Fakkeenyota Ajaa’ibaa Balaa irratti obsuu keessaa-1

Kutaa darbe keessatti rakkoolee irratti obsuun bu’aa guddaa akka qabu ilaalle jirra. Namni bu’aa kana argachuuf waa lama ilaalla. 1ffaa-namni na dura balaa fi rakkoolee gurguddaa irratti obsuun bu’aa kana argatee jiraa? 2ffaa-Ani yoo obse bu’aa kana nan argadhaa? Gaafi kanniin lamaaniif deebiin keenya gara seera Rabbii ilaaludha. Seerri Rabbii uumamtoota Isaa keessatti gadi dhaabbataa waan ta’eef, namni balaa isatti bu’eef obsee fi ulaagaalee isarraa barbaadamu yoo guute, mindaa fi bu’aa obsaa ni argata. Dhugaa kana beekuuf mee seenaa irraa fakkeenyota ajaa’ibaa haa ilaallu.

1-Obsa Ibraahimi fi Ismaa’il (isaan lamaan irrattu nageenyi haa jiraatu):
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gootummaa obsaa irraa seenaa gootummaa adda taate nuuf hima. Ilmaa fi abbaan isaa qormaata ajaa’ibaa Rabbiin irraa ta’e gootummaa obsaa kana dabarsan. Isaan lamaan nabiyyoota, ergamtootaa fi obsitoota turan: Ismaa’ili fi abbaa isaa Ibraahim (isaan lamaan irratti nageenyi fi rahmanni haa jiraatu).

Rabbiin abjuu hirribaa keessatti Ibraahim ilma isaa Ismaa’iliin akka gorra’uu ni ajaja. Ibraahimis obsa ajaa’ibaatin ajaja Gooftaa isaa ni fudhate. Ilma isaa Ismaa’iilin ni jedhe: “Yaa ilma koo! Ani hirriba keessatti kan si gorra’u arge.” Kana jechuun abjuu hirribaatin Gooftaan kiyya akka si gorra’u na ajaje. Abjuun nabiyyootaa haqa murtiin ajajaa ittiin mirkanaa’udha.

Ilmi qajeelaan abbaa Gooftaa isaatiif ajajamuun akkana jedhe: “Yaa abbaa koo wanta itti ajajamte hojjadhu, yoo Rabbiin fedhe warra obsan irraa ta’uu na argita.”

Isaan lamaanu obsuun dhimma isaanii Rabbiif kennan. Gorra’aa fi gorra’amaan ajaja hojii irra oolchu jalqaban. Yommuu Rabbiin ajajamuu isaaniitii fi dhugaadhaan harka kennuu isaanii beekuu, akka furaatti korbeessa isaaniif buuse. Ajajni abbaan ilma gorra’uu ni dhaabbate, korbeessa gorra’uun ni guuttame. (Ismaa’iil osoo hin gorra’amin ni hafe, bakka isaa korbeessi ni qalame.)

Qur’aanni seenaa kana dhiyeessun, hanga fedhe nafsee biratti jabaa fi jibbamaa haa ta’u, ajaja Gooftaa hojii irra oolchu keessatti obsuun sadarkaa guddaa akka qabu faarsa. Ammas, wantoota jibbamoo fi rakkoolee eggaman irratti obsuuf akka of qopheessan nama qajeelcha. 

Yommuu seenaa Ibraahim fi ummata isaa dhiyeessu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

(98)-Dhara isatti fedhan, garuu hundarra gadi-aantota isaan taasifne. (99)[Ibraahim] ni jedhe, “Ani gara Gooftaa kiyyaatti deema, Inni na qajeelcha. (100)Gooftaa kiyya! [Ilma] warra gaggaarii (saalihoota) irraa ta’e naaf kenni.” (101)Ilma obsaadhaan isa gammachiisne. (102)-Yommuu isa waliin deemu gahuu, [Ibraahim] ni jedhe “Yaa ilma koo! Ani abjuu keessatti kan si gorra’u arge. Kanaafu, ilaali maal yaaddaa?” Innis ni jedhe: “Yaa abbaa koo wanta ajajamte hojjadhu, yoo Rabbiin fedhe warra obsan irraa ta’uu na argita.” Suuratu As-Saffaat 37:98-102

(103)Yommuu isaan lamaan [fedhii Rabbiitiif] harka kennanii kallacha isaa irratti ciibse. (104)[Akkana jechuun] isatti lallabne: Yaa Ibraahiim! (105)Abjuu dhugoomsitee jirta. Dhugumatti, akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina. (106)Dhugumatti, kuni qormaata ifa bahaadha. (107)-Gorra’iinsa (wareega) guddaan isa furre. (108)-[Yaadannoo gaarii] warra boodaa keessatti isaaf dhiifne. (109)Ibraahim irra nageenyi haa jiraatu. (110)Akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.” Suuratu As-Saffaat 37:104-110

Seenaan kuni seenaa ajaa’ibaa wanta nafseen jibbitu irratti obsuu fi gootummaan itti tarkaanfachuu agarsiisu irraayyi. Ammas, seenaa ajaa’ibaa ajaja Rabbiitti buluu agarsiisuudha.

Obsaa fi gootummaan wantoota ulfaatanitti tarkaanfachuun nafsee guddoo keessatti amalli gaariin hidda qabachuu agarsiisa. Ismaa’iil wanta jecha isaa “yoo Rabbiin fedhe warra obsan irraa ta’uu na argita” jechuun labsee hojii irra oolche. Kanaafu, yommuu isaa fi abbaan isaa ajaja Gooftaa hojii irra oolchuuf carraaqan, Ismaa’iil obsa irraa qooda guddaa kan qabu ta’ee jira.

Seenaa keessatti wanti ajaa’ibsiisaan, gorra’aan ilma isaa irratti rahmataan kan guuttameedha, gorra’amaan immoo wanta hundarra addunyaa keessatti jibbamaa ta’eef (du’aaf) harka kennee jira. Isaan lamaanu fiixee Gooftaa isaanitiif harka kennu fi ajajamuu irra gahanii jiru. Abbaan ilma isaa gorra’uuf kallacha isaa irratti ciibse. Wanta isaan ittiin qore irratti obsuun dhimma isaanii Rabbiif kennan. Qormaata keessatti milkaa’uu isaanii yommuu mirkaneefatan, Rabbiin bakka bu’aa isaaniif buuse, yeroon qormaataa akka dhumatee ni beeksisee. Rabbiin isaan filachuun sadarkaa guddaan milkaa’un deebi’an.

Ajaja Gooftaa isaatti buluuf ilma isaa qaluutti tarkaanfachuu keessatti obsi Ibraahim, qalmaaf harka kennuu keessatti obsa Ismaa’iili gadii miti. Dhimmi lamaanu wanta garmalee jibbamoo jireenya keessatti namatti bu’uudha.

Guduunfaa
☛Seenaa Ibraahimi fi Ismaa’iil yommuu ilaallu, sadarkaa ol’aanaa irra gahuun qormaata jajjaboo erga darbanii booda akka ta’e ni hubanna. “Dhugumatti, kuni balaa (qormaata) ifa bahaadha.” jedhu keessatti ni arganna. Gama biraatin Ibraahim ibidda guddaa keessattis darbamee ture.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qormaata gurguddaa kana booda Nabii Ibraahimin imaama (hogganaa) namoota taasise:

2:124

Yommuu Gooftaan isaa ibraahimiin jechootaan qoree innis guute [yaadadhu]. [Rabbiin] ni jedhe, “Dhugumatti, Ani namootaaf imaama si taasisa.” [Ibraahimis] ni jedhe, “Sanyii kiyya irraas [taasisi].” [Rabbiin] ni jedhe, “Waadaan Kiyya zaalimtoota (miidhaa hojjattoota) hin hammatu.” (Suuratu Al-Baqarah 2:124)

☛Ajajni Rabbii hanga fedhe nafsee irratti ulfaataa haa ta’u, obsaan ajaja kana bakkaan gahuun milkaa’inna guddaatti nama geessa. Addunyaa fi Aakhiratti mindaa guddaa argamsiisa. Nabii Ibraahim yommuu ajaja Gooftaa isaa obsaan bakkaan gahu, mindaan isaa maal ta’ee? Mee Qur’aana irraa haa ilaallu:

(120)Dhugumatti, Ibraahiim hogganaa,Rabbiif ajajamaa, qajeelaa ture. Warroota Rabbitti waa qindeessan (mushrikoota) irraas hin turre. (121)-Qananiiwwan Isaatiif (Rabbiitiif) galatoomfataa ture. [Rabbiin] isa filatee gara karaa sirrii isa qajeelche. (122)-Addunyaa keessattis toltuu isaaf kenninee jirra. Dhugumatti, inni Aakhiraa keessatti warra gaggaarii irraayyi.” SuuratuAn-Nahl 16:120-122

Kunoo akka kanatti mindaan obsa ifa baha…

Kitaaba wabii:
Al-Akhlaaqul Islaamiyyatu wa ususuhaa-2/314-316

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenyota Ajaa'iba Balaa Irratti Obsuu-2
Obsa-Kutaa 3

Leave a Reply