Obsa-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Rakkooleen zanbii (badii) haaqu
Mu’minni Rabbiin hamma obsa isaatii fi hammam Gooftaa isaa irraa akka jaallatu ifatti baasuf, akkasumas, mindaa guddaa isa biratti isaaf katabuuf akka isa qoru yommuu beeku, rakkoolee obsaan baadhata ykn danda’a.  

Ammas, Rabbiin mindaa akka isaaf kennuu fi rakkoolee isa tuqaniin badii akka isarraa haaqu yommuu beeku, obsaa fi Rabbiin irraa jaallachuun rakkoolee baadhachuun isaaf salphata. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) rakkooleen badii haaqu keessatti bu’aa guddaa akka qaban ibsanii jiru. Kana irraa, wanta hadiisota armaan gadi keessatti dhufeedha:

1-Abu Sa’iid fi Abu Hureyrah irraa Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan: “Dadhabinna, dhibee, yaaddo, gadda, azaa, dhiphinna, inumaa qoree isa waraantu irraa homtu Muslima hin tuqu Rabbiin cubbuu (dilii) isaa irraa waa isaaf kan haaqu yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-5641

2- Al-Bukhaari fi Muslim akka gabaasanitti Abdullah Ibn Mas’uud ni jedha: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) osoo garmalee hoo’u itti seene. Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Hoo’a cimaa hoo’ita.” Innis ni jedhe, “Eeyyen. Akkuma isin keessaa dhiironni lama hoo’an hoo’a.” Anis ni jedhe, “Kanaafu mindaa lama qabda jechuudhaa?” Innis, “Eeyyen, suni akkasuma. Muslima azaan qoree fi san caalu tuqu hin jiru Rabbiin isaan (azaa kanaan) badii isarraa kan haxaawu yoo ta’ee malee, akkuma mukni baala isaa harcaasutti.Sahiih Al-Bukhaari 5648

3-Ammas Sahiih al-Bukhaari keessatti Abu Hureyraan akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni jedhan:
“‏ مَنْ يُرِدِ اللَّهُ بِهِ خَيْرًا يُصِبْ مِنْهُ ‏
“Nama Rabbiin waan gaarii barbaadef, rakkoon isa tuqa.
Sahiih Al-Bukhaari-5645

4-Tirmiziin Anas irraa akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif waan gaarii fedhe, addunyaa keessatti adabbii isaaf ariifachiisa. Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif sharrii barbaade, hanga Guyyaa Qiyaamaa isaan mindeefamutti badii isaa waliin [adabbii] isarraa qaba.

Ammas Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni jedhan: “Guddinni mindaa, guddinna balaa waliini. Rabbiin yoo ummata tokko jaallate, isaan qora. Kanaafu, namni jaallate, jaalalatu isaaf jira. Namni dallane dallansutu isaaf jira.”  Jaami’u at-Tirmizii-2396

Hadiisa kana akka nuuf ibsu sheykh Muhammad ibn Saliih Useymiinif haa dhiisnu: Dhimmoonni hundi harka Rabbii azza wa jalla keessa jiru. Fedhii Isaatinis ta’u. Sababni isaas, Rabbiin Of irraa ni jedha: “Dhugumatti, Gooftaan kee wanta barbaade hojjataadha.” Suuratu Huud 11:108
Ammas ni jedha: Dhugumatti, Rabbiin wanta fedhe hojjata. (Al-Hajj 22:18) Dhimmoonni hundi harka Rabbii jiru.

Namni dogongora, badii fi hojii dirqamaa keessatti hanqisuu irraa bilisa hin ta’u. Yommuu Rabbiin gabricha Isaatiif waan gaarii fedhe, addunyaa keessatti adabbii isaaf ariifachiisa: takkaa qabeenya isaatiin ykn maatii isaatiin ykn nafsee isaatiin ykn nama isaan hariiroo qabuun. (Kana jechuun qabeenyi jalaa baduun ykn barbadaa’un, ykn maatii isaa keessatti namni jalaa du’uun, dhibamuun ykn inni mataan isaatu dhibamuun adabbii isaaf ariifachiisa.) Sababni isaas, adabbiin badii haxaawa. Yoo gabrichaaf adabbiin ariifatamee fi Rabbiin adabbii kanaan badii isarraa haxaawe, badiin kan isarra hin jirre ta’ee Rabbiin qunnama. Rakkoo fi balaan isa qulqulleessanii jiru. Namni badiin takka ykn lama waan isarra jirtuuf, addunyaa keessaa badii irraa qulqulluu ta’ee akka bahuuf duuti isarratti cimuu dandeessi. Kuni qananiidha. Sababni isaas, azaabni (adabbiin) addunyaa azaaba Aakhirah caalaa salphaadha.

Garuu Rabbiin gabrichaaf waan badaa yoo fedhe, yeroo ni kennaaf. Rabbiin kanarraa nu haa eegu, hanga of tuulutti qananii isatti dhangalaasa, rakkoo isarraa deebisa. Wanta Rabbiin isa qananiiseen gammachuu jibbamaa gammada. Yeroo sanitti, badiin kan haguuggame ta’ee Gooftaa isaa qunnama. Kanaafu, badii kanaan Aakhiratti ni adabama. Rabbiin nagaha kadhanna. Yommuu nama badii ifatti hojjatu argite kana waliinu Rabbiin balaa irraa kan isa eegu fi qananii isatti dhangalaasu yoo ta’e, Rabbiin sharrii isaaf akka barbaade beeki. Sababni isaas, hanga Guyyaa Qiyaamaa adabamutti adabbii isarraa tursiisee.

Ergasii hadiisa kana keessatti, “Guddinni mindaa, guddinna balaa waliini.” Kana jechuun akkuma balaan guddatuun, mindaanis guddata. Balaan salphaan mindaa salphaa qaba. Balaan cimaan, mindaa guddaa qaba. Sababni isaas, Rabbiin namoota irratti tola guddaa kan ooludha. Yommuu rakkoolee ciccimoon isaan qore, mindaa guddaa isaaniif kenna. Yommuu rakkoon laafte, mindaanis ni laafa.

Rabbiin yoo ummata tokko jaallate, isaan qora. Kanaafu, namni jaallate, jaalalatu isaaf jira. Namni dallane dallansutu isaaf jira.”

Kunis mu’minaaf (nama dhugaan amaneef) gammachiisa. Yommuu rakkoon qoramu, Rabbiin akka waan isa jibbeetti yaadu hin qabu. Inumaa, kuni mallattoo Rabbiin gabricha jaallachuu agarsiisu irraa ta’uu danda’a. Rabbiin subhaanahu rakkooleen nama qora. Namni yoo itti gammade, obsee fi mindaa abdate, isaaf jaalalatu jira. Garuu yoo dallane, dallansutu isaaf jira.

Kana keessa hanga Rabbiin irraa jaalalli namaaf katabamutti rakkoo irratti namni obsuu akka qabu kakaasutu jira. Rabbiin qofatu milkaa’inna naaf kenna.”[1]

“akkuma balaan guddatun, mindaanis guddata.” Yommuu jedhu, namni balaan akka isatti bu’uuf hawwuu qaba jechuu miti. Namni balaa fi badii irraa akka isa eegu Rabbiin kadhachuu qaba. Sababni isaas, tarii balaan yommuu isatti bu’u iimaana dhabuun kasaaraa guddaa kasaaru danda’a. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Diinotaan wal qunnamuuf hin hawwinaa. Rabbiin nagaha kadhaa. Garuu yoo isaaniin wal qunnamtan, obsaa.Sahiih Al-Bukhaari 2965,2966

Kanaafu, namni balaan akka isatti bu’uu hawwuu osoo hin ta’in, Rabbin nagaha akka isa godhu kadhachu, yommuu isatti bu’u immoo obsu qaba.

5-Abu Hureyraan akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Badii tokko osoo hin qabaatin hanga Rabbiin wal qunnamutti nafsee, ijoollee fi qabeenya isaa keessatti mu’mina dhiiraa fi dubartii irratti balaan bu’uu hin dhaabbatu.” Jaami’u At-Tirmizii-2399

Seerri rakkoolee fi balaa Muslimatti bu’an irratti obsuu gara bu’uuraalee lamaatti deebi’a:
1ffaadogongoraa fi badii namarraa haxaawu-kuni zanbii (cubbuu) irratti adabbii ariifachiisudha.
2ffaa- Obsa irratti mindaa kennuufi. Kuni tolaa fi rahmata Rabbiin gabroota Isaa amananiif godhuu irraayyi.

Kanaafu, namni wantoota lamaan kanniin yaadachun hadhaa obsa laaffisuu danda’a. 1ffaa, badiin isaa isarraa akka haxaawamu ni yaadata, 2ffaa immoo obsuu isaatiif mindaa guddaa akka argatu ni abdata. Kanaafi, dubartii Rabbiin gabbartu takkatu ture. Guyyaa tokko gufattee qubni ishii ni cabe. Yeroo kanatti ni kolfite. Namni ishii waliin jiru,”Qubni kee cabee osoo jiru ni kolfitaa?”jedheen. Ishiinis ni jetteen:”Hanga sammuun kee hubatuun sitti dubbadha. Mi’aan ajrii (mindaa) hadhaa ishii na dagachiise.


[1] Sharih Riyaadu Saalihiin-1/258-259
Al-Akhlaaqul Islaamiyyatu wa ususuhaa-2/310-312

Print Friendly, PDF & Email
Obsa-Kutaa 3
Obsa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply