Qalbii Cabdee

Jireenya keessatti rakkoolee fi daraaran baay’een nama muudatu. Bosona jireenyaa keessa darbanii milkaa’inna fi gammachuu argachuun aarsa baay’ee fi obsa kan gaafatudha. Akkuma bosonni jireenyaa xaxamaa ta’uun aarsi (wareegamni) namni kafalu akkasuma guddaadha. Obsaan carraaqqi kana yoo itti fufan firiin isaas akkasuma guddaadha. Bosona jireenya kana keessa osoo deemtu qoreen si waraanti, ni aadda, dhukkubbiin onne tee irratti ni dhagahama. Qalbiin tee ni cabdi. Bosona jireenyaa yommuu jedhu maal jechuu akka barbaade hubattanii? Bosona jireenyaa yommuu jedhu mukkeen bakka tokkotti baay’atan jechuu osoo hin ta’in, rakkoolee, tola fi haala jireenya ilma namaati. Akkuma bosonni qoree, daraaraa, habaabo, gaalee, fi kkf qabu jireenyi teenyas rakkoolee, badhaadhinna, dhiphinna, fi kkf of keessatti tan hammattedha. Kanaafu, haala jireenya teenyaa bosona jireenya jenne yoo moggaafne nama hin saalfachiisu mitiree?  Read more

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-kutaa 2ffaa

Ramaddii 7ffaa- Karaa deemaa

Namni karaa deemu imala isaa keessatti tahayyula yoo hin niyyatin, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Garuu tahayyula yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama. Soomun isarratti dirqama. ( Tahayyula jechuun tooftaa wanta tokko jalaa bahaniin. Karaa deemun ykn biyya biraa deemun sooma jalaa nan baha jedhe yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama.) garuu namni karaa deemu tahayyula yoo hin niyyatin, yeroo imala isaa filannoo soomu fi sooma hiiku qaba. Read more

Ramadaana Keessa Ramaddi Namootaa-Kutaa-1ffaa

Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa. Read more

Qophii Ramadaanaa

“Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuufi hidhuudha. Fakkeenyaf dubbii irraa, nyaata irraa fi kkf irraa of qabuu danda’a.
Akka shari’aatti sooma jechuun fajrii (subii) irraa eegalee hanga aduun seentutti wantoota sooma balleessan irraa of qabuudha. Asitti wanta biraatif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiin gabbaruuf ta’uu qaba. “ Read more

Zikrii fi Du’aayi Salaataa

Salaanni utubaalee Islaama shanan keessaa tokkoodha. Salaanni wal-qabsiistu Gooftaa fi gabricha jidduu jirtuudha. Wal-qabsiistun tuni yoo citte gabrichi Gooftaa isaatirraa citaa jechuudha. Gooftaa isaatirraa fagaachun diina isaa kan ta’e sheyxaanatti hiriyyooma. Tuni hiriyummaa akkam fokkattee! Salaata dhiisun kasaara fi hoongoo akkamii!! Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Yaa warra amantan! Qabeenyi keessanii fi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin. Namoonni kana dalagan isaanumatu hoonga’oota.” Suuratu Al-Munaafiqun 63:9 Read more

Daandii Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.17

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Onkololeessa (October) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

“Wantoota namoota balleessan sadii irraa fagaadhu, wantoota sadan nama baraaran sirritti qabadhu.
Wantoonni nama balleessan sadan: fedhii duwwaa hordofuu, of dinqisifachuu (ujb) fi garmalee haafayu.
Wantoonni sadan nama baraaran: Rabbiin iccitii fi ifatti sodaachu, yeroo dallansuu haqa ta’u, yeroo durummaa fi hiyyummaa madaallamaa ta’u.” Read more

Hayy Rakkoo Koo!

Ilmi namaa jiruu fi jireenya isaa keessatti rakkoo adda addaa waliin wal’aanso baha. Takkaa rakkoon tuni isa kuffisti takkaa immoo isatu rakkoo tana kuffisa. Haalli fi dandeettin namoota gargar waan ta’eef dandeettin rakkoo irraa dandamachu garagara. Namoonni gariin yommuu rakkoon xiqqoon isaan tuqxu kan garmalee iyyanii fi obsa hin qabnetu jiru. Faallaa kanaa immoo namoonni gariin rakkoon gurguddoon yommuu itti roobu obsa ajaa’ibsiisa kan qabanii fi cal’isantu jiru. Namoonni jalqabaa rakkoon yommuu isaan tuqxu nama kanattis, kaanittis ni himatu garuu furmaata quubsa hin argatan. Inuma rakkoo irratti obsa dhabanii yommuu iyyan, rakkoon isaani itti abaasa. Read more

Niyyaa keenya qulqulleessuf

Torbaan darbee waa’ee niyyaa tuttuquuf yaalle turre. Yaadachisaf, hojiin kamiyyuu niyyaa irratti kan ijaarrameedha. Sababa namoonni niyyaa garagaraa qabaniif milkaa’inni fi gammachuun isaani garagara. Hojiima walfakkaatu osoo hojjatun niyyaan isaanii garagara waan ta’eef milkaa’inni fi bu’aan isaan buusan akka ardii fi samii addaan fagaata. Iccitiin kanaa niyyaa ofii qulqulleessu fi qulqulleessu dhiisu irratti hundaa’a. Nama waggaa kudhaan keessatti garmalee osoo hojjatu bu’aa gaarii hin buusne fi nama waggaa shan ykn sanii gadi keessatti bu’aa hangana hin jedhamne yommuu buusu yeroo argite si hin dinqisiisin. Read more

1 68 69 70 71 72 79