Sababoota Duubatti Deebi’insaa-Kutaa 24

Sababoota Islaama erga qabatanii booda duubatti akka deebi’an nama taasisan osoo ilaallu kunoo xumura irra geenye. Sababoota lama ilaalun boqonnaa kana ni xumurra.
38-Abbaa Manaa
Dargagoota keessaa baay’een isaanii shamarran gaggaarii fuudhuuf fedhii guddaa qabu.  Shakkii hin qabu kuni hojii gaarii ta’eedha. Ergasii dargaggeessi kuni ni fuudha. Dubbiin “Ebalu dubartii gaarii fuudhe, ebalu dubartii taqwaa qabdu fuudhe, ebalu dubartii wiyxataa fi kamsaa soomtu fuudhe” jedhu namoota jidduu deddeebi’a. Garuu wanti ta’e dargaggeessi kuni haala isaa irraa homaa hin jijjirre. Inumaa shamarreetu haala ishii jijjire, shamarri tuni gaarii akka taatetti hin lakkaawamtu. Warri ishii haala abbaa manaa ishii dursa hin hubanne. Iccitiin maalidhaa?

Akkuma naaf ifa ta’u iccitiin: akkuma du’aan harka nama isa dhiquu keessatti asi achi garagalfamuu, dubartiin tunis abbaa manaa ishii irraa dhiibbaan irra gahee jira. Kanaafu, sirbaa fi filmii akka ilaaltu, halkan hirriba malee akka bultuu fi salaata waqtii isaatti salaatu akka dhiistu ishii dirqisiisa. Shamarri tunis sababa hojii abbaa manaa ishiitiin Islaama qabachuu ni dhiisti. Asitti gurra shammaraniitti hasaasuun akkana jedha: Rabbiin sodaadhaa, dhiirota faasiqoota ta’an kanaaf jettanii amanti keessan hin wareeginaa (hin dhabinaa). Abbaa manaa keetti da’awaa godhi, isaaf harka hin kennin. Carraaqqi hunda godhi. Sababni isaas, shamarran baay’een kan duubatti deebi’aniif sababa abbaa manaa akkanaatiifi. Shamara Islaamaatiif lallabbi nan deddeebisa: jaalala nama safuu hin qabne kanaaf jettee amanti kee hin wareegin. Ija nama jallataa kanaaf jette Islaama qabachuu akka daaraa kan bittinaa’u hin godhin.

Shamara takkatu ture. Amanti qabachuu fi gaarummaan beekkamti. Obboleeyyan ishii amanti qabachuu ishii fakkeenya godhatu. Guyyaa wiyxataa fi kamisaa ni soomti, halkan ni salaatti. Arraba ishii ni tiiksiti. Inumaa, cidharratti argamuu irraa ni fagaatti. Ergasii dargaggeessi maatii dureessa irraa ta’e tokko ishii kaadhimachuuf ni dhufa. Warri ishiis osoo asi achi hin ilaalin isatti heerumsiisan. Innis ishii fuudhee biyya alaattin bahe. Hoteelaa guddaa tokko keessa ishii qubachiise. Jireenya ishii keessatti yeroo jalqabaatiif moggaalee hoteelaa kana keessaa sagalee muziiqaa dhageesse. Abbaan manaa ishii osoo ishiin dhamaate teessu chaanali TV jijjiru jalqabe. Abbaa manaa saalfachuun cal’istee teetti. Hanga Islaama qabachuu dhiistutti akkasitti turte… Rabbiin kan gargaarsa irraa barbaadaniidha.

(Kanaafu, yaa shamarran kabajamoo keenya! Dhiira qabeenya qabaate iimaana hin qabneen hin sobaminaa. Yommuu fuudhaaf isinitti dhufu, duddubbee (background) isaa qoradhaa. Amalli isaa, iimaanni isaa akkami? Salaata irratti akkamii?)

39-Hordofuu Dhiisu

Dhugumatti, Ergamaan Rabbii (SAW) sahaabota isaa iyyaffachuutti ni futaa ture. Fajrii booda guyyaa kana hojii isaanii ilaalchisee isaan gaafata. Nama sadaqaa kenne, dhibamaa gaafate, janaaza gaggeesse ni gaafata. Kan kana godhuuf: amaloota gaggaarii kanniin hangam akka qabatan beekuuf , nama hojjate faarsuu fi namoota hafan immoo akka hojjataniif itti kakaasuufi. Inumaa akkuma Daaramii fi Abu Daawud gabaasanitti salaata fajrii keessatti sahaabota isaa ni gaafata. Ni jedha: Ebalu eessa jiraa? Eebalu eessa jiraa? Inumaa dubartii masjiida keessa turtu takka yommuu dhabu ni gaafate. Kuni hundi sahaabota isaa hojii isaanii bakkaan gahu irraa wanti isaan dhoowwu akka isaan hin tuqnee fi hanqinna isaan bira jiru wal’aanuufi. Rasuulli (SAW) waa’ee Abdullah ibn Umar ilaalchisee ni gaafate, ergasii akkana jechuun isa faarse: “Nama akkam tole Abdullaan osoo halkan salaataaf dhaabbate!”

Hordoffiin kuni Abdullan hanqinna ofirratti akka beeku taasise. Yommuu Abdullaan hanqinna kana irraa fagaatu halkan salaataaf dhaabbachu akka hin dhiisne akkana jechuun isaaf dhaame: Yaa Abdullah! Akka nama halkan salaataaf dhaabbataa turee ergasii dhiisee hin ta’in.” Abdullaanis kanaaf salaata halkanii hin dhiisne. Osoo fakkeenya dhiyeessu itti fufee sila handhuura mata-duree keessaa nan baha. Garuu asitti dhaabbachuun akkana jedha: Muslimni nama Rabbiin akka eegu isa taasise hordofuu qaba. Akkuma hadiisa keessatti dhufe: “Hundii keessanu tiiksedha, hundi keessanu tiika isaatirraa ni gaafatama.”  Abbaan ijoollee isaa hordofuun isarraa eeggama. Yommuu hanqinna wayii isaanirratti arguu, hidda qabachuun dura hundee irraa buqqisuuf ariifachu qaba. Akkuma kana, hiriyyaan hiriyyaa isaatiif, haati ijoollee ishiitiif, obboleessi obboleessa isaatiif, ollaan olla isaatiif, firri fira isaatiif hordofii gochuu qabu. Garuu itti gaafatamummaan guddaan ustaaza fi sheekha irratti kan kufeedha. Sababni isaas, inni kuusaa iccitii barattootaa akka ta’etti ilaallama. Wanti nama biraatiif hin saaqamne isaaf ni saaqama. Dallansuu fi hordoffii isaa ni fudhata. Yommuu shekni barataa isaa irratti laafinnaa fi hanqinna argu, harka maratee dhaabbachuu hin qabu, dhimmicha gara duubatti harkisuu hin qabu. Sababni isaas, furmaata wantoota kanniinii tursiisuun shakkii tokko malee xumurri isaa badaa ta’aa. Akkuma shekhni osoo hin furin guyyaa guyyaan turuun, boodarra furuun ykn fayyisuun garmalee itti ulfaata.

Laafinnaa fi hanqinnaa barataa wantoota agarsiisan keessaa:
A-Barnoota irraa hafuu ykn barfachuu
B-Hifzii dhiisu ykn barnoota hordofuu keessatti kakka’uumsa dhabuu
C- Guyyaatti hamma Qur’aana haffazu hir’isuu
D-Areeda irraa waa haadu ykn surree dheeressuu
E-Amaloonni barataa gariin jijjiramu. Kan akka baacoo baay’isuu ykn kophaa ta’uutti maquu, ykn dallansuu baay’isuu ykn namoota birootti waan badaa hojjachuu. Dargaggoonni wantoota kanniin jama’a dhiisuuf akka haal-dureetti godhachuu danda’u. Sheeykh ykn barsiisaan wantoota armaan olii kanniin furuuf ariifachu qaba.

Muxannoo dhuunfaa kiyya irraa nan yaadadha, dargaggeessa tokko hariiroon inni namoota waliin qabu jijjiramu isaa nan arge. Garuu hanga dhimmichi jabaatu fi dabalu gahuutti ani kana furuuf nan barfadhe. Ergasii dargaggeessi kuni kan nurraa addaan citu ta’e arge. Osoo hin mirkaneefatin haala isaa irraa kan ka’e uzrii isaaf barbaadu jalqabe. Ergasii yeroo dheeraaf ni hafe. Isa daawachuuf nan deeme. Garuu nama biraa ta’ee isa arge. Isa fayyisuuf (rakkoo isaa furuuf) nan yaale. Haa ta’uu malee, homaa gochuu hin dandeenye.

Imaamtonni masjiidaa warra isaanitti hidhatanii salaatan hordofuu akka qaban isaaniif dhaama. Salaata irratti argamuu irraa barfachuu, ykn salaata booda dafanii garagaralanii deemu, ykn bifa isaan irraa hin beekkamneen salaata sunnah dhiisu keessatti isaan hordofuun barbaachisaadha. Kunis haalli guddatee gara biraatti akka hin geessineefi. Nan yaadadha, dargaggeesi tokko mu’azzina dursee masjiida keessatti argama. Ergasii caafi saffiitti salaatu jalqabe. Ergasii saffi boodaatti salaata. Ergasii darbee darbee malee salaata irratti isa hin arginu. Osoo jama’aan masjiidaa, keessumayyu iimaamni, dargaggeessa kana fayyisuuf (gara karaa sirriitti deebisuuf) ariifatanii, silaa haala kanarra hin gahuu ture. Rabbiitu nama milkeessa.

Madda:
Min Akhbaaril Muntakisiina ma’al asbaabi wal ilaaji
–216-220

Seenaa Warra Duubatti Deebi’anii-1
Sababoota Duubatti Deebi'iinsaa-Kutaa 23

2 comments

Leave a Reply