Fakkeenyota Ajaa’iba Balaa Irratti Obsuu-2

2-Obsa Ayyuub (Aleyh salaam)kutaa 1
Fakkeenyota ajaa’ibsiisoo obsaa keessaa tokko obsa nabii Ayyuubi (aleyh salaam). Fakkeenya ittii hidhatanii fi hordofan dhiyeessee jira.

Ayyuub aleyh salaam gabricha Rabbii gaarii ture. Rabbiin durummaan isa qore (fattane). Rizqii baay’ee isaaf bal’ise, maatii fi ijoollee isaaf kenne. Innis warra galateefatan irraa ta’e.

Warri seenaa qoratan, Ayyuub amiira (hogganaa), dureessaa fi nama tola oolu akka ture dubbatu. Ergasii Rabbiin musiibaan (rakkoon) isa qore. Qabeenya, maatii fi ijoollee ni dhabe. Dhibeen garmalee namatti ulfaatu fi dhiphisu isa qabate. Ayyuubis warra obsan irraa ta’e. Gooftaa isaa faarsuun, Isaaf galata galchuun, harka kennuu fi gammachuun kana hunda ni qunname. Guyyoota qananii galata kan galchu, guyyoota rakkoo immoo kan obsu waan ta’eef, mijaa’innaa fi rakkoo keessatti gabroota Rabbii gaggaariif fakkeenya ajaa’ibaa ta’e.

Niitin isaa dubartii gaarii turte. Jireenya qananii fi fayyaa isaa, yeroo rakkoo fi balaa keessatti waliin taate. Haala lamaanu keessatti abbaa manaa ishii waliin tan galata galchitu fi obsitu turte.

Seenaa Ayyuub keessatti qabxiilee ijoo keessaa: sheyxaanni nafsee isaa balleessuuf ni yaale. Rakkoo isarratti baay’ateef akka nuffuu fi dhiphatu isatti hasaase. Garuu sheyxaanni wanta barbaade hin arganne. Ergasii, karaa niiti isaatiin isatti seenu yaale. Ishiitti ni hasaase. Balaa isa tuqeef nuffiin nafsee ishii keessa osoo jiruu gara Ayyuub dhuftee wanta nafsee ishii keessa jiru muraasaan qalbii isaa sochoosu barbaadde. Ergasii Ayyuub ni dallane. Akkana ishiin jedhe: Ani qananii keessa hagam turee?” Ishiinis ni jette: waggaa saddeetama.” Innis, “Balaa keessa hagam turee?” jedheen. Ishiinis, “Waggaa torba” jetteen. Innis ni jedhe: yeroo mijaa’innaa kiyya osoo keessatti hin fixin akka Rabbiin balaa kiyya narraa kaasu hin saalfadhuu?”

Yommuu rakkoon isatti cimu, yeroon itti dheerate, namni hundu isarraa baqatee fi yeroo qormaataa milkaa’innaan darbe, gabricha baay’ee obsu ta’e. Gooftaa isaa akkana jechuun waammate: dhugumatti rakkoon na tuqe, Ati warra mararfatan hunda caalaa Kan mararfatuudha.”

Yeroo kanatti, Rabbiin subhaanahu rakkoo isarra jiru isarraa kaase, fayyaa isaaf kenne, wanta isarraa fudhate isaaf deebisee. Maatii fi fakkaataa isaanii ni kenneef. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suuratu Al-Anbiyah keessatti ni jedha:

“Ayyuubis yommuu “Dhugumatti rakkoon na tuqee jira. Ati warra rahmata godhan hunda caalaa Rahmata godhaadha.” jechuun Gooftaa isaatti lallabe [yaadadhu]. Isaaf deebii deebisnee rakkoo irraa wanta isarra jiru irraa kaafne. Nu biraa rahmataa fi warra [Rabbiin] gabbaraniif yaadachisa akka ta’uuf maatii isaatii fi isaan waliin fakkaataa isaanii isaaf kennine.” Suuratu Al-Anbiyah 21:83-84

Gabricha Keenya Ayyuubin yaadadhu, yommuu rakkoo fi qaama isaa keessatti dhibee guddaan, qabeenyaa fi maatii isaa dhabuun isa qorre, innis obsee mindaa abdate. “Rakkoon na tuqe, Ati warra rahmata godhan hunda caalaa Rahmata goota.” jechuun Gooftaa isaatti iyyate.

Kadhaa (du’aayi) isaatiif deebii ni deebisne. Balaa isarraa kaasne, maatii, ijoollee fi qabeenya dhabee ture dacha dachaa gochuun isaaf deebisne. Isaaf rahmata gochuuf kana isatti hojjanne. Akkasumas, nama balaa irratti obsuuf, rahmata Gooftaa isaa abdatuu fi Isa gabbaru hundaaf fakkeenya akka ta’uuf [kana isatti hojjanne]. “warra [Rabbiin] gabbaraniif yaadachisa akka ta’uuf” Namoonni balaan itti bu’ee, balaa Ayyuubitti bu’e, obsa isaati fi balaa kanaan booda mindaa argate yommuu yaadatan, nafsee ofii obsa irratti leenjisu. Akkuma inni obse, isaaniis ni obsu. Akkuma inni mindaa argate, isaaniis ni argatu. Ammas, waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada badaa yaadu irraa isaan eega. Rabbiin gabroota Isaa Isa biratti jaallatamoo ta’an addunyaa keessatti balaa adda addaatin ni qora. Kuni isaan salphisuuf osoo hin ta’in isaan qoruuf, akkasumas obsuun, mindaa guddaa abdachuu fi yaqiina bareechisuun sadarkaa guddaa Rabbiin qopheesseef akka gahaniifi.[1]


[1] Tafsiiru Muyassar-329, Tafsiiru Qurtubii-14/263, Tafsiiru Xabarii-16/367-368
Al-Akhlaaqul Islaamiyyatu wa ususuhaa-2/316-317

Fakkeenyota Ajaa'iba Balaa irratti Obsuu-3
Fakkeenyota Ajaa’ibaa Balaa irratti obsuu keessaa-1

Leave a Reply