Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 17

Obboleeyyan Yuusuf Dhufuu

Bara dheeraa dura obboleeyyan Yuusufin eelatti darbuun abbaa isaa irraa fageessan kunoo rakkoon isaan dirqisiisuun gara Yuusufi dhufan. Kunoo Yuusuf osoo barbaade carraa isaan irraa gadoo baafachu argatee jira. Garuu inni muhsiiniin (warra tola oolanii fi hojii bareechisan) keessaa tokko waan ta’eef gadoo baafachuuf hin carraaqne. Kana irra, nama hunda caalaa isaan keessumeesse. Kuni gaarummaa akkami! Nama qileetti si darbe baroota dheeraa booda yommuu sitti dhufu maaltu sitti dhagahamaa? AllahuAkbar! Rabbiin amala Yuusufin badhaase kana nullee haa badhaasu. Aamiin Allaahummaa aamiin. Mee gara seenaa ajaa’iba kanatti haa dabarru:

12:58

“Obboleeyyan Yuusuf dhufanii isatti seenan. Isaan kan isa hin beekne ta’anii osoo jiranu inni isaan beeke.” Suuratu Yuusuf 12:58

Yuusuf erga aangoo qabatee booda, sirna bulchiinsaa jabaa ijaare. Waggaa torbaa lafti oomisha itti kennitu keessatti namoonni jabaatanii akka hojjatanii fi oomisha argame akka kuusan taasise. Waggaa torba itti oomishan erga darbee booda waggoonni torba hoonge ni dhufan. Waggoota kana keessatti hoongen biyya Ijipt irra darbee biyyoota ollaa kan akka Filisxeem ni dhaqqabe. Kanaafi, obboleeyyan Yuusuf midhaan nyaata bitachuuf Filisxeem irraa ka’uun gara Ijipt dhufan. 

“…isatti seenan…” Yuusuf ministeera diinadge waan ta’eef namoonni hundi qajeelon isa waliin hin daldaalan, garuu obboleeyyan isaa biyya alaa irraa waan dhufaniif aangoo ol’aanaa irraa mirkaneefannaa argachuun isaan irraa eeggama. Akkasumas, maatiin isaanii baay’ee waan ta’aniif nyaata baay’ee isaan barbaachisa. Kanaafu, Ijiptiin erga gahanii, bakka Yuusuf jiruutti qajeeluun isatti seenan.

“Isaan kan isa hin beekne ta’anii osoo jiranu inni isaan beeke.” Kana jechuun yommuu isaan isatti seenan, Yuusuf yoosu isaan beeke. Garuu isaan isa hin beekne. Isaan obboleeyyan isaa gurguddoo ta’anii osoo jiranu akkamitti inni isaan hin beeknee? Uffannaan isaanii uffanna ummata isaatiin walfakkaata. Lugaa isaa dubbatu. Garuu obboleeyyan isaa kunniin kuni Yuusufin akka ta’e quba hin qaban. Yeroon dhumaa isaan isa argan mucaa waggaa torbaa ta’ee osoo jiruuti. Amma kunoo namticha guutuu ta’e. Obboleessi xiqqaan isaan eelatti darban suni lubbuun jiraachu qofaa miti Ijipt keessatti nama aangoo ol’aanaa qabu ta’a jedhanii akkamitti yaaduu danda’uu?

Akka hayyoonni jedhanitti, yommuu Yuusuf isaan beeku, gaafi isaan gaafachuu jalqabe, “Isin eenyu? Maaliif gara biyya keenyaa dhuftanii?” Isaanis akkana jechuun isatti himan, “Nuti garee namootaa Filisxeem keessa jiraatudha. Hundi keenyaa obboleeyyani, abbaa umriin isaa sadarkaa jaarsummaa irra gahe qabna.” Innis ni jedhe, “Isiniin ala ijoollee biraa qabaa?” Isaaniis “Eeyyen nuti ijoollee kudha lama. Mucaan xiqqaan deeme bade. Mucaan kuni nu caalaa abbaa keenya biratti jaallatamaa ture. Obboleessi isaa kan garaan tokko ta’an nu duubatti hafe. Abbaan keenya nurraa ni hanbise (Nu waliin dhufuu irraa ni dhoowwe).” Hanga waa’ee maatii yeroo dheeraaf addaan bahanii ilaalchisee oduu gahaa argatutti Yuusuf gaafi gaafachuu itti fufe.

Yommuu meeshaa isaanii isaaniif qopheesse, ni jedhe, ‘Obboleessa keessan abbaa keessan irraa natti fidaa. Sila ani safara akka guutee fi [namoota hunda] caalaa kan nama keessumeessu ta’uu hin argitanii? Yoo isa hin fidin, safarrin na bira isiniif hin jiru, nattis hin dhiyaattan.’” Suuratu Yuusuf 12:59-60

Yuusuf obboleeyyan isaa kanniin haala gaariin ni keessumeesse. Yommuu yeroon isaan gara biyya ofiitti deebi’an gahu, midhaan ni safareef, meeshaa isaanii ni qopheesseef. Ergasii akkana isaaniin jedhe, “Wanti isin jettan dhugaa ta’uu isaa akka beekuuf obboleessan keessan san abbaa keessan irraa naaf fidaa.”

Obboleessi isaanii inni baanu (jedhu) kuni Binaayimin. Binaayimin obboleessuma Yuusufi. Haadha takkatu isaan lamaan daye. Yeroo itti aanutti obboleessa kana akka fidan akkana jechuun isaan kajeelchise: “Sila hin argitanii, osoo homaa hin hir’isin midhaan guutee isiniif safare, haala hundarra gaarii ta’een isin keessumeesse.”

Kajeelchisuun qofti bu’aa buusu waan hin dandeenyeef akkana jechuun isaan sodaachisee: “Yoo isa hin fidin, safarrin na bira isiniif hin jiru, nattis hin dhiyaattan.” Kana jechuun yoo isin obboleessa abbaa keessan biratti hafe san hin fidin, na biraa midhaan isiniif safaramu hin argattan, gara kiyyattis hin kalooftan.

12:61

Isaanis ni jedhan, “Isa ilaalchisee abbaa isaa ni sossobna. Dhugumatti nuti raawwattoota.” Suuratu Yuusuf 12:61

Kana jechuun obboleeyyanis ni jedhan: “Akka nu waliin isa erguuf abbaa isaa amansiisuuf ni carraaqna. Dhugumatti nuti kana ni hojjanna.”

12:62

[Yuusuf] Tajaajiltoota isaatiin ni jedhe, “Mi’a daldalaa isaanii fe’aa isaanii keessa godhaaf, tarii yommuu gara maatii isaanii deebi’an isa ni beeku, tarii lamu ni deebi’u.” Suuratu Yuusuf 12:62

Yeroo sanitti daldalli mi’a (meeshaa) wal jijjiruun adeemsifama. Fakkeenyaaf, warqii ykn meeta midhaaniin ykn nyaataan jijjiruu. Obboleeyyan Yuusuf wanta midhaaniin ittiin jijjiran fidanii dhufan. Yuusuf mi’a daldalaa isaan fidan midhaan waliin akka fe’an dargaggoota isa tajaajilanitti hime.  Kaayyoon mi’a daldalaa deebisuu duuba jiru, “tarii yommuu gara maatii isaanii deebi’an isa (mi’a daldalaa) ni beeku, tarii lamu ni deebi’u.”[1]

Namni tokko, “Sababa maaliitiif Yuusuf mi’a daldalaa obboleeyyan isaa fe’aa isaanii keessa akka kaa’an tajaajiltoota isaa ajajee?” yoo jedhe, kuni karaa adda addaatiin ibsamuu danda’u:
1ffaa-Barri bara hoonge waan ta’eef abbaa isaa Ya’quubin bira wanta ittiin daldalan hin qaban jedhe sodaate. Kanaafu, kana isaan irraa fudhachuun isaan miidha. Yuusufis obboleeyyan isaa gara isaatti akka deebi’an ni barbaade.
2ffaa-abbaa fi obboleeyyan isaatti tola oolu barbaade. Kanaafu, sababa isaan hin beekneen mi’a daldalaa isaaniif deebise.
3ffaa-waadaa isaanii akka eeganiif-miyni daldalaa kuni isaaniif deebi’ee yommuu argan, fudhachuun isaanitti ulfaata. Kanaafu abbichaaf deebisuuf ni dirqamu. Yeroo kanatti, waadaa ‘abbaa keenya sossobne obboleessa hafe ni finna’ jedhu ni eegu.[2]

Guduunfaa
✏Asirraa gaarummaa fi tola ooltummaa Yuusuf ni baranna. Obboleeyyan isaa waggaa dheeraa dura eelatti isa darbuun miidhaa guddaa isarraan gahan. Garuu inni kana hunda cinaatti dhiisun tola isaanitti oole, haala gaariin isaan keessumeesse. Mi’a daldalaa isaan fidan isaaniif deebisuun midhaan tola isaaniif kenne. Kanaafu, nutis hanga dandeenyuun obboleeyyan keenyatti tola ooluf carraaqu qabna. Obboleeyanitti tola oolun hariroo firummaas jabeessa, sadaqaas ta’a.
✏Yommuu wayitti ajajan kajeelchisuu fi akeekachiisun baay’ee barbaachisaadha. Yuusuf tooftaa kanatti fayyadamuun obboleeyyan isaa Biniyaamin akka fidan ajaje.


[1] Lesson From Suurah Yuusuf-104-107

[2] Tafsiir Xabarii-13/228-229

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 18
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 16

Leave a Reply