Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu Warra Duubatti deebi’anii-Kutaa 8

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti sababoota duubatti nama deebisan ilaalaa turreera. Ammas itti fufuun kutaa itti aanu ni ilaalla.

8-Haala murtaa’aa irratti hundaa’uun Islaama hordofuu dhiisuu
Kitaabban seenaa keessatti taatewwan sahaabonni Nabiyyii (SAW) amanti kanatti garmalee kan qabatan ta’uu mul’isantu jira. Amanti kana a’oon cininanii qabatan. Haalli kamiyyuu isaan hin jijjirree. Inumaa qajeelfama bu’uuraa isaanii irratti gadi dhaabbannaa fi itti fufiinsa isaaniif dabale. Nama meeqatu haala barnoota garii kan haqa isaanii fudhate irratti hundaa’un fooyya’iinsa booda duubatti deebi’e. (Yeroo garii akkaatan barnoota amanti itti barsiisan barataa irratti ulfaataa fi cimaa ta’uu danda’a. Sababa kanaan barataan kunis barnoota kana dhiisee duubatti deebi’a. Hawaasaa gaarii irraa ni baqata.)

Dhugumatti, haalli baruu fi barsiisuu dargaggeessa adeemsa isaa itti fufuu irraa dhoowwu hin qabu. Kunoo Ergamaan Rabbii (SAW) hawaasni Ka’ab ibn Maalik, Hilaal ibn Umayyah fi Muraarah ibn Rabii’i akka oodanii fi irraa fagaatan murteessan. Dachiin bal’achuu waliin namoota sadan kanniin irratti ni dhiphatte. Namoota ni dubbisu, eenyullee deebii isaaniif hin deebisu. Inumaa Ka’abiif ummata isaan oode kana dhiisee kaafirootatti akka dabalamu affeerraan isaaf godhame. Garuu inni ni dide. Maaliif? Sababni isaas, inni Islaama isaa keessatti dhugaadha, niyyaa isaa keessattis dhugaadha. Bu’aa dogongora isaa baadhachuuf qophiidha.

Nama tuuta dargaggootaa hin beekne biratti sababni kuni gariiba (adda) ta’uu danda’a. Fakkeenyaan kana isaaf kaleessa (dhiyeessa): Dargaggeessi tokko dogongora raawwachuu danda’a. Barsiisaan ykn guddisaan fooyya’iinsa dargaaggeessa kanaa keessaa tokko, adaba isa qabsiisuu fi dogongora isaa sirreessuuf wantoota garii isa dhoowwachuu danda’a. Garuu dargaggeessi adabbii kana baadhachuu waan hin barbaanneef dargaggoota fi iddoo isaan walitti qaban irraa ni fagaata. Sababni isaas, inni akka salphatee fi kabajni isaa akka gadi bu’eetti ilaala. Asitti seenaa tokko kaasu barbaada:

Dargaggeessi tokko sababa inni dogongora hojjateef barsiisaan isaa tapharraa isa dhoowwe. Garuu wanti dargaaggeessa kanarraa argamee wanta qabatee gadi dhiisuu fi hawaasaa gaarii irraa fagaachudha. Ergasii garee warraa dharaa (sharriitti) dabalamee, barnoota irraa addaan cite, abbaa haadha irratti yaaddoo ta’e, obboleeyyanii fi firoota irratti ba’aa ta’e. Hanga Rabbiin qajeelcha Isa biraa ta’een isa qananiisutti haala kanaan itti fufe. Faaruu fi galanni kan Rabbiiti.

Asitti dargaggeessa gochoota mana barnoota ykn hifzii Qur’aana irraa hafu jiraachu danda’a. Namni isa too’atus imala imaluu irraa ykn gocha wayii hojjachuu irraa isa dhoowwa. Dargaggeessi kunis faallaa murtii kana ni hojjata. Garee gaarii ta’an irraa ni fagaata. Inni tarkaanfi mataa isaa fudhachuun dura gaafilee armaan gadi of gaafachuu qabaa ture:
1-Adabbiin kuni naaf ni malaa?
2-Islaama qabachuun kiyya Gooftaa kiyya gammachiisuuf moo nama na too’atu gammachiisuufii?
3-Dargaggoota Islaama qabatan yommuu dhiisee deemuu garamitti qajeelaa jiraa?
4-Haa jennuuti, haqa isaa keessatti murtiin kuni dogongora. Kanaafu, kanaaf jedhee hojii dhiisun ni malaa? Too’ataan ykn barsiisaan ilma namaa waan ta’eef dogongoruus sirrii ta’uus hin danda’uu? Akkuma ati jettu yoo barsiisaan kuni si jaallachuu baate, nama si hin jaallanneef jettee karaa Jannataa ni dhiistaa?

Dirqamni dargaggeessa irra jiru murtiwwan isaa keessatti aaqila (qaruutee) ta’uudha. Of jajuun badiitti isa kakaasu hin qabu. Barsiistootaa fi nama isa guddisuuf itti gaafatamummaa fudhatan amanuu qaba. Wanta isaan irraa si qunname qormaata akka ta’etti ilaalun obsaan danda’i.

Hasaasa
Ani gurra dargaggeessatti hasaasun akkana isaan jedha: yoo dogongortee bu’aa dogongora keeti baadhadhu. Nama “Inni narratti dogongora raawwate jira” jettee yaaddu waliin tooftaan hojjadhu. Inni dhimma lama keessaa waan hin baanef:
1ffaa-Murtiin isaa sirrii ta’uu. Kuni si leenjisuu fi bu’aa dogongora keeti akka baadhattu si barsiisuuf ta’a.
2ffaa-Murtiin isaa dogongora yoo ta’e immoo nama qoma bal’atu ta’i, zanni toli. Wanta si qunname Rabbiin biratti herreegadhu (hassabadhu). Jedhi, “Tarii carraaqe dogongore.”

Guduunfaa
Yommuu dargaggeessi tokko dogongora hojjatu fi ergasii barsiisaan ykn namni isa guddisu dogongora isaatiif isa adaban, dargaggeessi kuni erga fooyya’e booda duubatti deebi’uu danda’a. Garuu dargaggeessi kana hojjachuu hin qabu. Barsiisaan ykn sheykni kee yoo si adabe, ergasii barnoota ykn qaraati yoo dhiiste ofuma miita. Kanaafu, sababa dogongora keetitiif yommuu adabamtu barnoota ykn qaraati ykn Islaama qabachuu irraa duubatti hin deebi’in. Yoo duubatti deebite kufaatiif of saaxilta. Mee kana hubachuuf abbooti keenya kan baratanii sadarkaa guddaa irra gahanii fi sababa adabbiitiif barnoota dhiisan wal bira haa qabnu.

Print Friendly, PDF & Email
Walitti dhufeenya keessatti dogongora barsiistoonni gariin hojjatan-Kutaa 1
Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu warra fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii-kutaa-7
Offline dubbisuf

Leave a Reply