Walitti dhufeenya keessatti dogongora barsiistoonni gariin hojjatan-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti sababootaa erga fooyya’anii booda duubatti nama deebisan ilaalle jirra. Har’as itti fufuun sababa saglaffaa ni ilaalla. Innis Walitti dhufeenya keessatti dogongora barsiistoonni ykn haadha abbaan raawwataniidha. Sababa dogongora kanaatiin ijoolleen ykn dargaaggoonni rifachuun gara duubatti deebi’uu.

Nama sirrii bakka maluu kaa’uun hojii garmalee barbaachisaa baruu fi barsiisuuti. Kanaafi, dirqamni daarektara mana barnoota irra jiru gocha tokko nama gocha kanaaf malutti qofa kennuu qaba. Akkuma kanaa, imaama masjiida irra dirqamni jiru Qur’aana barsiisuu nama isaaf maluutti malee kennu hin qabu.

Sababni isaas, namoonni gariin wanta gubbaa calanqisuun gowwoomu. Dhimmoota dhokatoo garmalee barbaachisoo ta’anitti xiyyeefannoo hin kennan. Kan akka fakkeenya gaarii, qomni bal’achuu, namoota isaan jala jiran waliin akka wali galaniin beeku, baay’inna beekumsaa, waa hordofuu fi hubachuu, jarjaruu dhabuu, umriin isaa madaallamaa ta’uu, namuummaa cimaa qabaachu, waqtii kan eegu ta’uu fi ulaagaalee biroo asitti hin kaasnedha. Ulaagaaleen kunniin garmaalee barbaachisoodha. Yeroma ulaagaaleen kanniin keessaa tokko dhabamu, da’awaa keessatti hulaa uuma. Barsiisaan dogongoruu danda’a. bu’aan kanaa barattoonni sokkuu fi Islaama hordofuu dhiisu danda’u.

Dogongora barsiistootaa irraa fakkeenya
*Nama sirrii bakka maluu kaa’uu dhiisu: Akkuma beekkamu hojiin kamiyyuu sirna hawaasummaa, qaroominnaa fi kanneen biroo qaba. Barsiisaan guddinna umrii ykn barnootaan ol’aanaa ta’uu ykn kanneen biroo safartuu isaa tokkicha gochuu hin qabu. Dargaggeessi barnoota isaatiin ol’aanaa ta’uu danda’a, garuu namoota waliin hojjachuu kan hin dandeenye ta’uu danda’a. ergasii itti gaafatamummaan isatti kennama, fakkeenyaaf bulchiinsa mana barnootaa. Isaa fi namoonni isa waliin jiran kana keessatti ni fashalaa’u (ni kufu). Bu’aan kanaa sababa namni isaan too’atuu fi wanta faaydaa qabu isaaniif dhiyeessu hin jirreef namoonni kana keessaa bahu.

*Barsiisaan murtii dogongora irratti kennu keessatti dogongoruu danda’a. namni tokko yommuu dogongoru murtii isaaf hin mallee isarratti dabarsuun bu’aa badaa fiduu danda’a. (Fakkeenyaaf adabbii guddaa akka adabamu isa taasisa. Sababa kanaan namni kuni ykn baratan kuni barnoota ykn qaraati ykn Islaama qabachuu dhiisee deema.)

*Haala namootaa osoo hin ilaalin sirnaa fi qajeelfama kaa’uu-baratan barnoota irraa hafuu danda’a. kanaafu, barsiisaan jabeenya isatti dabaluun isarraa hin miidhagu. Dargaggeessis jabeenya kana baadhachuu waan hin dandeenyeef Islaama qabachuu dhiisa. Ergasii barsiisan ykn guddisaan kuni gocha isaatiif garmalee gaabba. Wanti isarra jiru nama kanarratti murtii akkanaa dabarsuun dura aqlii isaa beeku qaba. Ammas, akkamitti akka isa waliin wali galuu fi hamma murtii kana itti fudhatu beeku qaba. Kanaafu, dogongorri namaa gargar ta’uu waan danda’uuf wanta namni hundu ittiin adabamu beeku qaba. Tarii nama kana waqqasuun ni fayyada, nama kaan immoo isaan oodun, nama biraa immoo dhaabun, kan biraa immoo gocha tokko akka hin hojjannee dhoowwun ta’uu danda’a. garuu osoo garaagarummaa namootaa hin ilaalin seera murtaa’a tokko kaa’un, fakkeenyaaf nama barnoota irraa hafe adabbiin isaa kana, namni kana hojjate adabbiin isaa kana yoo jedhe, kuni barsiisaa iddoo ulfaata keessatti isa galchuu danda’a. sababni isaas, namni hafuu danda’a, garuu adabbiin kuni isaaf hin malu. Adabbii duraan murteesse hojii irra yoo oolche dargaggeessa kana waliin rakkootti seena. Yoo hojii irra oolchu dhiise immoo hiriyyoota isaa waliin rakkootti seena.

*Adabbii keessatti namoota gurguddaa fi xixxiqqaa addaan baasu dhiisu-barsiistonni gariin gama xin-sammuu (psycology) dhiisu danda’u. namni umriin guddaa ta’e dogongoruu danda’a, namni isa too’atus isarratti gara-jabeessa ta’uu danda’a. Hiriyyoota isaa umriin isaa gadi ta’an fuunduratti waqqasa. Waqqasaan kuni bu’aa badaa dargaggeessa kanarratti fiduu danda’a.

Fakkeenyaaf, baratan umriin guddaa ta’e barnoota irratti argamuu irraa ni barfata., isaanii fi inni wal qixa akka ta’an agarsiisuuf too’ataanis hiriyyoota isaa fuunduratti waqqasa.

Namoota gurguddoo keessaa namni tokko seenaa kana natti hime. Gareen dargaggoota gara naannoo tokkootti deeman. Namni isaan too’atu “yeroon kuni sagantaa akkanaatiif” jedhee murtii dabarse. Garuu too’ataan kuni gareen dargaggootaa murtii kanatti akka hin bullee ni beeke. Isaan keessaa dargaggeessa yuniversitii seene tokkotu ture. Too’ataan kunis isaan irratti murtii adabbii dabarse. Murtiin adabbii kunis haala nama salphisuu fi kolfisisuun karaa irra isaan dhaabudha. Dargagoonni umriin xixxiqoo ta’an murtii kana hojii irra oolchan. Dargaaggeessi yuniversitii seenee kuni immoo akkana jedhe: Osoo marsaa kana irra dabartee.” Too’ataanis ni dide. Kanatti akka isin hin dirqisiisne ni yaale. Garuu too’ataan ni dide. Wanti dargaaggeessa kanarraa argame ajaja namticha kanaatiif buluu dide, garee kana ni dhiise. Sababa kanaaf naannoo san gadi lakkisee deeme.

Dargaggeeyyi keessaa namni tokko akka natti himeetti, dargaggeessi tokko bo’oo walaloo dubbisuu waan dideef barsiisaan akka isaan oodan murtii dabarse. Adabbiin kuni dargaggeessa kana karaa irraa jallisuuf sababa ta’e oole.

Nan yaadadha, dargaggeessi tokko kaampi keessa ture. Namoota salaachisuuf fajrii dura hirribaa ka’e. Garee dargaaggoota ni arge. Hayyama too’ataa (halaqaa) malee dargaggoota kanniin fuudhee deemen. Namni kuni hanga dargaggeessi aaqilli kuni konkolaataa ofii sochoosu fagoo irraa ilaalaa ture. Ergasii konkolaataa isaa dhaabsiisuun haala gara-jabeenya irraa bilisa hin taanen barattoota konkolaataa irraa buuse. Keessi dargaaggeessa kanaa ni tuqame. Sababa kanaan garee kana dhiisutti dhiyaate. Kana yommuu jedhu dogongora dargaggoota kanaa hunda nan mirkaneessa, adabamuu isaanii fudhachuu nan dida jechuu miti. Garuu akkana jedha: yeroo sirrii fi adabbii sirrii filachuun dhimma hafuu hin qabneedha. Fakkeenyaaf dargaaggeessi salaataaf gara masjiidaa deemee fi dargaggoota garii of waliin qabe kuni, dirqamni too’ataa irra jiruu addatti isa baase isa dubbisuu, dogongora isaa isaaf ibsuu fi lamuu wanta akkanaatti akka itti hin deebinee waadaa seensisuudha. Yookiin immoo dargaggoota isa waliin jiranitti akka hajamu, sagantaa irratti argamuu akka qaban, barfachuu isaaniif akka sodaatu fi kanneen biroo sababeefachuun isaan buusu danda’a.

Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji-fuula 53-54

Print Friendly, PDF & Email
Walitti Dhufeenya Keessatti Dogongora Barsiistonni gariin hojjatan-kutaa 2
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi'anii-Kutaa 8
Offline dubbisuf

Leave a Reply