Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 6
Yakka Ergaa Raawwatanii Booda Sababa sobaa dhiyeeffachuu
Obboleeyyan Yuusuf Yuusufin eelatti erga gatanii booda wanta gochuu qabanii fi rakkoo himachuu qaban itti yaadan. Mee haa ilaallu:
“Galgala booyaa abbaa isaaniitti dhufan” Suuratu Yuusuf 12:16
Kana jechuun obboleeyyan Yuusuf, erga Yuusufin eela keessatti darbanii booda galgala irratti booyaa fi gadda isaanii mul’isaa gara abbaa isaanii dhufan. Imimmaan isaanii feekidha(sobadha). Garuu diraamaa uumu fi oduu isaanii Ya’aquubif dhugaa akka ta’e mul’isuuf wanta tokko gochuu barbaadan.
Eeyyen, akkuma maatiin hundu beeku imimmaan miidhamaa dhugaa agarsiisuuf ragaa ta’uu hin danda’u. Mee Shureyh Al-Qaadi irraa taatee beekkama tokko haa kaasnu. Shureyh seenaa Islaamaa jalqabaa keessatti qaadi (abbaa murtii) beekkamaa ture. Jireenya isaa ilaalchisee seenaa baay’etu gabaafame. Gaafa tokko dubartiin takka booyaa gara Shureyh dhufte. Waan yakkamteef bootte isatti himatte. Dubartiin garmalee haa boottu malee, Shureeyh cal’isee taa’e. Inumaa barattoonni isaa mararfannaa ishiif waan agarsiisuu dideef ni qaana’an. Dubartiin erga deemte booda barattoonni akkana jechuun isa gaafatan: ‘Yaa Shekha maaliif xiqqomallee taatuu ishiif hin mararfannee? Ishiin hiqqifatte booyaa turte. Tarii miidhaan wayii ishiitti hojjattamuu danda’a.’ Shureyhis akkana jechuun deebisee: “Obboleeyyan Yuusufis hiqqifatanii booyaa turan, garuu badii kan hojjate isaanuma. Murtii keenya miira irratti osoo hin ta’in dhugaa irratti hundeessina.’ Boodarratti dubartiin boottu tuni yakkamtu taate argamte.
Kanaafu, namni booyinsaan sobamu hin qabu. Nama tokkoof murteessu ykn nama tokkorratti murteessu yoo barbaade, jalqaba ragaa fi dhugaa barbaadu qaba. Booyinsi yakka ta’uu ykn ta’uu dhiisuuf ragaa akka hin taane seena obboleeyyan Yuusuf irraa ni baranna.
“Ni jedhan, ‘Yaa abbaa keenya! Wal dorgomuuf Yuusufin meeshaa keenya biratti dhiisnee deemne. Ergasii jeedalli isa nyaatte. Osoo nuti warra dhugaa dubbatu taaneyyu ati kan nu amantuu miti.’” Suuratu Yuusuf 12:17
Wanti ajaa’ibaa yakka isaanii haguuguuf sodaa abbaan sodaate akka sababaatti dhiyeeffatan. Ni jedhan: Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiisnee nuti wal dorgommiif deemne. Ergasii jeedalli (yeeyyin) dhuftee isa nyaatte. Ati jeedalli isa nyaatti jettee sodaachaa waan turteef osoo hanga feene dhugaa dubbanneyyu nu hin amantu.
“Shaamizi isaa irratti dhiiga sobaa fidan. [Ya’quub] ni jedhe, ‘Lakkisaa, nafseen teessan dhimma wayii isiniif miidhagsite. Obsa bareedaa [obsuu qaba]. Wanta jettan irratti kan gargaarsa irraa barbaadan Rabbuma.’” Suuratu Yuusuf 12:18
“Shaamizi isaa irratti dhiiga sobaa fidan.” Kana jechuun uffata Yuusuf dhiiga sobaatti cuubuun fidan. Dhiigni sobaa kuni dhiiga Yuusuf kan hin taanedha. Akka mufasiroonni jedhanitti ilmoo hoolaa qalanii shaamizii Yuusuf dhiiga kanatti cuuban. Garuu shaamizi cicciruu dagatan. Osoo jeedalli nyaatte silaa shaamizi ni ciccirti turte. Ya’quub soba isaanii kana yommuu hubatu akkana jedhe: “Dhimmichi akka isin jettanii miti. Garuu nafseen teessan Yuusufin ilaalchisee dhimma fokkuu tokko isiniif bareechistee isinis dhimma kana hojjattan. Dhimma irratti wali galtanii hojjattan kanarratti obsa bareedaa obsa.” Obsi bareedaan obsa murtii Rabbiitti dallanuu fi rakkoo namootatti himachuun keessa kan hin jirreedha.
Osoo laalaan namaa fiixee ol’aanaa irra gaheyyu obsi akka of qaban namarraa barbaada. Sababni obsii garmalee ulfaataa itti ta’eef, muddamsuu nama moo’achu danda’u fuunduratti akka of too’annu nurraa barbaada. Dhiibbaan dhiigaa keenya olka’a, iyyuu fi booyu barbaanna. Garuu gadda keessatti kabajaa agarsiifna. Nabiyyiin keenya (SAW) akkana jechuun nutti himan:
“ لَيْسَ الشَّدِيدُ بِالصُّرَعَةِ إِنَّمَا الشَّدِيدُ الَّذِي يَمْلِكُ نَفْسَهُ عِنْدَ الْغَضَبِ
“Namni cimaan nama wal’aanson jabaa ta’ee osoo hin ta’in, dhugumatti namni cimaan nama yeroo dallansuu of too’atuudha.” Sahiih Muslim 2609
Obsi gosa sadii: yeroo balaan namatti buutu obsu, badii fi dilii irraa of qabuu keessatti obsuu fi gochoota ibaadaa hojjachuu itti fufuu irratti obsuudha. Akkasumas obsii sadarkalee qaba: namni gariin obsii isaa yeroo gabaabaf tura. Gariin immoo obsuu itti fufa. Kan kana caalu immoo sadarka hundarra caalu obsa. Balaan ilma dhabuu obsa sadarkaa ol’aanaa gaafata. Sababni isaas, maatiin kamu osoo isaan lubbuun jiranu ilma isaanii dhabuu hin barbaadan. Dhabiinsa guddaan yommuu isa qunnamu, Ya’quub obsa bareedaa (Sabruun Jamiil) akka obsu dubbate. Akka beektonni jedhanitti, obsi bareedaan obsa namoonni akka namaaf mararfatan hin barbaannee fi gadda ofii qajeellomatti Rabbitti dhiyeessu ta’eedha. Ya’quub amala kana kan qabuudha, akkuma suurah keessatti gara dhumaatti akkana jechuu isaa dhageenutti: “Rakkoo fi gadda kiyya Rabbiin qofatti himadha.” (Suuratu Yuusuf 12:86)
Ergasii Ya’quub ni jedhe: Wanta jettan irratti kan gargaarsa irraa barbaadan Rabbuma.’ Kana jechuun soba isin jettan kana baadhachuu irratti akka na gargaaru Rabbiin qofa kadha.
Jechi “Wallaah-ul-musta’aan” jedhu jecha sammuutti qabachuu fi yeroo baay’ee itti fayyadamu qabnuudha. Ya’quub gargaarsa akka hin qabneetti isatti dhagahame. Kanaafu, gadda isaa irratti Rabbiin irraa gargaarsa barbaade. Qur’aana keessatti: “Namni Rabbiin irratti hirkate, Inni isaaf gahaadha.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:3 Kuni kan agarsiisuu mu’minni gonkumaa kophaa hin ta’u ykn gargaarsa malee hin hafu, sababni isaas Rabbiin isa waliin jira.[1]
Guduunfaa
☞Booyinsi murtii dabarsuuf ragaa ta’uu hin danda’u. Namni booyu hundi nama haqaatti jechuu hin dandeenyu.
☞Namni dhara xaxuu fi nama miidhu, dhara isaa dhoksuuf hanga fedhe osoo sobe (kijibe), kijibni isaa yoosu mul’ata. Obboleeyyan Yuusuf jeedalli akka isa nyaatte agarsiisuuf shaamizi isaa irratti dhiiga sobaa mul’isan. Garuu jeedalli osoo nyaatte silaa shaamizi ni ciccirti. Shaamizin immoo hin cicciramne. Kuni wanti isaan jedhan soba ta’uu agarsiisa. Kanaafu, dhara xaxuu fi sobuu irraa of eegu qabna.
☞Obsii bareedaan (Sabrun Jamiil) obsa waa lama qabuudha:1ffaa-rakkoo ofii namootatti osoo hin ta’in Rabbiin qofatti himachuu, 2ffaa-murtii Rabbiitti dallanu dhiisu.
[1] Tafsiiru Muyassar-237,Tafsiir Sa’dii-455, Lessons from Surah Yusuf-fuula 44-45, Yaasir Qaadi