Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-3
Kutaa kana keessatti mallattoolee gurguddoo Rabbiin Tokkicha ta’uu fi Inni qofti gabbaramu akka qabu agarsiisan ni ilaalla.
Itti Haa FufnuuIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Kutaa kana keessatti mallattoolee gurguddoo Rabbiin Tokkicha ta’uu fi Inni qofti gabbaramu akka qabu agarsiisan ni ilaalla.
Itti Haa FufnuuKutaa darbe irraa itti fufuun Tafsiira (ibsa) suuratu Az-Zumar haa ilaallu:
Itti haa fufnuBarnoota keenya darbe keessatti waa’ee Laa ilaah illallah ilaalaa turreera. Namni jecha tana sirritti yoo beekee fi hojii irra oolche, jireenya keessatti gammachuu fi bilisummaa argata. Gammachuu fi bilisummaan dhugaa gammachuu fi bilisummaa qalbiiti. Namni tarii qaaman bilisa ta’uu danda’a. Garuu qalbiin isaa wantoota baay’eef yoo gabra taate, inni bilisummaa dhugaa hin qabu jechuudha. Dhugumatti, Laa ilaah illallah’n wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenyeef gabra ta’uu irraa nama baraaruun bilisummaa dhugaa namaaf laatti. Namni kana galmaan gahuuf yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi wanta beeke hojii irra oolchuuf carraaqu qaba. Qur’aanni guutuun gara Laa ilaah illallah’tti namoota waama. Kanaafu, maddi guddaan hiika Laa ilaah illallah itti beekan Qur’aana jechuudha. Kana hubannoo keessa galchuun Qur’aana irraa suurah jiddu-galeessa baay’inni aayaata (keeyyattoota) 75 ta’e ibsa (tafsiira) ishii ni ilaalla. Laa hawla walaa quwwata illa billah.
Itti Haa FufnuuAkkamitti wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafartaa?
Kutaa darbe irraa itti fufuun kutaa xumuraa har’a ni ilaalla.
Kutaa darbe keessatti laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota sadii nurraa barbaada jennee jirra. Isaanis: Rabbii Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti qindeessu dhiisuu fi Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaramanitti amanuu diduu, mormuu fi irraa fagaachudha. Amma dhimma sadaffaa ni ilaalla:
Itti Haa FufnuAkkuma kutaa darbe keessatti jenne ibaadaan gosa kamiyyuu Rabbii olta’aa Khaaliqa samii fi dachii ta’eef malee homaafiyyuu hin malu. Tawhiinni ibaadaa gosa hundaan Rabbii olta’aa tokkichoomsudha. Namni ibaadaa irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Shirkiin hiika bal’aa qaba. Ammaaf haala salphaan asi gaditti haa ilaallu.
Itti haa FufnuuWantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti amanuu diduu fi mormuun akkamitti guuttamaa?
Kutaa darbe keessatti maqaalee gabbaramtoota sobaa Qur’aana keessatti kaafaman ilaalle turre. Har’as itti fufuun kan hafan ni ilaalla:
Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti amanuu diduu fi mormuun akkamitti guuttamaa?
Akkuma yeroo darbe jenne laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota sadii nurraa barbaada: Rabbii Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti qindeessu dhiisuu fi Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaramanitti amanuu diduu, mormuu fi irraa fagaachudha.
Yaa ummata koo! Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha. Samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uume Isa qofa. Kana uumuu keessatti Rabbii tokkicha waliin kan hirmaate ni jiraa? Abadan (gonkumaa) hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin alatti wantoonni jiran hundi uumamtoota Isaati. Kana jechuun Isatu uume. Uumamtoonni uumamuun dura kan hin jirre turan. Wanti duraan hin jirre waa hojjachuu danda’aa? Kanaafu, Rabbii Tokkichatu uumamtoota hunda dhabama irraa argamsiise.
Itti Haa fufnuKutaa darbe keessatti gosoota ibaadaa hamma ta’ee ragaa waliin ilaalle jirra. Har’as itti fufuun hamma ta’e ni ilaalla:
Itti haa fufnu