Sababootaa fi Furmaata waliin Oduu warra Fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Seensa

Kutaa darbe keessatti dursa kitaaba “Min Akhbaaril Muntakisiina (oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii)” jedhu jalqabne jirra. Dhugumatti, kitaaba kana keessatti wantoota ajaa’ibaa baay’ee arguuf jirra. Kitaabni kuni seenaa dhiyeessun garmalee nama hawwata. Sammubani.com’s osoo guutuun isaa gara Afaan Oromootti hiikkame ummata bira gahee gammachuu guddaatu itti dhagahama. In sha Allah hanga dhumaatti yoo waliin turre gammachuu kana waliin qoodanna. Haala kitaabaanis maxxanfame ummata bira akka gahuu abdii guddaa qabna. Amma gara hiikkaa kitaabaatti haa dabarru:

Itti Fufi

Sababootaa fi furmaata waliin oduu warra fooyya’iinsa booda duubatti deebi’anii-Dursa

Seenan haa lakkaa’u namoota erga fooyya’anii fi kaabbaa iimaanaa diratanii booda ofirraa mulquun iddoo badaa duraanitti ykn san caalutti deebi’an meeqa ta’uu? Namoota akkanaatiin muntakisiina jennaan. Dhugumatti, erga qajeelanii booda jallachuun, erga kabajamanii booda salphachuun, erga milkaa’uf hammi xiqqoon nama hafu kufaatiitti kufuun hangam nama rifachiisaa, hangam nama gaddisiisaa! Salafoonni dhuma (khaatimaa) badaa sodaachuun khaatima gaarii irratti du’uuf wanta danda’an hunda godhu. Dhugumatti, xumurri hundu sababa qaba. Kanaafu, sababoonni fooyya’iinsa booda duubatti akka deebi’anii fi khaatima badaa irratti akka du’an nama taasisan baay’eetu jiru. Kitaaba “Min Akhbaaril muntakisiina” jedhu keessatti furmaataa fi seenaa waliin sababoota kanniin ni dhiyeessa. Sammubani.com’s hanga danda’uun gara Afaan Oromootti deebisuun isiniif dhiyeessa. La hawla walaa quwwata illah billah.

Itti Haa Fufnu
1 3 4 5