deebifamne ta’uu mirkaneefattee? Yookiin immoo bakki kee kuni Islaama qabachuu irratti dhiibbaa ni fidaa? Yeroo kee darbe keessatti wanta hojjatte dabarsite Rabbiin sirraa ol fuudhuu (qeebalu) mirkaneefattee? Tarii badiin takka namticha Jannata seensisu dandeessi, tarii hojiin gaariin takka abbicha ibidda seensisu dandeessi. Kunis akkana: namtichi hojii gaggaarii ni hojjata, hojii kanaan of dinqisiifata. Hanga Rabbiin qalbii isa irratti cufee ibidda seenuutti, namni kuni hojii hojjate kanaan Rabbiin irratti of dhaadata. Namni biraa immoo hojii baddu takka ni hojjata. Ergasii dallansuu Rabbii sodaachuun Rabbiif ajajamu eegala. Hojii baddu tana ol-guddisuun homtu ishii akka hin haaqnetti ilaala. Ergasii Rabbiin isaaf rahmata gochuun Jannata isa seensisa.

Dargaggoota da’awaa fi Islaama qabachuu keessatti beekkamoo ta’an nan beeka. Dargaggoonni baay’een harka isaanii irratti Islaama qabatan. Tola Rabbiitiin maatiwwan baay’ee fi hawaasa guutuu gara amanti qabachuutti jijjiran. Ergasii maaltu ta’ee? Barattoonni isaan caalaa da’awaa gochuutti fedhii fi kakka’uumsa cimaa horatan. Isaan immoo wanta duraan facaasan qofatti of gahan. Hanga teessumni isaanii teessuma wal booharsuu fi odeessu ta’uu gahuutti. Islaama qabachuu keessatti ni laafan.

Dargaggoonni biroo namoonni baay’een tola Rabbiitiin harka isaanii irratti ni sallaman. Ergasii da’awaa ni dhiisan. Akkana jedhan: namoonni kunniin akkuma hojii tokko hojjataniin mindaan akka isaanii nuuf jira. Sababni isaas, Islaamawuun isaanii ykn Islaama qabachuun isaanii harka keenya irratti ture.” Subhaanallahi! Yaanni kee daangaa kanarra gahee? Hanga kana sheyxaanni sammuu keetitti taphatee?!

Wanta nama gaddisiisu keessaa tokko,daa’iwwan dhiibbaa geessu danda’an gara warra daawwannaaf imalanii fi boohartiitti jijjiramuudha. Wanta yeroo darbe keessatti hojjatanitti of gahuun halkanii guyyaa bashannanu. Daa’in dhugaa hin dadhabu, hin hifatu. Humna isaaf kennameen ni carraaqa. Akkuma umriin isaa ol deemun muxannoon isaa ni dabala. Muxannoo kanas haala gaariin gara Rabbiitti waamuuf itti fayyadama. Yoo gama tokkoon hifate gama biraatti darba. Dhaloota gaggaarii (salafu saalih) jalqabbi irraa kaasee hanga siree du’aa isaanii gahuutti gara Rabbii waaman keessatti hidhannoo gaarii qabna.

15:99

“Hanga yaqiinni (duuti) sitti dhuftuutti Gooftaa kee gabbari.” Suuratu Al-Hijr 15:99

35-Hoggantummaa fi Dura-taa’ummaa JaallachuuKutaa 1

Dhibeewwan gurguddoo namni ittiin qoramu keessaa tokko hoggantummaa fi beekkamti jaallachuudha. Kuni dhibee naqarsatii fi dhibee badaa dargaggoonni ittiin tuqamaniidha. Marsaalee sheyxaanni ittiin nama jallisu keessaa tokko yommuu ta’uu xumura badaatti kan nama geessudha. Mee ilaali seenaan maqaalee dhiirotaa sadarkaa ol’aana irra gahuuf qabeenyaa fi kabaja isaanii baasan meeqa nuuf katabe. Kanarraa kan ka’e, dhiirotaa fi dubartoota lafarra harkisuun buqqee sammuuti fi reeffa irra deemuun fixee gubbarra bahan. Kanaafi, Rasuulli (SAW) balaa hoggantummaa akkana jechuun sahaabaa tokkoof ibsan: “Hoggantummaan amaanaadha,guyyaa Qiyaamaa salphinnaa fi gaabbidha.” Garuu namoonni baay’een Islaama himatan, keeyyattota kanarraa adda bahanii jiru, xiyyeefannoo itti hin kennan. Homaafiiyyu miti keeyyattonni kunniin fedhii lubbuu isaanii waan faallessaniif malee. Fedhii lubbuu isaanii waan falleesaniif xiyyeefannoo itti hin kennan.

Dhuka mata-duree keessa seenun dura, dhimma garmalee barbaachisaa ta’e beeksisa. Innis hoggantummaa jaallachuun jalqaba irratti iimaana (amanuu fi hordofuu) irraa nama dhoowwa, dhumarratti iimaana keessaa nama baasa. Kunoo Abdullah ibn Ubay ibn Saluul namticha ummata isaa keessatti dursaa ta’e, bakki isaaf qopheefame, sadarkaa isaatiin isaan keessatti beekkamaa ta’eedha. Awsi fi Khazraj hanga isa irratti wal gahan nama biraa irratti wal gahanii hin beekan. Isaaf koofiya mootii hojjataniif, iddoo zufaanaa isaaf qopheessan, dhageefachuu fi ajajamuu isaaf kennan. Yommuu Madiinaan ifa Islaamaa fi calanqeessa Qur’aanaatiin faayamtu fi Nabiyyin namoota hunda caaluu dhufu, namoonni naannawa isaa marsan, isatti amanan. Kuni Abdullah ibn Ubay irratti akka iyyansa cimaa ta’e. Ergasii munaafiqummaa ni dhokse, warra Islaamaatiif diinummaa ni dhokse. Mazhaba khabiisa isaa ni hundeesse. Dhugumatti, yommuu seenaa namticha kanaa itti xinxallitee, wanti isaa fi Islaama jidduu seenee hoggantummaa fi dura-taa’ummaa jaallachuu akka ta’e ni beekta. Jaalalli kuni Islaamaaf diina hundarra guddaa akka ta’u isa taasise.

Mee ammas gara oduu biraatti isin haa dabarsu. Oduun kunis oduu mootii impaayara Roomaa kan ture Hiraql. Mootiin kuni Islaama ni beeke, dhugummaan Rasuulaa (SAW) ifa isaaf ta’e. Oduu isaa irraa wanti ta’e, inni ummata isaa walitti qabee Islaama isaanitti dhiyeesse. Garuu garagaluu fi faallaan isaanii zufaanaa fi mootummaa isaa irraa akka isa fageessu yommuu argu, yaada isaa irraa ni deebi’e (dura islaama keessa seenuf ture. Garuu yommuu ummanni isaa isarra garagalan ‘aangon kiyya ni bada’ jedhe yaadun Islaama fudhachu dide.) Ummata keessatti hoggantummaa fi beekkamtii isaa eeguuf jecha dhimmi isaa akka hin saaxilamneef tooftaa adda addaatti fayyadame.

Rabbiin si haa eegu! Gara namoota kanaa hoggantummaa baduuf jecha Islaama irraa akkamitti akka of dhoowwanii mee ilaali. Kana hunda waliinu garagalu namoota kanniinii akka addaatti hin ilaallu. Sababni isaas, isaan qalbii isaanii keessatti iimaana hin dhugne. Kanaafi, hojiin isaanii ajaa’ibaa miti. Garuu dinqiin yommuu gochi kuni dargaggoota Islaama keessatti guddatanii fi ulfaatinna itti-gaafatamummaa beekan irraa mul’atuudha.  Kana waliinu sheyxaanni funyoo walitti xaxameen isaan adamse, mucuca balaa guddaa qabutti isaan kuffise. Qalbii isaanii keessatti jaalala hoggantummaa dhugan. Jaalalli kuni dhiiga isaanitiin walitti makame. Kanaafi, da’awaan isaanii faaydaa hangas maraa hin buusne.

Dirqamni dargaggeessa irra jiru dhaadanno kana baadhachuudha:

“Jedhi ‘kuni karaa kiyya, beekkumsa ifaatiin gara Rabbii waamaa.’” Suuratu Yuusuf 12:108

Dhaadannoo: ‘Beekumsa ifaatiin gara nafsee tiyyaa waama.` jedhu haa dhiisu. Inumaa beekumsa ifa hin taaneen gara nafsee isaa waama.

Seenaa salafu saalihi akkamitti aangoo fi hoggantummaa irraa akka dheessan haa dubbisu. Isaan biratti oduun badaan namni tokko dhimma wayii irratti aangoon akka isaaf kenname isaanitti beeksisuudha.

Dargaggeessi akkana jechuun of gaafachu danda’a: sila dhibeen kuni dargaggoota qofarritti kan daangeefamee? Akkana nan jedha: dhibeen kuni namoota gurguddoos ni tuqa. Inumaa isaan irratti daran cimaa fi waraansi isaa itti lixaadha. Taateen Afgaanistaanii fi wal mormiin maanguddoota isaanii nurraa fagoo miti.

Itti fufaa…

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 22.2
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 21

One comment

Leave a Reply