Obsa-Kutaa 1

Bismillah. Qananii keessattis ta’i yeroo rakkoo obsi wanta garmalee barbaachisaa fi hafuu hin qabneedha. Waa’ee obsaa waggaa sadiin dura mata-duree “Obsa:Furtuu milkaa’inna fi Gammachu” jedhu jalatti ilaalle turre. Kana haa ilaallu malee, irra deddeebinee obsa waliif dhaamun warroota kasaaraa jalaa nagaha bahan keessaa nu taasisa. Qur’aana keessatti:

“(1) Yeroon kakadhe! (2) Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa jira. (3). Isaan amananii, hojii gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamanii fi obsa walii dhaaman malee.” Suuratu Al-Asr 103:1-3

Kunniin afran wanta kasaaraa (hoongoo) addunyaati fi Aakhiraa jalaa nama baasaniidha: Rabbii fi hundeewwan iimaana hafanitti amanuu, Hojii gaggaarii hojjachuu, Haqa walii dhaamu fi Obsa (sabrii) walii dhaamudha.

Akkuma yeroo baay’ee haqa walii dhaamnu, mee ammas obsa walii haa dhaamnu. Namni haqa erga beeke, haqa kana hordofu qaba. Karaa haqaa keessa deemun immoo obsa guddaa barbaachisa. Kanaafu, irra deddeebi’un obsa walii dhaamun baay’ee barbaachisaadha. Kunis kan ta’u, maalummaa obsaa, mindaa isaa, seenaa irraa namoota obsan dhiyeessun ta’a.

Maalummaa Obsaa
*Obsi ijjannoo cimaa ifaajee, rakkoo fi laalaa baadhachuuf nafsee ofii akka too’atan nama dandeesisuudha.
*Ammas obsi ijjannoo cimaa jeequmsaan, aarin, dhiphinnaan, hifannaan, jarjaruun, dallansuun, sodaan, dharra’uu fi fedhii lubbuutiin gara fuunduraatti furga’uu irraa nafsee ofii akka too’atan nama taasisuudha.

Obsuudhaan namni wantoota hunda bakka isaaniif malu tasgabbiin kaa’a, dhimmoota keessatti qarummaa fi madaalan hojjata, wanta hojjachuu barbaadu yeroo sirrii keessatti fi karaa sirriin hojii irra oolcha. Faallaa kanaa, obsa dhabuun gara muddamuu fi jarjaruutti nama dhiiba. Kanaafu, namni wantoota bakka isaaniif hin malle kaa’a, osoo sirritti itti hin yaadin hojii hojjata. Ergasii yeroo murteessu keessatti ni dogongora, karaa sirrii wanta tokko hojii irra oolchan ni balleessa. Tarii namni haqa qabatee ykn waan gaarii barbaadu obsa dhabuu isaatiif yakkamaa ykn balleessaa kan raawwatu ta’a. Osoo obsa qabaate, wanta badaa kana hundarraa nagaha ta’aa ture.

Dirree Obsaa
Dirree obsaa jechuun bakka fi yeroo obsi itti barbaachisudha. Jireenya namaa keessatti obsi dirree baay’ee qaba. Isaan keessaa muraasa haala kanaan tarreessun ni danda’ama:

(A)-Balaa-Yommuu rakkoo fi wanti jibban namatti bu’u nafsee ofii jeequmsa, dhiphinnaa fi aari irraa too’achuun obsa irraayyi. (Namni yeroo rakkoo jeequmsa, aari, dhiphinna fi abdii kutuu yoo too’ate obsa qabaa jechuudha.)

(B)Hojii itti fufuu-Hojii yeroo sirrii keessatti itti fufiinsa barbaadu yommuu hojjatan nafsee ofii hifannaa irraa too’achuun obsa irraayyi. (Namni hifachuu dhiisee hojii ofii yoo itti fufe obsa qabaa jechuudha.)

(C)Hojii Bakkaan gahu-Yommuu wanta barbaadan bakkaan gahan nafsee jarjaruu fi yaada malee hojjachuu irraa too’achuun obsa irraayyi. Namni uumama isaatiin jarjaraadha. Dhimmoota yeroo isaanii keessatti bakkaan gahuuf eegun isatti ulfaata. Yeroon gahuun dura wantoota muddamsiisu barbaada.

(D)-Dallansu-Yommuu wantoonni nafsee keessatti dallansuu kakaasan nama qunnaman, dallansuu fi yaada malee fiigu irraa nafsee too’achuun obsa irraayyi.

(E)Sodaa-Yeroo wantoonni nafsee keessatti sodaa naqan argaman nafsee ofii too’achuu. Bakka gootummaan itti barbaachisuutti akka dabeessa hin taanef nafsee ofii sodaa irraa too’achuun obsa irraayyi.

(F)-Dharraa-Yeroo wantoonni nafsee keessatti dharraa fi kajeella kakaasan argaman, nafsee ofii dharraa irraa too’achuu. Dhimma dharra’uun fokkuu itti ta’ee keessatti namni akka dharraa duuba hin fiignef nafsee ofii dharraa irraa too’achuun obsa irraayyi.

(G)-Fedhii lubbuu-Ammas obsa irraa, fedhii lubbuu wanta gaarin keessa hin jirre duuba fiigu irraa nafsee ofii too’achuudha.

(H)-Ammas obsa irraa, ifaajee, rakkoo fi laalaa qaama fi nafsee danda’uuf of too’achuu. Ammattis ta’e boodarra danda’uu kana keessa waan gaariin akkuma jiruun ifaajee, rakkoo fi laalaa nama qunnamu danda’uuf of too’achuun obsa irraayyi.

Yeroo rakkoo Obsuu:
Yeroo rakkoon buutu Islaamni amala obsaatin faayamutti qajeelche jira. Mu’mintoonni murtii Rabbiitti akka gammadan isaan gorsa. Jireenyi addunyaa tanaa iddoo qormaataa waan taatef,namoonni rakkoo fi toltuun akka qoraman isaaniif ifa godhe. Murtii Rabbii (qadara) irraa wanti namoonni akka badaatti ilaalan dhumti isaa gaarii akka ta’e isaan barsiisa. Islaamni namoota jaalala Rabbii barbaadun obsaniif mindaan guddaan akka jiru waadaa gala:

 “Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Keeyyanni kuni akka agarsiisutti, nafsee ykn qaama ykn qabeenya ykn fuduraalee keessatti rakkoon laalessaan (rakkisaan) nama qunnamuun gosoota qormaata keessaa tokko ta’uu danda’a, “isin qorra (mokkorra).” waan jedhuuf.

Keeyyanni kuni rakkoolee adda addaatin yommuu tuqaman, akka obsuu qaban nama qajeelcha. Rakkoolee kanniin keessaa: rakkoo sodaa, rakkoo beelaa, rakkoo qabeenya irraa waa hir’achuu, rakkoo nafsee irraa waa hir’achu (namni jaallatan du’u) fi rakkoo fuduraalee irraa hir’achuudha.

Isaan qoruuf, iimaana isaanii ifatti baasuf, wanta murtiin Rabbii irratti darbuuf harka kennuu fi itti gammaduu isaanii beekuuf yommuu rakkoon isaanitti dhuftu naamusa warra obsanii irraa “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” jechuu akka ta’e keeyyanni kuni ifa godha. Namoonni obsan kunniin wanti hundi kan Rabbii akka ta’ee fi gara Isaatti akka deebi’u labsu. Mataan isaaniitu kan Rabbiiti. Qaamni fi nafseen isaanii kan Rabbiiti. Sababni isaas, qaamaa fi nafsee tana Kan uume Rabbii olta’aadha.

Ati maallaqaa fi humna keetin mana yoo ijaarte, manni kan eenyu ta’aa? Manni kuni kee ta’aa miti ree? Mana kanatti wanta feete hojjatta. Yoo feete ni diigda, yoo feete tursiisuun ni tottolchita. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Tokkicha fakkaataa hin qabne, namoota hundaa Kan uume Isa waan ta’eef, qaamni fi nafseen isaanii too’anna Isaa jala jiru. Wanta fedhe itti hojjachu danda’a. Kanaafu, murtii Rabbii irraa rakkoon yommuu nama tuqu wanti namarraa eeggamu, Obsuudha. Namni “Nuti kan Rabbiiti. Kan nu uumee fi too’atu Isa waan ta’eef wanta fedhe nutti hojjachuu danda’a.” erga jedhe booda, ifa abdii ibsachuu qaba. Ifni abdii kunis jecha, “nuti gara Isaatti deebi’oodha.” jedhu keessa jira. Kana jechuun du’aan booda kaafamuu, hojiiwwan keenya irratti jazaa argachuu fi obsa keenyaaf mindeefamu ni mirkaneessina.

Dhugumatti nuti kan Rabbiiti” kuni murtii Rabbiitiif harka kennuu fi itti gammaduu yommuu agarsiisuu, “nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhu immoo “Mindaa obsaa abdachuu” agarsiisa. Haala kanaan, Muslimni fi kaafirri addaan bahu. Yeroo rakkoo Muslimni du’aan booda kaafamutti waan amanuuf, Guyyaa Murtii mindaa guddaa abdata. Kaafirri immoo du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef mindaan inni abdatu hin jiru. Kanaafu, abdii kutuun dukkana keessa raata’a. Muslimni iimaana isaatiin ifa abdii ibsata, kaafirri immoo kufrii isaatin dukkana keessatti tara.

Keeyyanni armaan olii Rabbiin irraa gammachiisa of keessatti qabata. “Warra obsan gammachiisi.” jedhu keessatti ni arganna. Gammachiisni kuni dhimmoota lama of keessatti hammachuun dhufe:
Dhimmi 1ffaan: Gooftaa isaanii irraa faaruutu isaan irra jira. (Maqaa gaariin isaan kaasuu).
Dhimmi 2ffaan: Gooftaa isaanii irraa rahmatatu isaan irra jira. (Rahmata kanaan wanti jaallatamaan isaaniif dhufa, wanti jibbamaan isaan irraa fageefama. Bu’aan rahmata kana caalatti Guyyaa Qiyaama ifa ta’a.)

Mindaa gaarii kanaan gammachiisni isaaniif male. Sababni isaas, isaan warra karaa gammachuu isaanitti qajeelanii fi daandii qajeelaa keessa deemaniidha.

Isaan yommuu jaalala Rabbii barbaadun obsan, rahmataa fi araarama Rabbii haqa godhatan. Sababa kanaaf, Gooftaa isaanii irraa faarun isaan irra ta’e. Yommuu isaan Rabbiin irraa jaallachuu fi wanta murtiin Isaa irratti darbu “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” jechuun labsan, rahmata Rabbii irraa gosa biraa adda ta’e argatan. Isaan faarsun (maqaa gaariin isaan kaasun) rahmata Rabbii irraayyi.

Kitaaba wabii: Al-Akhlaaqul Islaamiyyatu wa ususuhaa-2/305-309

Obsa-Kutaa 2
Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 8

One comment

  • Jazaakallah yaaa oboleessa kiyya Ka islaama rabbi sihaamilkeessu .page kana Ibsaa jireenyarratti nuuf deebisi dhiifamaa wajjii ; maalif ?dhugumatti barnoonni isaa jireenyaa namaa waan ibsuuf,kanaafuu maqaa kana haalaaniin jaaladha.

Leave a Reply