Uzrii Wallaalummaa-Kutaa 1
Uzrii jechuun sababa ykn rakkoo dhiyeefataniidha. Fkn, mana barnootaa irraa yoo hafte, barsiisan sababa ykn rakkoo kee dhiyeefadhu yoo jedhe, sababni ykn rakkoon dhiyeefattu kuni uzriidha.
Itti Haa FufnuIn sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha.
Hiika Iimaanaa
Akka lugaatti iimaana jechuun amanuu, dhugoomsu fi mirkaneessudha.
Akka shari’aatti iimaana jechuun qalbiidhaan dhugaan amanu fi itti buluu, arrabaan dubbachuu fi qaaman hojjachuudha.
Bal’innaan hiika iimaanaa fi Islaamaa barruulee armaan gadii keessaa ni argattu. Barruulee irraa hubachuu fi sirnaan itti fayyadamuuf, dhuma irraa jalqaba. Kana jechuun “Iimaana jechuun maal jechuudha”, “Iimaana fi Islaamaa”…kan jedhu irraa jalqabuun hanga barruulee haarawa maxxanfamanitti dubbisuu dandeessu.
Uzrii jechuun sababa ykn rakkoo dhiyeefataniidha. Fkn, mana barnootaa irraa yoo hafte, barsiisan sababa ykn rakkoo kee dhiyeefadhu yoo jedhe, sababni ykn rakkoon dhiyeefattu kuni uzriidha.
Itti Haa FufnuRabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota gammachistootaa fi akeekachistoota gochuun ni erge, ilmaan namaatiif sababoota qajeelinnaa ni godheef. Ogummaa fi haqummaan Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’ee ragaan erga irratti dhaabbatee booda malee eenyullee hin adabu. Akkuma akkana jedhe:
Itti Haa FufnuNama Musliimaa tokko kafarsiisanii Islaama keessaa baasun dhimma salphaa miti. Kutaa darbe keessatti kafarsiisu wali galaatii fi kafarsiisuu adda baafame jechuun ilaalle turre. Kafarsiisuun wali galaa “Namni kana hojjate kafare” jechuun haala wali galaati fi dimshaashan dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa tokko ykn garee tokko addatti baasun “Ati kafarte ykn isaan kafaran” jechuudha. Muslima keessaa nama dhuunfaa kafarsiisuuf ulaagaaleen guuttamu qaban ni jiru. Namni ulaagaalee kanniin osoo hin ilaalin nama Muslimaa kafarsiisutti fiigu hin qabu. Mee ulaagaale kanniin haa ilaallu.
Itti FufiGaraagarummaa Kafarsiisu wali galaati fi kafarsiisu adda baafame
(Kafarsiisuu wali galaa jechuun osoo nama dhuunfaa tokko adda hin baasin, haala wali galaatin “Namni hojii akkanaa hojjate ni kafara, namni kana hojjate kafaree jira” jechuun dubbachuudha. Kafarsiisuun adda baafame immoo nama dhuunfaa hojii kufrii hojjate tokkotti dhufuun, “Ati kafarte” ykn fagoo irraa eenyummaa isaa adda baasun “inni kafaree jira.” jechuudha.)
Iimaanni dubbii fi hojii erga ta’e, kufriinis dubbii fi hojii ta’a. Kijibsiisuun dubbii qalbii kan ta’e “dhugoomsu” waan faallessuuf kufridha. Islaama jibbuun hojii qalbii kan ta’e “jaalala” waan faallessuuf kufriidha. Dubbiin arrabaas iimaana faallessu kan akka Rabbii olta’aa arrabsuu kufriidha. Ammas, hojiin qaamolee amanti keessaa nama baasan kan akka siidaaf sujuudu kufriidha.
Itti Haa FufnuKutaa darbe keessatti gosoota kufrii keessaa kufrii gurguddaa amanti keessaa nama baasu ilaalle jira. Har’a immoo gosa kufrii xiqqaa amanti keessaa nama hin baasne ilaalla:
Itti haa fufnu6-Kufrii Arrabsuu fi itti qoosu
Kufrii irraa gosti kuni amanti Islaamaa guddaa kana irraa wanta tokkotti qoosun ykn gadi xiqqeessun ykn arrabsuun kufrii argamuudha. Ragaan kanaa:
Kutaa darbee keessatti kufriin faallaa iimaanati jennee jirra. Jecha biraatin: amantin, hojii fi dubbiin kamiyyuu iimaana faallessu fi diigu kufriidha. Ingliffaan kufriin “disbelief” jedhama. Namni kufrii hojjate kaafira jedhama. Kufriin dameewwanii fi sadarkaalee baay’ee qaba. Gosoota kufrii ilaalun waa’ee kufrii salphaatti akka hubannu nu taasisa.
ıTTI hAA FUFNUKufrii
Haqiiqa fi hiika iimaanaa erga hubannee, haqiiqa kufrii iimanaa diigu fi faallessu hubachuun nuuf salphata.
(B)- Ammas iimaanni dubbii Arrabaa fi hojii qaamolees of keessatti qabata. Dubbiin arrabaa shahaadateyni dubbachuu fi wantoota isaaniin wal qabatan mirkaneessudha. (Shahaadateynin: “Ash’hadu an laa ilaah illallah wa ash’hadu anna Muhammadan abduhu wa rasuuluhu.” (Rabbin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha, ammas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha) jechuudha.)
Itti Haa Fufnu