Iccitii Rakkoo fi Qananii Keessa jiru

Namoonni baay’een yommuu rakkoon isaanitti bu’uu ykn qananii argatan, iccitii rakkoo fi qananii kana duuba jiru hin beekan. Iccitii kana waan hin beeknef hanga Rabbii olta’aatti kafaruu gahuu. Namni iccitii ajaa’ibaa sadan kana sammuutti galfate tasgabbii argata. Sababni isaas, rakkoo fi qananiin namni argatu iccitii mataa isaanii waan qabaniif inni kana yoo beeke, yeroo rakkoo hin dhama’u, yeroo qananii daangaa hin darbu. Asi gadiitti iccitii rakkoo ykn musiibaa keessa jiruu fi iccitii qananii keessa jiru ragaalee waliin ni ilaalla.

ICCITII BALAA (MUSIIBAA)
Balaan ykn rakkoon namatti bu’u bifa sadiin ilaalun ni danda’ama. 1ffaa- Adabbiif, 2ffaa- qormaataf, 3ffaa- barsiisuu fi qulqullessuuf
Tarii jireenya keenya keessatti balaan (musiiban) adda addaa nu qunnamu danda’u. Musiiban nu qunnaman gosoota armaan olii sadan keessaa hin bahan.
1ffaa-Adabbiif yommuu jennu namni badii osoo hojjatu daangaa Gooftaa isaa darbuun of miidha. Yeroo kana Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) akka gara Isaatti deebi’uuf namticha ykn garee namootaa kanatti balaa (musiibaa) erga. Qur’aana keessatti ni jedha:

32:21

Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21 (Adabbiin xiqqaan rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunya tana keessatti nama muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa.) Kanaafu, namni kanniin keessaa ta’uu of beeke, gara Rabbii olta’aatti deebi’uun, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun of dhaqqabuu danda’a.

2ffaa- qormaataaf yommuu jennu immoo wanta keessa namoota jiru ifatti baasuuf wanta hin jaallannee isaanitti buusudha. Qormaanni kuni wanta isaan keessa jiru ifatti baasa. Obsa, dhugummaa iimaanaa isaaniitii fi amaloota dhokatoo biroo ifatti baasa. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Yeroo kanatti wanti namarraa eeggamu: obsuu, abdii qabaachu, iimaana irratti gadi dhaabbachuu fi wantoota badaa hojjachuu irraa of qusachuudha.

3ffaa- barsiisuu fi qulqulleessuuf- namni osoo hojii gaarii hojjatu dogongoruu danda’a ykn hanqinna baay’ee qabaachu danda’a. Balaan yommuu itti bu’u, of beeke of sirreessa. Hanqinna isaa ni sirreessa. Kuni isaaf barnoota. Akkasumas, hanqinna, ma’asiyaa fi dogongora irraa isa qulqulleessa. (Ragaa kanaa ilaali Suuratu Aali-Imraan 3:141,154) Kanaafu, musiiban (balaan) yommu sitti bu’u, Ar-Rahmaanin hin komatin. Ar-Rahmaan musiibaa kan sitti erguuf siif rahmata gochuufi malee si miidhufi miti. Akkuma warqiin ibiddaan waddamee qulqulleefamu, namnis balaa adda addaatin qulqullaa’e nama gaarii fi sadarkaa guddaa irra gahu ta’a.

ICCITII QANANII
Qananii akka qabeenyaa, beekumsaa, fayyaa, aangoo fi kkf namni tokko argatus bifa sadiin ilaalun ni danda’ama. Isaaniis: 1) Mindaa 2) Qormaata 3) Istidraaj (suuta suutaan qabuuf)
Qananiin namni tokko argatu kanniin sadiin keessaa hin bahu.
1) Namtichi mu’mina (nama dhugaan amane) ta’ee fi qananii dabalataa yoo argate, kuni mindaa wanta hojii gaarii hojjatee isaaf ta’uu danda’a. Fakkeenyaf, namni dhugaan Rabbitti amanee yommuu sadaqaa kennu qabeenyi isaaf ni dabalama. Kuni isaaf mindaadha. Aakhiratti immoo mindaa kana caalu argata.
2. Qormaataf yommuu jennu “namni kuni Na galateefata moo hin galateefatu?” jedhe qoruu fi ifatti baasuf Rabbiin qananii kennaaf. Namtichi mu’mina ta’ee qabeenyi, beekumsi fi sadarkaan kan isaaf dabalamu yoo ta’e, kuni qormaata ta’uu akka danda’u dagachuu hin qabu. Kanaafu, Rabbiin galateefachu qaba. Fakkeenyaaf Nabii Suleymaaniif Rabbiin beekumsa,qabeenya, aangoo fi mootummaa guddaa kenneef. Garuu Suleymaan maal akka jedhe beektu? Akkana jedhe, “Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhuu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].Namni Isa (Rabbiin) galateefate, kan inni galateefatu lubbuma ofiitiif. Namni kafares [lubbuma ofii miidha]. Dhugumatti Gooftaan kiyya Dureessa Arjaadha.” (Suuratu Al-Naml 27:40) Kanaafu, namni tokko qananii kamiyyuu yoo argatu, Rabbiin galateefachu qabaa malee kafaruun of miidhu hin qabu.Galateefachu yommuu jennu qananiin kuni humna keenyan osoo hin ta’in Rabbiin irraa akka dhufe beeku, Rabbiin jaallachu, oftuulu dhiisu, qananii kanaan waan gaarii hojjachuu fi waan badaa ittiin hojjachuu dhiisudha.
3) Istidraaj (suuta suutaan qabuu)- namni tokko osoo badii hojjatuu qananiin isaaf yoo dabalamee,kuni istidraaj jedhama. Kana jechuun nama badaa kana Rabbiin dhumarratti adabbi hamaan isa qabuuf qananii dabalaaf. Fakkeenyaf kaafirota yeroo darbanii fi kan ammaa haa ilaallu. Rabbiin kaafirotaf qananiin kan dabaluuf isaan jaallate osoo hin ta’in, suutan suutan adabbii hamaan isaan qabuufi. Rabbiin namoota Isatti kafaranii fi dachii keessa badii babal’isan akkamitti jaallataa? Kanaafu, namni tokko qananii kaafirootaa ilaalun of gowwoomsu hin qabu. Yoo hin tawbatin dhumti nama kafaree ibidda waan ta’eef. Qur’aana keessatti:

3:178

Warri kafaran [adabbii] isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif ta’uu akka hin yaanne. Kan Nuti isaaniif tursiisnuuf akka badii dabalataniif qofa. Isaaniif adaba xiqqeessatu jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:178

Kitaaba wabii: Ibtilaa’u iraadati- 80-84, Abdurahmaan Habanka
Bal’innaan yeroo qormaataa wanta namarra barbaadamu beekuuf kitaaba kana dubbisuun ni danda’ama: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/03/kaayyoo-jireenyi-tuni-fi-ilmi-namaa-itti-uumamaniif.pdf

Print Friendly, PDF & Email
Ibsaa Jireenyaa-lakk.8
Ibsaa Jireenyaa-Lakk.6

2 comments

Leave a Reply