Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Bitootessa (March) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.
Hanga fedhan namoonni cubbuu/badii haa raawwatan, isaan hin hordofin hin akkeessin. Namoonni baay’een sababa akkeessutin cubbuutti kufu. Akkana siin jechuu danda’u,”Namni hunduu jaalalle dubartii/dhiiraa qaba. Kana namni hunduu ni hojjata. Ati nama addaati? Dargaggummaa keetti fayyadami. Yoo amma of hin bashanansiisin yoom of bashanansiisuf? Rakkoo hin qabu boodarra ni tawbatta, Rabbiin gafurrahimi….” Hanga isaan hordoftu haala kanaan si sossobu. Namoonni kunniin sheyxaana namaati irraa garagali,wanta isaan jedhan gonkumaa hin dhagahin. Read more