Sababoota Duubatti Deebi’iinsaa-Kutaa 23

37.Hasad (Waanyu)
Waanyun (hinaafin) dhukkuba naqarsaa namoonni baay’een qabamaniidha.

Sababni kuni balaa hundarra guddaa amanti keessaa nama baasu fi hiriira ummataa keessatti banaa uumu akka ta’etti ilaallama. Waanyun (hinaaffin) balaa badaa qalbiin dhukkubsatte ittiin guuttamteedha. Sababoota ijoo gara waanyutti nama geessan keessaa:

A-Dadhabbinna iimaanaa

B- Qadaa fi qadaratti harka kennu dhiisu. Kuni ifa, sababni isaas, namni nama waanyu “Namni kuni haqa isaatiin malee kana argate, kuni isaaf hin malu” jedhee waan yaaduf nama waanya. Namni kuni osoo akkana jechuun gaafi of gaafate maaliif waanyaa, “Sila Rabbiin rizqii kan kennu fi beekaa mitii? Yommuu namoota waanyitu rizqii Rabbiin isaaniif murteesse nan dhoowwa jettee ni amantaa? Dhugumatti, ati rizqii Rabbii irraa homaayyu hin kennitu, duubattis hin harkistu. Akkamitti ta’aa osoo Rabbiin akkana jedhee jiruu?

51:22

Rizqiin keessanii fi wanti waadaa galamtan samii keessa jira.” Suuratu Az-Zaariyat 22

C-Beekumsaan of faayu dhiisu- osoo namni nama biraa waanyu beekumsa shari’aatiin of tolchee, silaa karaa ulfaata kana keessa hin deemu, mucuca balaa badaa qabu kana keessatti hin kufu ture. Sababni isaas, hayyama Rabbiitiin balaa kanatti kufuu irraa aayaata fi hadiisotaan ni eeggama.

D- Naannoo keessa jiraatu– maatii fi gandoota garii keessatti dhibeen waanyu kuni garmalee kan babal’ateedha. Namni tokko akkana jechuun gaafachu danda’a: hariiroon waanyuu fi duubatti deebi’u jidduu jiru maalidhaa? Gaafii isaatiif deebiin ifa kan ta’eedha: Namoota baay’ee nama biraa waanyanii fi balaa kanatti kufan duubatti kan deebi’an tanii argina. Sababni isaas, nama isaaniin ala jiruu ifatti bahuu fi isaan irraa adda ta’uu hin barbaadan. Inumaa garii isaanii haalli hanga sharrii xaxuu isaan geessa. Wanta beektonni badii zamana shekhul Islaam isarratti sobaan uuman eenyurraallee hin dhokatu.  Inumaa wanta obboleeyyan Yuusuf isatti hojjatanii fi ilmi Aadam obboleessa isaatti hojjate kan dhokatu miti. Namni tokko akkana jechuu danda’a: namoonni kunniin duubatti hin deebine bar.’ Anis nan jedha: eeyyen, gariin isaanii haala ofii dhaqqabanii hojii isaaniitiif gaabbanii jiru. Kan akka obboleeyyan Yuusuf. Garuu haalli obboleessa ilma Aadami fi warri shekhul Islaama faallessanii garagara.

Obboleessa kabajamaa kiyya!… waanyun (hinaaffin) namoota baay’ee Islaama keessaa baaste jirti, kanneen biroo immoo Islaamatti seenu irraa dhoowwitee jirti. Wanti abu jahlin Islaama fudhachuu akka didu isa taasisee maalidhaa? Ergamaa Rabbii waanyu isaatii mitii? Aaqilota yahuudota, warra beekumsaa fi kitaabaa ta’an maaltu Islaama irraa dhoowwee? Nabiyyi hin barreessinee fi hin dubbisne kana waanyu isaanitii mitii? Osoo fakkeenya dhiyeessu itti fufee, silaa mata-duree keessaa nan bahaa ture. Garuu nama dhukkubni kuni geengoo Islaama qabachuu keessaa isa baase akka fakkeenyatti nan dubbadha.

Dargaggeessi tokko amanti isaa tajaajiluuf gara fuunduraatti kan futuu fi humna homaatu kan hin hanbifanneedha, qajeelfama bu’uuraa isaa faffacaasuuf yeroo homaatu hin gubu. Garuu namoota isaa ol jiran ni waanye, tola isaanitti maxxanfamu akka addaatti ilaale. Namoonni isa hin beekan. Gaafa tokko akkana naan jedhe: haala kiyyaan dhiphadhe jira, kan hojjatu ana, kan beekkamu nama biraati.” Anis akkana isaan jedhe: Yaa namana! Rabbiin sodaadhu. Namoonni waan isa beekaniif nama waanyitaa? Ikhlaasa kee maaliif hin qorannee? Hundee hojii keeti irra deebitee hin ilaallee? Maaliif akkana hin jennee: namoonni nama beekuun waan gaarii namaaf ariifachiifame yookiin adabbii namaaf ariifachiifamedha. Sila kuni murtii Rabbii mormuu fi faallessu akka ta’e hin beektuu? Waanyu irraa Rabbiin akka akeekachiise hin beektuu? Jecha Rabbii olta’aa isarratti dubbise:

أَمۡ يَحۡسُدُونَ ٱلنَّاسَ عَلَىٰ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۖ

“Sila tola Isaa irraa wanta Rabbiin namootaaf kenne irratti isaan waanyuu?”  Suuratu An-Nisaa 4:54

وَدَّ كَثِيرٞ مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ لَوۡ يَرُدُّونَكُم مِّنۢ بَعۡدِ إِيمَٰنِكُمۡ كُفَّارًا حَسَدٗا مِّنۡ عِندِ أَنفُسِهِم مِّنۢ بَعۡدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلۡحَقُّۖ

“Warra kitaabaa irraa baay’een isaanii haqni erga ifa isaaniif ta’ee booda waanyu nafsee isaanii irraa kan ka’e amanuu keessaniin booda osoo kaafirota taatanii duubatti isin deebisanii jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:109

Sila waanyuun sharrii fi dhibee daddarbaa akka ta’e hin beeknee? Waanyon (haasidni) rizqii too’achuu barbaada, garuu rizqiin harka isaa ykn harka ilma namaa keessa akka hin jirree hin beeku.

43:32

“Sila isaantu rahmata Rabbii hiraa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan isaan jidduutti hire (qoqqodee). Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha garii isaanii garii irra sadarkaan olkaasne. Wanta isaan walitti qaban irra rahmata Gooftaa keetitu caala.” Suuratu Az-Zukhruuf 43:32

Musiiban guddoon haalota garii keessatti sababa waanyuutiin kan miidhamu nama waanyu fi waanyamuu (hinaafamu) dha. Daa’iwwan gariin yommuu diinonni fi warri isa faallessan baay’atan, qomti isaa ni dhiphata. Isaan irraa wanta isarra gahuu baadhachu dadhabuu irraa kan ka’ee fi isaan gammachiisuuf da’awaa dhiisa.  Duubatti deebi’insi kuni sababoota qaba. Isaan keessaa:
A-Iimaanni dadhabuu
B-Wanta isa muudatuuf obsa dhabuu fi mindaa herreegachu dhiisu
C-Dhaloota darbanitti hidhachuu dhiisu
D-Barbaachisummaa marsaa inni keessa jiruu wallaalu
. Namoota biratti fudhatama argachuuf gatii fi wareegama kafaluun dirqama akka ta’e hin beeku. Namni qananii qabu hundi ni hinaafama. Dirqamni nama da’awa godhu irra jiru karaa isaa irratti gadi dhaabbachuu, wanta karaa da’awaa keessatti isa qunnamu hunda danda’uu fi sharrii warra nama waanyanii irraa Rabbiin akka isa eegu kadhachudha. Dhaadannoon isaa kana haa ta’u:

قُلۡ مُوتُواْ بِغَيۡظِكُمۡۗ

“Jedhi ‘Dallansuu keessaniin du’aa.’” Suuratu Aali-Imraan 3:119

Dirqamni dargaggoota irra jiru Rabbiin sodaachu, waxmadii sheyxaanaa keessatti akka hin kufneef waanyu irraa fagaachudha. Sheyxaanni karaa waanyu isaaniif bareechisuu fi isaan dhamaasun maqaa isaatiin ala maqaa biraa akka moggaasu beeku qabu.   Inumaa isaan keessaa tokko waanyu irraa akeekachisuuf barnoota ni kenna, garuu inni mataan isaatu osoo of hin beekin waanyutti kan kufeedha. Sababni isaas, inni badii kanarraa qulqulluu akka ta’etti of ilaala.

Guduunfaa:
Waanyun sammuu namaa haguuguu fi argituu jaamsun haqa akka hin arginee fi bu’aa guddaa akka hin buufanne nama taasisa. Inumaa, badii guddaatti nama darba. Namni yommuu nama waanyu beekumsa isarraa hin baratu, haqa hin fudhatu. Kanaafu, beekumsaa fi haqa kana dhabuun kasaaraa guddaaf of saaxila.

Karaalee Dhibee Waanyu (Hinaaffi) ittiin wal’aanan:
1ffaaAddunyaan tuni qormaata akka taate beeku– Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota iddoo qormaataa waan kaa’ef nama fedheef qananii itti dhangalaasa, nama fedhe immoo itti dhiphisa. Qabeenyi, beekumsi, aangoon, beekkamtin, ijoollee fi kkf wantoota namoonni ittiin qoramaniidha. Kanaafu, yommuu qananii nama tokko argitu “Kuni isaaf qormaata. Maaliif isa waanyaa (hinaafaa) ree? Tarii namni kuni qormaata kana darbuu danda’a, tarii immoo kufuu danda’a.” jechuun of amansiisi. Mee kana fakkeenyaan haa ibsinu: barata daree qormaataa keessatti qormaata dafee hojjatee bahuu, osoo firii qormaata isaa hin argin isaa hinaafu ni dandeessaa? Namoonnis haaluma kana. Addunyaan iddoo qormaataa waan taatef firiin isaanii ifa kan bahu Guyyaa Qiyaamaati. Kanaafu, nama qormaata keessa jiru, kan firiin qormaata isaa hanga silaa hin beekkamne waanyu irraa wanti argadhu maalidhaa? Ajiiib!!!!
2ffaaQananii qaban ilaalun Rabbiif galata galchuu fi namoota qananii kana hin qabne ilaaluu-“Alhamdulillah ani osoo qananii guddaa kana qabu maaltu akka waanyu na taasisaa? Namoota meeqatu wanta ani qabu kana dhabee?” ofiin jechuu.
3ffaaMiidhaa waanyun jireenya tanaa fi Aakhiratti isarraan gahu hubachuu– Yoo nama waanye beekumsa dhaba, karaa haqaa irra jallata. Kanaafu, dhumarratti, adabbii cimaaf saaxilama. Fkn, osoo nama Tafsiira Qur’aanaa siif dhiyeessu waanyun wanta inni dhiyeessu yoo dubbisuu ykn dhageefachu baatte, beekumsaa fi haqa hin dhabduu?
4ffaaMataa ofiitii fi nama saniif du’aayi gochuu-eeti amalli hinaaffi guddatus xiqqaatus nama hundaa bira ni jira. Garuu amala kana ofirraa oofuuf du’aayi gochuu barbaachisa. Nama waanyan saniif waan gaarii hawwuun gubaa keessa namaatti dhagahamu hir’isa.
5ffaa-Sababa waanyutin fedhii nafsee fi hasaasa sheyxaana hojii irra oolchu irraa of qusachuu- Namni nama biraa waanyun wanta badaa hojjatu dhumarratti ofuma miidha. Namni of qabe immoo badii guddaa hanbisa. Inumaa badhaasa guddaa argata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:“Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii waan [badaa] ishiin hawwitu irraa dhoorge, Dhugumatti Jannani teessoo [isaati].” (suurat An-Naazi’aat 79:40-41)

Sababoota Duubatti Deebi'insaa-Kutaa 24
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 22.2

Leave a Reply