Zannii Badaa, Basaasu fi Hamii Irraa fagaadhaa

Obboleessa/obboleetti Muslimaa gaarummaan isaa/ishii mul’atu wanta badaan shakkuun, isaan duuba deemanii basaasu fi hamachuun funyoo obbolummaa fi hariiroo jaalalaa kan kutuudha. Nama wal hamatan lamaan jidduutti jaalalli ni uumama jettee ni yaaddaa? Namni nama biraa hamatu takkaa jibba isaaf qabu ifatti baasuf takkaa immoo ani isa caala, inni immoo anaa gadi jedhe dubbachuuf hanqinna nama sanii kaasee odeessa. Ragaa tokko malee wanta badaan nama shakkuun, nama duuba deemanii hanqinna namarra barbaadun (basaasun) fi hamiin diinummaa fi jibbummaa wal jidduutti uuma, kabaja namaa gadi xiqqeessa, salphinnaaf nama saaxila. Kaaafi, Rabbiin olta’aan akkana jechuun gochoota kanniin irraa nu dhoorge:

Dabalata

Ilmaan Namaatiif Qajeelfama Seenaa Nabiyyi Kabajamaa (Siiraa)

Qajeelcha fi seenaa Nabiyyii (SAW) barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon: Eenyummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiiwwan isaa, dubbiiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun isatti hidhachuu fi fakkeenya godhachuu, Muslimni akka nabiyyii (SAW) jaallatu taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti da’awaa godhuu fi isaaniitti qabsaa’u bira hin jirru. Kanaafuu, akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu fi hordofuu dandeenyaa? Kanaafuu, karaan tokkichi nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha. Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuun Nabiyyiin abbaa manaa akkami, hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii, daa’ii akkamii akka turan ni baranna. Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayyuu seenaa Nabiyyii qo’achuu fi qorachu irraa faaydaa guddaa arganna. Kitaabni kuni seenaa odeessu qofa osoo hin ta’in barnoota seenaa irraa argamu jalatti gabaabbinaan ni dhiyeessa. Kuni haala salphaan seenaa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa barnoota akka fudhatanii fi hojitti akka jijjiraniif nama gargaara. Seenaa as keessatti dhiyaate nama guddaa qofaaf osoo hin ta’in nama hundaaf qajeelcha ta’a. Sababni isaas, umrii daa’imummaa, ijjoollummaa, dargaggummaa fi umrii san booda jiru keessatti wanta Rasuula (SAW) qunname fi adeemsa isaa waan himuuf, ijoolleef, dargaggootaa fi namoota biroo hundaaf barnootaa fi qajeelcha guddaa ta’a.

Kitaaba kana buusuf liinki armaan gadi tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2021/12/ilmaan-namaatiif-qajeelfama-seenaa-nabiyyii-kabajamaa.pdf

Galaana Fitnaa

Rakkoo booda tolti ni dhuftiAkkuma beeknu jiruun addunyaa iddoo qormaatati. Yeroo garii toltuun qoramna, yeroo biraa immoo rakkooleen qoramna. Dhugaa kanaa Qur’aana keessatti haala kanaan arganna: “Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Isin qormaatuuf hamtuu fi wanta gaariin isin mokkorra. Garuma Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:35Rakkooleen nama qunnaman rakkoolee waligalaa (aamma) fi rakkoolee dhuunfaa (khaasa) jechuun bakka lamatti qoodun ni danda’ama. Rakkooleen wal-galaa rakkoo hawaasa guutuu qunnamaniidha. Kan akka kirkira lafaa, lolaa, hoonge, waraana, dhibee daddarbaa, fkn, koronaa, fi kkf. Kanniin keessaa tokko hawaasa keessatti yoo argame, kalattinis ta’i alkallattin nama hunda miidha. Rakkooleen dhuunfaa immoo rakkoo nama dhuunfaa qunnamuudha. Kan akka hiyyummaa, dhibee saffisaan hin daddarbine fi kkf dha. Rakkoon kuni namuma tokko ykn miseensa maatii qofa miidhu danda’a.Yeroo rakkooleen nama qunnaman namoonni dhama’iinsa guddaa keessatti lixu. Gara deeman wallaalu. Rakkoolee lamaan armaan olii keessaa rakkoon waraanaa biyya teenya muudataa jiru rakkoo wali galaa nama hundaa tuquudha. Kanaafu, qormaata kana keessaan darbuuf maaltu namarraa eeggamaa? Mee kitaaba kana haa ilaallu: https://sammubani.files.wordpress.com/2021/11/galaana-fitnaa.pdf

May be an image of text that says 'Galaana Fitnaa JIBRIL ABDALLA sammubani.com'

Maalummaan Israa’el Qur’aanan Yommuu Ibsamu

Isra’el akka lakkoofsa Awrooppa bara 1948 erga hundeefamte jalqabee, balleessaa fi hacuuccaan raawwattu xiqqaa miti. Guyyaa guyyaan cunqursaa fi hacuuccaan isaanii dabalaa adeemee jira. Tarii namni gariin, “Sila Rabbiin olta’aan badii isaanii kana hin dhabsiisuu?” jechuun yaadu danda’a. Eeti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaafu hammaa fi yeroo murtaa’aa kaa’e jira. Yeroon murtaa’e yoo dhufe wanti suni duubatis hin harkifatu, durattis hin darbu. Kuni seera Isaa hin jijjiramneedha. Qur’aana keessatti:

Read more

Tarkaanfi Gara Gammachuu-Kutaa 3

Dhugumatti, boqonnaa, tasgabbii fi gammachuu qalbii argachuun, yaaddoo fi dhiphinni qalbirraa deemun wanta namni hundu barbaadudha.Namoota keessaa nama sababoota gammachuu baay’ee argatee jireenya gammachuu fi gaarii jiraatetu jira. Ammas, isaan keessaa nama sababoota kanniin dhabee jireenya dararaa jiraatetu jira. Ammas, isaan keessaa hamma Rabbiin isa milkeessen nama jiddu-galeessa ta’etu jira. Mee tarkaanfilee gammachuutti nama geessan ilaalu itti haa fufnu

Itti Haa Fufnu
1 2 3 9