Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 22.2
Kutaa darbe keessatti sababoota duubatti deebi’iinsaa osoo ilaallu gara dhumaatti kutaa hin fixin tokkotu jira. Kutaa san har’a ni xumurra.
35-Hoggantummaa fi gara duraatti bahuu Jaallachuu–Kutaa 2
Yommuu dhimmicha itti gadi seennu fi gaafi gaafannu, wanti jaalala hoggantummaa fi gara-duraatti bahuu nama kakaasu maalidhaa? Deebiin: kakka’uumsa baay’ee qaba. Isaan keessaa:
1ffaa: Beekkamtii jaallachuu:
Abdullah ibn Mubaarak Rabbiin rahmata haa godhuuf, gaafa tokko osoo beektonni zamana isaa isa waliin jiranu bishaan dhuga. Namoonni bishaan bira gahuuf wal dhiiban, Abdullah ibn Mubaarakiif karaa hin bal’isne. Akkuma nama biraatti isa ilaalan. Innis gammadee gara hiriyyoota isaatti garagalee akkana jedhe: jireenyi kunoo akkana, yommuu kan hin beekkamne taanu.’
Dhugumatti yommuu taate kana miizana gama tokkorra godhu, hawwii dargaggootaa immoo gama biraatirra godhu, isaan keessaa gariin namaa nafsee ofii ifatti baasuu fi gurri isaa moggaasa “Yaa shekha” jedhu dhagayuuf akkamitti wanta danda’u hunda akka godhu na ajaa’iba. Ergasii namoota isatti dhiyoo ta’aniin marfama, isaan malee hin deemu. Qalbiin isaa hoggantumma jaallachuun tan guuttamteedha. Nafseen isaa beekkamti dharraati. Yommuu ati isa gaafattu: beekkamtiin faayda maalii siif buusaa? Fuulaa Rabbiitiif jettee beekkamtii barbaaddaa? Yookiin immoo ummata kee keessatti dursaa ta’uuf barbaaddaa? Kuni kaayyoo kee yoo ta’ee wallaahi dhugumatti wanta dhoowwamaatti kufte, qilee badiitti nafsee kuffiste. Jecha Rasuulaa (SAW) hin dhageenyee:
“ مَنْ تَعَلَّمَ عِلْمًا مِمَّا يُبْتَغَى بِهِ وَجْهُ اللَّهِ عَزَّ وَجَلَّ لاَ يَتَعَلَّمُهُ إِلاَّ لِيُصِيبَ بِهِ عَرَضًا مِنَ الدُّنْيَا لَمْ يَجِدْ عَرْفَ الْجَنَّةِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ”
Dhugumatti, namni meeshaa addunyaa ittiin argachuuf beekumsa Fuula Rabbii ittiin barbaadan baratee Guyyaa Qiyaamaa fooli Jannataa hin argatu.” (Abu Dawud 3664) (Beekumsi asitti barbaadame beekumsa shari’aati.)
Yaa gabricha Rabbii kuni haala kee ta’uu irraa of eegi. Guyyaa Qiyaamaa akkana siin jedhamu irraa of eegi:
أَذۡهَبۡتُمۡ طَيِّبَٰتِكُمۡ فِي حَيَاتِكُمُ ٱلدُّنۡيَا وَٱسۡتَمۡتَعۡتُم بِهَا
“ Waan gaarii keessan jireenya addunyaa keessan keessatti fixattanii fi itti gammaddannii jirtu.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:20
Dargaggeessi gaafi biraa kaasu danda’a: Hoggantummaa fi beekkamti jaallachuun akkamitti duubatti deebi’uun wal-qabataa? Dhugumatti akka addaatti ilaalte fi dheeressitee jirta.’ Anis akkana isaan jedha: situ waliin dhaye, wanta ani yaade hin hubanne. Dargaggeessi yommuu ardaa kana keessa seenee beekkamti fi hoggantummaa ija isaa lamaan jidduu godhatee ergasii wanta barbaade kana dhabu, kana galmaan gahuuf bakka biraa barbaada. Osoo bakki kuni bakka badii fi wanti fokkuun itti raawwatamu ta’eeyyu ni dhaqa. Asumaan, haala gaddisiisaa dargaggeessa tokko nan kaasa. Dargaggeessi kuni amanti isaa kaddamuuf (tajaajiluuf) umrii isaa ni fixa, ni carraaqa. Kheeyri homaatu hin dhagayuu yoo achi deeme malee. Bakka kheeyri hundarraa hin hafu. Garuu rakkoon isa muudataa jiru, hoggantummaa nama biraa jalatti hojjata. Wanti inni galmaan gahu hundi hogganaa isaatitti maxxanfama. (Hojiin inni galmaan gahe hogganaan isaa akka hojjatetti ilaallama.) Kanarraa kan ka’e qomni dargaggeessa kanaa ni dhiphate. Guyyaa tokko akkana naan jedhe: Nuti ni hojjanna, tolli immoo ebalutti maxxanfama.” (wanta inni jedhe kanaaf Rabbiin ragaa godhadha) Ergasii guyyoonni ni darban. San booda hojii ofii dhiisee nama biraatin wal qunname. Da’awaa irraa ni fagaate.
Rabbiin qulqulla’e! dargaggeessi kuni Rabbiif moo nafsee ofiitiif hojjataa? Nafsee ofiitiif kan hojjatu yoo ta’e, shakkii tokko malee wanta barbaade dhabuun isaaf adabbiidha. Rabbiif kan hojjatu yoo ta’e immoo, sila Rabbiin hojii isaa hin beekuu? Gocha isaa hin arguu?
Yaa obbolaa dargaggeessa! Hoggantumma jaallachuun dhibee naqarsaati. Namni jajaa fi faaruu namootaa kajeele, kana beeku qaba: namoonni qoola temiraa hin qaban, faayda fidu, miidhaa geessu, ajjeesu fi du’aan booda kaasu irratti dandeetti hin qaban. (Mata ofiitiif kana gochuu erga hin dandeenye faaruu fi jajuun isaanii maal namaaf godhaa? Yommuu hojii gaarii keenya isaanitti agarsiisnu mindaa Rabbiin bira jiru nuuf kennus hin danda’an, adabbii Isaas nurraa deebisuu hin danda’an.) Kanaafu, hojii kee Rabbi qofaaf godhi, wanta Isa gammachisu hojjachuuf carraaqi. Hojii kee hin balleessin. Hoggantummaa fi beekkamti kaayyoo kee hin taasisin. Rabbiin kakadhe, hoggantummaa fi beekkamtin gadda, dhiphinna fi rakkoodha. Subhaanallahi! Yaa miskiina, akka waan Rabbiif hojjatte goote mul’ista, garuu dhugaadhaan dhimmi fi murtiin nafsee keeti nama beekkamaa qubbiin itti akeekkaman ta’uuf hojjattaa? Gara Rabbiitti waamu (da’awaa gochuu) addunyaa irraa fedhii kee guuttachuuf kaayyoo godhattaa? Ani gonkumaa hin shakku, namni kana kaayyoo isaa godhate, dhumti isaa fashala’uudha, nama Rabbiin rahmata godheef malee.
Oduu kanaan nan xumura. Namtichi tokko dargagootaaf fakkeenya ture. Kan seeqatu ta’ee malee hin mul’atu. Waggoota baay’eef da’awaaf hojjate. Garuu sheyxaanni isa dhaqqabee isa adamse. Beekkamtii fi hoggantummaan kaayyoo isaa ta’an. Hanga haala isaatiin dhiphatu gahutti suutuma suuta da’awaa isaa keessatti kan dadhabu ta’e. Ergasii bakka biraatti wanta yaade kana nan argadha jedhee kajeeluun da’awaa ni dhiise.
2ffaa-Qabeenya Jaallachuu:
Akkuma jedhan qabeenyi narvii jireenyaati. Qabeenyi gaariin qabeenya harka nama gaarii keessa jiruudha. Aaqilli barbaachisummaa qabeenya hin shakku. Garuu hisaaba Aakhiraa keetitiin qabeenya argachuuf da’awaa wareeguu fi hoggantummaa dharra’uun, kuni wanta fudhatama hin qabnedha. Kunoo asitti nama qabeenya barbaadu argachuuf amantii fi maatii isaa wareeguuf qophii guddaa taasisutu jira. Daa’iwwan wanta dararamtoonni fi halaakonni gariin hojjatan hin dagatan. Namoonni kunniin uffata daa’i uffachuun isaan waliin ni lixan. Da’awaa isarraa mul’atu ni baadhatan. Jaalala qabeenyaati fi hooggantummaa ni dhoksuu turan. Yommuu wanta barbaadan argatan kan kasaaran ta’anii faana ofirra duubatti deebi’an. Hiriyyoota isaanii fooyyessitoota ta’anitti sharrii xaxan, amantii kanaaf diinummaa ifatti mul’isan. Garuu:
Beekuuf jirta yommuu awwaari saaqamuu
Fardaa moo harreetu jala kee jiraachuu
وَسَيَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَيَّ مُنقَلَبٖ يَنقَلِبُونَ
“Warri miidha hojjataniis deebifama akkami akka deebifaman beekuuf jiru.” Suuratu Ash-Shu’uraa’a 26:227
Guduunfaa:
Namoonni hoggantummaa fi beekkamtii garmalee jaallachuu irraa kan ka’e da’awaa ni godhu, waan gaarii ni hojjatu. Garuu yommuu hogganaa fi beekkamaa ta’uu dadhaban, duubatti deebi’u. Kana jechuun da’awaa gochuu fi waan gaarii hojjachuu ni dhiisu. Inumaa hoggantummaa fi beekkamti barbaaduuf bakka badii deemu danda’u. Kanaafu, namni yommuu da’awaa godhuu fi waan gaarii hojjatu hoggantummaa fi beekkamti argachuuf niyyachuu hin qabu.
Gama biraatiin namoonni qabeenya walitti sassabuuf daa’i of fakkeessanii fuunduratti bahu. Yommuu qabeenya kana argatan, da’awaa ykn hojii gaarii hojjachuu ni dhiisu. Ammas, namni yommuu da’awa godhu ykn waan kheyri hojjatu qabeenya argachuuf niyyachuu hin qabu. Dhaadannoon isaa kana haa ta’uu:
“Yaa ummata kiyya! Isarratti (da’awaa irratti) qabeenya isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbiin irra malee eenyurrallee miti.” Suuratu Huud 11:29