Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 24

Kutaa darbe keessatti Yuusuf eenyummaa isaa obboleeyyan isaatiif erga ibsee booda badii waggaa dheeraa dura isatti raawwatan akka irra darbeef ilaalle jirra. Har’as itti fufuun kutaa hafee ni ilaalla. Obboleeyyan isaa haalo (gadoo) akka hin baafanne inumaa akka isaaniif dhiifama godhe erga mirkaneeffatanii booda Yuusuf akkana isaaniin jedhe:

12:93

“Shaamizi kiyya kanaan deemaatii fuula abbaa kiyyaa irratti darbaa, inni kan argu ta’aati. Maatii keessan hundaanis natti koottaa.” [Suuratu Yuusuf 12:93]

Kana jechuun Yaa obboleeyyan kiyya shaamizi kiyya kana fuudhaa gara abbaa kiyyaa deemaan. Ergasii fuula isaa irratti darbaa. Argituun (ijji) isaa sababa gaddaatiin erga dadhabdee booda haala guutuun ni deebitiif.  Nabii Ya’quub sababa Yuusuf fuula isaa duraa dhabameef garmalee kan gaddu ture. Garmalee gadduu fi booyu irraa kan ka’e ijji isaa lamaan ni jaamte. Kanaafu, Yuusuf obboleeyyan isaatiin “fuula isaa irratti shaamizi kiyya darbaa, ijji isaa akkuma duraanii sirritti tan argitu taati.” jedheen.

Ergasii rakkoo keessaa bahanii Misir keessa jireenya mijaa’innaa akka jiraataniif ‘maatii keessan hunda fidaatii natti koottaa’ jedheen.

12:94

Yommuu gareen daldaltootaa [Misirin] gadi furanii bahan, abbaan isaanii ni jedhe, “Dhugumatti ani fooli Yuusufi argachaa jira, osoo isin totorra’aadha nan jechuu baattani.” [Suuratu Yuusuf 12:94]
Kana jechuun yommuu gaalonni obboleeyyan Yuusuf fi kanneen biroo kan meeshaa baadhatan Misiriin gadi furanii bahan, abbaan isaanii akkana jedhe: dhugumatti ani fooli Yuusuf fuunfachaa jira. Osoo isin ‘ati jaarsa sammuun dadhabaa totorra’uudha.’ nan jechuu baattanii, silaa na dhugoomsitu.

İiru- jechuun garee gaalotaa ykn harroota ykn gaangewwanii fe’aa baadhataniiti. Asitti wanti barbaadame abbooti gaalotaati. Kana jechuun daldaltoota.

Ya’quub (aleyh salaam) maatii isa bira jiruun jecha kana jedhe. Maatiin kunis ilmaan ilmaan isaatii fi haadholee manaa isaaniti. Deebiin maatii kana kan armaan gadi ture:

12:95

Isaanis ni jedhan, “Rabbitti kakanne, dhugumatti ati dogongora kee duraanii keessa jirta.” [Suuratu Yuusuf 12:95]

Akkuma jalqaba suurah keessatti ilmaan isaa kurnan akkana jedhanii turan: Dhugumatti, osoo nuti garee taanee jirru, dhugumatti Yuusufii fi obboleessi isaa nu caalaa abbaa keenya biratti jaallatamoodha. Dhugumatti abbaan keenya dogongora ifa bahaa keessa jira.” , ijoolleen ilmaan Ya’quubis wantuma wal fakkaatu jedhan.

Tarii ilmaan obboleeyyan Yuusuf jecha isaanii kana dhagahuun isaanii hin oolu. Kunis sammuu isaanii keessatti hafe. Yommuu akaakayyuun isaanii “Dhugumatti ani fooli Yuusufi argachaa jira, osoo isin totorra’aadha nan jechuu baattani.” Jedhu dhagahan, isaaniis akkana jedhaniin, “Rabbitti kakanne, dhugumatti ati dogongora kee duraanii keessa jirta.” Kana jechuun Dhugumatti Rabbiin kakanne, Yuusufi fi obboleessaa isaa ilmaan kee biroo irra caalchisuu hin dhiisne. Akkasumas, Yuusufin yaadachuu fi isaan wal-qunnamuuf dharra’uu hin dhiisne. Kuni karaa haqaa keessaa bahuudha.[1]

Yuusufin yaadachuu fi isaan wal-qunnamuuf dharra’uu dogongora kan jedhaniif, isaan Yuusuf akka du’eetti yaadu. Dogongora jechuun wanta sirrii hojjachuu ykn yaadu dhiisudha.  Kanaafu, isaan “Yuusuf du’ee jira. Kanaafu, akkamitti addunyaa tana keessatti wal qunnamna jettee yaaddaa? Dhugumatti kuni dogongora” jedhaniin.

Gareen daldaltootaa obboleeyyan Yuusuf keessa jiran Misir irraa gara Filisxeem deemu itti fufanii jiru. Yommuu gara biyya isaaniitti dhiyaatan ilmaan Ya’quub isaan keessaa nama abbaa isaanii jiraachu Yuusufitiin gammachiisu fi shaamizi isaa fuula isaa irratti darbu ni ergan:

12:96

Yommuu gammachiisaan dhufu, [shaamizi] fuula isaa irratti darbe, argaa ta’ee deebi’e. Ni jedhes, “Wanta isin Rabbiin irraa hin beekne ani nan beeka isiniin hin jennee?” [Suuratu Yuusuf 12:96]

Kana jechuun yommuu namni oduu gammachiisaan Ya’quubin gammachiisu dhufee fuula isaa irratti shaamizi darbu, argituun isaa ni deebiteef. Ya’quubis sirritti kan arguu ta’ee haala isaa duraanitti deebi’e. Gammachuudhaan ni haguuggame. Ergasii ilmaan isaatii fi namoota naannawa isaa jiraniin akkana jedhe: “Wanta isin Rabbiin irraa hin beekne ani nan beeka isiniin hin jennee?”

Duratti ilmaan isaa akkana isaan jedhanii turan: “Rabbiitti kakannee! Hanga garmalee dhukkubsatte du’atti dhiyaatutti yookiin warra du’an keessaa tokko taatutti Yuusufin yaadachu hin dhiistu.”  [Suuratu Yuusuf 12:85]

Innis akkana jechuun deebii itti deebise ture, “Yaaddoo fi gadda kiyya Rabbiin qofatti himadha. Wanta isin Rabbiin irraa hin beekne ani nan beeka.” (Suuratu Yuusuf 12:86)

Wanti isaan hin beekne kuni Yuusuf lubbuun jiraachudha. Garuu Ya’quub (aleyh salaam) Yuusuf lubbuun akka jiruu fi isaan wal-qunnamu ni beekaa ture. Beekumsi kuni Rabbiin irraa isaaf dhufe. Haa ta’uu malee, waan Yuusufin addaan baheef garmalee gaddaa ture. Sababni isaas, Rabbiin jaalala Yuusufitii fi qalbiin garmalee isatti rarra’uun isa qore.

Ilmaan isaa yommuu dhugaan ifa bahuu argan, abbaan isaanii akka Rabbiin irraa araarama isaaniif kadhatu ni gaafatan:

12:97

Isaan ni jedhan, “Yaa abbaa keenya! Cubbuu keenyaaf araarama nuuf kadhadhu, dhugumatti nuti dogongortoota taane jirra.”  [Suuratu Yuusuf 12:97]

Kana jechuun ilmaan Ya’quub akkana jedhan: Yaa abbaa keenya! Gooftaan kee akka badii keenya irra nuuf darbu fi dhoksuu kadhadhu. Dhugumati nuti wanta Yuusufi fi obboleessa isaatti hojjanneef dogongora guddaa raawwannee jirra.[2]

Kana dura Yuusuf akka isaaniif dhiifama godhu kadhatanii turan. Isaan dhugaadhaan tawbatanii jiru. Yeroo hundaa tarkaanfin jalqabaa tawbaa; yakka (badii) ofii amanuudha. Namni dogongora akka raawwate yoo hin amaniin tawbachuu hin danda’u. Kanaafi, Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Gaabbiin tawbadha.” Sunan Ibn Maajah 4252[3]

12:98

Innis ni jedhe, “Gara fuunduraatti Gooftaa kiyya irraa araaraama isiniif kadha. Dhugumatti Inni akkaan araaramaa, rahmata godhaadha.” [Suuratu Yuusuf 12:98]

Ya’quub ilmaan isaatiif Rabbiin irraa araarama akka kadhatu isaaniin wali-galee, garuu jecha ‘gara fuunduraatti’ jedhu fayyadamuun isaa ‘battaluma sanitti’ akka hin taane agarsiisa. Ya’quub ilmaan isaa tawbataniif Rabbiin irraa araarama kadhachuu maaliif tursiisee? Hayyoonni Muslimaa baay’een akka jedhanitti Ya’quub hanga xumura halkanii tokko sadaffaatti (hanga gara sa’aati sagaliitti) du’aayi tursiisu barbaade. Sa’aatin kuni sa’aati salaata leyli (halkanii) itti salaatu fi du’aayin itti qeebalamtuudha.  

Islaama keessatti sadarkaan xumuraa nama tokkoo akkamitti jireenya akka jalqabe osoo hin ta’in akkamitti jireenya isaa akka xumure irratti hundaa’a. Ni jedhama: Al-amalu bilkhawaatimi (Hojiin xumuraan madaallama). Kanaafi, khaatimaa (xumura) gaarii irratti akka duunuf kadhanna. Obboleeyyan Yuusuf dogongoruun jireenya isaanii haa jalqabanii malee jireenya isaanii haala gaariin xumuruuf dhiyaatanii jiru. Amanti keenya keessatti yaad-rimeen hojiin xumuraa sadarkaa namaa murteessu, nama garmalee badii hojjatufuyyu abdii guddaa qaba. Manni murti yeroo ammaa obboleeyyan Yuusuf daa’ima ajjeesuuf yaali godhan jechuun himannaa irratti banaa ture. Garuu Rabbiin akka tawbatan carraa isaaniif kenne. Seenaan Yuusuf balbaloonni rahmata Rabbii babal’oo akka ta’anii fi osoo hin tursiisin araarama kadhachuu akka qabnu nu yaadachiisa.[4] Hanga machiin du’aa isatti dhuftutti Rabbiin nama dhugaan tawbatee fi araarama Isa kadhate hundaaf ni araarama.

Guduunfaa:
☛Iimaanni cimaan wanta namoonni baay’een hin beekne fi hin argine akka beekanii fi hubatan nama taasisa. Maatiin Ya’quub Yuusuf akka du’eetti ilaalu. Garuu Ya’quub sababa ciminna iimaana isaatiin wanti Yuusuf yeroo ijoollummaa abjuun arge dhugaa Rabbiin irraa dhufe akka ta’e ni amane. Kanaafu, abjuun kuni mul’achuuf Yuusuf lubbuun jiraachu akka qabu ni beeke. Haaluma kanaan, namoonni iimaana cimaa qaban, wanti Rabbiin beeksise, hanga fedhe yeroon haa dheeratu, gara fuunduraatti dhugaadhaan akka mul’atu ykn argamu ni beeku. Kanaafi, abdii hin kutan. Wanta isaan irraa eeggamu ni hojjatu.
☛Ulaagaalee tawbaa dhugaa keessaa tokko dogongoraa ofii amanuu fi gaabbudha.
☛Yeroon hundarra bareedaan du’aayi itti godhanii fi araarama itti kadhatan, halkan gara dhumaati (naannoo sa’aati sagaliiti).
☛Hojiin namaa jalqabaan osoo hin ta’n xumuraan madaallama. Rabbiin khaatimaa keenya haa tolchu.


[1] Ma’aariju Tafakkur-10/732-733[2] Tafsiir Muyassar[3] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 149 [4] Lessons from Suurah Yuusuf-Yaasir Qaadi-fuula 149-150

Tafsiira Suuratu Yuusuf-Seenaa Xumuraa
Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 23

Leave a Reply