Obsa-Kutaa 3

Wantoota namni ittiin qoramu keessaa rakkoo fi wantoota jibbamoodha. Rakkooleen yommuu namatti bu’an namni wanta lama yaadachun hadhaa obsaa laaffisu danda’a: 1ffaa-Rakkooleen badii fi cubbuu namarraa haxaawu, 2ffaa-sababa obsaatiin mindaa guddaa argatan. (Dhugaa kanaa seenaa irraa fakkeenyaan kutaa dhumaa keessatti ni ilaalla. In sha Allah).

Rakkoo jalaa bahuuf du’aaf hawwuu irraa dhoorgu:
Mu’minni (namni dhugaan amane) rakkoolee fi wanta nama laalessan irratti obsuun badii isaa akka haxaawu, sadarka isaa olkaasu, miira laalaa hunda waliin Rabbiin biratti mindaan guddaan akka katabamuuf yommuu beeku, Rabbiin irraa waan gaarii fi tola guddaa keessa akka jirutti ilaala. Rakkoolee jalaa nagaha bahuuf du’aaf hawwuun jireenya irraa dheessu, itti-gaafatamummaa qormaataa jalaa baqachuu fi gabayaa daldalaa bu’aa dacha dachaa qabu keessaa bahuu akka ta’etti ilaala. (Asitti gabayaan daldalaa-hojii gaggaarii hojjachuun mindaa (ajrii) guddaa argataniidha.) Kanaafi, rakkoolee fi wanta nama dhukkubsan jalaa bahuuf inni du’aaf hin hawwu. Umriin isaa dheerachuun namoota toltuu hojjatan irraa yoo ta’e, toltuu dabalachuuf, warra badii hojjatan irraa yoo ta’e immoo tawbachuu fi of fooyyessuuf carraa akka ta’etti hubata. Sababa kana hundaaf, Ergamaan Rabbii (SAW) du’aaf hawwuu irraa ni dhoowwe.

Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Tokkoon keessan du’a hin hawwin. Takkaa nama toltuu hojjatu yoo ta’e, hojii gaarii dabalata, takkaa immoo nama badii hojjatu yoo ta’e, badii isaa dhiisee tawbata.Sahiih Al-Bukhaari 7235

Kana jechuun, namoota lama keessaa tokko ta’a:
Takkaa nama toltuu hojjatu ta’a. Haala kana keessatti umriin dheerachuun toltuu fi hojii gaggaarii dabalachu kajeela.

Takkaa immoo nama badii hojjatu ta’a. Haala kana keessatti immoo dheerachuu umriitiin tawbachuu, araarama kadhachuu, hojii gaggaarii hojjachuu fi badiin isaa akka haxaawamu kajeela.

Abu Hureyraa irraa Muslim akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Isin keessaa eenyullee du’a hin hawwin, isatti dhufuun duras [duuti akka isatti dhuftu] hin kadhatin. Sababni isaas, tokkoon keessan yoo du’e hojiin isaa addaan cita. Mu’minni (namni dhugaan amane) umriin isaa waan gaarii malee isaaf hin dabalu.Sahiih Muslim 2682

Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) mu’minni umriin isaa dheerachuun waan gaarii qofa akka isaaf dabalu ibsan. Jireenya isaa irraa wanta danda’e Aakhiraa isaatiif saamachuuf ijjannoo cimaan, dhugaa ta’uun, obsaan, gadi dhaabbannaan, itti fufiinsaan, ifaajee fi qabsoon itti-gaafatamummaa isaatti wal’aanso bahuu qaba. 

Anas irraa Al-Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Tokkoon keessan rakkoo isatti bu’eef du’aaf hin hawwin. Garuu du’a hawwuutti yoo dirqame, akkana haa jedhu: “Yaa Rabbi! Jireenyi anaaf gaarii hanga taatetti na jiraachisi. Yoo duuti naaf gaarii taate immoo nafsee tiyya fudhu (na ajjeesi).Sahiih Muslim 2680, Sahiih Al-Bukhaari-6351

Hadiisni kuni akkuma agarsiisu, mu’minaaf wanti irra caaluu Gooftaa isaa irraa du’a barbaadu keessa seenu dhiisudha. Dhimma du’aa murtii Rabbiitiif dhiisudha.

Kanaafi, jireenya caalaa duuti isaaf jaallatamaa haala ta’e irra gahuu waliin Kabbaab ibn Al-Aratt du’a of irratti hin kadhanne.

Qays Ibn Haazim ni jedha: daawachuuf Kabbaabitti seenne. Qaama isaa irra bakka torba shuuffen godhameefi (waan dhibamuuf bakki torba gubamee jira). Kabbaabis ni jedhe: Hiriyyoonni keenya [gadaa Rasuulaa] du’an addunyaan tuni mindaa isaanii osoo hin hir’isin darban. Garuu nuti qabeenya baay’ee biyyee malee bakka keennu hin argine arganne. Osoo Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam du’a of irratti kadhachuu dhoowwu baate, silaa ani [duuti akka natti dhuftu] nan kadhaa ture.” Sahiih Al-Bukhaari-5672

“Garuu nuti qabeenya baay’ee biyyee malee bakka keennu hin argine arganne.” kana jechuun mana ittiin ijaaru fi ashaakilti ittiin misoomsu malee qabeenya bakka itti baasnu hin argine arganne.

Kabbaab hiriyyoonni kiyya na dura du’an qabeenya ani argadhe kana osoo hin argatin du’an. “Qabeenyi baay’een argadhe kuni mindaa kiyya hir’isuu fi sadarkaa isaaniiti gadi na gochuu danda’a” jechuun sodaate. Kanaafu, nafsee ofii keessatti du’a hasaase. Garuu duuti akka isatti dhuftu hin kadhanne.

Barnoonni Islaamaa kuni dhimmi isaa, jireenya keessatti keessa (hafuura) Muslimootaa olkaasu, ijjannoo isaanii cimsuu, nafsee fi qalbii isaanii keessaa nuffii fi dhiphinna haaqudha. Ammas, Muslimootaa fi karaa namoota baay’ee of galaafachuutti mucuceessuu jidduu cufaa cimaa kaa’a.

Namni Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amanuu dhiisee fi hubannoo Islaamaa gurguddootti amanu dide immoo, yeroo jalqabaa rakkoon isa tuqeef jireenya irraa nuffii fi dhiphinni nafsee isaa keessatti dhalata. Wal duraa duuban taaten dhiphinnaa deddeebi’u waliin dhiibbaan (pressure) nama ajjeessu nafsee isaa keessatti walirratti tuulama. Karaa bahiinsaa hin argatu. Sababni isaas, karaan rakkoo keessaa itti bahan tokkichi toora (gama): Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuun, murtii Rabbiitti gammaduu fi mindaa guddaa Rabbiin warra obsaniif qopheesse abdachuun malee hin dhufu. Karaa bahiinsaa osoo hin argatin jireenya irraa nuffuu fi dhiphachuun erga walitti tuulamee booda haalli dhoowwinsa nafsee ni argama. Dhoowwinsi kuni gara of galaafachu (ajjeessu) ykn maraatutti ykn yakka fokkuutti ykn araadota nama macheessaniin qabamutti nama geessa. Kana hunda keessa sharrii fi balaa guddaatu jira.

Galanni Rabbiif haa galu, mu’mintoonni (warri amanan) balaa kana hundarraa nagaha ta’u. Biyyoonni Muslimaa dhibee badaa kanarraa biyyoota biroo caalaa nagaha kan ta’aniidha. Kunis sababa eeggumsa dhokataa iimaanni hojjatuuni.

Haa ta’uu malee, yeroo ammaa kana keessatti ijoolleen Musliimaa gariin dhibee warra kaafiraatin tuqamanii jiru. Rabbiitti, murtii fi ogummaa Isaatti kafaruun, Guyyaa Aakhiraa fi jazaa isa keessa jiruutti kafaruun yommuu qalbii isaanii keessa seenu dhibeen warra kufrii isaan tuqe. Kan akka of galaafachu, maraatu, dhugaati nama macheessu dhuguu, yakka fokkuu hojjachuu fi kkf.

Guduunfaa:
☛Du’aaf hawwuun qormaata jireenyaa irraa dheessu fi daldala bu’aa guddaa qabu keessaa bahuu akka ta’etti ilaallama. Daldalli bu’aa guddaa qabu, amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun Guyyaa Qiyaamaa mindaa guddaa argachuudha.
☛Namni aaqilli du’aaf hin hawwu. Sababni isaas, umriin isaa dheerachu irraa waa lama ni hubata:
*Nama hojii gaggaarii hojjatu yoo ta’e, hojii gaggaarii dabalataa hojjachuun sadarkaan isaa akka olka’u kajeela.
*Nama badii hojjatu yoo ta’e immoo tawbachuu fi of fooyyessu kajeela.
☛Iimaanni qalbii keessa yoo hin jiraatin dhiphinni walirra tuulamuun nafsee keessatti dhoowwinsa uuma. Dhoowwinsi kuni gara of galaafachu, maraatu, wanta fokkuu hojjachuu fi kan kana fakkaatanitti nama geessa.
☛Karaan tokkichi rakkoo keessaa afuura itti baafatanii fi bahan toora Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanuun, murtii Isaatiif harka kennuu fi mindaa warra obsaniif qopheesse abdachuun dhufa. Qur’aana keessatti, “Namni Rabbiin sodaatu, Inni karaa bahiinsaa isaaf godha.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:2
Namni Rabbiin kan sodaatu yoo Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amaneedha. Hundeen taqwaa iimaana.

Kitaaba wabii:
Al-Akhlaaqul Islaamiyyatu wa ususuhaa-2/312-314

Fakkeenyota Ajaa’ibaa Balaa irratti obsuu keessaa-1
Obsa-Kutaa 2

Leave a Reply