Maqaalee Rabbii (Subhaanahu)-Kutaa 4.1
![](https://sammubani.com/wp-content/uploads/2019/09/image-13-756x280.png)
Al-Hayy, Al-Qayyuum
Imaamu Ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) akkana jedha: “Jaalalli muka qalbii keessa jiruudha. Hiddi isaa jaallatamaaf of gadi qabuudha, jirmii isaa immoo Isa beekudha. Dameen isaa Isa sodaachudha. Baalli isaa immoo Isa saalfachuudha. Firiin isaa Isaaf ajajamuudha. Albuunni dhugaatii fi [soorata] isaaf ta’u immoo Isa yaadachuu fi faarsudha (zikriidha). Yeroma jaalalli wantoonni kanniin keessaa tokko dhabe, hir’uu ta’a.[1]”