Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 11

Jireenyi tuni iddoo qormaataa waan taatef namoonni hundu takkaa qananiin takkaa immoo rakkoon qoramu. Kuni wanta keesso isaanii keessa jiru (haqiiqaa isaanii) ifatti baasa. San booda wanta isaanirraa mul’ate irratti hundaa’un jazaa argatu. Namoota keessaa nama yeroo rakkoon isa tuqxu gara Rabbii deebi’ee Isatti warwaatutu jira. Garuu akkuma rakkoon isarraa kaate fi qananiin Rabbiin irraa isaaf dhufteen, qananii argate kana waakkata. Rabbii rakkoo keessaa isa baasef galata galchuu dhiisee wanta fokkuu kan akka shirkii hojjata. Namni yeroo rakkoo fi qananii haalli isaa akkam akka ta’e aayaata armaan gadi keessatti of ilaalu danda’a:

Itti Haa Fufnu

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 10

Islaamni Amanti Fixraati
Fixraa jechuun uumama Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota irratti uumedha. Fkn, haqa jaallachuun, zulmii jibbuun fixraadha. Namni jireenya keessatti takkaa wanta isa keessatti uumamen (fixraan) takkaa sammuun itti yaadun muxannoo argateen takkaa immoo qajeelcha Rabbii olta’aa irraa dhufeen (shari’aadhaan) karaa qajeelaa irra deema. Kunniin sadan (fixraan, sammuu fi shari’aan) kan walitti galanii fi wal jabeessaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala fixraa fi sammuu ittiin yaadan erga namaaf kenne booda karaa ergamtootaatiin shari’aa buusun fixraa fi sammuu kana ni guuteef. Kanaafu, namni shari’aa Isaa hordofe, sammuu fi fixraan isaa ni guuttama, jallinnaa fi badiinsa irraa ni eeggama. Namni hordofu dide immoo sammuun isaa ni hir’ata, wanta fixraa isaatiin wal diigu hojjata. Dhumarratti ni jeeqama. Gammachu dhaba. Kanaafu, Islaamni amanti uumama namaatin walitti galuudhaa jechuudha. Mee ragaa kanaa haa ilaallu:

Itti Haa Fufnu

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 8

Samiin garmalee guddattu tuni utubaa tokko malee akkamiitti dhaabbattii? Dachiinis osoo kirkira walii galaa hin kirkiriin akkamiitti tasgabbaa’u dandeessi? Dhugumatti, Kan duubaa isaan too’atuu fi bakkatti qabuu jiraachu qaba. Innis Rabbii olta’aa sifaanni Isaa guutuu ta’aniidha. Sifaanni Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e dandeetti Isaatiin samii fi dachii bakka isaaniitti qabe. Garuu samii fi dachiin kuni akkanumatti dhaabbachuu itti fufuu? Jireenyi tuni iddoo qormaataa waan taatef, samii fi dachiin zalaalami akkanatti itti hin fufan. Kanaafu, namoota iddoo qormaataa kaa’aman qorachuu fi jazaa isaaniif kafaluuf jireenyi lammataa dirqamaan ni barbaachisti. Kanaaf, Qiyaamaan dhaabbachuun dachiin dachii biraatin bakka buufamti, samiinis akkasuma. Ergasii namoonni qabrii keessaa ol yaa’uun gara iddoo wal gahiitti waamamu. Mee dhugaa kana suuratu Ar-Ruum irraa haa ilaallu.

Itti Haa Fufnu

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 7

Mallattooleen gara Rabbii olta’aa akeekan samii fi dachii keessa guutanii jiru. Uumamni samii fi dachiitu mallatoolee gara Rabbii olta’aa akeekan keessaa tokkoodha. Namni mallattoolee kanniinitti yoo xinxalle: Jiraachu Rabbii olta’aa ni amana, sifaata (amaloota) Rabbii kan akka beekumsa, dandeetti, ogummaa, rahmataa fi kanneen biroo ni hubata. Kanaafu, kuni Khaaliqa olta’aa isa uumee fi too’atuuf akka ajajamu isa taasisa.

Itti Haa Fufnu

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 6

Haadha Manaatti Tasgabbaa’u
Dhugumatti, wanta ajaa’ibaa keessaa tokko, dhiiraa fi dubartiin takkuu wal hin beekne guyyaa tokko yommuu wal argan wal jaallachuun isaan keessatti uumama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jaalala qalbii isaanii keessatti darba. Yommuu wal fuudhan dhiirri ishiitti tasgabbaa’a, ishiinis isatti tasgabboofti. Kuni mallattoolee Rabbii olta’aa keessaa tokko. Mee ibsa kanaa Suuratu Ar-Ruum irraa haa ilaallu:

Itti Haa Fufnu

Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 2

Kutaa darbe keessatti wareegni (qalmii) gosoota ibaadaa keessaa tokko akka ta’e ilaalle jirra. Qalmii ibaadaa kan ta’uu Gabbaramatti dhiyaachuuf, Isaaf gadi of qabuuf yoo niyyatameedha. Kanaafu, qalmi haala kanaan qalame Rabbii tokkichaaf malee hin ta’u. Namni qalma akkanaa Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Kanaafu, hojiin isaa kuni hojii iimaana isaa diigudha jechuudha. Har’as itti fufuun gosoota ibaadaa biroo ilaalla. Gosoota ibaadaa sirriitti beekun keenya shirkii irraa of eeggannoo guddaa akka goonu nu gargaara.

Itti Haa Fufnu

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 5

Ragaa Cimaa Du’aan Booda kaafamni akka jiru agarsiisuu
Namoonni erga du’anii booda kaafamuun isaanii haqa shakkii hin qabneedha. Inumaa du’aan booda kaafamuun dirqama garmalee barbaachisaa ta’eedha. Osoo du’aan booda kaafamni jiraachu baate silaa ilma namaa uumun hojii taphaa ta’aa ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanarraa qulqullaa’e olta’e. Zaalimni humna qabu, nama dadhabaa miidhu fi cunqursuun ergasii adabbii tokko malee du’a. Mee amma of haa gaafannu: zaalimni (cunqursaan) kuni akkanumatti du’ee ni hafaa? Kan miidhamees osoo haqa isaa hin argatin achumaan du’ee ni badaa? Dhugumatti sammuun nagaha kana yommuu yaadu, dirqama du’aan booda kaafamni jiraachu akka qabu ni amana.

Itti Haa Fufnu

Hojii Iimaana Diigu-Kutaa 1

Hanga ammaatti dubbii iimaana faallessuu fi diigu ilaalaa turreera. Amma immoo hojii iimaana diigu ilaalla. Akkuma seensa keessatti jenne iimaanni dubbii fi hojii of keessatti qabata. Kufriinis akkuma kana dubbii fi hojii of keessatti qabata. Akkuma iimaanni dhugoomsu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabatu, kufriinis kijibsiisu qofa osoo hin ta’in, dubbii fi hojii qalbii, dubbii arrabaa fi hojii qaamolee of keessatti qabata. Akkuma keeyyattoonni Qur’aanaa fi Sunnah agarsiisan. Fakkeenyaf jecha Rabbii olta’aa:

Itti Haa Fufnu
1 12 13 14 15 16 80