Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 16

Kutaa darbee keessatti mootiin Misir Yuusufin mana hidhaati baase ofitti dhiyeessu akka barbaade ilaalle turre. Garuu Yuusuf hanga yakkaa irraa qulqulluu ta’uu isaa mirkanaa’utti mana hidhaa keessaa bahuu dide. Mootichi yakka irraa qulqulluu ta’uu erga mirkaneesse booda akka Yuusufin fidan tajaajiltoota isaa ajaje:

12:54

Mootichis ni jedhe, “Isa naaf fidaa, nafsee tiyya qofaaf isa godha.” Yommuu isa haasofsiisu, “Dhugumatti, ati har’a nu biratti bakka ol’aanaa kan qabuu fi amanamaadha.” jedheen.” Suuratu Yuusuf 12:54

Yuusuf qulqulluu ta’uu mootichaaf erga ifa ta’ee booda, mootichi akkana jedhe, “Yuusufin naaf fidaa. Nafsee tiyyaaf isa filadha, gargaartootaa fi gorsitoota natti dhiyaatan keessaa tokko isa godhadha.” Yuusufis mana hidhaa keessaa bahuun ni dhufe. Yommuu mootichi Yuusufin haasofsiisu, mootichi akkana jedhe, “Har’a ati nu biratti nama sadarkaa ol’aanaa qabuu fi wanta hundarratti amanamaadha.”[1]

Mootichi akkanumatti lafaa olka’e kana hin jenne. Yuusuf irraa wanta dubbise qaba. Mootichi yakka zinaa (sagaagalummaa) irraa qulqulluu akka ta’e ragaa dubartoonni bahan irraa ni beeke. Hiikni abjuu inni hiike hiika ajaa’ibaa fi sirrii akka ta’e ni hubate. Uumamaa fi amala Yuusuf yommuu argu garmalee isa gammachiise. Kuni garmalee akka isa jaallatu fi ofitti isa dhiyeessu isa taasise.

Kuni bu’aa bayii qormaataa keessatti xumura gaariidha. Yuusuf abbaa garmalee isa jaallatu biratti jireenya isaa jalqabe, ergasii qormaata baay’een ni qorame: biiritti ni darbame, garba ta’uun ni gurgurame, yakka sobaatin ni yakkame, haqa malee ni hidhame ergasii ulfaatinnaa fi rakkoo mana hidhaa keessaa baafamuun warra mootiitti garmalee dhiyaatan keessaa tokko ta’e. Dhugumatti, seenaan addaa kuni amala jireenya addunyaa tanaa nutti agarsiisa. Qormaanni haarofti hundi qormaata duraa caalaa guddaadha. Garuu injifannoon dhumaa dachaa dachaan mi’aawadha.[2]

12:55

“[Yuusuf] ni jedhe, ‘Kuusaa dachii irratti [itti-gaafatamaa] na taasisi. Dhugumatti, ani tiiksaa, beekadha.’” Suuratu Yuusuf 12:55

Yuusuf namoota fayyaduu fi haqummaa gadi dhaabu barbaade. Kanaafu, mootichaan akkana jedhe: Kuusaa qabeenya Misir irratti itti-gaafatamaa (abbaa aangoo) na taasisi. Wanta itti-gaafatamummaa itti fudhadhe nan eega, homtu bakka isaa maleetti hin badu, keessaa fi alaan nan sirreessa. Akkaataa bulchiinsaa fi too’annaa nan beeka.[3]

12:56

“Akka kanatti dachii keessatti Yuusufiif bakka mijeessineef, ishii irraa bakka fedhe qubata. Nama feene rahmata Keenyaan tuqna, mindaa warra toltu hojjatanii hin balleessinu.” Suuratu Yuusuf 12:56

“ishii irraa bakka fedhe qubata.” Kana jechuun biyya Ijipt keessatti bakka fedhe jiraata.

Mana hidhaati erga baafame booda Yuusuf guutuu Ijipt keessatti ministeera aangoo ol’aanaa qabu ta’ee jira. Biyyatti keessa bakka fedhe deema. Hidhamaa erga ta’ee booda mootitti aanee nama aangoo ol’aanaa qabu ta’e. Inumaa gara tokkoon mootii caalaa aangoo ol’aanaa qaba. Sababni isaas, Yuusuf soorata ummataa too’ata. Namni hundu nyaata barbaada, garuu namni hundi yeroo hunda mootii hin barbaadu. Hayyoonni akka jedhanitti, Yuusuf saganta bulchiinsaa bu’a-qabeessa ta’e hoji irra oolche. Hoonge gara fuunduraatti dhufuuf akka olkaa’amuuf fi qusatamuuf waggaa torbaaf namoonni oomisha isaanii mootummaatti kennataa turan.

Sababni ijoon Yuusuf mindaa guddaa kana itti argateef gaarummaa isaati. Rabbiin olta’aan ni jedha: “Nama feene rahmata Keenyaan tuqna, mindaa warra toltu hojjatanii hin balleessinu.”

Qananiin Yuusuf argate kuni hundi rahmata Rabbii irraayyi. Kuni barnoota bu’uuraa nuuf ta’a. Yommuu nuti warra gaarii taanu, Rabbiin nu badhaasa. Dhugumatti Inni mindaa warra hojii gaggaarii hojjatanii jalaa hin balleessu.

12:57

“Warra amananii fi Rabbiin sodaataa turaniif mindaa Aakhiratu caala.” Suuratu Yuusuf 12:57

Aangoo fi qabeenya waliin Yuusuf kunoo biyyatti keessatti haalli mijaa’eef. Garuu biliclicii qabeenyaa fi sadarkaa addunyaa tanaatiin akka hin gowwoomne Rabbiin nu yaadachiisa. Sababni isaas, 1ffaa– qabeenyi fi sadarkaa addunyaa tanaa yeroo gabaabaaf kan turaniidha. 2ffaa– mindaa addunyaa irra “mindaa Aakhiraatu caala.” Mindaan Aakhiraa qananii fi badhaasa addunyaa kan caalu fi zalaalami (yeroo dheeraa daangaa hin qabne) kan turuudha. Garuu Rabbiin badhaasa kana namoota amananii fi Isa sodaataniif qofa qopheesse. “Warra amananii fi Rabbiin sodaataa turaniif….”

Sufyaan ibn Uyaynah fi hayyoonni darban biroo, warri amanan (mu’mintoonni) hojii isaaniitiif mindaa lama akka argatan aayah tana ragaa godhatan. Mindaan jalqabaa addunyaa tana keessatti, mindaan lammataa immoo Aakhiratti. Gama biraatiin Rabbiin kaafirtoota hojii isaanii gaariif addunyaa tana keessatti qofa mindaa kennaaf. Aakhiratti immoo homaa hin kennuuf. Sababni isaas, badhaasni Aakhirah warra amanan qofaaf qophaa’e. Kaafiroonni guddinna kasaaraa isaanii Guyyaa Murtii ni beeku. garuu hubannaan kuni baay’ee kan barfate ta’a.[4]

Guduunfaa

Boqonna tana keessatti sababoota Yuusufin milkaa’inatti geesse ni eera. Isaaniis: amanuu, taqwaa, ihsaana fi obsa.
Amanuu jechuun Rabbii olta’aatti amanuu, du’aan booda kaafamuun akka jiru, Jannataa fi Jahannam akka jiran amanu, Rabbiin kitaabban akka buuse fi Ergamoota akka erge amanu, malaykoonni akka jiran amanuu fi wanti hundu murtii Rabbiitiin akka ta’u amanuudha.
Taqwaa jechuun immoo wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eegudha. Jechi taqwaa jedhu jecha wiqaayah jedhu irraa fudhatame. Wiqaayah jechuun eeggumsa jechuudha.
Ihsaana jechuun hojii bareechisanii hojjachuu fi tola ooludha.
Obsa jechuun wanta badaa hojjachuu irraa of qusachuu, wanta gaarii hojjachuu itti fufuu fi balaa namatti bu’eef dallanuu irraa of qusachuudha.
Yuusuf bu’uuraalee kanniin hunda kan guutedha. Boqonnaa tana keessatti milkaa’inni guddaan milkaa’inna Aakhiratti argatan akka ta’e ni mirkaneessa. Kanaafu, yeroo hundaa milkaa’inna Aakhiraatiif dharra’uu fi hojjachuu qabna. Addunyaa irraayyis wanta milkaa’inna kanatti nu geessu dagachuu hin qabnu.

✏Namni bu’uuraalee kanniin guute addunyaa keessattis mindaa ni argata, Aakhirattis mindaa ni argata. Mindaan guddaan addunyaa tana keessatti argatu, tasgabbii qalbiitii fi boqonnaa sammuuti.


[1] Tafsiir Muyassar-242, Ma’aariju tafakkuri-10/689, Tahriir wa tanwiir-13/7
[2] Lesson from Suuratu Yuusuf-100
[3] Tafsiiru Muyassar-242, Tafsiir Sa’dii-463
[4] Lesson From Suurah Yuusuf-101-102

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 17
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 15

Leave a Reply