Walitti Dhufeenya Keessatti Dogongora Barsiistonni gariin hojjatan-kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti yommuu ijoollee barsiisan ykn guddisan dogongora barsiistonni ykn guddistoonni gariin hojjatan ilaalle jira. Dogongora sanniin itti fufuun haa ilaallu:

*Haala ilaaluu dhiisuu
Barsiistoonni gariin dargaggeessi haala tokko irra akka ta’uu barbaadu. Haala kam keessattu haala amaleefate kana akka dhiisu hin hayyamuuf.

Guyyoota keessaa guyyaa tokko yoo barfate, sababa itti barfateef osoo hin beekin ni adaba. Barataan sababa dhugaa isaa dhoksuu danda’a. Garuu barsiisaan qaruutee ta’ee karaa muxannootii fi haala nama isa bira jiruu baruun kana ni beeka. Namni haala hawaasummaa, nafsee, diinagdee, fayyummaa fi kanneen biroo qaba. Barsiistoonni (guddistoonni) gariin kanniin keessaa tokkollee hin ilaalan.

*Garaagarummaa dhuunfaa ilaalu dhiisuu
Namarraa namatti sammuu fi qarummaan garagara. Akkuma kana, dandeettin waa uumuu nafsee keessatti dhokatee garagara. Namni hunduu dandeetti isaa irratti hundaa’e waa hojjachuu jalqaba. Akkuma imaamu Maalik jedhe hundi keenya waan gaarii (kheeyri) irra jirra. Asitti eybiin barsiistoonni ykn guddistoota garii ifa ta’a yommuu namni tokkollee osoo duubatti hin hafin barattoonni ykn ijoolleen hundi sadarkaa wal qixaa irra akka ta’an isaan irraa barbaadan. Kuni wanta hin danda’amneedha.

Fakkeenyota:
Asitti nama beekumsa barachuu jalqabuutu jira. Garuu akka fakkeenyaatti dhimmoota hawaasummaa ilaalchisee homaayyu hubachuu hin danda’u. Wanti ulfaataan dhimmoota kanatti isa dirqiisisuudha.

Garuu kana jechuun namni fiildi tokkorraa malee jalqabu hin qabu jechuu miti. Kana irra, namni hanga dandeetti isaatiin dhimmoota hundaa ykn baay’ee isaanii jalqabuuf carraaqu qaba. Rasuulli (SAW) ummata kan qajeelchu, loltuu kan hoogganuu ture. Maatii isaa waliin jiraachu keessatti fakkeenya ol’aanaa ture. namoota hunda caalaa amala gaarii qaba. Amaloonni gaaggaariin biroo hundi isa keessatti argamu.

Dubbisaan kabajamaan namni karaa beekumsaa hordofe obboleeyyan isaa tajaajiluu dhiisuu fi isaan irratti of tuulu qaba jechuun akka hin yaanne. Barsiisaan ykn guddisaan yommuu mucaan kuni gama hojii kanaan milkaa’uu akka hin dandeenyee fi wanta danda’u erga hojjatee booda hojjachuu yoo dadhabe, wanta inni hin dandeenyee isarratti fe’uu hin qabu. “Rabbiin nafsee takka dandeetti ishiitiin ala hin dirqisiisu.” (Suuratu Al-Baqarah 2:286)

Dargaggeessi gariin Qur’aana haffazuu fi waa qorachuu kan hin dandeenye ta’uu danda’a. Garuu obboleeyyan isaa tajaajiluu irratti dandeetti fi fedhii guddaa qaba. Kanarraa of hin qabu, hin hifatus. Wanti guddisaa ykn barsiisaa irra jiru kanarratti isa jajjabeessuu fi gama gaarii kana akka saammatu isa taasisuudha. Nan yaadadha, dargaggeessi tokko suuraalee (boqonnaalee) Qur’aanaa akka haffazuu yeroo baay’eef isa waliin carraaqe. Mataa kiyyaan isa hordofe. Garuu inni wanta danda’u gochuu waliin haffazuu hin dandeenye. Haa ta’uu malee, osoo dargaaggeessa kana obboleeyyan isaa akka tajaajiluuf si’a kudhan Riyaad irraa gara Makkaa akka deemu gaafatte, kana hin didu, hin hifatus.

Asitti namoonni akka wal caalaan nan mirkaneessa. Namni hunduu fiildi hunda irratti hojjachuu waan hin dandeenyedha. Nama beekumsa barachuu hin dandeenye garuu obboleeyyan isaa kaddamuu (tajaajiluuf) fedhii qabuu dammaqiinsi isaa kuni hin dhoowwamu. Akkasumas, nama obboleeyyan isaa kaddamu hin jallanne garuu saalihota waliin deemu fi isaan waliin taa’uu jaallatu, dammaqiinsi isaa kuni hin dhoowwamu. Dandeettin gaariin nama kamiyyuu bira jiruu dhoowwamu hin qabu. Hawaasa Ergamaa Rabbii (SAW) keessa fakkeenya gaariitu nuuf jira. Hawaasa kana keessa kennaan nama hundaaf kennamee fi haalli isaanii baay’ee fi garagara. Kuni bu’uura qajeelfamaa guddaa ta’eedha. suni qaadi (abbaa murtii) haqaan hojjatuudha, kuni immoo walaleessaa cimaadha. Kan biraa immoo nama dubbii sirritti beekudha. Kan biraas obboleeyyan isaatiif nama qalbiin qulqulluu ta’eedha. kan biraas nama hayaa’a (qaanii) qabuudha. Kan biraa amala biroo qaba….

*Addaan Baasu Dhiisuu
Guddistoonni ykn barsiistoonni gariin dhaadannoo haqummaa fi wal-qixxuumaa olkaasu. Kanaafu, isaan biratti namni hundi isaatu akka ilkaan filaa wal qixa ta’uu qabu jechuun yaadu. Namni haffazu akka hin haffazneeti, namni hojjatu akka hin hojjanneeti, namni beekumsa barbaadu akka nama beekumsa hin barbaanneti. Akkuma kana namoota biroos wal qixxeessuf yaalu.

Kuni shakkii tokko malee fudhatama kan hin qabneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addaan baasuu fi nama hundaafu haqa isaa kennuu murteesse jira:

38:28

Sila isaan amananii fi toltuu hojjatan akka warra dachii keessatti balleessaa dalaganii ni goonaa? Warra Rabbiin sodaatanis akka warra yakkamtoota ni goonaa?” Suuratu Saad 38:28

Kuni gonkumaa hin danda’amu. Namni dandeetti addaa qabu dandeetti isaatiif galateefatamu fi hiriyyoota isaa fuunduratti adda baafamu qaba. Akkasumas, kunuunsa fi xiyyeefannoon dabalataa isaaf godhamu qaba. Kunis dorgommiif isa kakaasuu fi laphee dargaggoota keessatti gootummaa facaasuuf gargaara. Kuni Ergamaa Rabbiiti (SAW) namoota biroo caalaa Abu Bakr Siddiiqi fi Umarin ofitti dhiyeessa. Umaris namoota biroo caalaa namoota Qur’aana qara’an ofitti dhiyeessa, isaan waliin umriin xiqqaachu waliin Ibn Abbaasin ofitti dhiyeessa. Osoo fakkeenya dhiyeesse dubbiin ni dheerata.

Kanaaf, jabeesse nan jedha: addaan baasu dhiisuun hawwii dargaggoota ajjeesu fi hanga iimaanni isaan keessatti uumamuutti sadarkaa tokko qofa irra akka dhaabbatan isaan taasisu danda’a. Ergasii san booda duubatti deebi’uun argamu danda’a. Rabbiin kan gargaarsa irraa barbaadaniidha.

Asitti kaasu barbaada, obboleeyyan kiyya kan sadarkaa qaban waliin mata-duree kana ilaalchisee nan falmaa ture. Dargaggoota dandeettii ol’aanaa qabaniif wanta hiriyyoonni isaanii biroo fudhatan caalaa barnoota xiqqoo jabaataa ta’e kennamuufi akka qabutti ani ilaalaan ture. Akkana jedhe: namni Qur’aana haffazee fi dubbisuu (qaraati) fi tajwiida isaa bareechise, seera nuun saakinaa beekun isa hin barbaachisu. Garuu obboleeyyan kiyya sunniin, wanta barataan yuniversitiii fudhatu baratan qophaa’innaa fudhachuu akka qabuu mormuu itti fufan.

Dhimma kana ilaalchisee isaan waliin falmiin gogaan kuni itti fufe. Barataa beekumsaa sadarkaa qabus nan falme. Hubannoo kana akka addaatti ilaale. Inumaa barataan tokko dargagootaaf barnoota fi beekumsaa gochuuf hubannoo kana akka isaaf kennu na gaafate.

Addaan baasu dhiisun hawwii dargaggoota meeqa ajjeese, daangaa murtaa’a irra akka dhaabbatan isaan taasise. Faallaa kanaa, gamaa kanaan daangaa darbuun jiraachu hin qabu. Nama beekumsaan adda ta’e malee nama biraa adda baasu hin qabu. Nama wanta biraatiin adda ta’e kan akka obboleeyyan tajaajiluu, wal dorgommii, waa barbaadu fi kanneen biroo keessatti adda baasu hin qabu.

*Guddistoonni gariin fiixee ol’aanaa irra akka gahee fi marsaa qeeqummaa bira akka darbeetti amanuu-namni isaa gadi jiruu isa qeequ akka hin dandeenyetti amana. Osoo namni inni too’atu dogongora isaa itti himee, dallansuun mataa isaa irraa danfa. Inumaa sababa namni kuni isa qeeqee fi falmeen isa ari’uu danda’a. Miskiini kuni hin beeknee sila, sahaabonni dhimmoota gariif Nabiyyii (SAW) ibsa gaafatu. Yoo wahyii ta’e, fudhatanii cal’isu. Garuu yaada dhuunfaa yoo ta’e, ilaalcha biraa dhiyeessu. Ilaalcha meeqa Ergamaan Rabbii (SAW) fedhii sahaabota isaa shari’aa hin faallessineef jijjiranii. Akkuma bakka qubanna guyyaa Badri. Oomisha Madiinaa irraa yahuudotaaf kennu dhiisu. Mushrikoota qunnamuuf gara Uhud bahuu fi kanneen biroo.

Garuu guddistoonni ykn barsiistoonni gariin nama isaan qeeqe amala abbaa irree itti agarsiisu.

Gabaabumatti, wantoonni armaan olii dhimmoota garii guddistoonni itti kufaniidha. Kunis dargagoonni dirree da’awaa keessaa akka bahan taasisa. Dogongoroota armaan olii kanniin keessaa gariin sassalphoo sirreessun salphaa ta’aniidha. Namoonni dargaggoota guddisanii fi barsiisan wantoota kanniin akka hubatanii fi furmaata itti barbaadan nan abdadha.

Guduunfaa
Sababoota dargaggoonni erga Islaama qabatanii booda akka laaffisan ykn duubatti deebi’an taasisan keessaa tokko dogongora barsiisaan ykn guddisaan hojjatuudha. Dogongoroota sanniin keessaa muraasni:
☛Yommuu dargaggeessi dogongoru barsiisaan murtii adabbii dogongora ta’e kennuu
☛Haala namootaa osoo hin ilaalin sirnaa fi qajeelfama kaa’uu
☛Adabbii keessatti namoota gurguddaa fi xixxiqqaa addaan baasu dhiisu
☛Haala namaa ilaaluu dhiisuu
☛Garaagarummaa dhuunfaa ilaalu dhiisuu
☛Guddistoonni gariin fiixee ol’aanaa irra akka gahee fi marsaa qeeqummaa bira akka darbeetti amanuu

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
-fuula 57-63

Print Friendly, PDF & Email
Sababoota fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi'anii-Kutaa 9.1
Walitti dhufeenya keessatti dogongora barsiistoonni gariin hojjatan-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply