Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 22

Kutaa darbe keessatti Yuusuf tooftaa baasun obboleessa isaa Biniyaaminiin akka of biratti hanbisee ilaalle turre. Ammas, itti fufuun Biniyaamin erga fudhatamee booda wanta obboleeyyan kurnan hojjatan ilaalla:

12:80

Yommuu isa irraa abdii kutatan, maqoof kophaatti bahan. Isaan keessaa inni guddaan ni jedhe, ‘Abbaan keessan maqaa Rabbiitiin kakuu akka isin irraa fuudhee fi kana duras Yuusufin ilaalchise wanta daangaa darbitan hin beektanii? Kanaafu, hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin Rabbiin naaf murteessutti malee dachii [Mısır] gadi hin lakkisu. Inni caalaa warra murtii dabarsaniiti.” Suuratu Yuusuf 12:80

Ilmaan Ya’quub (A.S) yommuu Yuusuf Binimaayinin isaaniif gadi dhiisuu irraa abdii muratan, rakkoo cimaa keessaa hin baanetti kufan. Wanta hojjachuu qaban namoota biroo irraa addaan bahuun dhoksaan mari’achuu jalqaban. Maqoo jechuun dhoksaan mari’achuudha. Isaan keessaa obboleessi umriin ykn aqliin guddaa ta’e akkana jechuun isaan waqqasee: Sila abbaan keessan maqaa Rabbiitiin kakuu cimaa isin irraa hin fuunee? (‘Yoo marfamtan malee akka Biniyaamiinin of waliin fiddan maqaa Rabbiitiin kakadhaa’ isiniin hin jenne?)  Ammas tana dura dhimma Yuusuf keessatti daangaa akka darbitan hin beektanii? Yuusufin ni eegna jechuun abbaa irraa fuutanii ergasii eelatti isa darbitan. Ani fuula abbaa kiyya ittiin qunnamu hin qabu. Kanaafu, hanga abbaan kiyya akka gara isaatti deebi’uu naaf hayyamutti yookiin Rabbiin dhimma biraa naaf murteessutti malee ani biyya Misir tana gadi hin lakkisu. Dhugumatti Rabbiin hunda caalaa murti gaarii fi haqaa kan dabarsuudha.”

Ilmi hangafaa kuni garmalee saalfachuu irraa kan ka’e gara abbaatti deebi’u hin barbaanne. Haala ofii Rabbii olta’aatti iyyate. Obboleeyyan isaa hafaniis maal jechuu akka qaban itti himuun gara abbaatti erge:

Gara abbaa keessanii deebi’atii, “Yaa abbaa keenya! Dhugumatti ilmi kee hate. Wanta beekne malee ragaa hin baanu. Nuti warra gheeybi (wanta dhokataa) eeganii miti. Ganda nuti keessa turree fi garee daldaltootaa waliin dhufne gaafadhu. Dhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.” jedhaan. (Suuratu Yuusuf 12:81-82)

Kana jechuun yaa abbaa keenya ilmi kee Biniyaamin xaasaa mootichaa ni hate. Xaasaan fe’aa isaa keessatti argame. Sababa kanaan, ministeerri Misir isa fudhate. Nuti wanta hin beekneen obboleessa keenya kana irratti ragaa hin baanu. Garuu wanta arginee fi beeknee qofaan ragaa baana. Sababni isaas, xaasaan mootichaa fe’aa isaa keessaa kan baafamu ta’e argine.   

“Nuti warra gheeybi (wanta hin mul’anne) eeganii miti.” Kana jechuun yommuu kakuu keenya siif kenninu obboleessi keenya akka hatu hin beekne. Wanta gara fuunduraatti uumamu hin beeknu.  Asitti ‘eegun’- beekumsa qabaachudha. Nuti wanta hin mul’anne hin beeknu. Osoo gheeybi kan beeknu taanee silaa Biniyaaminin sirraa fuune hin deemnun.  

Yaa abbaa keenya dubbii keenya keessatti yoo nu shakkite, magaalaa Misir nuti keessa turree fi garee daldaltoota waliin dhufne gaafadhu.  

Magaalaan Misir bakka fe’aa Biniyamiin keessaa xaasaan baafameedha. Magaalaa gaafachu jechuun ummata achi keessa jiraatan gaafachuudha. Isaan gaafachun kan danda’amu takkaa nama itti erguun takkaa immoo mataa ofiitiin deemudha.[1] 

12:83

 

[Ya’quubis] ni jedhe, “Lakki, nafseen teessan waa isiniif miidhagsite. Obsa bareedatu [naaf mala]. Tarii Rabbiin hunda isaanitu naaf fida. Dhugumatti Inni Beekaa, Ogeessa.” [Suuratu Yuusuf 12:83] 
Miidhaginna Qur’aanaa mee ilaali, akkamitti dubbii hin barbaachisne irra akka utaalee. Hangafa malee obboleeyyan gara Filisxeemitti ni deebi’an, Ya’quubis oduu gaddisisaa ni qunname. “Lakki…” jedhe. Kana jechuun ‘Lakki! wanti isin jettan dhugaa miti.’ Ya’quub Biniyaamin gonkumaa akka hin hanne qalbii isaa keessatti ni beeka.  

Akkasumas, obboleeyyan kana dura akka soban ni beeke, kanaafu muxannoo irratti hundaa’e isaan irratti murteesse. Akkuma Sa’adin jedhe, “Soba dubbachuun rukutta cimaa madaa namarratti hanbisuun wal fakkaata. Madaan osoo fayyeellee gadaanisni (mallattoon) ni tura. Mee ilaali, obboleeyyan Yuusuf yeroo darbe soba guddaa waan dubbataniif, yeroo kanatti dhugaa haa dubbataniyyu malee Ya’quub isaan amanuu hin dandeenye.[2] Kanaafu, dubbiima yommuu oduu Yuusufin itti dhufan dubbate asittis dubbate: ‘…nafseen teessan waa isiniif miidhagsite.’ 

Ya’quub nama obsa guddaa qabu akka ta’etti beekkama. Duraan Yuusufin dhabuu isaatiif jabeenya fakkeenya namaaf ta’u agarsiisee. Kunoo asittis wantuma wal fakkaatu hojjachuuf waadaa gale: fasabrun jamiil (Obsa bareedaa). Obsa bareedaa jechuun obsa dallansuun keessa hin jirree fi Rabbiin malee namootatti himachuun keessa kan hin jirreedha.   

“Tarii Rabbiin hunda isaanitu naaf fida.” Kana jechuun Rabbiin hunda isaaniitu akka naaf fidu nan abdadha. Ya’quub (aleyh salaam) Rabbiin Yuusufin, Biniyaamini fi obboleessa hangafaa akka isaaf fidu abdii guddaa qaba. Ya’quub gaddi guddaan isa haa qunnamuyyu malee, Rabbiin akka isa hin mufachiifne iimaana cimaa qaba. Barnoonni asirraa fudhannu, nuti waa’ee Rabbi ilaalchisee yaada hundarra gaarii ta’e qofa qabaachu qabna. Jecha biraatin zanni toluudha. Osoo hanga fedhe rakkoon nutti baay’ateelle, Rabbiin rakkoo kana keessaan waan gaarii gonkumaa nuti hin yaanne akka nuuf fidu abdachuudha.

Faallaan kanaa, nama iimaana dadhabaa qabuudha. Qormaata jalqabaa dhayameen rakkoo himachuu baay’isa. “Yaa Rabbii! Kuni maaliif natti raawwatamaa? Rabbiin maaliif akkana na godhaa?” jedha. Akkuma qormaanni (musiibaan) isatti dabalamuun, iimaanni isaa himannaa irraa gara amanti ofii gaafachu, dhumarratti kafaruutti deema. Seenaan Ibliis balaa murti Rabbii gaafachu sirritti ifa godha. ‘Ani nama suphee irraa uumame caala’ jechuun Aadamiif sujuudu ni dide. Sababa kanaan, Iblis hunda caalaa kan kasaare ta’e. Gaafi isaatiin hanga Guyyaa Murtiitti Rabbiin jireenya isaa ni dheeresse. Garuu Ibliis dachii keessa badii babal’isuuf yeroo kanatti fayyadama. Warri amanan (mu’mintoonni) yeroo rakkoo Rabbiif of gadi qabu, daran Isatti dhiyaatu.[3] Sababni isaas, “Dhugumatti Inni Beekaa, Ogeessa.” Kana jechuun Rabbiin haala namni keessa jiru sirritti Kan beekudha, hojii fi murti Isaa keessatti ogeessa. Wanta hojjatu hunda haala sirriin hojjata, murti sirrii dabarsa. (Kanaafu, Inni hojii fi murti Isaa keessatti hin gaafatamu.) 

12:84

“Isaan irraa garagalee, “Yuusufin irratti yaa gadda kiyya.” jedhe. Gadda irraa kan ka’e ijji isaa lamaan ni addaatte. Inni gaddaan kan guuttameedha.” [Suuratu Yuusuf 12:84] 
Ya’quub gaddaan uwwifamuun ijoollee isaa irraa garagale. Ijoollee isaa hunda haa jaallatu malee, qalbii isaa keesatti Yuusufif bakka addaa qaba. Yeroo gaddi isatti baay’ate kana keessatti, ilmi gadda isaa daran dabale Yuusufi. Sababni isaas, namni duraan kan gaddu yoo ta’ee fi gaddi biraa yoo isatti dabalame, gaddi jalqabaa isa keessatti kaka’a. kanaaf, Ya’quub akkana jedhe: “Yuusufin irratti yaa gadda kiyya.” Asafaa jechuun gadda cimaadha. Ya’quub gadda isaa hidda qalbii isaa keessaa arraba isaatti fide. 

Yuusuf urga bade xiqqaate xiqqaatu wagga 25 ta’e, garuu laalaan kuni hin hir’anne. Obboleeyyan isaa Yuusufin balleessun jaalalli abbaa isaanii isaaniif akka darbutti yaadan, haa ta’u malee kuni yaaddo abbaan Yuusufiif qabu dabale. Wanti seenaa kana irraa barannu, sheyxaanni ‘diliin (cubbuun) nu fayyada’ jenne akka yaannu nu gowwoomsa.  Garuu akka seeraatti, Rabbiin hojii badaa keessa barakaa hin goone.  

Gaddi Ya’quub guddaa fi cimaa ta’uu irraa kan ka’e, “…ijji isaa lamaan ni addaatte…” Kana jechuun baay’isee booyu irraa kan ka’e kutaan ijaa gurraachi gara adiitti jijjirame. Kuni ijji isaa dadhabuu agarsiisa.  

“Inni gaddaan kan guuttameedha.” Kana jechuun keessi isaa gaddaan kan guuttameedha, garuu gadda isaa ifa hin baasu, namootatti hin odeessu. Garmalee dhokfata.  

Kaziim jechuun nama garmalee gadda ofii dhokfatuu fi namootatti ifa hin baasnedha. Rabbiin Ya’quubiin akkana jechuun ibse: ‘Inni gadda ofii ni dhokse, ni eege, kophaatti bahe. Sababni isaas, gadda isaa mul’isuu hin barbaanne, kana yeroo dheeraaf raawwataa ture.’ 

Ya’quub miiraa isaa waan too’ateef Rabbiin isa faarse. Haala guutuun Rabbiitti amanuu jechuun mararfannaaf namootatti qajeelu osoo hin ta’in Rabbiin qofatti qajeeludha. Eeyyen, gargaarsaa fi deeggarsaaf namootatti qajeelun amala ilma namaati. Akkas gochuun cubbuu miti. Garuu namni gargaarsi hundi Rabbiin irraa akka dhufu hubachu fi sirritti amanuu qaba. Inumaa, namoonni nu gargaaruuf yommuu barbaadan, wanta Rabbiin nuuf barreesse malee wanta biraa gochuu hin danda’an.  

Akkasumas, booyun yaad-rimee sabrun jamiil (obsa bareedaa) hin faallessu. Rabbiin Ya’quubin nama obsa bareedaa qabu akka ta’etti ibse. Garuu inni kana waliinu hanga ijji isaa addaattutti ni booye. Booyu fi miira agarsiisuun amala namaati.  

Yommuu daa’imni Nabiyyii keenyaa (SAW) maqaan isaa Ibraahim jedhamu harka isaa keessatti du’u, Nabiyyiin ni booye. Imimmaan osoo isarraa coccophu ni jedhe, “Dhugumatti, ijji imimmaan ni buusti, qalbiin ni gadditi, garuu wanta Gooftaa keenya gammachiisu malee hin dubbannu. Yaa Ibraahim nurraa addaan bahu keetin gaddine. (Sahiih Al-Bukhaari 1303) 

Siiraa keessatti osoo sahaabonni isa waliin jiranu, bakka kanaan ala bakki Nabiyyiin itti booye sadii ni jira. Sahaabonni dinqisiifatanii akkana jedhan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Atillee ni boottaa sila?” Kuni isaaf akka hin malleetti yaadan. Hayyuun beekkaman Hasan Al-Basri barataa sahaabota baay’ee ture. Yommuu ilmi isaa du’u booyu jalqabe. Barattoota isaa keessaa barataan tokko haala booyicha kanaa isarratti jibbuun isa ilaale. Akka aadaa isaaniitti booyun mallattoo dhiirummaati miti. Hasan ni jedhe, ‘Dhugumatti, Ya’quub booyee jira. Rabbiin booyicha saniif isa hin waqqasne.’ Booyichi Ya’quub sadarkaa inni Rabbiin biratti qabu hin hir’isne.4  

Guduunfaa:
✐Namni wanta argee fi beeke qofaan ragaa bahuu qaba.
✐Soba dubbachuun rukuttaa cimaa mallattoo (gadaannisa) namarratti hanbisuun wal fakkaata. Ati har’a yoo nama sobde, boru osoo dhugaa dubbattellee namoonni si hin amanan. Kanaafu soba of eeggadhu.
✐Gadda ofii dhokfachuun Rabbiin qofatti himachuun amala namoota gaarummaa ol’aanaa qabaniidha.
✐Booyun obsa bareedaa hin faallessu. Wanti hubatamu qabu; asitti booyu jechuun iyyuu fi uffata ofirraa cicciruu osoo hin ta’in imimmaan buusudha. Iyyu fi uffata cicciruun akka shari’aatti dhoowwadha. Garuu imimmaan buusun hayyamamaa fi mallattoota rahmataati.


[1]Tafsiir Tahriir watanwiir
[2] https://www.kuranvemeali.com/yusuf-suresi/83-ayeti-tefsiri
[3] Lesson from Surah Yuusuf-Yaasir Qaadi
[4] Madda olii

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 23
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 21

Leave a Reply