Maallaqa Irratti Too’anna Argachuuf

Yeroo ammaa dhimmi maallaqaa sammuu namoota baay’ee maraachisaa fi dhiphisaa kan jiruudha. Gara tokkoon hoji-dhabdummaan baay’achuun yaaddoo fi rakkinnaaf kan nama saaxilaa jiru yommuu ta’u gara biraatin immoo maallaqni warroota dureeyyi biratti baay’achuun ibidda dhiphinnaa isaanitti qabsiisa jira. Kabajamtoota barruu tana dubbisaa jirtan, tarii baay’een keessan maallaqa argachuuf oli gadi jettu. Akkamitti maallaqa argachuu danda’aa? Jechuun halkanii guyyaa yaadda’u dandeessu. Keessattu, warroota yeroo ammaa Saa’ud Arabiyaan ariite gara biyyaa galchite, yaaddo cimaa keessa jiru. Yaaddoo fi dhiphinna isaanii Rabbiin isaan irraa haa kaasu jechuun gara barruu teenyatti ceena.

Read more

Naamusa Du’aayi-Kutaa 2ffaa

Naamusa du’aayi kutaa darbe irraa itti fufuun ammallee In sha Allaah ni ilaalla.

7.Cubbuu fi balleessaa ofii amanuu– naamusa du’aayi keessaa tokko cubbuu fi hanqinna ofii Uumaa fuunduratti amanuudha. Yommuu balleessa fi hanqinna kee amanuun qalbiin tee Rabbiin fuunduratti cabdu, du’aayin tee deebii argachuu carraa guddaa qabdi. Kanaafi, du’aayin araaramaaf kadhatan, balleessaa fi hanqinna ofii amanuu kan of keessaa qabuudha. Sayyidul istighfaar- Read more

Maalummaa Du’aa’ii

Piroojekti ‘Du’aayi’ jedhu torbaan baay’eef turuu kan danda’u qabachuun har’a waa’ee du’aayi ilaaluuf carraaqna. Dhugumatti du’aayin furtuu milkaa’innaa keessaa tokko. Garuu namoonni baay’een furtuu kanatti fayyadamanii balbala milkaa’innaa fi gammachuu banachuu hin dandeenye. Maaliif banachuu dadhabanii? Sababni isaa maaliidhaa? Akkuma furtuun ilkaan qabu, du’aayinis ilkaan qaba. Ilkaan san sirritti qaranii jiru? Ilkaan sunniin maal akka ta’e sirritti beekani jiru? In sha Allaah gaafile kanaa fi kkf waa’ee du’aa’i ilaalchise walumaan ilaalla. Barreefamni waa’ee du’aa’i ilaalchise asitti barraa’u kitaaba “Du’a The Weapon of the Believer” jedhamu irraa fudhatama. Read more

Leenjii Ramadaanaa itti Fufsiisuuf

Ramadaanni buufata leenjii ol’aanaa namni tokko jireenya ofii ittiin jijjiratuudha. Ramadaanni tokko darbee ramadaanni biraa yommuu dhufu namni tokko ‘Ramadaana kana keessaa jijjirama maalii ykn akkami agarsiise?’jedhe of gaafachu qaba. Fakkeenyaf Ramadaana baranaa dheebu, beela fi dadhabbii qofaan dabarsine moo jireenya keenya keessatti jijjiramni wayii argamee jiraa? Fkn, salaata sirnaan salaatu, wanta haraamaa dhaabu, qalbiin namaaf rahmata gochuu, dallansuu too’achu fi kkf. Ramadaana kana keessa jijjirama kana fi kan kana fakkaatan yoo argine, jijjirama kanniin itti fufsiisuuf qophiidhaa ree? Jijjirama kanniin itti fufsiisuuf tarkaanfilee kanniin fudhachuu dandeenya. Isaanis; Read more

Imimmaan Hiyyeessaa

Hiyyeessa jechuun nama homaa hin qabne yookiin waa qabaate bu’uuraalee sadan sirnaan guuttachuu kan hin dandeenyedha. Bu’uuraalen sadan sunniin: nyaata, uffataa fi mana jireenyati. Akkuma namni kamu bu’uuraalee kanniin guuttachuuf battisu hiyyeessis ni battisa. Bu’aa bayii jireenyaa keessatti rakkoolee fi daraara baay’ee arga. Rakkoo fi daraaran kunniin kallatti garagaraatiin isa qunnamuu danda’a. Jireenya hiyyeessa keessatti rakkoon guddaan kan isa qunnamu miidhaa karaa ilma namaatiin itti dhufuudha. Har’a yoo Rabbii fedhe imimmaan hiyyeessaa ni ilaalla. Read more

1 67 68 69 70 71 79