Ibsaa Jireenyaa-lakk.9
Iimaanni akkamitti dabala, Akkamitti hir’ataa?
Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi iqraar(mirkaneessudha). Akka shari’aatti immoo iimaana jechuun qalbiin amanuu fi wanta qalbii keessa jiru dubbii fi hojiin dhugoomsudha. Kanaafu, iimaanni hojii fi dubbii of keessatti hammata. Hojii gaarii hojjachuun ni dabala, hojii badaa hojjachuun ni hir’ata. Akkamitti? Kana hubachuuf “hojii” fi “dubbiin” maal akka ta’an haa ilaallu. Hojii fi dubbii bakka shanitti qoodu dandeenya.